By Oluma.a 07 05 1969
Yeroo ammaatti dhaabonnii adda addaa empire Ethiopia walittii dhufuudhaan ‘Tumsa Tokkuummaa Bilisummaa fi democtacy’ kan jedhu jaarmiyy Ethiopia tokko dhiheenya kana jaarrachuu ifa godhuun isaanii ni yaadatama.
Tumsa kana keessattis Maqaa Adda Bilissummaa Oromootiin gartuun qooda keessatti fudhatan jiraachuun ni beekama.
Haala kanaa fi malummaa tumsa kanaa ilaachisee Jaallee Galaasaa Dilebboo Raadiyoo Voice Of Oromiy waliin Dilbata Grandhala ykn Juni 4 2006 gaaffiif deebii godhanii jiru. Gaaffiif deebii isaan Qopheessaa Raadiyoo kanaa kan ta’e Obbo Jeliil waliin godhan akka armaan gadiitti dhihaatee jira.
Jeliil eenyummaa Jalle Galaasaa Dilboo gabaabaatti edda ibseen booda gara gaaffiif deebii armaan gadiitti ce’ee jira.
Jaliil:-
Obbo Galaasaa waayee tumsa jedhamuu tumsa bilisummaaf deemocraacy jedhamuu dhaan booddee kana labsame; kan jaarmonni toora Shanii kan keessa jiran, tumsa kana attamiin ilaaltan?
Obbo Galaasa:-
Tumsichi tumsoota kanaan duraa, tumsoota Ethiopia irraa adda baasee hin ilaalu. Tumsa Ethiopia jechuun kiyya kan akka UEDF, COEDF... maal maal jedhamanii ijaaramaa turan irraa adda baasee hin ilaalu. Maaliif yoo jenne sagantaan isaanii, caasaan isaaniis tokkuma.
Kanuma isaaniiti. Kanaafuu tumsuma Ethiopiyaatu ijaarame. Waan Oromoo wajjin walitti hidhaa hin qabu.
Gaaffii Oromootiifs deebii kenne irrattis waan xiyyeeffate hinqau. Yoo xiqqaate akka warri Shanee gumii nutti himuu barbaadanitti mirga hiree murteeffannaa jedhu illee of keessaa hin qabu.
Akkuma COEDF, UEDF, jedhaniitti waati inni himu yoo jiraate biyya sanatti nagaa buufnaa; Mootummaan Ethiopia rakkoo seenee kana, rakkoo irraa baasuuf kan jedhu qabate. Kanaaf tusa Ethiopia kanaan dura ijaaraman irraa adda miti. Tumsa Ethiophiati.
Tokkoffan Gartuun Oromoo achi keessatti argame maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin argamuun isaatiin tari garii namaa afaan fajjessuu danda’a. Garuu Adda Bilisummaa Oromoo bakka hin bu’an.
Lammaffaan tumsa kan akka ani itti ilaalu, tumsa warri walitti dhufan sun ijaaran miti. Dhaabota achi keessatti hirmaatanis baay’ee isaanii nan beeka. Tumsa warra garii seenaa yeroo dheeraa qaban malee kan akka warra warra kana miti. ‘Arbenyoochi’, ‘Qinijjitii’ isaan kanaa nan beeka. Tumsa kana humna biraatu dudduduuba jira. Humna halagaatu duuba jira. Akeeki isas Wayyaanee ittiin doorsisuu dhaaf kan akeekame dha. Kana akkasittin ilaala.
Kabiraan tumsa halagaa ittiin doorsisuuf yeroon jedhu, maqaa Adda Bilisummaa Oromootiini. Maqaan kun uummata Oromoo biratti dhagahama qaba. Maqaa wareegamni itti ba’e dha. Jaalala qaba. Humnootiin gartuuwwan kana keessatti maqaa Oromootiin hirmaate keessummeessan, maqaa kanaatiin Wayyaanee doorsisuu barbaadu.
Karaa biraatiin tumsa ‘Qinjit’ tokkooffaa uummata keenya biratti waan biraa dhiisnaan yeroodhuma filannoo dheengaddaa illee sagalee dhabee, deebi’ees ammoo ergasii asis warri Tigree tarkaanfii fudhataniin mootummaan qabanna jedhee wacaa ba’etu, deebi’ee hoggana keenya nuuf hiikaa jechuun gadi deebi’ee; yeroo ammaa kana bifa adda addaatiin faca’aa jiru; deebisee kan humneessu dha.
Ka biraa tumsicha akka ani itti ilaalu, tumsa wareegama waggaa dheeraadhaaf goone; kan ilmaan keenya bahaa-dhihaa, kaabaa-kibbaa dhiiga isaanii itti dhangalaasan irra ejjete dha jechaa dha.
Ibsa isaan baasan yoo namni Oromoo ta’ee dhugaan Oromummaan itti dhaga’amu argee ta’e; akka warrii dabballoota isaanii tooftaadhaaf maal maal jechuun himatan utuu hin ta’in, kan sana irra ejjetu dha. Mirga hiree murteeffannaa jedhu jechaan illee hin qabu.
Jelii:-
Tooftaa kan jedhu edda kaastanii jirtan. Yeroo ammaa jecha tooftaa eega isin illee maqaa kaastanii, tooftaa sanii jara kanas ida’atanii mootummaa Tgree dhaa kana eegaa cabsinee booda kana,uummanni Oromoodhaa waan barbaadu hundaa waa silaa argatee jiraa, gara Mootummaa qabachuutuma duwwaatu hafeef yaanni jedhu ni jira. Oromoon kanaan booda dammaqee jira. Jabaatee jiraa.Ammaan booda abbaa fedheenuu hinsobamu. Kanaaf jecha mirgawwan kana keessatti tooftaa kana keessatti Oromoo dhaatu irraa argachuu dhaaf jiraata. Yaanni jedhu jira. Kana attanmiin ilaatu?
Obbo Galaasaa:-
Waan dhihoo kana Raadiyoo keessan irratti dabaatur dhaga’een ture. Waan Ma’aadiin jedhe san.
Oromoon bari kanaan duras takkaa gowwoomee hin beeku.Oromoon kanaan duras takkaa gowwoomee hin beeku. Eega gaafa biyyi isaa qabamee jalqabee. Inni dhagaa qabu Dhagaa Dhaan, inni Mancaa qabu Mamcaa dhaan, inni Qawwee qabu Qawweedhan duran dhaabbadha jedhee yeroo inni ka’utti warra si dursina jedhantu isa sobe.
Kanaaf sobneetu hinsobamuu, dammaqaa dhaa,... maalii kan jehu kanaa,takkaayyuu sobamee hinbeeku.
Akkuma amma warrii Shanee itti jiranitti kaleessas warri isin dursina jedhattu sobee akka inni jilgeeffatu godhe. Yoo warri qabsoo kana dura jirra jedhanii fi itti jiran sobuu dhaa fi sobuudhaan akka inni jilgeefatu godhan malee; uummata sobamee jilgeeffatu mit.
Har’a immoo warruuma sobuu barbaadaniifu hin sobama jedhee hin yaadu. Kanaaf tooftaan amma isaan jedhan kun, tooftaa hojjetu miti.
Eenyu iyyuu wal-sobaa? Hundumtuu walitti dammaqaa dha.
Empira Ethiopia keessatti yeroo ammaa kana humnoota Sadiitu jira.
1. humna Tigree itti wareegamnee, itti dhiignee biyya kana qabanne jedhu.
2. humna Amaaraa Abbootii keenyatu itti dhiigee itti du’ee biyya kana tiksee yoonaan ga’e.kan jedhu.
3. humna Oromoo biyya Abbaa keenyaatu humnaan nu jalaa qabame. Itti dhiignee, itti duunee asiin geenye. Itti dhiignee; itti duunee; immoo arganna kan jedhu, humna Sadiitu dhiiga irratti wal-gaafachaa jira.
Kanaaf abaluun sobnee , abaluun maal goonee, kan jedhu kun maluma ittiin karaa gabaabduu dhaan mataa dhaaf wayitti baana yaadamu jedhame dha.
Jeliil:-
Obbo Galaasaa yeroo ammaan tana egaa waan san keessaa dhaabni Adda Bilisummaa Oromootis ni jira. Isin illee Adda Bilisummaa Oromooti jechuudhan bakka lamatti maqaan kun yaamamaa jira. Wanni maqaa tokkoon kennamu isiniifis walumaan kennamaa. Yoo balaaleffannaafis taate isiniifis walumaan balaaleffatamaa kana akkamiin ilaaltu?
Obbo Galaasa:-
Waliin hin balaaleffatamu.Adda Bilisummaa Oromoo jechuun, ABO jechuun Abaluu fi Abalu jechuu miti.ABO jechuun ‘propaganda’ amma tumsa halagaatiin gartuun tokko oofu irratti hin irkatu.
ABO jechuun kaayyoo Bilisummaa walabummaa Oromiyaa jechuu dha.
Kaayyoo walabummaa Oromiyaa jechuun immoo, kan waraqaa irratti namoonni xiqqoon barreessan utuu hin ta’in; kan dhiigaan barreeffame dha. Bahaa-dhiha, kaabaa-kibbatti.
Kanaaf har’a akka tumsi kun dhufuudhaaf ta’u nuti duraanuu ni beekna. Akka kaayyoo kana dhaaba kana keessatti yeroo nagaan hundi keenya waliin jirru, gartuun Lama yeroo dheeraadhaaf wal-falmaa turre ni beekana jechaa dha.
Kar’a gartuun kun ifa ba’ee jira. Har’a gartuun kuni kaleessa yoo ABO dha jedhee mamiin jiraate; har’a bilisummaan inii baanu, akka afaan ‘Engliiziitti’ ‘Freedom’ ta’uun isaa ifa ba’ee jira jechuu dha.
Kana waan ta’eef jechaadhaaf Adda Bilisummaa Oromoo ta’uu hin danda’u kan jedhu qabna nuti. ABO miti isaan.
ABO akka hin taane hiikkaan isaan Bilisummaa dhaaf kennan iyyuu ifa ba’ee jiraa jechaa dha. Isaan kan godhan Bilisummaa maqaa jedhuuniti uummata Oromoo dogoggorsina, uummata Oromoo sobna kan jedhu. Uummanni Oromoo hin sobamu. Ijoollee itti guddisaa jirraatii; Ittin guddisaa jirra.
Kanaaf maqaa kana mootummaa haata’u, Abaluuf Abalu keessa jiran haa ta’uu, abbaan fedhe haa jedhuu; maqichi Kaayyiicha irra jira.
Kana waan ta’ef nuyi gama keenyaan rakkoo sanaa hin qabnu. Warri hubatuuf mamii qabanii warra rakkina biraa qabanidha jechuu dha.
Karaa gabaabaan hin jiru. Tumsa jedhamu kanaanis jijjiiramni dhufuudhaaf ta’u, akka hin jirre beekuu qabani.
Mootummaan isaan wal gahii waaman akkasumatti ka’ee isaanii bu’ee mootummaan ce’humsaa yookaan ‘chartera’ lammaffaan tolfama kan jedhanis hin jiru. Namoota tokko tokkotu jiru; ‘chartera’kan jedhu kun akkasumatti sammuu isaanii kessatti uumamee ‘charteriin’ biraa tolfama kan jedhan hinjiruu jechaa dha.
‘Diplomatic kudetaan’ isaan amma jedhan akkas jedhu gariin isaani. Diplomatic kudeta goona jedhu. Hin jiru. Sun ‘Diplomatic victory’ utuu jiraatee isaan wal-ga’ii godhatanii utuu fixanii hinba’inti addunyaan Biiliyoonii Tokko Tigree dhaaf hin kennitu jechaa dha.
Kana waan ta’eef jechaadhaaf gama keenyaan nuti Addi Bilisummaa Oromoo inni kaleessaa ganama Kaayyoon Walabummaa Oromiyaatiif ka’e, har’a illee qabsootti jira. Har’a illee qabsootti jira.
Maalitti jirtu ree? Maal gootu ree? Jedhu. Atee ni bareeddee jennaan; ni dabarti ni agartaa jedhe. Sun homaa miti. Kaleessas akkas turre. Kaleessa gaafa ‘Meissoonii’ fi ‘Ehaapaan’ dache kana balleessaa turan xiqqishoo turre.jechaa dha. Qabsoo uummata keenyaatiin, qabsoo uummata keenya isa Qotee bulaa sanaa, isa ilmaan isaa dabarsee qabsoof kenneetiin haala sana jijjiirree har’a geenye jechaa dha. Boris akkasuma.
Kanaaf ABOn ni jira. Qabsootti jira. Kaayyoo isaas ammoo kan Bilisummaa Oromooti. Bilsummaa Oromoo yennaan jedhu ‘Freedom’ jechuu kiyya mitil. Akkasitti namni akka na hin hubanne.
Jeliil:-
Obbo Galaasaa wanni tumsa kanaa Amaara takkaa Oromoo hin hubatin Oromo hubachiisee jira.
Mellas illee tumsa kana fashalsiisuu dhaaf jarmiyoota Oromoo kan biyya jiran Oromoo dhaaf illee waa ‘reform’ godheeti jira.
Sababa tumsa kanaatiinis gara ABO tiin Diplomaatota Amaarri kophaatti ‘monoplis’ goodhu illee garii argatanii jiranii, kanaafuu mohinsa wayii of keessaa ni qabaa?
Obbo Galaasa:-
Hin qabu. Gabaabaatti akka ani jechuu barbaadu Oromoodhaafis waan addaa waan godhu hin qabu. Mallas yeroo ammaa kana May 15 as ‘Qnijjitin’ iyyuu ni facaasee bar. ‘Qnijjit’ aangoon qabadha jedhee wacaa turetu, hoggana keenya nuuf hiikaa jedhee wacaa jira.Amma kanatti deebi’ee jira. ‘demandiin’ isaa. Melles faa akkanatti hin jirani.
Lammaffaa immoo addunyaas yoo fudhanne, Addunyaan har’a isaanii wajjin hidhattee jirti jechuu dha. Yoo humnaan, yoo qabsoofnee jaaramnee jijjiirre malee. Addunyaan jaaramuu fi labsa ‘utrict’ irraa ba’een waan jijjiirtu hinqabdu. Kanaaf iyyuu dhiheenya waan gootu goote.
Jeliil:-
Dubbii humnaa kana edda maqaa dhooftanii, namni hedduun waan biroo kana waan achi ilaaluuf humna dhaba. Qawween kun dhabmtee, waan gandaa dhaa kan waa takka namaa kennu Somaaleen kun illee akkumaa Keenyaan illee akkumaa, jarri kaanis egaa waanuma sanafaatu dhabamee; kana akkamiin ilaaltu ree?
Obbo Galaasaa:-
Qabsoo kana umrii dhuma amma jiru, anaaf sihiin ilaallaayii?
Qabsoon kun qabsoo dhalootaatii bar.
Biyyii kun ni gabroomteen dhugaa dha mitii?
Erga biyyi kun ni gabroomtee kan jennu ta’eetii, dhatootatu jiraa. Oromoon maseena miti. Dhaloota lafaa itti ka’aa jirutu jira. Har’a yoo nu irratti ta’uu baates, bor ijoollee keenya irratti ta’a. Har’a yoo ollaa hin qabu ta’e bor ni qabaanna.
Dubbiin guddaan kan jiru ijaaramnee jirraa?
Tokkummaa dhaan Kaayyoo dhaaf dhaabbataa jirraa?
Egaa waggaa 34 boodatti har’a illee gartuun tokko nu irraa cabee kunoo halagaatti galaa jira jechuu dha. Kana waan ta’eef jechadhaaf Ollaa, Adunyaa, Humnaa,.... yoo jennu kanaa mataa keenya isa har’a jirru irraa kaasnee hin jennu. Kaleessa yeroo Zi’adbaarreen nudura dhaabbatu ture; booda warri biraa nu gargaaranii as galagalanii jechaa dha. Kaleessa Sudaan yeroo itti nu gargaaruu dhaabdee itti deebitee nu gargaartetu jira. Kanaafuu akkaataa nuyi hojjennuu fi sochoonu irratti irkata.
Maali immoo ofii keenya warra waggaa Shantamaa tiif Jaatamaa keenya qofaa irratti kaanee ilaallaa?
Yoo nuti dadhabne ta’e dhowwaan hinjiru. Galuu dha. Biyya sanatti bilisummaa jennee biyyaatti galuu wanni nu dhorku hin jiru. Ethiopia ta’uudhaaf dirqiitti Amaara ta’uu hinqabnu. Maaliif tarkaanfiin ammaa fudhate kun yoo xiqqaate akkuma namoon gari garii as irratti jechaa turan mirga Uummanni Oromoo wareegama qaqqaaliidhan amma ammaatti argate kan of duubee deebisu dha.
Haaraatti ‘negotiate’ goona jeha. Mirga nuti biyya Oromiyaa jedhamtu, Qubee Afaan Oromoo jedhu kana; haaraatti ‘negotiate’ gochuuf deemu warri shanee‘conference’ Qinjitii waamanii.
Warra isaan ‘Xeqilaay Gizaatiin’ ijaarrachuu qabna hin baasu kun jedhan. Isaan ammoo tari akka tokkotti ‘Federation’ goona jedhutu waan akkasiin kanatu deemuuf deema.