Wednesday, April 24, 2013

Voice of Oromiyaa: Gaafif Deebii Jaal Galaasaa Dilboo Waliin Caamsaa 17 2013

Saturday, April 20, 2013

Hiriirri Nagaa Sabboontota Oromoo AwuroophaanApril 12 2013 Belgium Brusselstti godhame milkiin xumurame.

Hiriirri nagaa April 12 2013 Koree yeroo Oromoota Awuroophaan waayee saamicha Lafa Oromoo irratti mootummaa koloneeffataa Habashaan ta’aa jiruu fi dhiibbaa miriga namoomaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru moormuunii fi Mootummoota Awuroophaa hubachiisuuf wiixanamee biyya Belgiem magaalaa Bruussels fuuldura waajjir caffee Awuroophaatti godhame milkiin xumuramee jira. April 12 2013 ganama sa’a 10:00 irratti kan eegale hiriirri nagaa kun saamicha dachee oromoo irratti amman kan ta’aa jiru, dararaa baqatoota Oromoo biyyoota ambaattillee raawwatamaa jiran, yakka barattoota Oromoo irratti raawwatamaa jiranii fi dhiibbaa mirga namoomaa walii gala Ormoo irra ga’aa jiran mara balaaleffachuun; hidhamtootti siyaasaa biyyatti keessa akka gadi lakkifaman gaafatee jira. Koree qindeessituu kana bakka bu’uun gidiraa sabni Oromoo keessa jiru, Waajjira caffaa Awuroophaa fi itti gaafatamaa waajjira komishinaa Awuroophaa kan haasofsiissan yoo ta’u dhiimi kun dhageettii argachuun milkiin xumuramee jira.

Thursday, April 04, 2013

ODF Meeting in Minneapolis March 30 2013

|