Sunday, June 04, 2006

Akka nu beelofnu kan nu godhe diina.


By Oluma.a 07 05 1969

Nu beela yoom beekna jaarraa tokkoon dura?
Badhaadhaa dha turre kan caallu hundaa irra.
Minaan dilbii taa’aa dhadhaan waggaa torba,
Oromoon eessatti beela buba qaba?
Kara deemaa hundaa Aannan unachiisee,
Tumaalessa qalee kan fedhe nyaachisee,
Garacha uffachuu loon dhibba bobbaasee,
Kana ture aadaan isaa kan diinni balleesse.

Nu beela yoom beekana jaarraa tokkoon dura?
Akka nu beelofnu kan nu godhan jara.
Meeshaa hammayyatiin nutti gad-duulanii,
Beekaadhaaf wallaalaa keenya ajjeesanii,
Kan qabnu saamanii,
Biyyaas nu dhaalani,
Xannee isaan qabe nutti hobbaafatanii,
Dhukkuba daddabboo nutti facaasanii.
Dachee fi Burqaa keenya nu jalaa gogsanii
Ibiddaaf qottoodhaan Bosona fixanii,
Akkanaani egaa beela kan fidani.

Biyya keenya dhaalan irraas nu oofanii,
Qabeenya uumamaas beekaa manccaasanii,
Dhukubaa fi beelaaf nuun nu saaxilanii,
Akka humna dhabnu beekaa nu godhani.

Warra garaaf bulan of jala qabanii,
Nagaa dhaaf tasgabii tasa nu dhorkanii;
Walii galtee keenya tooftaadhaan diiganii,
Akka humna dhabnu shira dalaganii.
Aadunyaa goyyoomsuun arraba tolanii,
Akka nuun beelofnu beekaa taasisani.

Horiidhaaf bineensi sinbirri ille hinhafnee,
Dache lafa keenya kan waa isaan hin goone,
Bosona daggala duudaa homaa hinbeekne,
Mana Oromtichaa kan nuti ijaarranne,
Martuu yakkamanii,
Biddaan gubamani.

Qilleesuu rakkatee hogguyyuu rasaasaan,
Samii irraa oliif gadi yoo dhukaa itti roobsan.
Lageen sum’eessanii saabbaa Industriin,
Bishaan uumamaa illee mancasanii Xuriin,
Egaa maaltu hafe? waa sagal lafa irraa,
Yoom himamee dhuma yakkii badiin jaraa?

Akka ol-hinjennef gar-gar nu qoqqoodhuun,
Shira akkanaatiif toftaa garaa garaan,
Summ’ii dhibee hamaa nukeessa owwaaluun,
Maqaa nu jijjiiruun aadaa keenya faaluun;
Seenaa keenya owwaaluun nutti ololuun faallaa,
Dache qotanne irraatti nu samuu dhaan callaa;
‘Gibiraa’ waa meeqa Buusii dhaaf Ashuuraa,
Jechuun un harkaa coran qabeenya waa maraa;
Beela’an nuun jedhuu? Qaannii hinbeekneen jara,
Beekaa nu beelessuun dalaganii shira.

’’Abalu ni caala inni akkas miti’’
’’Warri kun waa hinbeekan isaan ka biraati’’
Waa meeqa xaxanii gargar nu fageessuun,
Harar, shawaa, Baale, Jimma,---- maal maal jechuun,
Numaan nu cabsanii humna nu dhabsiisuun,
Gidduu hulluuqanii offii gubbaa ba’uun;
Qaamuma tokkocha add adda fakkeessuun,
Dhukkubaan faalanii beelaaf nu saaxilan.
Kana egaa dhugaan isaa ka beela jedhan,
Nuun nu beelessanii itti fayyadaman.

Yoo humna godhanne gaaffii ijaa qabnnuuf
Tartiiba tartiibaan tooftaan nu beelessuuf,
Kaayyoon jara hundaa nuun nu dhabamsiisuuf,
Kan danda’an hundaan lafa irraa nu fixuu,
Kana tooftaan isaanii kan diin nuuf xaxu.
Jala issaaniitti hafnuuf akka ol-hinjenneef,
Of irraa faccisuuf humna hingodhanneef;
Mana keenya diiguun gamtaa keenya cabse,
Akka nu beelofnnu diinatu nu taasise;

Sabboonticha hidhuun dalagaa irraa dhorkuun,
Maatii da’imman isaa gargar tatamsaasuun,
Lafa irraa buqqaasuun qoteebuulaa deegsuun,
Beekaa Oromitichaaf dardara ajjeessuun ,
Beela’an nuun jedhu dhugaa jiru dhoksuun;
Maqaa isa beela’een gowwoomsanii nyaachuun.

Akka walii hingallee dhara meeqa ololee,
Akka loowwan isaatii ilmaan keenya qalee,
Shira isaa dhoksuun toofttaa sagal xaxee,
Isa kaan rasaasaan kaanis balaa fixee,
Kan egaa xanneen inni nu qabat,
Addunyyanyoo beeke tari yoo hubate.

Beelliis tooftaa tokko duula diinaa keessa,
Ittiin nu mo’achuuf godhate meeshaa isaa;
Lafa irraa nu fixee offii biyya dhaaluuf,
Osoo hin dhukaasin tooftaadhaan nu fixuuf,
Shirri kun waa hamaa tooftaa isaanii tokko,
Kana haa hubannu yaa lammii firako.

Guyyaan darbuu hinooluu seenaa dhaaf gaaf tokko,
Hunduu haa iyyannuu hin usin sabako.
Addunyaatti haa himnu yoo uses haa usuu,
Dhugaa haa iyyinu guyyaan haqa haabaasuu.
Lammiin haa caqasnu yakka diinaa kana,
Maaliif akka dhumnu hubachuutii qabna.

Maanguddoo daa’imman mee meeqa owwaalle?
Diinni hamaan kun kan gar jabinaan qale.
Manni haa lakkaawu kaa kan gar-dabarsame,
Bakka firrii hin beeknetti meeqatu ajjeefame?
.
Gamtaa keenya ciruun summi’ii nutti facaasee,
Kutaa gandaan qooduun adda adda babaase;
Sobee isa kaan raajee isa kaan abaaree,
Oromticha cabsee akkanaan weeraree,
Addunyaas dantaa dhaaf arrabaan faajjesse,
Seenaa sobaa umuun maqaa keenyas dhoksee;
Tartiiba tartiibaan lammii keenya ajjeesee,
Kaan ofitt aansee basaasa taasisee,
Kan beekaa itti ta’e sum’iin dhabamsiise,
Aaddaa kabajamaa keenyas owwaalchisee,
Akka nu beelofnu jaratu nu taasise.

Dache nama waliin qotanii rasaasaan,
Waa dubbiin nu dhibdee marsamnee basaasaan,
Jilgeen fachuu baannu hagam tattaafannu,
Meeshaa hammayyaatiif beelaan illee dhumnu,
Daran jabaa ta’ee tooftaan diinaa nutti,
Akka irri hin aanneef akka barbaannutti,
Bakka feene ga’uuf waa meeqat nu dhibe,
Addunyyaas gowwoomsee diinni nutti dabe.
Kaan dantaaf deggaree; kaanis ijaa hinbeenne,
Akkanaani egaa kan nuti beelofne.

Adunyaan osoo agruu akka waan wallaalee,
Har’as waa ta’aa jiru yakka isa garmalee,
Bineensa daggalaa, dacheesaa fi bosona,
Yoo ibdaan guban yoo dhorkan boqonnaa,
Qilleessi manca’ee yoo dhabu qabbaanaa,
Maaf dirmachuu didee iyya nama keenya?
Mee gaafadhaa namuu waan kana addunyaa,

Mootummaan addunyaa kana quba qabaa?
Moo beekaatuma tari irra darba?
Hedduu ibsa baasa waayee beela sabaa,
Waayee Deemokraasiis waa hedduu lallaba,
Madda demokraasii Kan ta’e uumaa isaa,
Yoo waa meeqaan dhumu sarbamu mirgi isaa,
Attamiin addunyaan kanatti callisa?
Mee bakka jirtanii gaaffii kana kaasaa.

Bunaa warqee keenya hinbarbaannu hin jennee,
Leencaaf Arba keenya dho’achuu hin dhiisnee,
Bu’aa Bosona keenyaa akka waan hinfeenee,
Mee maalumaan usan?
Attamiin callisan?
Dhugaa dhaa hinbeeknee?
Yoo inni manca’u maaliif hin iyyine?

Yommuu diinni gubu beekaa ta’e jedhee,
Mootumman wal-ta’e mee maaloo maal godhee?
Maaf akka gubatu maaliif gaaffii hinkaasnee?
Daafii isaa hin beeknee? Maaliif dhimma hinjenne?
Dhumaatii maanguddoo du’a daa’immanii,
Kan hin dhaga’in mee eessa dhaqanii?
Mee martuu wal gaaffaa kaasaa gaafii kana,
Seerri addunyaa dhaa, haqni isaa akkanaa?

Beela’an jechuudhaa al-meeqa odeessuun,
Oduu diinni oofu caalaatti afarsuun,
Maqaa isa beela’een diinaaf waa gumaachuun,
Qooda attamiiti? Kana dha gaafachuun.

Beela’an jechuudhan asiif achi odeessuu,
Beelaan saba dhumu qullaa isaa agarsiisu;
Daa’imni yoo du’u dhiirri yennaa boo’u,
Xannee dhaaf dhukkubaan dache yoo boba’u;
Yennaa sabni dhumu kaans biyyaa ba’u,
Yoo dhiirri maassanu dhabee akka ta’u;
Dache illee rakkatee yoo dhiira rakkisuu,
Maan gubadhe jedhee Ibidda ol deebisu;
Bosonni silaa dhumee ta’uudhaaf gaaddisa,
Waaqin illee rifatee yoom bokkaa itti roobsa.

Addunyyan osoo arguu kanatti callise,
Beela beela jedhee itti iyyuu caalchise.
‘Maallaqaa’ fi meeshaa diinaaf achi guuree,
Meeshaa waraanaatiin daranuu gargaaree,
Kana nyaadhaa jedhe diinaf gargarsa ergee?
Saba xanneen dhumu utuu ilaaluu argee.

Madda beela kanaa eenyutu wallaalee?
Beekaa irra diban; yoo owwaalan malee,
Biyyi hundaan badhaatuu Oromiyaa guddoon
Kan ormaafuu geessu uumamaan badhaatuun
Akka hinbeelofne shira diinaa malee
Mee haqa kana, Eenyutu wallaale?
Oromtichaa mitii ormaafuu kan geessu
Gocha diinaati malee beela’uu hindanseessu.

Madda beela kanaa akka waan wallaalee,
Tooftaan diinaa ta’uu utuu arguu ilaalee,
Ibiddi yennaa roobu akka hin agarree,
Bosonni yoo gubatu karaa sagal tarree;
Qilleessi yoo manca’u rassaatti itti aaree,
Dachees yoo rakkatu ibidda ol-gororee;
Ta’e jehee badii yoo diinni dalagu,
Ijji addunyaa dhaa mee maaliif arguu?

Sbirri kun ifadha beeka hunduu martu,
Xanneen saba fixuu tooftaa gabroomfattuu,
Biiyya dhuunfachuudhaa abbaa biyyaa fixxee;
Xanneen shira diinaati tooftaa diinni xaxxe.

Ashuuraa waa sagal fakkeessaa dhaan saamtee,
Maqaa ‘Gibiraatiin’ sangaa gurgursiitee,
Kan inni qotate irraa guurtee nyaattee,
Beekaa beelesitee ni beela’e jetee.
Maqaa isa beela’een addunyaa kadhattee,
Iittin owwaaluudhaaf hirree ittin cimsate.

Dhukkubaa fi xannee Uummata baraaruuf.
Madda isaa baruudha beelaa saba baasuuf,
Harka ta’uu dhiisuudha warra nama fixuuf,
Demokraasii dhugaa addunyaatti ijaaruuf.
Kan daddabarsaa iyyaa iyya labsaa,
Kan haqa barbaaddan ka’aatii wal-kaasaa.

Harka tokko ta’uun gamtaa keenya cimsa,
Beella dhabamsiisuuf madda isaa gogsaa.
Addunyaatti labsuun tumaatii wal-tumsaa,
Xannee saba irraa akkanatti kaasaa.

Nutu walii gaaddisaa
Nutu beelaa wal-baasaa,
Tumaatii wal tumsaa
Oromticha kaasaa.
Gamtaa keenya cimsaa
Nutu walii gargaarsaa.

Gamtaa keenya cimsaa
Nutu walii gargaarsaa
Nutu beelaa baasaa
Gamtaa keenya cimsa.

Oluma.A 07 05 1969

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|