Har'a dhugaa dubbannu malee bor dhugaan nu hudha.
Beeknees ta’e osoo hin beekin, karaa dogoggoraa fi wal xaxaa irra murni deemaa jiranii fi hawaasa keessaa maddan ol-tokkoof illee dhabbatanii dhaggeeffachuu kann hin feene; yeroo kanatti heddoommachaa deemuun isaanii qaanessaa fi yaaddessaa ta’aa jira.
Keessattuu yeroo ammaatti yeroo ilmaan namaa daran qaroomaa fi yeroo itti seenaa haqaa barachuu fi qorachuun carraan isaa babl’atee jiru kanatti dogoggorri akkasii daran babal’achaa; heddoommachaa deemuun isaa wal nama gaafachiisaadha.
Har’a yeroo kanatti yerroo sabni addunyaa miidhamoon rakkoo isaa injifachuuf hirree,qabeenya fi beekumsa isaanii wal taasifachuun of irratti amantee cimsachuun rakkoo isaanii fonqolchaa fi irra aanaa jiranitti; rakkinni ilmaan Oromoo irra jiru immoo caalaatti kan isa yoomii irra yennaa ulfaataa dhufetti; kaayyoo tokko dhabuu, walqoqqooduu fi wal-ganaa dhufuun yaaddessaa ta’aa jira.
Keessattuu murnoonni hogana shanee gumii nu qofaa duwwaatu beeka jechuun duwwaa beekaa of fakkeessuuf dhama’an; har’a mal irra akka jiran illee wallaaluu dhaan diraqamanni sabnni isaantti kenne Tayitaa aangoo itti fakkaatee lafa duwwaa irratti of tuuluun qanessaa ta’uu irra darbee fokkuu ta’aa jira. Adaa fi seenaa ummatichaatiin ala gochaan isaan raawwataa jiran, dalagaan isaanii kan shiraa ta’uu ifatti mul’isa.
Hangi ta’es diiggaa fi dogoggora raawwatamaa jiru kana osoo arganii osoo dhaga’anii homtuu akka hin taanetti yoo usuu filatan ni mul’ata. Har’a yeroon yoo waliin dirmachuun dogoggoraa fi badii diiggaa raawwatamaa jiru kana sirreessine irraa kan hafe; bor oollee yoo bullu bakki itti qabaa isaa nu dhibuu hin oolu. Diiggaa nif badiin dalagamaa jiru kun kan tokkoon tokkoon ilmaan Oromoo ta’uu isaa hubachuuniif wal hubachiisuun dirqamaa fi qooda hunda keenyaa ta’uu qaba. Diiggaan fi shirri raawwatamaa jiru kun diiggaa mana dhuunfaa tokkoon tokkoon kenyaa ta’uu isaa osoo hin turin arguu har’a barbaachisaa dha.
Diiggaa raawwatama jiru kana murnoonni raawwachaa jiran gochaan isaanii kun daafii ykn maddii issaa waa hedduu irraa kan ta’uu dandada’u yoo ta’u; beekaa fakkaatan illee wallaalina; dantaa ofii qofa ilaaluu fi jireenya sadoo barbaachaaf; kaan immoo dudduubnii isaanii tari rakkina adda adda ijaa qabaachuu maluuf karaa diiggaa fi badii kana irra deemuuf filachuu issaanii ta’uu ni mala.
Har’a seeraaf heera aadaaf Oromootiin ala safuu walii dhabuudhaan; wal dhaga’uu irra wal tuffachuun, gorsa maanguddoota Oromoon ala kan halagaatti gurra qabuunii fi halagaan wal ta’uuf hatattamuun; hundee rakkin keenyaa akka wallaallaaniitti, ’’ormi akkana jechaa jiraa nutis akkas haajennu. Addunyaan geeddaramaa jiraa nutis kaayyoo keenya haa geddarannu. Ormi galaa jiraa nutis qabsoo dhiisnee haa gallu.’’ Jechuudhaan kaayyoo dhabina. Ayyaan lallattumman akkasii kan gara badiitti nam geessuu danda’u, ejjennaa. Kaayyo dhabina waan ta’eef qaanessaa fi salphina dha.
Dhaabni ykn Jaarmaan tokko akka dhaabaatti irra dibaa fi fakkeessaa; dhoksaa fi sodaa tokko malee kaayyoo issaa haqaa ifatti dubbachuu; of fuldura qabachuun barsiisuu fi ittin boonuun galmaan isa ga’uu danda’a. Har’a bakka tokkotti afaan tokko; bakka biraatti afaan addaa oliif gadi dhahuun, offitti amantii dhabuunii fi dhugaa dhoksuun; akka tooftaatti itti fayyadamuuf yaaluun, of sobuuf malee yookaan immoo shira of duubaa kan qabaatanii malee orma gowwoomsuuf tasa hin fayyadu.
Oromoon saba adunyaa kabiraa irraa kan hanga ta’e adda isa taasisuu fi isa boonsu aadaa isaati. Aadaa isaa keessaa inni guddaan uumamaan kan argate kabaja walii kennuu fi daandii dhugaa osoo hin maqsin kabajuu fi waadaa seene haqaan eeguun isaa tokko. Oromoon uumama maraaf kabaja qaba. Hangafaaf ulfina kenna .Dhugaan Oromoo biratti fakkaataa kan hin qabne madda eenyumaa Oromooti.
Oromoon bakka fedhettuu dhugaa hin dhoksu. irra dibee hin golgu. Hagam dhibamu ykn rakkatu illee fakkeessee hin darbu. Ta’uu malee fakkeessuu hin fedhu. Gowwoomsaa akka yakkaatti malee akka haxxoominaatti hin fudhatu. Fullee malee duddu duuba hin dubbatu. Gochaawwan kanaan alaa Oromoon akka sobaatti ilaala.Ni jibba; ni abaara.
Hagam gabrummaa jalatti dhiibbaa fi miidhaan daran ulfaataan irra ga’u illee aadaan boonsaan kun dhiiga Oromoo keessaa hin badne. Caalaattuu jireenya issaatiif bu’ura cimaa ta’ee Oromummaan akka hin badne kan godhee yoonaan ga’e keessaa isa tokko dha.
Egaa har’a qananii Oromoo guddeessa akkasii kana tuffachuun yookaan wallaaluun haqa qabatanii deemuu dhiisanii, furmaata rakkoo Oromoo waliin kan wal hin argine; ’’siyaasni addunyaan jijjiiramte nus waliin jijjiiramuu qaba. Adduunyaan gam tokkotti luuccoftee waliin luucca’uu qabna.’’ jechuun rakkoon ummatichaa waan furamte fakkeessuun; kaayyoo haquunii fi sagal gaggalagaluun aadaa Oromoo miti.
Falammiin ta’aa jiru tokko abbaa biyyuummaa Oromoo kan barbaannuuf inni guddeessi aadaa boonsaa kanaa kabajnee ittiin buluuf malee fiigicha taayitaatiif yookaan dantaaf akka hin taane beekamuun dogoggora nu oolcha.
Yeroo kana murni kan halagaa malee kan saba issaa dhaggeeffachuu hinfeene maqaa hogganaatiin akka fedhan ummata gowwoomsuu fi qabsoo Oromtichaa diiguuf oliif gadi yoo soba ololan mul’atu. Kaayyoo dhaaba ni hogganna jedhanii illee maal akka ta’e ifatti dubbaachuun isaan dhiba. Miidiyaa adda addaa irratti, ’’akka dhaabaattii galii dhaaba keenyaa kana jennee kann lafa keewwanne akka dhaabaatti hin qabnu.’’ Jechuun qaanii malee dubbatu. Filannoo dhuunfaa isaanii illee yoo gaafataman, ’’gaafa carraa isaa arganne icitiidhaan filanna.’’ jechuun ummatatti qoosuu. Kaayyoon bu’uraa dhaabaa garuu akka hin jijjiiramnee odeessuu irra kan hafe galii isaa akka lafaa hin qabne haaluun maal nu agariisuu dha? Gochaan isaanii ka biraa utuu mul’atuu Kaayyoon ganamaa akka hin jijjiiramin ummata afaan fajjeessuuf yaalu.
Hogganni dhaaba tokkoo edda galii dhaaba isaa hin beeknee attamiin hogganuu danda’a? Maal jedhee ummata barsiisuu danda’a? Dhugaatti dhaabni tokko kaayyoo fi galii malee dhaabataa? Maaliif ummaticha jalaa icitii ta’uuf yaalama? Edda bakka ittiin nu ga’u hin beeknee akka farda fuuloonii eessan un ga’uuf deemuuf yaalu ree? Gochaan akkanaa kun daran qaanessaa fii ilmaan Orootaaf sodaachisaa ta’ee jira. Kun ifatti shira dudduduubee Shanee agarsiisa.
Dhaaba tokko gartuun nan hoggana jedhu ka’umsaa fi ga’insa ykn galii dhaaba hogganuuf deemu tokko sirriitti beekuu fi barsiisuun hojiinis ta’e hundaan fakkii ta’ee agarsiisuu dha.
Keessattuu rakkinni ummata Oromoo maal akka ta’e har’a yeroo adunyaa guutuun beekee jirutti; dhaaba Oromoo tokkon hoggana murnoonni jedhan Midia adda addaa irratti illee afaan guutanii rakkina ummatichaa dubbachuu yoo issan sodaatan fi leeyya’an arguun qanessaa fi wal nama gaafachiisaa dha.
Biyya biyya keenya Oromiyaa gabroomfattee jirtu Ethiophiummaa leellissuu fi rakkiinni Ethiophia furamuun nuufs fala jechuun rakkoo isheef quqquuqamuun issanii qaanessaa dha. Rakkinni Oromoo kan biraa akka ta’e ololuudhaaf yaaluun, gaaffiin abbaa biyyuummaa Oromoo demokraasii dhaan hiikama jechuu TPLF wal jala deemuu yaaluun tooftaan harka kennachuu akka ta’e ; dalagaan kun kan eenyuu ta’uu akka danda’u ummata Oromoo jalaa dhokachuu hin danda’u.
Maqaa Oromoo qofa baachuu dhaan halagaa fi diinaan wal ta’uun har’a qabsoo Oromoo of duuba deebisuudhaaf harka lafa jalaatiin diinaan wal hidhachuu dhaan, ilmaan Oromootaa bilisuummaa biyya isaaniitiif wareegamanii fi wareegamaa jiran lafee isaanii irra tarkanfachuudhaan; qaxaamuraan jireenya sadoo ofiif qofa diina jala galuuf murni dalagaa jiran sochiin isaanii ija ilmaan Oromoo jalaa dhakachuu akka hin dandeenye har’a hubachuun gaarii dha.
Ayyaan lallatuummaa fi kaayyo dhabiinsaan bakka argan ta’uu osoo hin ta’in, elaa fi elaameen akka heeraaf seera Oromotti gorsamuu, karaatti deebi’uun kaayyoo qabatamaa fi haqaa kan gootowwan keenya qaqqaaliin itti wareegamanii fi itti
wareegamaa jiraniitti walii galuun dirqamaa fi murteessaa dha.
Afaan tokko harka tokko ta’uun akka aadaatti dhugaatti amanne, akka seera Oromootti hayyuu jaarsoliitiin waliin haasa’uun kutannoo fi kabja Oromummaa yoo qabaanne qofa.
Of irratti hundaa’uu dhiisne wal tuffachuu dhaan halagaatti huddu gataachuun gorsa jaarsolii Oromoo osoo hin taane shira halagaa qofa yoo hordofne, daandiin isaa hallayyaa ta’u ija saaqqannee ilaaluun amma dha.
-Beekumsaa fi maree saba Oromootiin ala diina jalatti galuuf Wayyaaneetti harka kennachuuf yaalii Shaneen godhee fashaleef ammas shira dalagamaa jiru ni balaleffanna.
-Maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin jaarmolii farra qabsoo bilisummaa Oromootiin wal-ta’isa murni shanee ghodhe ni balalleffanna.
-Kaayyoo Bilisummaa Oromoo irratti dhaabonni hundaawan dhaabonni Oromoo hunduu wal-ta’uun akka tumsa godhan ni gaafanna ni deggarra.
Hayyoonnii Oromoo, Maanguddoowwan, beektonnii, dardaraa fi shamarran Oromoo hundi yeroo kanatti dogoggoraa fi diiggaa raawwatamaa jiru, ilmaan Oromoon walii gluu diduun halagaa jala galuuf daran tattaafataa murna jiraan; heeraaf seera aadaaf safuu Oromootiin daandiitti akka deebi’an, har’a gorsuu fi dirquun waan yeroon nu irra gaafachaa jijrudha. Yeroon kun yeroo murteessaa fi yeroo nuti daandii haqaatiin kaayyoo dhugaa jalatti dhugaa dhaan waliin hiriiruuf wal dirqinuu fi dirqama fudhannu ta’uu qaba.
Oromoota Swiss
May 24 2006
Tokkummaan Humna.
OROMIYAAN NI BILISOOMTTI!
0 Comments:
Post a Comment
<< Home