Thursday, May 11, 2006

Dhukaan Boonbii wal-irraa hincinne Uummata Oromoo gidirsaa jira.

Naannoo Oromiyaatti hidhaa dhoorsisaa fi qe’ee irraa hari’uun gidiruun Uummata Oromoo irra ga’u bifa isaa jijjiiruu dhaan ittumaa hammaachaa deemaa jira. Oromiyaa mara keessaatti yeroo ammaa hidhaanii fi ukkaamsaan gar malee mootummaa dhaan raawwatamaa jirutti, Boonbii dhaan Ummanii nagaan qabeenyaa fi lubbuu isaa dhabuun bifa haaraan eegalamuu immoo daran yaaddessaa ta’aa jira.

Maddi tamsaasa oduu raadioo VOA kaleessaa 2006-05-10 akka gabaasstti Naannoo Oromiyaa godiinalee mormiin barattootaa itti jabaachaa turetti dhihoo kana immoo boonbiin itti darbatamaa jira jedha.

Torban darbe kana keessa qofa godinaallee dhiha Shawaatii fi kibba lixa Shawaatti Boombiileen shan darbatamanii jiru.Jeha VOAn gaafa 05 10 2006. darbe.

Mormitoonni mootummaa Boombii kana Bulchiissaa fi Poolisootatu dhukaase jedhu.
Bulchiinsi godiina Shawa dhihaa immoo Boombii kana nama dhukaase qabatanii kan hafe illee barbaadaa akka jiran dubbatu. Jedha raadioon kun

Walitti aanuudhaan darbatamuu Boombii kana ilaalchisee ragaa aanaa Gindabarat magaala Kaachisii irraa argane akka ibsutti jedha raadiyoon kun:-Torban darbe gaafa kamisaa Boombiin lama halkan dhuka’anii, tokko immoo osoo hin dhuka’in argame jedha.

Boonbiin dhuka’an kana keessaa inni tokko mana jireenya daarekteera mana barumsaa sadarkaa lammaffaa irratti darbatame. Qabeenya manichaa walakkaa kan mancaase yoo ta’u; nama irra miidhaan hin geenye jedha.

Boombiin inni lammaffaan kan darbatame mana dubartii Paartii Kongureesa Biyyoolessaa Oromoo bakka buutee paarlaamaaf dorgomtee osoo hin darbin haftee tokko biratti kan dhuka’e yoo ta’u; kan hafes osoo hin dhuka’in naannoodhuma kanaa argame jedha.

Dhimma kana ilaalsisee odeeffannoon qabdan maali? jedhuun maddi oduu kanaa kan gaafate, miseensa paarlaamaa fi bakka bu’aa uummata aanaa Gindabarat kan ta’an Obbo Labataa Fufaa akkana jedhu.
’’Aanaa kana keessatti baatii lama gidduutti Boombiin gara al-Saddeetii dhuka’ee jira. Balaa adda addaas geessisee jira. Balaan kun immoo uummata baay’ee jeeqaa jira. Namni illee aanaa kana keessatti gabaa ba’ee galuu dadhabee jira. Karaa irra nagaan deemuun dadhabamee jira. Dheengaddumma illee jechuun akka lakkoofsa Faranjiitti gaafa 03 05 2006 Boonbiin Sadii magaala kana keessatti kan dhuka’e balaa geessisee jira.’’ Jedhuu.

Itti fufuunis ’’ Deebi’eetis immoo 'Daarekteera' mana barumsaa irratti kan darbatame Boonbiin Tokko balaa geessisee jira. Kana immoo kan godhaa jiru mootummaadhuma achi jiru. Meeshaa gurguddaa akkanaa kana kan qabu mootummaa dha. Malee hawaasni meeshaa akkasii kana hidhatee kan jiru waan jiru natti hinfakkaatu.’’ jedhanii
’’ Wal-dhibdee cimaan kan jiru bulchiinsotaa fi Poolisoota gidduu Poolisoota murtaawan gidduu, Bulchiinsaa fi Warra abbaa seeraa gidduu wal-dhabbiin tokko tokko jira.’’ Jechuun itti aansuunis ’’Dhimma kana kan raawwate qaamni biraa jira natti hin fakkaatu.’’ Jedhanii jiru.

Kana malees jedhu Obbo Labataa VOA waliin yoo dubbatan ’’qaamonni bulchiinsa naannoo uummata naannoo irratti rakkoo uumaniin kan ka’e; uummataa wajjin gonkumaa nagaan jiraachuu hindandeenye. Qaamoleen bulchiinsaa dirqamaan nutu isin bulcha! jechuudhaan lallabanis; uummanni takkaa dhaabni kun na fayyada jedhee itti buluu hin feene. Kana jecha dhihee bari’u walitti bu’iinsi, hidhaa, reebamuu fi qe’ee irraa hari’atamuun hawaasaa itti cimee jira.’’

’’Dhimma kana paarlamaa biyyattii irrattis kaasanii dubbachuu dhaaf jennaan, paarlaamaan dhimma naannoo tokkoo keessa hingalu jedhamnee dhorkamne.’’ Kan jedhan obbo Labataan, aanicha keessatti barnoonni seeraan kennamaa jira jechuudhaaf akka hindanda’amnee fi barattoonni baay’een baqatanii kaanis hidhaa irra akka jiran dubbatanii jiru. Jedha raadiyoon kun.

Dhimma kana ilaalchisuudhaan gara godiina dhiha Shawaa bahaatt magaala Anbootti bilbilaan VOAn kan haasofsiise, itti aanaan bulchiinsa godinichaa fi hoggaanaa ijaarsa dandeetti Obbo Dhaabaa Jinfeessaa akka jedhanitti, godinicha keessa aanaa adda addaatti Boonbiin dhuka’e dhugaa akka ta’ee fi achuma ollaa aanaa Gindabarat magaala Jalduuttis halkan keessaa sa’a 8:00tti Boonbiin dhohuu isaa ibsanii; Boonbii kana kan dhoosu uummanni nagaan jiraachuu kan hin barbaanne qaamotii shorokeessitootaati. Haata’uutii garuu namoonni Boonbii kana darbatan aanaa Calliyaattii fi Xiqur-incinniitti waan qabamaniif kan bakka hafaniis qoratamaa irra jiru. Jechuu isaanii ibsee jira raadiyoon kun.

Barnoonni dhaabbachuu fi hidhamuu barattootaa yoo dhubbatan ’’ barumsi hindhaabbanne; barattoonni kan shakkaman qofaatu hidhame.’’ Jedhu akka dubbatan gabasa radiyoon kun.

Haaluma wal fakkaatuun jedha raadioon VOA 2006-05-10 darbe kun; Aanaalee kibba Shawaatti magaala Asgoriittis torban darbe Boonbiin mooraa mana barumsaa keessatti dhohuu isaa ragaaleen ibsaanii jiru. Haata’u iyyuu malee dhohiinsa Boonbii kanaan wal-qabatee barattoonni 6 hidhamuu isaanii ragaaleen ibsanii jiru jedha.

Akkauma beekamu baatii darbe keessas magaala Geedootti guuyyaa gabaa baakka uummanni hedduun gabaaf wal-ga’etti Boonbiin dhuka’e xiqootti nama 3 ajjeessee 37 madeessuun issaa ni yaadatama.

Oromiyaa godiina Harar dhihaa keessattis hidhaan har’atamuu fi ajjeechaan qaama mootumman ta’e jedhamee raawwataamaa akka jiran ragaawwan eeruun as irratti maxansuun kiyya ni yaadatama.

Oluma.A 07 05 1969

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|