Saturday, May 06, 2006

Oromia Haraargee dhihaa keessattii dararaan ittumaa hammaachaa jira.

Oromia Haraargee dhihaa keessattii dararaan ittumaa hammaachaa jira.
Gaaffii mirgaa Barattoota Oromoo fi Uummata Oromoo Oromia mara keessatti ka’een wal-qabattee ajjeechaa, hidhaa fi dararaan Oromootaa irraatti mootummaa Ehiopiaan raawwatamu kan yoomuu caalaatti kan itti caale ta’uu isaa Gartuun waayee dhimma mirga namaa addunyaa beekamoon kan akka Amnesty International fi Human right watch deddeebisanii ibsuun ni beekama. Amma illee yakki kun ittuma caalaa jiraachuu isaa gabaasni madda oduu adda addaa hubachiisaa jiru.
Akka tamsaasni radio Amerika gaafa 05 03 06 gabaasetti Godiina Harargee dhihaa magaala Hirnaa keessatti mormii barattoonni armaan dura dhageessisaniin booda namoonni baay’een hidhamanii jiru.
Godiina Harargee dhihaa irraa dararaan irra ga’ee namoota baqatanii Finfinnee jiran sadii haasofsiisuun kan dhiheesse radiion kun akka gabaasetti, Mangudoowwan barattootaa fi maatii mara hidhuu reebuu fi dararuun itti fufuu fi mani barumsaa addaan cituu isaa hubachiisa.
Godiina Harargee dhihaa aanaa Xurnoo magaala Hirnaa irraa akka dhufanii fi barattootaa fi ka bira tookko ammoo daldalaa ta’uu isaanii waraqaan eenyummaa isaanii kan ibsu namoonni 3 sababa barattootaa ji’a darbe keessa ka’een qaammonni bulchiinsaa fi Hidhattoonni mootummaa barattootaa fi jiraattota baay’ee qabanii hidhaa reebaa fi haala adda addaatiin dhiphisaa jiru jechuudhaan radio kanatti gabaasanii jiru jedha maddi oduu kun.
Namoota kana keessa barataa mana barumsaa Hirnaa sadarkaa 2ffaa fi kutaa 10ffaa kan baratu Shariif Ahimad akkas jedha .
’’Namoota halkan halkan manatti deemanii tumaa caccabsaa manaa guuruu, haadhaa abbaa baqachiisaa namoota adda addaa anaa illee waliin qabatee barbaachi waan tureef jecha; ani illee keessaa baqadheen gara magaala kanaatti dhufuu kanan danda’e. Namoonni qabaman sun hundumtuu gara iddoo waraanni itti qubateetti hidhamaa jiru. Yoo namni gaafachuu dhaqe, eessatti wal beektu? Jechuudhaan, tumanii hidhuu.Kan immoo keessa laaffate gara waajjira Poolisiitti fe’anii geessuu.’’ Kan dhehu barataan baqataan kun itti fufuunis akkas jedha.
’’ Namoota akkasumatti akka keenya biyya irraa baqatanii bahan ni jiru. Akka Haaroon Aayyuu ka jedhamuu fi Shaafii Idiriis, Mohaammad Abdallaa, Muktaar Ahmadii fi Abrhaam Yaayyaa nomoota jedhaman isaan illee iddoo biraatti baqatanii deemanii jiru.’’
’’Magaala Hirnaa kana keessaatti haalli jiru amma illee haala yaaddessa dha. Galgala irra deemanii mana namaa caccabsanii nama guuruu. Qotee bulaadhaan nama isin ijaare hima! Jechuudhaan gara maggaalaa alaa baasuudhaan; harka duubatti hidhuudhaan, gaara baasanii isin ajjeesna! yoo nama isin ijaare hin himnne. Jechuun, Bishaan keessa gaggaalagalchaa, baasaa tumu.’’
’’Namoonni hanga ammaa mana hidhaa sana keessatti argaman: Aammee Shankoor, Kadir Ahmad, Shamsaddiin Usmaa’el Badruu, Musxafaa Mobayl, Ahimad Xahaa, Sheek Rashaad namoota jedhaman yoo ta’an; Abraahim Goofaree fi Aammee Shankoor namoonni jedhaman akka malee tumamanii si’a lama mana yaalaatti akka geessaman yoo ta’u; amma illee du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun isaanii bekamaadha.’’ Jechuun haala suukanneessaa garjabina dalagamu kana ibsata.
Kan biros barataadhuma magaala jedhamu kanaa kan ta’ee; baqatee magaala Finfinneetti rakkachaa akka jiru kan ibse barataan Juhaar Abdul Kaarimis akkas jedha.
’’ An barataa dha. Waanan itti as dhufeef baqadheeti. Haalli naannoo rakkisaa waan ta’eef. Mootummaan human Agaazii achitti ramadee barattoota irratti rakkoo adda addaa waan oofaa jiruuf. Kanaan duras na barbaadanii, har’as na barbaadaa rakkoo adda addaa irra waan na oofaniif jecha. Haallii naannootis baay’ee waan rakkisaa ta’eef. Qotee bulaa baay’ee tumanii rakkisaa jiru. Fakkeenyaaf araddaa Rakkataa furaa kan jedhamutti qotee bulaa baay’ee Adda Bilisummaa Oromoon ijaaramtan; situ ijaare jechuudhaan anas na raakkisanii. Anaaf warra keenya illee uleedhaan baay’ee dhaanani.’’ Jechuun rakkoo naannoo kanaa ibsee jiira.
Ka biraan baqataan tokkos barbaadamaa akka jiru kan ibse; isa dhabnii maatii issaa akka qabanii fi hidhamanii jiran dubbatee jira.
Barumsi magaalattii keessatti dhaabachuu isaa kan ibsan barattoonni kun barattoonni hedduunii fi maatiinis hidhamaa waan jiraniif gara qe’eetti deebi’uu sodaannee asitti rakkachaa jirra jedhu. Jedha radiiyoon kun.
Haaluma wal fakkaatuun magaala Calanqootti tarkaanfiin wal fakkaatu barattootaa fi maatii isaanii irra ga’aa akka jiru kan ibsan barattoonni; barsiistota dabalatee barattoonnii fi maanguddoonni mana hidhaa idilee dhaan ala galma tokkotti hidhamaa fi qoratamaa akka jiran VOA dhaaf ibsanii jiru. Jedha VOAn.

Oluma.A 07 05 1969

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|