Saturday, April 15, 2006

Hin duune isin jirtu



Hin duune isin jirtu
Qaqqaalii gootowwan ilmaan Oromootaa,
Wayyaaneen sin qaltus lubbuun sin jannataa!

Ijoollee daa’imman kan isheen isin qalte,
Dardaran Oromoo kann gar dabarsitee,
Maanguuddoota keenyaa ka man hidhaatti guurte,
Harmee ulfa guutuu gara jabinaan miite.
Barataa harka duwwaa boombii baattu jette,
Qalamaaf dabtara harka irra isin buufte,
Oduu dharaatiin kann isin yakkitee,
Yakka hin dalaginitti kan isin dararte,
Mana hidhaa keessatti lubbuun keessa baate
Nuuf jirtu har’a ille isin hin duutani!
Sabni tasa hin du’uu kana haa beekani!!!!

Kaayyoon isin keessan haqni isin gaafattan,
Nu dhaloota as jirrutti kennattaa laadhattan ,
Hin baduu hin shakinaa!
Jirraa isin faana.
Kan nutti kennattan kaayyoon bilisummaa,
Seenaan barreessitan waayee Oromummaa,
Irraa calaqqisa bifti keessan hogguu,
Maatiif lammiin keessan hundinuu isin argu.

Faajjiin isni qabattan halaabaan dhaabbattan,
Bifa keessan ibsu yoomuu bira hin dhibdan.
Gurra keenya keessa sagaleen keessanis,
Nutti dhihoo jirtu fagoo fakkaattanis.
Yogguu hunda isin kaasna sin waliin haasofna,
Guyyaas ta’e halkan yoom isin daganna.

Qalama qabannus Qubeen keenya isini,
Yoo dubbisuuf jennus seenaan kan keessani.
Dalagni keenya hundaa sin waliin qabatee,
Bakka nuti deemnutti hamilee nuuf laatee,
Dhiiga keessantu jira laphee keenya keessa,
Hidda keenya seenee lafee keenya cimsa.

Hayyoota Gootowwan Wayyaaneen isin qaltee,
Tasa hin dandeessu!!! diinni isin owwaaltee.
Hoguu hunda isin jirtu nu biraa hin kufne,
Dalagdanii jirtu akka isin hinduune.

Waa itti fakkaatee ka isin dhabamsiifte,
Isin dararuudhaan qaama keessan miite,
Yakka hiriyaa hin qabne sin irratti raawwatte,
Isheetti fakkaatee nan ajjeese jette.

Beekaa dhaaf wallaalaa,
Mara saba bal’aa,
Osoo addaan hin baasne har’a illee wareegdi,
Seenaa keessan irraa waa barachuu diddi.
Maanguddoof Aayyolii man hidhaatti guurti.
Qaamaan dararuu ishii ajjesuu dha seeti.

Warra garaaf bulan waliin sassaabbatte,
Meeshaawwan hammayyaa biyya hambaa guurratte,
Duula nutti baate addunyaa kadhatte,
Maqaa nuti hinqabneen yakka nu yakkite,
Kan nu dhibamsiiftu waa itti fakkaateeti ,
Baratoota Oromoo gara jabinaan qalti.

Garuu tasa hin ta’u!dhugaan cufa hindu’u!!!
Hedduu taanee jirraa kan bakka isin bu’u!
Dhiignni keessan cophe akka qoosa hin badu!
Dhugaa ta’ee ka’a akka ifa aduu.
Ni ifa bakka cophetti diinni irra hin ejjetu!!!
Bidda dha ishee guba boqonnaa ishee hin laatu.

Har’a dhiigni keessan ibidda itti taa’ee,
Akka isheen facaaste isheetti faca’ee,
Dirree Oromiyaa bakka hundaa ga’ee,
Diina gubaa jira oliif gadi dha’e.

Balleesse, ajjeese ka isheen jechaa turte,
Sabni akka hin duune hubachuu wallalte,
Kunoo har’a maal jetti yennaa marsee sardu?
Dhiigniif lafeen keessan yenna ishee hiddu.

Silaa isin hin raftan ni agartuu hundaayyuu
Kan nuuf dararmtan gootowwan martinuu
Kunoo kaa ilaalaa akka diinni taatu
Surraa keessan sodaa waa qabdu wallaaltu

Guci isin qabsiistan bakka maraa ifee
Bakka seentu dhabde diina hamileen kufee.
Marti sabni keessan kaa’ee wal kakasee
Gumaa keessan baasuuf diina sammuu cabsee.

Sobini ishees saxlamee addunyaan hubatee
Qullaa dhaabbateetti yakkii ishee qabatee.
Dhiigni ishee dhangalaaste bakka hundaa ka’ee
Dhugaa jechun iyyee diina waliin dha’ee.

Haqni maal akka ta’e isaan agarsiifna
Jirreny keessan addunyaatti labsina
Harmee isin deesse daran gammachiisinna
Oromiyaa guddoo blisa nibaasna
Sab-boontota keenyna sin hin duutani tasa!
Bara baraaf jiraattu Oromticha keessa.
Hogguu sin ilaalla hogguu argina
Gootowwan Oromoo sin waliin jiraanna!

Kaayyoo isin nuuf keessan nuti bakkan geenya!
Jannata nuu taa’aa sabboontota keenya.
Gumaa keessan baasna !
Waadaa isinii seenna!
Guca qabsiistaniin ittin diina gubna
Du’a isa hin kaane diina keenya ajjeesna!
Bilisa ni baana nu waliin lalistu
Jannata teessanii hoguu nu eebbistu.
Jannata teessanii hoguu nu eebbistu.

Oluma.A 05 07 1969

1 Comments:

At 10:33 AM, Blogger Mana Oromoo Swiss said...

Dear Oromoo Swiss Editor,

I am pleased that some one has taken upon himself to remember and publicise the sucrifice of Oromo freedom fighters.

keep up the good job!
IUOf

 

Post a Comment

<< Home

|