Tuesday, May 02, 2006

Hidhaa ajjeechaa fi dararaan wayyaaneen Oromoo irraan geessuu itti caalaatuma jira.

Torban lamaan kana keessatti yoomiyyuu caalaa waraanni mootummaa biyyaattii godiina Harargee dhihaa kan akka aanaalee Ciroo, Doobbii, Masaraa, Daaroo Walaabuu, Me’eessoo, Baddeessaa, Hirnaa, Dadar fa’itti; Harargee bahaa keessatti aanaalee akka Haroomaayaa, Awadaay, Qarsaa Meexaa, Baddeessaa fi Harar fa’itti raabsamanii akka jiranii fi barattoonni bakka maqaa dhahaman kanaa martii fi maangudoonnii fi qonnaan bulaan; namoonni Oromummaa isaaniin gaaffii qabaachuu ibsatan marti hidhamaa akka jiran fi keessattuu guyyaa roobii darbe godiina Harargee dhihaa aanaa Me’eesso magaala Asaboot jedhamutti humni waraana mootummaa feederaalaa bakka Ho’aa jedhamu irraa baay’een gara magaalaatti duuluu isaatii fi hojii daldalaatti kan boba’e dargaggoo Mohaammad Sanusmaa’el jehamu ati ABO dha; eenyu faa wajjin akka ijaaramtan baasi jechuundhaan uleen reebanii ajjeesanii jiru. Jedha VOAn ragaa achii argate irratti hundaa'e.

Kana malees namoota hedduun uleedhaan reebanii mana hidhaatti geessuu isaaniitii fi namoonni hedduun immoo qe’ee fi qabeenyaa isaanii gatanii baqachuu isaanii ibsanii jiru. Jedha maddi oduu kun.

Namoota baqannee dhufne jedhan keessaa lama magaala finfinnee keessatti argee haasofsiiseen jira kan jedhu maddi oduu kanaa; Qotee bulaa fi abbaa ijoollee 6 ta’uu isaanii kan ibsaniif Obbo Ibraahim DiinMuhaammad fi Obbo Abdii Adam hojii humnaatiin kan bulan ta’uu ibsee; akka isaan dubbatanitti, nama takka reebichaan edda ajjeesanii booda owwaala illee dhorkuun dhoksaan akka owwaalanii fi taaziyaa illee akka dhorkan dubbatnii jiru.

Kun utuu kanaan jiruu jedha maddi oduu kun, Baddannoottis barattoonnii fi maanguddoonni biyyaa beekamoon Ahmad Sheh Yesuuf, Obbo Dachaas, abbaa warraa fi haadha warraa, Obbo Kamaalii fi Aadee Timiyaa Yeesuufoo, Obbo Eeliyaas Usmaanii fi Obbo Jamaal Useen hidhuu isaanii ibsanii jiru.

Karaa biraanis aanaa Baddeessaa qofaa barattoonni 70 ol hidhamuu isaanii fi barattoonni 10 gara aanaa Bookeetti akka geessanii qonnaan bultoota seelii ABO jalatti ijaaraman baasaa jechuudhaan hidhatootaan reebamaa turan jedha ragaan kun . Jedha VOAn

Barattoota ka biraa 10 qabanii gara aanaa Habroo geessudhaan bifuma wal fakkaatuun reebaa akka turan kan ibsu ragaan jedha raadioon kun. Maanguddoo Sheh Muhaammad jedhaman ati dabballee ABOti jechuudhaan reebamuu isaanii ibsanii jiru. Jedha.

Aanaa Masalaa irrattis Barattoota 30 ta’anii fi qonnaan bulaa 20 ta’an hidhanii, kaan immoo har’amee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii baqachaa akka jiran raadiyoon kun madda ragaa isaa eeruun ibsee jira.

Koolleejjii aanaa Ciroo fi mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Ciroo irraas barattoonni 80 ol-ta’an hidhamanii akka jiran tuquun barattoonni kolleejjichaa 20 immoo akkuma baqataniin hafuun isaanii beekamee jira. Jedha.

Walumaa galatti aanaa Me’eessoo keessatti uummanni miidhaan nu irra ga’e jechuun hiriira ba’ee ibsachuu isaatiin, jennaa ammaatti bulchiinsaa fi kaabinoonni aanaa walga’ii taa’anii wal-qorachaa akka jiranis ibsamee jira. Jedha RaadioVOA afaan Oromoo gaafa 04/25/06 darbe.

Hidhaa ajjeechaa fi dararaan ilmaan Oromoo irra ga’u kun yeroo dhaa yerootti itti caalaa dhufuun isaa jaarmileen beekamoo dhimma mirga namaa kan akka Amnesty International fi Human right watch bareefamaa fi gabaasa isaanii yeroo adda addaatti irra deddeebi’anii ibsuun isaanii ni yaadatama.

Oluma.A 07 05 1969

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|