Tuesday, May 16, 2006

Tokko nu taasisi

By Oluma.a 07 05 1969










Maali falli isaa hooda kanaa beektaa?
Ilmaan kee dhipanee mala isaa nuuf laataa?
Diinnoo nu balleessee attamiin callista?
Harmee Oromiyaa aayyoo Oromootaa.

Galii nutti galtee ilmaa Habashootaa,
Galma kee nu dhaaltee kana egaa maal jetta?
Aayyoo Oromiyaa attamiin callista,
Yoo ilmaan kee dhuman attamiin obsita?
Waa hin qabduu fala?
Mee maatu nuu tola?
Harmee hin callisin,
Kana nutti hin dhiisin.
Waan hodaatu nuqabee,
Falli isaa nu dhibee;
Dhiigatu wal-wallaalee maal cubbuun nu qabe?
Foon fooniin nyaatamee lafeen lafeen caabee,
Haqni wallaalamee dhugaan owwaalamee,
Sabni kee guddichi Oromoon gabroome.
Dhiigatu wal-wallaalee lafeetu lafee cabse,
Nutu wal-balleessee halagaaf dabarse.
Mee kan darben haaga’uu boriif waa nuuf himi,
Ilmaan kee hudaattuu gorsii nuuf dheekkami.
Adda adda akka hin baane akka hinfaffacaane,
Ilmaan kee si dhiisnee akka galtuu hin taane.
Waltiit nu qabii dafii nu gorsadhu,
Booree boorantichaa ilamaanti laadhu.
Akka gantuu hin taane,
Galtuutti hin hidhanne;
Halagaa irra gorree dhiiga laammii hin buusne,
Nuti wal-wallaallee diinaaf hin miijafne;
Minaan ati nuuf laatuu kan diinaati seenee,
Diina harkaa nyaachuuf akka hin gowwoomene.
Hunduu hankee akka ta’e kan diinni isaaf laatu,
Mee galticha nuuf gorsi akka inni hubatu;
Yoo ati bilisoomte akka quufee nyaatu,
Harka diinaan dhiisee ofii issaan fudhatu;
Dhangaa kee isa hin dhumne akka inni argatu,
Kabajaaf ulfinaan akka inni jiraatu;
Kan yoo taanee qofa yennaa bilsoomnu,
Kana itti nuuf himi kaayyoo kana jalatti akka tokko taanu.
Yoo akkas ta’e qofa kabajaan jiraannu,
Siinis gammaachiifnee lammiifis kan taanu.

Himii nuuf dheekkami kan garmalee deemutti,
Galma kee ulfinaa kan gurguruuf jedhutti;
Ilma kee sabboonaa ajjeesuuf kan ganutti,
Tari yoo dhaga’e nuuf dheekkami isatti;
Nuuf gorsii deebisi kan qalbiin tamsa’e,
Tari wallaaleetii yookaanis waata’ee.

Isa dur nuu ba’e gadhee qaraa ta’ee,
Silaa abdii hin qabuu as galuuf deebi’e;
Dur diigaan cuuphatee lammii issaa ajjeesee
Isa nutti hin kaasin waatu isa jal’isee.

Halagaa irra goree dhiiga lammii buuse,
Garaa isaaf jecha haadhoo issa ajjeese,
Minaan ati laattuuf kan Tigrootaa se’ee,
Icitii kee mara gadi baasee haasa’ee.

Gaaraaf galii galee mana haadhoo issa dhiisee,
Gochaan Habashootaa kan isa joonjesse,
Dhiiga Oromummaa keessaa isaa balleesse,
Maqaaf jirtee namaa kan garaan ajjeese;
Harmee isaa kan gube haadha isa deesse,
Eenyuuf garaa laafa kan garaan joonjesse.
Isa nutti hin waamin walitti hin deebinu,
Dhagaa gargar cabee walitti hin fayyinuu.

Gumaa haadha issaa kan abbaas callisee,
Innuu itti dabalee haadhoo isaa ajjeesee,
Diina waliin nyaate hirmii laguu dhiisee,
Gola ayyoo isaa halagaa dhaalchisee,
Obboleessa isaa irra garaa isaa caalichisee,
Dhiinaaf gurra ta’ee maatii issaa basaasee,
Dhiiga Oromootaa meeqa dhangalaasee,
Maatii lammii meeqa gara dhabamsiisee,
Haadha ,Abbaa, Ijoollee maatii tatamsaase.

Aayyoo koo obsa kee garaan daaraf daakuu,
Harkaan hin godhannee kan siif kenne fokkuu;
Warri hafan jaalalaan waliin akka bulan,
Warra gumaa hin taane tasa wal-wallaaluun;
Akka hin laaffanne dhiigni Oromummaa,
Tokkicha nuuf kadhu Waaqa kee ganamaa.
Kan hafe qajeelchee walitti akka qabu,
Ilmaan kees gorsadhu barri hanga darbu.
Imimmaan kees obissi nutti ta’aa cubbuu,
Hin ooluu gaaf tokko barri kunis darbuu.

Safuu seera uumamaa naamuusa kee durrii,
Ilmaan keettis himii toora raabaa doorii,
Kabaja hangafaa ulfina jaarsolii,
Obsaaf wal-danda’uu maatii war-sagalii,
Waa wal-dhaggeeffachuu dura callisanii,
Mee kana nu gorsi Ayyoo hin usinii.

Gaargar faffacaasee yoo diinni nu qalu,
Tooftaa adda addaan shira nutti malu,
Kan kaleessaa haa-ga’uu har’a nugorfadhu,
Harmee nutti dafi mee mala nuu ladhu.

Ilmaan kee wal qoodnee bakka sagalitti,
Seera kee cabsinee hidhannee diinatti,
Lammuu akka hin gowwoomne,
Nuu himi ilmaan keetti akka hin daganne.

Kaleesa dagannee wangoo hoolaa seenee,
Wajjiniin haasa’uuf beellama qabannee,
Wangoon nu nyachuudhaaf of irratti arganne,
Ayyoo akka gowwoomne har’as irraanfannee,
Ilmaan kee nu gorsi kana si kadhannee.

Shiraaf kan deemanis har’a illee nu keessa,
Gurmuukee diiganii nu gochuuf hiyyeessa,
Kan yoo dhaga’anii Aayyoo ammas nuuf gorsi,
Ilmaan kee hunda iyyuu karaatti deebisi.
Kaayyoo kee nuu ibssi,isatu nu qajeelchaa,
Ilmaan kees barsiisi,beekkaatu biyya bulchaa.
Karaa irraa yoo maqan karatti deebisi,
Wlitti nu qabii tokkoo nu-taasisi.
Galiif galma keenya tokkoon nu jaarsisi,
Gaaddisa kee jalatti kaayyoo keef nu tumsi.
Galii galma keenya tokkoon nu jaarsisi,
Ilmaan Oromootaa tokko nu taasisi.
Yoo kun ta’e qofa,Wal caccabsuun hafa.
Yoo akkas ta’e qofa,Bilisummaan dhufa.
Jehiitii nuuf himi ilmaan kee maratti,
Walitti nu qabii Odaa kee jalatti,
Ifa kee nuuf baasii biiftuu ishee brii,
Bakkaalchas nuuf ibsi fakkii bifa gaarii;
Diimaa irraaf jallaa magariisa gidduun,
Walitti sassaabii nu bulchi jaalalaan.
Halaabaa kee jalatti galma kee keessatti,
Walitti nu qabi akka bilisoomnutt.
Kanaan nu eebbisi akka nu milkoofnu;
Injifanno argannee akka bilisoomnu.

VICTORY TO THE OROMO PEOPLE
Oluma.a 07 05 1969

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|