Monday, December 18, 2006

Kanaa halaabaan keenya?

By Abera Oluma.
Walaloo darban waliin kan wal qabatanii fi itti fufa isaa. Kanaa halaabaan keenya? Mallattoon Oromoo?
Kanaa halaabaan keenya? mee namuu deebisaa;
Dhiigaan dhufe han jettan jedhaa kaa odeessaa.
Harmee irraa harma muree, abbee nafa muree,
Biyya keenya gubee daa’imman cicciree;
Kan diinni dhaabbate mallattoo gabrummaa,
Halaabaan habashaa Oromoof maalumaa?
Shanee AFD qaanoftuu xiqqumaa?
Jalatti kan boqottan jedhaa kaa nuuf himaa.

“Lakkii kunoo sobaa tooftaadhaaf hojjennee,
Maali yoo callistan kanfeene yoo goone?”
Jechuu qofa malee mee deebii maal qabdan?
Qabatamaan himaa haqaafa yoo dhaabbattan.

Shanee AFD jedhaa kaa nuuf himaa,
Suura armaan oliif deebii oromummaa.
AFD jaaruuf qabsoon bar soddomaa,
Haalbicha uffachuuf Tikisuuf Ethiopiyummaa;
Halaabaa habashaa jala boqottanii;
Suuraa babbareedeuu jalatti kaatani.
Warra gumaa waliin wal dhudhungattanii,
Maaltu isin dhibe!!! Maal keessan tuqani?
Siniin maaltu tuqa? Kan feetan yoo taatan,
Gita waan hin qabneef saba tuffiin keessan.

Hugguma “tumsa” keessan “Tooftaaf” tumattani.
Mee Halaabaa Oromoo maaloo attam gootanii?
Waa irraa nuuf himtuu? eessa akka keessanii,
Ilmaan Habashaatu sin jalaa dhoksanii?
Isintu waame mitii Tumsa kana ijaaruuf?
Walitti kan qabe diina xiqqeeffachuuf?
Maaltu isin dirqe ree Mooficha uffachuuf?
Maarree eessa gootan halaabaa Oromoo?
Jaratti gadi baasuu waa sodaattani moo?
Mee nuu himaa waa irra keenya attam gootanii?
Halaabaa Habashaa maaliif uffattanii?
Halaabaa ABO maaliin geddartaniiiii???
Meeqaan gurgurtani?Meeqa itti argattani?

“Lakkii akkas mitii dogoggoratu jiraa,
Suuraa yennaa kaasu Tekonooloogiin baraa.
Isa suuraa kaasutu irra kaawuu dide,
Halaaban ABO jira ture maddee;"
Jechuu maltu laata saba gowwoomfachuuf?
Salphina keessaniif arraba dheerachuuf.

Yookaan osoo hin beekin bu’ee keessaa badee?
Jedhaa kaa dubbadhaa Tumsa sintoo fidee.
Jadhaa kaa nuu himaa sin jalaawoo hin dhumuu,
Silaa Oromoo sobuuf hin dhabdanii sammuu.
Jedhaa kaa waa himaa sabatti ammas qoosaa,
Dhugaa lafa jiru Oromticha dhoksaa.
Kan gabaan Ordeessu gowwaan niitii dhoksa
Jedha Oromotichi yoo himu quuqqaa isaa.

Hugum “dunuunfadhaa” tooftaa keessan kanaa!
Nutti hin odeessinaa egaa isin beeknaa.
Lamuu nu gurguruuf tooftaa keessan kana,
Usaa nu irraa taa'aa adabadhaa jenna.

Kanaa ala hin jiru lamuu hingowwoomnu!!!
Sinis deemaa dhaqaa; sin faana hin dhufnu!!!
Guyyaan garuu jira kan isin gaafannu,
Guyyaan bilisoomnee hudumaa dubbannu.

Kanaaf qoosaa dhiisaa! Usaa hin jedhinaa,
Badii irraa deebi’aa; tuffiin hin fiiginaa.
Jecha oofa keessanii unuun hin jedhinaa,
“Eessa geessi” jechuun saba hintuffatinaa.
Nam meeqadha isin jedhuun hinqoosinaa;
Isintu xinnoo dha!!! diddan sin salphisna.

Sabatti gurra qabaa; jaarsa dhaggeeffadhaa,
Sirraawuu yoo feetan gorsa hayyuu fudhaa.
Dhiigoma yoo qabaattan dhiifama gaafadhaa,
Saba keenya gantan yeroon araarfadhaa.
Kaayyoo ganamaatti sammuu as deeffadhaa,
Kana isiniin jennaa saba dhaggeeffa dhaa.

Sabni kana jedha utuu lafti hin sokkin,
Gochaan keessan hamaan dhiiga utuu hin buusin.
Warri kaayyoo gantan karaa irraa maqxan,
Utuu Oromoon jiruu diinatti irkattan;
Haadha utuu qadanii harma diinaa hootan,
Dhaabadhaa of laalaa eessa akka jirtan.

Maqaa gootowwaniin lafee abbootiitiin,
Dhiiga Oromummaa safuu Oromootiin.
Eeyyee of sirreessaa yeroon as deebi’aa,
Kanaachi tutturraan isinti dhiyaa.
Booddeen dukkana dha bakka keessan dhabdu,
Habashaan isin ganti ofuu iddoo hin qabduu;
Hallayyaa seentanii ofumaa caccabduu,
Waareegama gantuu kafaltanii badduu;
Seenaa gadhee qabduu kana isinuu beektu,
Har’a hubattan malee bor kun hin argamtuu.
Dhiifama gaafadhaa Saba tuffatan,
Yeroon as deebi'aa fala yoo feetan.

Jaallewwan kaleessa qabsicha eegalan,
Hoggantoonii dhugaa kan har’a illee jiran;
Sabboontonni Oromoo bilisummaa jedhan,
Gantummaa akkasii tasa tasa hin fedhan.

Kaayyoon isin gantan biyya walaboomsu,
Dhiigatu itii cophe; lafeetu iti cabe; kanaaf sabni hinobsu!!!
“Usaa!!!” isin jettanis kanaaf namuu hin usu,
Shanee bakki jirtan soba isin hin baasu.

Hayyuu hedduu qabnaa kan waa isin gorsu,
Koottaa gurra qisaa; akka isin sirreessu.
Cubbuu keessan hunda akka isiiniif haqan,
Saba isin tuffattan isiniif araarsan;
Jaarsolii ni qabnaa yoo barachuu feetan,
Dogoggoraaf badii keessan yoo hubattn.

Yeroon as deebi’aa harma diinaa jalaa,
Bubbullaan hintoltuu lammiin sin wallaalaa.
Koottaa as deebi’aa mooraa diinaa keessaa,
Cubbuu dalagdaniif kanatu isin baasaa.
Kana egaa falli yoo kabaja feetan,
Dhiiga Oromummaa haqaan yoo qabaattn.

Kanaach egaa deemaa; nu duukaa hin laalinaa,
Isintu nu ganee nutti hin dubbatinaa.
Maaliif nu saaxiltu jettanii hin iyyinaa,
Nu dhaga’uu baannaan sichi egaa isin diinaa.
Kadhaa isinii hin qabnu! gantuu hin kadhatanii,
Kan of hin dandeenyee galtuu hin kabajanii.

Hayyuu baay’ee qabnaa; beekaan keenya hedduu,
Hoggantoota qabsoos goota diina hidduu;
Kana isinis beektu; diinni illee ni beektii,
Kanaaf isin tuffattee galchuu illee isin diddii.

Qabsoon itti fufa Tigree hinkadhannu,
Abadan abadan Amaaras hinfeenu!!!
Of irratti irkanee hanga galma geenyu,
Qabsoon itti fufti hagasuu hinteenyu!!!

Qabsoon laafte jennee diina harma hin hoonu,
Aadaa Oromtichaa abadan hin gannu.
Hagam dararamnu diinaa hin jilgeenfannu,
Gumaan baana malee, diina harma hin hoonu,
Booree booranaati diina hin kadhannu.

Qabsoon haqaan dhufti kaayyoo ganamaatiin,
Duubatti hin deebitu dhiiga Oromummaatiin;
Ethiopiummaan kuftee Oromiyaan dhufti,
Kun haqa dubiiti diinnillee ni beekti.
Gantuun achi baatus qabsoon itti fufti.
Oromoota dhugaaf aduun barii ifti.

Addi bilisummaa qabsoo itti fuufa.
Shirri diinni xaxxu burkutaayee kufa.
ABOn ni cima qabsoon itti fufa,
Oromiyaa Walabni qabsoo keenyaan dhufa!!!!!

Itti fufa!!!

Abera Oluma.

Thursday, December 21, 2006

Kanaa Halabaan keenya?

By Abera Oluma.

Walaloo darban waliin kan wal qabatanii fi itti fufa isaa. Kanaa halaabaan keenya? Mallattoon
Oromoo?

Petition BRING THE ATTENTION OF ISSAYAS AFEWORKI TO THE CASE OF HERO
STUDENTS AND JOURNALISTS FROM OROMIA

You can help make this petition a success. Please use this link: http://www.thepetitionsite.com/takeaction/360930963?ltl=1166273888You can make a difference. Share this petition with your friends and family. Thank you.

Abera Oluma.

Saturday, April 15, 2006

Hin duune isin jirtu

Hin duune isin jirtu
Qaqqaalii gootowwan ilmaan Oromootaa,
Wayyaaneen sin qaltus lubbuun sin jannataa!

Ijoollee daa’imman kan isheen isin qalte,
Dardaran Oromoo kann gar dabarsitee,
Maanguuddoota keenyaa ka man hidhaatti guurte,
Harmee ulfa guutuu gara jabinaan miite.
Barataa harka duwwaa boombii baattu jette,
Qalamaaf dabtara harka irra isin buufte,
Oduu dharaatiin kann isin yakkitee,
Yakka hin dalaginitti kan isin dararte,
Mana hidhaa keessatti lubbuun keessa baate
Nuuf jirtu har’a ille isin hin duutani!
Sabni tasa hin du’uu kana haa beekani!!!!

Kaayyoon isin keessan haqni isin gaafattan,
Nu dhaloota as jirrutti kennattaa laadhattan ,
Hin baduu hin shakinaa!
Jirraa isin faana.
Kan nutti kennattan kaayyoon bilisummaa,
Seenaan barreessitan waayee Oromummaa,
Irraa calaqqisa bifti keessan hogguu,
Maatiif lammiin keessan hundinuu isin argu.

Faajjiin isni qabattan halaabaan dhaabbattan,
Bifa keessan ibsu yoomuu bira hin dhibdan.
Gurra keenya keessa sagaleen keessanis,
Nutti dhihoo jirtu fagoo fakkaattanis.
Yogguu hunda isin kaasna sin waliin haasofna,
Guyyaas ta’e halkan yoom isin daganna.

Qalama qabannus Qubeen keenya isini,
Yoo dubbisuuf jennus seenaan kan keessani.
Dalagni keenya hundaa sin waliin qabatee,
Bakka nuti deemnutti hamilee nuuf laatee,
Dhiiga keessantu jira laphee keenya keessa,
Hidda keenya seenee lafee keenya cimsa.

Hayyoota Gootowwan Wayyaaneen isin qaltee,
Tasa hin dandeessu!!! diinni isin owwaaltee.
Hoguu hunda isin jirtu nu biraa hin kufne,
Dalagdanii jirtu akka isin hinduune.

Waa itti fakkaatee ka isin dhabamsiifte,
Isin dararuudhaan qaama keessan miite,
Yakka hiriyaa hin qabne sin irratti raawwatte,
Isheetti fakkaatee nan ajjeese jette.

Beekaa dhaaf wallaalaa,
Mara saba bal’aa,
Osoo addaan hin baasne har’a illee wareegdi,
Seenaa keessan irraa waa barachuu diddi.
Maanguddoof Aayyolii man hidhaatti guurti.
Qaamaan dararuu ishii ajjesuu dha seeti.

Warra garaaf bulan waliin sassaabbatte,
Meeshaawwan hammayyaa biyya hambaa guurratte,
Duula nutti baate addunyaa kadhatte,
Maqaa nuti hinqabneen yakka nu yakkite,
Kan nu dhibamsiiftu waa itti fakkaateeti ,
Baratoota Oromoo gara jabinaan qalti.

Garuu tasa hin ta’u!dhugaan cufa hindu’u!!!
Hedduu taanee jirraa kan bakka isin bu’u!
Dhiignni keessan cophe akka qoosa hin badu!
Dhugaa ta’ee ka’a akka ifa aduu.
Ni ifa bakka cophetti diinni irra hin ejjetu!!!
Bidda dha ishee guba boqonnaa ishee hin laatu.

Har’a dhiigni keessan ibidda itti taa’ee,
Akka isheen facaaste isheetti faca’ee,
Dirree Oromiyaa bakka hundaa ga’ee,
Diina gubaa jira oliif gadi dha’e.

Balleesse, ajjeese ka isheen jechaa turte,
Sabni akka hin duune hubachuu wallalte,
Kunoo har’a maal jetti yennaa marsee sardu?
Dhiigniif lafeen keessan yenna ishee hiddu.

Silaa isin hin raftan ni agartuu hundaayyuu
Kan nuuf dararmtan gootowwan martinuu
Kunoo kaa ilaalaa akka diinni taatu
Surraa keessan sodaa waa qabdu wallaaltu

Guci isin qabsiistan bakka maraa ifee
Bakka seentu dhabde diina hamileen kufee.
Marti sabni keessan kaa’ee wal kakasee
Gumaa keessan baasuuf diina sammuu cabsee.

Sobini ishees saxlamee addunyaan hubatee
Qullaa dhaabbateetti yakkii ishee qabatee.
Dhiigni ishee dhangalaaste bakka hundaa ka’ee
Dhugaa jechun iyyee diina waliin dha’ee.

Haqni maal akka ta’e isaan agarsiifna
Jirreny keessan addunyaatti labsina
Harmee isin deesse daran gammachiisinna
Oromiyaa guddoo blisa nibaasna
Sab-boontota keenyna sin hin duutani tasa!
Bara baraaf jiraattu Oromticha keessa.
Hogguu sin ilaalla hogguu argina
Gootowwan Oromoo sin waliin jiraanna!

Kaayyoo isin nuuf keessan nuti bakkan geenya!
Jannata nuu taa’aa sabboontota keenya.
Gumaa keessan baasna !
Waadaa isinii seenna!
Guca qabsiistaniin ittin diina gubna
Du’a isa hin kaane diina keenya ajjeesna!
Bilisa ni baana nu waliin lalistu
Jannata teessanii hoguu nu eebbistu.
Jannata teessanii hoguu nu eebbistu.

Oluma.A 05 07 1969

|