Monday, December 18, 2006

Kanaa halaabaan keenya?



By Abera Oluma.
Walaloo darban waliin kan wal qabatanii fi itti fufa isaa. Kanaa halaabaan keenya? Mallattoon Oromoo?
Kanaa halaabaan keenya? mee namuu deebisaa;
Dhiigaan dhufe han jettan jedhaa kaa odeessaa.
Harmee irraa harma muree, abbee nafa muree,
Biyya keenya gubee daa’imman cicciree;
Kan diinni dhaabbate mallattoo gabrummaa,
Halaabaan habashaa Oromoof maalumaa?
Shanee AFD qaanoftuu xiqqumaa?
Jalatti kan boqottan jedhaa kaa nuuf himaa.

“Lakkii kunoo sobaa tooftaadhaaf hojjennee,
Maali yoo callistan kanfeene yoo goone?”
Jechuu qofa malee mee deebii maal qabdan?
Qabatamaan himaa haqaafa yoo dhaabbattan.

Shanee AFD jedhaa kaa nuuf himaa,
Suura armaan oliif deebii oromummaa.
AFD jaaruuf qabsoon bar soddomaa,
Haalbicha uffachuuf Tikisuuf Ethiopiyummaa;
Halaabaa habashaa jala boqottanii;
Suuraa babbareedeuu jalatti kaatani.
Warra gumaa waliin wal dhudhungattanii,
Maaltu isin dhibe!!! Maal keessan tuqani?
Siniin maaltu tuqa? Kan feetan yoo taatan,
Gita waan hin qabneef saba tuffiin keessan.

Hugguma “tumsa” keessan “Tooftaaf” tumattani.
Mee Halaabaa Oromoo maaloo attam gootanii?
Waa irraa nuuf himtuu? eessa akka keessanii,
Ilmaan Habashaatu sin jalaa dhoksanii?
Isintu waame mitii Tumsa kana ijaaruuf?
Walitti kan qabe diina xiqqeeffachuuf?
Maaltu isin dirqe ree Mooficha uffachuuf?
Maarree eessa gootan halaabaa Oromoo?
Jaratti gadi baasuu waa sodaattani moo?
Mee nuu himaa waa irra keenya attam gootanii?
Halaabaa Habashaa maaliif uffattanii?
Halaabaa ABO maaliin geddartaniiiii???
Meeqaan gurgurtani?Meeqa itti argattani?

“Lakkii akkas mitii dogoggoratu jiraa,
Suuraa yennaa kaasu Tekonooloogiin baraa.
Isa suuraa kaasutu irra kaawuu dide,
Halaaban ABO jira ture maddee;"
Jechuu maltu laata saba gowwoomfachuuf?
Salphina keessaniif arraba dheerachuuf.

Yookaan osoo hin beekin bu’ee keessaa badee?
Jedhaa kaa dubbadhaa Tumsa sintoo fidee.
Jadhaa kaa nuu himaa sin jalaawoo hin dhumuu,
Silaa Oromoo sobuuf hin dhabdanii sammuu.
Jedhaa kaa waa himaa sabatti ammas qoosaa,
Dhugaa lafa jiru Oromticha dhoksaa.
Kan gabaan Ordeessu gowwaan niitii dhoksa
Jedha Oromotichi yoo himu quuqqaa isaa.

Hugum “dunuunfadhaa” tooftaa keessan kanaa!
Nutti hin odeessinaa egaa isin beeknaa.
Lamuu nu gurguruuf tooftaa keessan kana,
Usaa nu irraa taa'aa adabadhaa jenna.

Kanaa ala hin jiru lamuu hingowwoomnu!!!
Sinis deemaa dhaqaa; sin faana hin dhufnu!!!
Guyyaan garuu jira kan isin gaafannu,
Guyyaan bilisoomnee hudumaa dubbannu.

Kanaaf qoosaa dhiisaa! Usaa hin jedhinaa,
Badii irraa deebi’aa; tuffiin hin fiiginaa.
Jecha oofa keessanii unuun hin jedhinaa,
“Eessa geessi” jechuun saba hintuffatinaa.
Nam meeqadha isin jedhuun hinqoosinaa;
Isintu xinnoo dha!!! diddan sin salphisna.

Sabatti gurra qabaa; jaarsa dhaggeeffadhaa,
Sirraawuu yoo feetan gorsa hayyuu fudhaa.
Dhiigoma yoo qabaattan dhiifama gaafadhaa,
Saba keenya gantan yeroon araarfadhaa.
Kaayyoo ganamaatti sammuu as deeffadhaa,
Kana isiniin jennaa saba dhaggeeffa dhaa.

Sabni kana jedha utuu lafti hin sokkin,
Gochaan keessan hamaan dhiiga utuu hin buusin.
Warri kaayyoo gantan karaa irraa maqxan,
Utuu Oromoon jiruu diinatti irkattan;
Haadha utuu qadanii harma diinaa hootan,
Dhaabadhaa of laalaa eessa akka jirtan.

Maqaa gootowwaniin lafee abbootiitiin,
Dhiiga Oromummaa safuu Oromootiin.
Eeyyee of sirreessaa yeroon as deebi’aa,
Kanaachi tutturraan isinti dhiyaa.
Booddeen dukkana dha bakka keessan dhabdu,
Habashaan isin ganti ofuu iddoo hin qabduu;
Hallayyaa seentanii ofumaa caccabduu,
Waareegama gantuu kafaltanii badduu;
Seenaa gadhee qabduu kana isinuu beektu,
Har’a hubattan malee bor kun hin argamtuu.
Dhiifama gaafadhaa Saba tuffatan,
Yeroon as deebi'aa fala yoo feetan.

Jaallewwan kaleessa qabsicha eegalan,
Hoggantoonii dhugaa kan har’a illee jiran;
Sabboontonni Oromoo bilisummaa jedhan,
Gantummaa akkasii tasa tasa hin fedhan.

Kaayyoon isin gantan biyya walaboomsu,
Dhiigatu itii cophe; lafeetu iti cabe; kanaaf sabni hinobsu!!!
“Usaa!!!” isin jettanis kanaaf namuu hin usu,
Shanee bakki jirtan soba isin hin baasu.

Hayyuu hedduu qabnaa kan waa isin gorsu,
Koottaa gurra qisaa; akka isin sirreessu.
Cubbuu keessan hunda akka isiiniif haqan,
Saba isin tuffattan isiniif araarsan;
Jaarsolii ni qabnaa yoo barachuu feetan,
Dogoggoraaf badii keessan yoo hubattn.

Yeroon as deebi’aa harma diinaa jalaa,
Bubbullaan hintoltuu lammiin sin wallaalaa.
Koottaa as deebi’aa mooraa diinaa keessaa,
Cubbuu dalagdaniif kanatu isin baasaa.
Kana egaa falli yoo kabaja feetan,
Dhiiga Oromummaa haqaan yoo qabaattn.

Kanaach egaa deemaa; nu duukaa hin laalinaa,
Isintu nu ganee nutti hin dubbatinaa.
Maaliif nu saaxiltu jettanii hin iyyinaa,
Nu dhaga’uu baannaan sichi egaa isin diinaa.
Kadhaa isinii hin qabnu! gantuu hin kadhatanii,
Kan of hin dandeenyee galtuu hin kabajanii.

Hayyuu baay’ee qabnaa; beekaan keenya hedduu,
Hoggantoota qabsoos goota diina hidduu;
Kana isinis beektu; diinni illee ni beektii,
Kanaaf isin tuffattee galchuu illee isin diddii.

Qabsoon itti fufa Tigree hinkadhannu,
Abadan abadan Amaaras hinfeenu!!!
Of irratti irkanee hanga galma geenyu,
Qabsoon itti fufti hagasuu hinteenyu!!!

Qabsoon laafte jennee diina harma hin hoonu,
Aadaa Oromtichaa abadan hin gannu.
Hagam dararamnu diinaa hin jilgeenfannu,
Gumaan baana malee, diina harma hin hoonu,
Booree booranaati diina hin kadhannu.

Qabsoon haqaan dhufti kaayyoo ganamaatiin,
Duubatti hin deebitu dhiiga Oromummaatiin;
Ethiopiummaan kuftee Oromiyaan dhufti,
Kun haqa dubiiti diinnillee ni beekti.
Gantuun achi baatus qabsoon itti fufti.
Oromoota dhugaaf aduun barii ifti.

Addi bilisummaa qabsoo itti fuufa.
Shirri diinni xaxxu burkutaayee kufa.
ABOn ni cima qabsoon itti fufa,
Oromiyaa Walabni qabsoo keenyaan dhufa!!!!!


Itti fufa!!!

Abera Oluma.

2 Comments:

At 1:24 AM, Anonymous Anonymous said...

Booree booranaati diina hin kadhannu

Daandiin Bilisummaa gufuu heddu qaba
Kaan dhagaa kaan qoree nama dhowwu hiriibba
Booree mirga uumaa dhugaatu uttuba
Diinni hin kadhataamu kan cincaawu bobaa
Akka uumaa foccii seenaa dhugaatu jibba!

Fajjii Maddaa Walabuu malatoo tokkummaa
Gurracha –Diimaa-Addii siida Oromummaa
Booree mirga uumaa kan Boran Barentummaa
Ribuu gootota Oromoon egeree fanifamaa!

Aadaa Oromoo farsuu hin beekan waan gumaa
Sirna Gadaa oddeesu hin qaban birmadummaa
Safuu kalachaa fi bokkuu cabsan akka suphee
Sirna gabrummaan qoosu maarxoonsaaani haphee
Afaan looqodaa farsuu dubbii seenaa gaddaa
Kayyoo sabaa jedhuu deefachuuf sirna gadaa
Fajjii-Madda- Walabuu maaf gatan eengadaa?
Ibsa hin qaban garuu kan nama dhibuu hooda!

“Kan dabre hin darbatan” jechi Oromoo gorsa
„Riibu ibbidda buute“ kan shaanee mee dhisa
„Egeree seenaa boruu“abbaatu of guddisaa
Daandii Bilisummaaf goota nyaatu hagamsaa
Qabsoof humna ittituu tokkummaattu kuusaa
Kan ijoollee ayyaa qunaamtti diriirsaa!


G. Roobaa

 
At 12:23 PM, Anonymous Anonymous said...

Gantoonni kun har'a as deebi'anii saba keenyaaf dhaabbachuu danda'u abdii jedhu ani hin qabu. Mee yoo danda'ame dhaamsa ABOn waggaa haaraa bara 2004 irratti sabaaf Raadiyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti godhe as irrattillee dhiheessaatii dhaggeefadhaa.

Jarreen kun diiggaa isaanii fi diina jala galuuf akka isaan harka lafa jalaan hojjechaa turan ifatti dubbatanii turan.

Kunoo har'a ragaa guddaa dha.

Maaloo yoo danda'ame sagantaa Raadiyoo kanaa kan 2004 waggaa haaraa mee as irratti nuu godhaa.

Galatoomaa. Galiin keenya bilisummaa dha.

 

Post a Comment

<< Home

|