Sunday, December 10, 2006

Taa’aa isin barree! yaa gantoota Shanee.

By Abera Oluma
Taa’aa isin barree! yaa gantoota Shanee.
Kabaja Oromoo isintu hin feenee.

Mana keenya diiguuf nu keessa lo’anii,
Bar soddoma guutuu nu keessa taa’ani,
Qaamaan Oromoota sammuun gabroomanii,
Meeshaa diinaa ta’uun diinaaf basaasanii,
Jaarmaa keenya diiguuf oliif gadi jedhanii,
Kunoo guyyaan geenyaan ifa of baasanii;
Diina keenyaa wajjin tumsa tumatani.

Kaleessaa of dhoksuun Dhaaba laashessanii,
Waraana diiganii biyya ambaa galchanii;
Sadoof ofii malee kaan irranfatanii,
Maqaa bilisummaan Toophiyummaa fidanii;
Oromiyaa deeffachuu Kaayyoo isa ganamaa,
Jaallan itti dhuman gaaffii abbaa biyyummaa;
“Sabni haamurteessu jechuun kijibanii,”
Toophiyummaa tikisuuf tumsa tumatani.
“Sabatu beeka isaa kan fedhe filachuu,
Nuti lafaa hin qaabnu kana sana jechuu;”
Jechuun irraa dibuun kaayyoollee haqanii,
Afaaan nu faajjessuuf warri hin beekene qaanii.

Waraana tamsaasuun kaayyoolle haqanii,
Sabbooticha Oromoo of keessaa darbanii;
Maqaa qofa malee dhaaba balleessanii,
Bu’aa ofii qofaaf oliif gad fiiganii;
Maqaa ABOtiin meeqa xibaaranii,
Dhiiga dhangala’e hunda irraanfatanii,
Diinatti nu galchuuf tumsa tumatani.

Gurri isaanii homaa kan lammii hin dhaga’u,
Dantaa adamsuu malee haqaa hin danda’u;
Lapheen Oromummaa itti hin dhaga’amuu,
Heeraaf seera Oromoof hin qabanii sammuu.

Gorsa diinaa malee lammii tuffatanii,
Utuu sabni iyyuu gurra duuchatanii;
Eessa geessi jechuun dantaa filatanii,
Har’a ifa of baasan xumurre jedhanii.


Hoggana fakkaachuun hoogana ta’anii,
Saba qabsoof kaatu gara dhabsiisanii,
“Oromootu hin kaane kaanatiif dadhabne,
Ollaa gaarii dhabne kanaaf lolli hinmalle;
Addunyaan luuccoftee maal nu illee yoo gallee!”
Jechuun as bahanii Shaneen qaanii malee.

Dhabamsiifne se’uun qabsoo dhaaba kaanaa,
Badhaasa fudhachuuf matta’aa harka kennaa;
Diina jala galuun Saba hamiilee cabsuuf,
Dhiiga Oromtichaa lamuu diinaaf cobsuuf;
Baqataa Oromoo Keenyaa irraa coranii,
Daangaa Ertira eeguuf gumaacha godhanii;
Kaanis maqaa tumsaan Amaaraaf kennanii,
Akka horii isaanii Sabatti qoosanii.

Huggum tooftaa akkanaa yaa gantoota Shanee,
Lamuu egaa hinjiru dhaqaa isin argannee!!!

Daa’imman Oromoo mana barumsaa irraa,
Ibiddatti naquun ololuun waan dharaa;
“Nutu isaan qindeesse” jechuun duubaa iyyuun,
Akka diinni ajjeesuuf ittuu ragaa ba’uun,
“Nutu duuba jira nutu isaan kakaase.
Dabballoota keenyatu diddaa isaa qindeesse.
Waamichee keenyati ijoolleen dhageesse,
Wayyanee kuffisuuf nutu itti kakaase.”
Jechuun lallabuudhaan meeshaa sab qunnamtiin,
Irbaata rasaasaa daa’imman taasisan.

Mee hunduu dhagahaa kan daa’imman qabdan,
Ijoollee wallaalaa kan guddachuu malan,
Rasaasaan ficiisuun ibiddatti naquun,
Akka bor hin geenyeef barumsa irraa dhorkuun;
Kana warri Shanee egaa sammuun isaanii,
Bu’aa qabsoo keenyaa kan isaan jedhani.
Cubbuun daa’immanii isaan haa gaafatuu!
Seenaan saba keenyaa kana hin irraanfatu.

Diddaa gabrummaadhaa waan har’aa godhanii
“Waggaa tokkooffa isaa” jechuudhaan qoosanii
Qbasoo uummatichaas kunoo xumuranii
Egaa isaan ga’ee galuudhaaf ka’ani.


Saba afaan faajjessuuf guyyaa dhaan abjootu,
Harka diinaa galchuuf waa sagal wawwaatu.
’’Amaarri Tigree loltii maal yoo itti hidhanne?
Diplomaasii addunyaa yoo ittiin arganne.
Filannoo keessattis yoo qooda fudhanne,
Karaa fedhe maraan taayitaa yoo qabanne;
Maali yoo ilaalle karaa nuuf gabaabaa?
Taayitaa qabannaan mee maaltu nu dhibaa?’’
Jechuudhaan abjoochuun saba afaan faajjessuuf,
Kafaltii harka kennaa diina irraa fudhachuuf.

Mee maal gaaffiin keenya biyya moo taayitaa dha?
Dhiigni dhangala’u mee maaliif jechadha?
Eenyu diinni keenya kan nuun nu gabroomse?
Amaaran eessatti eenyutu nu araarse?
Dhiifama jedhanii miidhaa isaaniitiif?
Yakka harka muraa yakka harma muuraaf;
Tari gadnuu dhiisuu biyya abbaa keenyaa?
Moo attamiinii? Tumsi walii keenyaa?

Tari waa nuu ibsuu Shaneen jaraan firaa?
Tigrees yoo kadhatan kunoo argaa jirraa;
Tari ammoo boris jaraanis firoomna,
Kana boodee egaa eenyuun diina qabna!!!
Mee kanaaf dhumanii jaallewwan qaqqaaliin?
Waggaa soddommaniif kan daggala jiran;
Taayitaa fedha dhaa kan jaallewwan dhuman?
Qaanii waarri hin beekene Shaneen kan nuuf himan.

Taa’aa isin barree! yaa gantoota Shanee.
Kabaja Oromoo isintu hin feenee.
Egaa armaan ala ulfina hin qabdanii!!!
Habashoomtaniittu Oromoo hin taatani!!!
Habashootaaf malee ulfina hin qabdanii;
Isintu of salphisee galii itti galtanii.

Oromoon adaa issaatti harma diinaa hin hodhuu,
Kan ofiisaa dhiisee kan ban biraa hin fedhuu;
Isintu harma hodhe warra habashootaa,
Egaa ulfina hinqabdan Shanee Amaarotaa.
Nagaatti isin ga’aa dhaqaa Tigree biras,
Garuu maqaa keenya lafa kaa'aa yoggus.
Gantuwwan akkasii achi yoo baatanis,
Qabsoon sabbontotaa itti fufaa ammas;
Dhaqaa Tumsa keessan ofumaa tumadhaa,
Halaabaa Habashaa jalatti boqodhaa;
Dadhabdanii jirtuu Tigrootas kadhadhaa.

Qabsoon Oromtiicha haga galma ga’utti,
Mirgi abbaa biyyumma haga dhugaa ta’utti;
Nuti araara hin qabnu warra habashaatiin!
Waliin hin dhaabbanu nu warra gumaatiin!

Lafee dhiiga keenya hunda itti wareegnee,
Galmaan haga geenyu wadaa kelee seenne;
Afaan hin faajjofnu jecha diinaan tasa!
Qabsoon itti fufa haga ga’u iddoo isaa!

Oromiyaa walaba haga ijaarranutti,
Afaan hin faajjofnu harka hin laannu diinatti,
Qabsoon itti fufa haga lubbuun jirrutti!!!!!!!!!!
Biyyi Abbaa keenyaa hang bilisoomtutti,
Gadi galoo hin taanu harka hinlaannu diinatti!!!
warri garaaf kuftan kaayyoo irraa kan maqxan,
Yeroon of sirreessaa kabaja yoo feetan.
Kaanchi sinis diina kan diina harma hootan,
Aadaa Oromotichaa warra faallessitan.
Kootaa as deebi'aa kabaja yoo feetan,
Dhiifama gaafadhaa saba keenya gantan.
Kanaachis yoo diddan qabsoon itti fufa,
Sabni keenya egaa of keessa isin tufa.
Sabboontonni jiru qabsoon itti fufa,
Ethiopiyummaa jaaruuf shirri isin xaxxan abjuu ta'ee hafa.
Oromiyaan qabsoo ilmaan isheetiin ni bilisoomti!!!
Abera Oluma

2 Comments:

At 5:01 AM, Anonymous Anonymous said...

Qabsoon dhugaan malee hawwiif hin guddaatu
Hawwiitu fafa qaba kan kaayyoo saba gatu
Dhiifama gaaffii miti hooda haa dhaqatu
Humna qomoo miti cubbu haa soodatuu
Kan kayyoo sabaa ganee diroon hin guddaatu

Alaaltu ciraani somboon dakki jedhu
Angoo abjootanii diinan fira jedhu
Abjuun hiika tola cubbuun diroof safuu
Bilisni hin oolu qabsoo dhiigaan fufu!

G. Roobaa

 
At 11:02 AM, Anonymous Anonymous said...

Dhugaan hagama irra diban didee ifee keessaan mul'ata. Jarreen kun hanga danda'an saba kana sobuudhaaf kaleessa danuu dhama'an illee jalleewwan keenya yoggusuu akkaataa fi deemsa jarreen kanaa hubachuun gorsuuf yaalan. Yoggus dhara jechuun golguuf oliif gadi jechaa turan illee; kunoo amma ifatti of baasuun kaayyoo Ethiopia qabachuu dhaan waayee nageenyaa fi tokkummaa Ethiopia oofuutti deebi'an.

Egaa akka isaan ilaalanitti saba kana sobaan gowwoomsuun lafa fedhanii dhaquu waan danda'an waan itti fakkaatu ture. Garuu dhugaan irra dibaan owwaalamuu hindanda'uu kunoo isaanuu of ifa baasuun qaanii kana lallabuutti ka'an.

Har'as yoo kan dhugaa dhiigni Oromummaa keessaa kan itti dhaga'amu yoo ta'e as deebi'uun sabaan gorsamuu qabu.

Waaqayyo ilmaan Oromoo dogoggora akkasii haa oolchu.

Jaallataa Lammeessa

 

Post a Comment

<< Home

|