Monday, May 31, 2010

Videos from the May 29, 2010 public forum organized by the Oromo Artists' Association. Jaal Zalaalam Nagaasaa



Wednesday, May 12, 2010

Walgahiin hawaasa Oromoo, ‘Germany’ magaalaa ‘Berlin’ keessatti geggeeffame.

Walgahii hawaasa Oromoo ‘Germany’

Walgahiin hawaasa Oromoo, ‘Germany’ magaalaa ‘Berlin’ keessatti geggeeffame. Walgahiin kun kan geggeeffame Ebla (May) 1, 2010 yommuu ta’u walgahicha ka qopheesse koree ABO Awurooppaati.

Walgahii kana irratti Oromootni Sweden, England, Czeck Republic, Switzerland, Holandaa irraa ka dhufanii fi ‘Germany’ kessa bakka adda addaa ka jiraatan argaman.

Walagahii kana irratti mataduree dubbii sadii irratti haasaan yommuu godhamu kunis Mirgaa fi haqa dhala namaa, Maqaa ‘Investment’n lafa (dachee) Oromiyaa gurguramaa jiru, akkasumas haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti ture.

Mirgaa fi haqa dhala namaa ilaalchisee haasaa godhame keessatti Walgahiin ‘Geneva’ (Geneva Convention) bara 1951 akka murteessetti addunyaa irratti mirgi dhala namaa akka tokkeettis ta’ee akka uummataatti bilisaawaa fi kabajamaa ta’uu isaa akkasumas mirga lafa irra jiraachuu danda’uu akka qabu ibsame. Waan ta’eef Oromoonis mirgaa fi haqa kana akka qabu yommuu himamu uummatni oromoo garuu yeroo dheeraa dha jalqabee mirgaa fi haqi isaa sarbamee gidiraa guddaa keessa galee akka jiru addeeffame.

Oromoon akkuma uummatni addunyaa lafa irra jiraachuu qabu innis jiraachuu waan qabuuf eenyu iyyuu mirga kana kennuufii yokiin irraa kaasuu akka hindandeenye himamee qabeenya (lafa) isaa kabajaan eeggatee itti maahii bahuu dadhabuun isaa ammoo mirgaa fi haqi isaa kun cabuu akka agarsiisu dubbatame.

Uummatni Oromoo rakkoo kana keessaa bahuu ka itti danda’u keessaa inni tokko Oromoon ambaa wal utubee mirga lammii offiif dhaabbachuu waan ta’eef kana fixaan baasuuf yoomiyyuu caalaa amma bakka hundaatti hawaasa isaa cimsuu akka qabu ibsame.

Dabalees cunqursaan Oromoo irra jiru dinagdeen, hawaasummaan, dhukkubaan akkasumas qalbiin (psychological) yommuu ta’u kunis yeroo ammaa kana daangaa irra darbee akka jiru dubbatame. Mallattoon Oromoo lafa (dache) isaa waliin waan hidhameef mootummaan Abashaa lafa isaa irraa kaasee jireenya isaa irraa buqqisuun qeyee isaa akka diigaa jiru ibsame. Lafti Oromoo’ hectare’ milliona 7 yeroo ammaa kana maqaa ‘Investment’ jedhuun yommuu gurguramaa jiru kunis fuulduree Oromiyaa gogiinsaa fi badii adda addaaf qopheessaa akka jiru addeeffame.

Uummatni Oromoo akka barbaadutti dachee isaas ta’ee qabeenya isaa hundaatti dhimma bahuu ka danda’u yoo abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffate qofa akka ta’e ibsamee kana fiixaan baasuuf rakkoo hubatuun warra biraas hubachiisuu akkasumas qabsoo bilisummaa deggeruu malee filannoon biraa akka hinjirre himame.







Haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti ibsa kenname ilaalchisee ABOn ka uumame rakkoo uummata Oromoo irraa waan ta’eef qabeenya Oromoo ta’uun isaa himamee qabsoo godhame irraa firiin haga ammaatti argames Oromummaan ofitti boonuun guddachuu isaa, Afaan Oromoo sadarkaa amma jiru irraan gahuu, dangaa Oromiyaa uumuu akkasumas Oromoo fi gaaffii Oromoon qabu addunyaatti beeksisuu akka ta’e dubbatame.

Dabalees Oromoon biyyaa guddaa ka qabu uummata guddaa waan ta’eef uummata impaayera Itoophiyaa bulchuuf ykn jalatti buluuf osoo hintaane bilisummaa isaa gonfachuu dhan ofii isaa akka of bulchu barbaada. Waan ta’eef ‘The Democratic Republic of Oromia’ ykn Oromiyaa demokraatofte ijaarratee olloota isaa waliin ilaa fi ilaameen akkasumas nagaan waliin jiraachuuf akka ta’e bal’naan ibsi yommuu kennamu kana fiixaan baasuuf sochii qabsoo bilisummaa geggeeffamaa jiru irraatti gufuuleen adda addaa keessaa fi alaan ABO quunnamaa akka turanii fi ammallee gufuuleen kun akka jiran addeessame. Kanaafuu rakkoo walgidduu jiru haasaan fixachuu akkasumas rakkoon alaa nuyi irra jiru ammoo cunqursaa fi bittaa alagaa waan ta’eef tokkummaa keenya ka kaayyoo bilisummaa irratti hundaa’e cimsinee diina of irraa kaasuu qabna jechuun ibsi kenname. Waan ta’eef hunda dura hawaasni Oromoo bakka bakkatti tokkummaa isaa cimsee afuura nagaa fi lammummaan walbira dhaabachuun akka irraa egamu himame.

Dhuma irrattis ummatni argame haasaa godhame hundatti gammachuu isaa ibsee gaaffii adda addaa gaafatuun mareen guutummaatti waliin geggeeffameera. Uummatni argame hundi qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuuf yoomiyyuu taanaan akka duuba hindeebine ibseera. Fuuldurattis walgahii kana fakkaatu waliin geggeessuu akka barbaachisu akkasumas karaa hundaa walgahicha qindeessuuf miseensotni hawaasa ‘Germany’ waadaa galuu dhaan walgahichi raawwate.

Oromiyaan nibilisoomti!!

Koree ABO Awurooppaa

|