Saturday, April 12, 2008

Du’a diinni haaduutu!!! gootni ni jiraata!

Oluma Abarraa tiin

Eenyummaaf kan cichan irbuu Oromummaa
Lubbuu kan kafalan diduudhaan gabrummaa
Hawwii bilisummaa kennaa seera uumamaa
Deebifachuuf kan darban goota dha dhuguma.

Lammi boonsoo sabaa jiilchaa gabroomfattuu
Arjaa qinxee hin qabne lammiif lubbuu laatu
Seenaa isaantu qaba homtuu itti hin qixxaatu
Darban fakkaatanis hogguyyuu jiraatu.

Gootowwan Oromoo kan diinni gaaga’e
Jannatni kan isaaniiti kan qulqulluuf taa’e.
Dache kana mitii samii isaantu mo’e
Diinni abdii haa kuttu gootni hin du’u du’e!!!

Jireenyi seenaa dha, seenaa haqaaf kufuu
Dhaloota boriitiif buqqisuu dha gufuu!
Dhugaaf wareegamnaan namni du’ee hinhafuu
Ni kaasna seenaa isaanii diroodhaan haafufu.

Isaan boqotanis lammiin isaanii hin daafu.
Ekeraan isaanii gammachuu haa quufuu
Imaanaan isaanii kufuu mitii hin duufu!
Kana dha jireenyi calaqisee ifu!!!

Hangam dalagdu illaa yakka meeqa hamaa
“Du’an” jettee jechuuf diinni yartuun homaa
Ta’uu isaa wallaaltee lubbuun gootaa kuma
Wanta maayii hinbaaseef dhamaati ofumaa.

Ofittummaan jaamee ijji diinaa hin arguu
Guboon gabroomfattuu hin barattu hogguu
Hardhallee dhamaati sabboonoo duguuguu
Mildhachuu hin dandeessu caalaa inni dagaaguu.

Hiyyuun gabroomfattuu ilmaan Wayyaanotaa
Dhiiga dhuguu bartee dhiiga ishee dheebota
“Du’a adabe!” jetti hidhuun sabboontota
Du’a isheen haaduutu gootni ni jiraata!!!

Ni fakkaata malee gootini du’a hin du’u
Lammii bakka qabuuf kan bakka isaa bu’u
Egeree waan qabuuf guyyaa itti ka’u
Ittiin boona malee, lammiin isaalle hin boo’u!

Lata lubbuun isaa; lata akka coqorsaa
Ifa dhiigni isaa biyya guutuu ibasa
Diinaaf garuu ibidda gubaa akka qorsaa
Kana gootni qabsoo kan jiru nu keessa.

Gootota abbaa gadaa qabsoo eegalanii
Daandii bilisummaa dhiigaan sararanii
Mallattoo eenyummaa halaabaa dhaabanii
Gootowwan boqotan jiru hin du’ani.

Dhiiga dugduu diinaa kokkee ishee hudhanii
Qamaa fi haamilee dhaan nyaaphaa ajjeesanii
Seenaa baraa baraa dahaabaan kaayanii
Kan darban gootowwan tasa hin du’ani!!!

Eeyyee martuu haa jennu jiru gootni hin duune
Isaan boqotanis qabsoon isaanii hin hafnee
Kumaaf kumaantamaan bakka isaanii buunee
Isaan jiraachisna nuti isaaniif duunee.

Nu keessa jiraatu dhiiga keenya keessa
Lapheetti isaan baatna isaantu nu boonsa
Jaallan qabsoof darban du’a hin du’an tasa
Dalaga isaaniitu kana mirkaneessa.

Kaayyoo issan kaayyatantu diina rom’isiisa
Hima isaan dhaammatantu nyaapha hamlee cabsa
Lammiitu bakka jiruu faajjii isaanii kaasaa
Ekeraa jaallanii daran gammachiisaa.

Maatiif lammiin isaanii kanaan isaan kaafna
Kaayyoo isaanii kaasnee isaaniin hordofna.
Diina sammuu dhoofnee gumaa isaanii baafna
Akka gootni hin duune kanaan ragaa baana.

Faajjii isaan dhaabbatan ol kaasnee agarsiifne
Waadaa isaaniif seenneen isaan jiraachisne
Suuraa fi surraa isaaniin diina bittimsine
Guboo gabroomfattuu darbina buqqifnee!!!

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|