Monday, March 31, 2008

Booree Kaayyoo Oromoo hin gatnu!!!

Abarraa Olumaatiin
Booree Kaayyoo Oromoo hin gatnu!!!
Lafee ekaraa hin nyaannu

Taa’uuf nagaa dhabnee
Warraaquuf dadhabnee
Shira diinaan xaxamnee
Jirra maal jenna badnee.

Gartuu Onne dhikkifataa
Kaan garaaf harkifataa
Akka gamtaa godhannee
Diina keenya hin moone
Shirri nutti baay’atee
Gantuun nutti heddoommate.

Nurra bulte dhuunfattee
Diinni hiyyuu nu gootee
Maal jirra jenna badnee
Maqaa abbaa ofii gatnee.

Kaan garaaf dunuunfatee
Kaan dadhabee of gatee
Yaa goota biyya keenyaa
Yoomi bakka jennu geenyaa?

Booree jennee hobbaafachuuf
Diina keenya mo’achuuf
Biyya keenya deeffachuuf
Ciisnee hirriba argachuuf
Attamiin geenya laata
Gantuutoo heddummataa?

Aadaa fi Amanteen ala
Safuu fi saalfii caalaa
Gantuun garaa jaallattee
Alagaa irratti hirkatte.


Amajaajii humna dhiiraa
Ayyaan laallattuu farraa
Abdattuu yartuu diinaa
Nu dhiisaa dubbii akkanaa.

Dur gatanii waan booree
Diinaan taa’anii tarree
Odaa damee qoranii
Kichuu Oromoo ciranii
Nuuf maaliin firomaanii?

Hardha fakkeessu garuu
Hin yaadanii isa boruu

Haraamuu hirmii nyaattu
Habashaa irratti hirkattu
Raajii raajoo baranaa
Hooda dubbiin akkanaa

Waan hin yaadamne yoomuu
Warra gumaan firoomuu???

Yaa saba koo dhageessaa?
Hojii yartuu fakkeessaa
Seenaa darbe kaleessaa
Hardhas nutti odeessa.

Lammii aadaa hin-gatnee
Goota lafee hin-nyaatnee
Dhiira gumaa hin dagatnee
Kaayyoon isaa jijjiiramne
Mee nuuf himi waa takka
Furtuu isaatu siharka.

Maal jedhan yennaa darban?
Gootowwan kaayyoof kufan
Mee maal jedhan dheengadda?
Gootowwan abbaa gadaa??

Yaa goota lafee hin nyaannee
Situ haqa hin dabsinee
Nuu dubbadhu waan falaa
Gorsi kan lammii caalaa.

Irkoof kan ofiitu tolaa
Kaan sobee orma ilaalaa
Lammii koo kaayyoof loltuu
Yaanni diinaa nuu hin toltuu.


Jedhaa wallaalaa gorsaa
Bitamoo diinaa doomsaa
Gamtaa keenya gabbisaa
Qabsoon yoosu lalisaa.

Aadaa, amantee fi safuu
Madda oromummaa tiin dhufu
Jirti jireenyi uumamaa
Mallattoo oromummaa
Wiirtuu wal dhaggeeffanaa
Safuu fi seera ni qabnaa.

Halagaa ittiin guddisnee
Boojuu ittiin jiraachisnee
Aadaa ittiin diina raasne
Hardha attamiin dagannee?

Hawwii warra wallaalaa
Dantaa ofiittu caalaa
Halagaan humna jechuu
Wanna hin jirre abjoochu
Aadaa fi amanteen alaa
Warri gumaa nuu tolaa???

Ayyaanni Oromtichaa
Gadaan galma guddichaa
Attaamiin diinaan bulaa
Mee jedhaa kaa waa falaa.


Yoo beektan seeraa fi oodaa
Bultooma abbaa gadaa
Qabsoon as irraa maddaa
Kanaachi garaa fi dugdaa.

Bokkuu fi Kallachaa faarsaa
Halagaan tumsa dursaa
Gaadaa maqaadhaan waamaa
Tuffachuu dhaan waan gumaa
Attamiin Oromummaa???
Wal sobuuf malee homaa.

Yaa goota kaayyoo hin gatnee
Lammii imaanaa hin nyaannee
Kakuu dhaa waadaa seennaa
Irra deebinee himnaa
Imaanaa jaallan keenyaa
Booree dha bakkaan geenya.

Kichuu keenya dhumanii
Jaallan keenya kufanii
Halaabaa gadi dhaabanii
Hima isaan dhaammatani
Xurii diinaa hin tuqsiisnuu
Waadaa dhaa irraa hin dheessinuu!!!

Nu-arga ekeraan isaanii
Kaayyoof jallewwan kufanii
Gaaffiin abbaa biyyuummaa
Hin ta’u Ethiyoophiyummaa!!!
Kaayyoon keenya ganamaa
Kan wareegamneef Jamaa
Oromiyaa dhaaf malee hin ta’u Ethiyophummaa!!!
Booreedha kaayyoo hin gatnu
Lafee ekeraa hin nyaatnu
Kan qabnu itti wareegnee
Dandeenyu bakkaan geenyee
Dhaloota itti aanutti himnee
walabummaa dhaalchisinee
Oromiyaa Oromoo tikisuudhaaf waadaa seenne!!

2 Comments:

At 1:45 PM, Anonymous Anonymous said...

Jabaadhu itii fufi. Barreessamni kee kun seenaa aadaa wal hubachiisuu irra hamilee dhugaa nuuf dhaama. itti fufi jabaadhu. Jabaadhu

 
At 6:13 PM, Anonymous Anonymous said...

Waan hedduu nama yaadachiisa. Gartuu onnee bulluksa. Diina jilba busheessaa. Kan irraanfate yaadachiisuun, kan hinbeekne barsiisuun dirqama Oromummaa akka ta'e nuhubachiisaati galanni kee bilisummaa haata'u.

 

Post a Comment

<< Home

|