Iyyaa Ayyoo keetii
Abarraa Olumaa tin
Hiraarama hamaa fi gidiraa hammaataan
Kan miidhamaa jirtu gabroomfattu habashaan
Manaa alli ishee saamamee halagaan
Dhalli isheen horte duguugamee diinaan,
Dhipphachaa kan jirtu harmeen kee si deesse
Hardhas sitti iyyatti gurbaa yoo dhageesse
Iyyitee si waamti hintal yoo dhageesse.
Dhalakoo siin jettee, harmeen sitti wawwaatti
Ati baqattu illee ammas suma eeggatti
Fagoo iraa taatu illee; abdii koo siin jetti
Siifan gaaga’ama; siif miidhaan koo mitii?
Kan maal taa’u dha ree usuun kee anatti?
Jechuun si waammatti haati hatattamatti.
Harmeen kee si deesse dhaamsa sitti dhaammattii.
Diiggaa diinni dalagu caqasi dafiitii
Diinni kan si miidhu addaan si qoodeetii
Kan addaan si qoodu hin laalin laayyootti
Diinaaf fira kan kee hubadhu sirriitti
Mana kee galgalaa hin jigsin!!! siin jetti.
Gorsi haadhaa ulfinaa hin laalin qoosaatti
Sihii dhalli ishee hin gatin diinatti
Gidiraan qabamtee ulfoon sitti iyyiti.

Deebii hatattamaa si gaafachaa jirtii
Dhalli aayyoo hunduu diinaaf tokkumaatii;
Tokkummaa kee cimsii dirmaadhuuf yerootti.
Garaatti si baattee waan qabdu siif laattee
Dadhabe utuu hin jedhin lapheetti si baattee
Aayyoon kee si deesse si jecha hiraaramtee
Jireenya keef jecha halagaan dhaanmte.
Mana ishee keessatti ibiddaan gubamte
Galaa isheea siif keesse Habashaan saamamte.
Siif jecha rakkatti egaa yoo hubatte
Harmeen kee ulfottiin kan diinaan miidhamte
Dhiiroo hatattamaan ija kee saaqqattee
Hardha dha qaqqabuun biyya keef dirmattee.
Haati yoo si yaamtu imimmaan ishee roobsaa
Utuu qabduu dhabdee dhala ishee boonsaa
Harmeen kee guddottiin taatee haadha hiyyeessaa
Maaf garaa jabaatte?Maaf dhabde deebii isaa?
Hirriba sin dhorkuu? Si hin damqsuu keessaa?
Yoo itti karisu hawaannisni Habashaa weerartichi tasaa.
Utuu kana beektuu gurri kee dhaga’uu
Waa irraa faccisuu humni kee danda’uu
Tokkoon dhuunfaa keettis gamtaanis haa ta’uu
Adeeroo maal goote usuun kun hin ga’uu???
Maaliif si raffisa dhukkubni aayyoo keetii?
Maaf gurra sin seenne? sittoo iyyaa jirtii.
Sirraa edda hin taanee eenyu irraa eeggatti?
Maal qabdi kan biraa of gaaffu ilaaliitii!
Maaliif hiraaramti maaf dhaanamti diinaan?
Bidaan maaf gubamti mee maal baldheessinaan?
Tari deebii qabdaa maaloo ilma aayyaa?
Waamicha haadha ofii yoo callisan wayyaa?
Yoo diinni si nyaatu ilkaan jaldhisatee
Isa kaan ajjeesee isa kaan qabatee
Akka ilmaan bineensaa gadi baasee qalatee
Diina dhiiga dhugu, ijji kee hubatee,
Ribxee ati teesseef si dhiisaa rifatee?

Lammii Oromotichaa maaloo maaf callistee?
Yoo sittis hiixatu dangaa tarkaanfatee,
Gamtaa dhabuu kankee ilaaluun si tuffatee
Biyya baqaatti illee gantuu bobbaafatee
Sirbi yoo siin jedhu lammii galaafatee
Adeero ilma aayyoo maaloo kana hubattee?
Badii hamaa akkanaa diina keef hayyamtee?
Diigamuu mana kee sirba sirbuu qabdaa?
Aayyoo kee iyyitu atiimmoo gammaddaa?
Gamtaa kee hurreessan itti laatta dugdaa?
Sum’ii siif bulbulan utoo ilaaltuu dhugdaa?
Mana kee gubatu karkarsattaa ibidda?
Waamicha aayyoo keetii mee attamiin didda?
Mee jedhikaa deebii; adeero ilma aayyaa
Faffacaatee kan jirtu hunduu biyyaa biyya
Deebii waliif qabnaa? Moo tari usuu wayyaa?
Sitti tolee jiraa jireenyi baqannaa?
Aayyoo ofiin ala jireenya waa qabnaa???
Tari borii keetiif galaa waa keewwatee?
Lammii kan bakka bu’u obboleessa argattee?
Haadha koo kan jettuun kan biraa uummattee?
Tokkitti haadha keetii Ormaan geddarattee?
Yoo kana hin taane attamiin callistee?
Aayyoo sitti iyyaattu attamittiin uste???
Haadhoon wal wallaalee madaqee ormatti
Kutaa diinni uumeen wal qoodee meeqatti
Aadaa fi safuun badee jireenya baqaatti
Of dagachuutu dhufee; joonjii jabanaatti?
Waloon dirmachuufii, irra wal qooduutti
Waa gammachuu qabdaa yoo maassantu haati?
Mee attamiin usa kan lammiin isaa du’u?
Mee attamiin sirba kan gadda dhaga’u?
Dhiirrii gidiramee biyya isaa irraa ba’u
Mana isaa gubatu waa irraa hin haasa’uu?
Kan nameenyaa qabu tasa akkas hin ta’u!!!
Dirmata haadhaa mitii, kabiraafuu hin taa’u.
Dahannoo argachuun jireenya fakkaatee
Hardha bakki jirtu yoo si goyyoomsate
Deebi’ii mildhadhuu maal keessa akka baate
Haadhaa fi Maati irraa, waan si hari’ate
Attamiin qalbiin kee kana irraanfatee?
Dhiiroo dhiira keenyaa dhiiraatu seexaa gatee?
Dhiiroo hin irraanfatiin
Lammii tasa hin usin!!!
Gartokkoon qaama kee ibidda irra jiraa
Lakkii hin dagatin na qaqqabii jaraa.
Kofaltee hin sirbin du’aa fi gadda firaa
Xiiqayi morkadhuu!!! diina dhayi of irraa
Gamtaa kee kan diiguuf hin kenniiniif carraa
Of gattee of dagattee hin dalagin yaraa
Gumaachi lammii keetiif qooda kee ijaaraa!
Qooda si gaafata dirmannaan qaqqabuu
Lammiin du’aa jiru hidhaadhaan hagabuu.
Anis ilma aayyaati jedhii waadaa haaromsi
Gaaffii harmee keetiif deebii kee deebisi.
Anis Oromticha jedhii waadaa haaromsi,
Lammii dhumaa jiruuf siif jiraa agarsiisi.
1 Comments:
Kan gurra qabuuf gorsaa fi galaa eenyummaati. Kan of dagateef yaadachiisa seenaati.
Galaloomaa.
Daanno Maatii
Post a Comment
<< Home