Wednesday, January 02, 2008

Dhaamsa Adda Bilisummaa Oromoo Waggaa Haaraa bar 2008


ADDA BILISUMMAA OROMOO.

OROMO LIBERATION FRONT.

Guyyaa: 31 Mudde 2007.

Lakk: 04/ABO/07.


Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree ABO Hunda dura ummata Oromoo, saboontota Oromoo, qabsawota bilisummaa fi miseensotni ABO martinuu bagaa nagaan bara 2008 geessan jechaa maqaa hoggana ABO fi maqaa kootiin dhaamsa Waggaa Haaraa kanaan isiniif dhiheessu kabaja guddaan tahuun isiniif mirkaneessa. Dabalees, carraa Waggaa Haaraa ayyaaneffachuu kanatti gargaaramuun barrii haaraan kan dagaagina qabsoo bilisummaa fi kan injifatnoo akka nuuf ta’u carraaqsa godhaa jirtan akka jabeessitan waamicha qabsoo isiniif dabarsa.

Waggaan tokko xumuramee waggaa haaraatti yeroo ceenutti dhuunfaanis ta’e waloon maal galmeesinee turre, maal gochaa jirraa, maaltus nu hafee jennee yeroo itti of gaafannuu fi walis gaafannu ta’uun ni beekama. Akka ummata bilisummaa isaaf qabsa’u tokkootti nuti ilmaan Oromoo qabsicha bakkaan gahuuf waggaa dabre kana keessa gumaachi keenya maal fakkaata jennee of gaafachuun waggaa haaraa nu fuuldura jiru kanattis guumaacha qabsoon nu gaafatu kennuuf yeroo itti of qopheessinu ta’uu qaba.

Hunda caalaa ummatni keenya roorroo alagaaf osoo hin jilbeeffatin qabso bilisummaa biyya isaatiif wareegama qaqa’llii kafaluun harr’as akkuma kaleessa mootummaa Wayyaanee waliin falmaa itti jiru sadarkaa olaanaan itti fufee jira. Ummatni Oromoo bu’aa xixiqqaaf osoo hin gowwoomin kaayyoo bilisummaa isaaf gumaati inni kennaa jiru kan hunda keenya boonsu. Gootummaan ummata keenyaa dhaaba keenya ABO kan hamilechiisu ta’uun isaa raga baha irbuu seenne yoom iyyuu taanaan akka hin dagganne mirkaneessa. ABO hanga dhummaatti bilisummaaf kan qabsawu male dhaaba ‘paartii’ mormituu Itoophiyaa akka hin taane irra deebinee ummata keenya yaadachiifna.

Gama kaaniin ammoo, afaanfaajjii diinootni qabsoo kan keessaa fi alaa weerara suduudaan ummata keenya irratti oofaniin osoo hin jilbeefatin xaliila yaadaa fi kaayyoo bilisummaa irratti jabaachuun ummata Oromoo; nu warra qabsoon keenya kan haqaa ta’uu mirkaneeffachuun, qabsoon hanga bilisummaatti jennuuf injifatno dha. Warra holola diinaaf jilbeenfataniif garuu ejjennoo isaani akka keessa deebi’anii qorataniif carraa keenna jennee abdanna.

Ajjeechaa, hidhaa fi cunqursaan mootummaa Wayyaanee fi saamichi qabeenya biyya keenya Oromiyaa irratti geggeffamaa jiru kan dur irra heddummatee sadarkaa ummata lafa irra duguuguu (genocide) eerga gahee bubbulee jira. Haala kana irraa dandamatuuf furmatti jiru qabsoo bilisummaa finiinsuu qofa. Rakkoon kun hundi kan nutti dhufe mirga ummatummaa fi abba biyyuummaa sarbamuu irra akka madde ni beekama. Kanaafis, biyya keenya deeffachuun furmaata maayyii taha. Seenaan biyyoota bilisoomanii fi seenaan deemsa qabsoo keenya kan ganna 35nii akka addeessutti qabsoon keenyas gumaata ummata keenyaa fi qabsaawoti dhugaa harka walqabatani akka nama tokkootti sossoo’uu gaafata.

Wagga haaraa itti seenaa jirru kan keessa dursi kennamuufi kan qaban keessaa tokkoffaan kaayyoo dhugaa irratti hundawee qabsoo ABOn geggeffamu jabeessuu dha jennee ammana. Dhaabota bilisummaa Oromoo keessaa hangaafa ta’e, deeggersa ummata Oromoo kan qabu fi maqaa dhaaba kanaan ummatni keenya yeroo lafa irra daguugamuutti ABO jabeessuun ittigaafatama miseensotaa fi hoggna ABO qofaa ta’ee ilaalamu hin qabu. Ittigaafatamni kun kan ummata Oromoo guutuu tahuun dagatamuu hin qabu. Qabsoon jalqabame akka galama gahu nuti warri dhaloota ammaa ittigaafatama keenya baanee darbuun kan nurraa eegamu qofaa osoo hin taanee kana galmeessuu baannan seenaan nu hin gaafatu jedhanii yaaduun hin danda’amu. Kanaaf jecha, beektonnii fi ogeeyyonni beekumsa keessaniin, warri qabeenyaa gaha qabdan qabeenyaan, kan manguddoo taatan yaada ititaa fi darggaggoon hamilee fi humna si’aawaan qabsoo keessaniif gumaatuun dhaaba keessan ABO akka deggertan waamicha qabsoo isiniif goona.

Dursi kennamuufii kan qabu tattaaffiin biraa ammoo, tokkummaa dhaabota bilisummaa Oromoof qabsaawan jabeessuun diina irratti haala qindaawaa ta’een tarkkaanfii murteessaa ta’e fudhachu dha. Kana keessatti Tokkuummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) xaxama keessa jiru mohatee bahuu qaba jenna. Kana milkeessuuf dhaabni keenya ABO dirqama isaa ni bahata.

Sochii diinni biyya keenya qabatee jiru bara 2007 keessa godhe tokko yeroo jalqabaaf ifatti maqa ‘OPDO’n Oromiyaa alatti of ijaarruu ture. Akkanaan, biyya Awuropaa fi biyya Ameerikaa kaabaa keessatti qondalota fi dabbaloota hirriirsuun ummata Oromoo biyya ambaa jiru afaanfajjeessuuf yaalee ture. Bakka hedduutti ilmaan Oromoo dammaqiinsaan shira kana fashalsiisuu yoo danda’n illee bakka tokko tokkootti harr’aan tana OPDOn of ijaaruuf milka’un isee hanga bilisummaatti qabsicha tiksuun yoom illee hojii fardi akka ta’e addeessa. Ummatni Wayyaaneen ‘OPDO’ meeshaa godhate biyya ambaatti godaansise akkamiin deebi’e ‘OPDO’ jalatti gurmaawe jedhanii gaafatuun illee hojii fardii ti.

Dhaabotni nafxanyaa kan akka ‘CUD’ fi ayyaanalaalattoonni Oromoo keessaa margan yerooammaan tana kan xiyyeeffatanii sosso’an inni hangafti, tokkumma qabsawotaa fi ummataOromoo ta’uun beekamaa dha. Warri tokkummaa Itoophiyaa tiksan tokkummaa keenya hubuu irratti yoo xiyyeeffate waan raajamu hin qabu. Tokkuummaan Oromoo kan uumaa ta’uun isaa hubatamee akka tuta kanniisaa waliin kaanee shira diinaa walxaxaa kana hubannee battalaan aggaammii tokkummaa keenyaa irratti xiyyaafate kana of irraa deebisuun hojii fardii ta’uu qaba. Kana keessatti oggeeyyii fi mangudoolee Oromoo irraa hirmaannaa olaanaatu eegama.

Maayyii irratti, akkuma kaleessaa harr’as dhaabni keenya ABO kaayyoo qabsoo ganamaa irraa osoo hin maqin qabsicha furgaasuuf milkeessuu irratti of qusannoo tokko malee hojjechuuf adda durummaan wareegama qabsoon gaafatu kennuuf irra deebinee mirkaneesina.

Waggaan haaraan nu fuuldura jiru kun bara qabsoon bilisummaa Oromoo itti finiinu akka ta’u shakkii hin qabnu. Qabsoon kan milkii akka ta’u hawwiin keenya qabsaa wota bilisummaa fi ummata Oromoo bakka jirtan maratti isin haa dhaqabu.


Oromiyaan ni bilisoomti!!


Dhugaasaa Bakakkoo

Hayyu Duree ABO.
31 Mudde 2007.

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|