Thursday, February 22, 2007

Haaqaa fi Dirqama dhaloota

G. Roobaatiin

Haaqa dhala namaa uumamanni kan kenne,
Jiiruu fi jiireenyi dureesso yoo yaadne;
Dirqama dhala namaa seera namni hin tumne,
Bilisa eenyummaa mirga dhaloota hin jenne;
Sirni kabajuu qaba; dhugaa yoomu hin duune,
Dirqama namummaa haaqa yoon kabajne,
Sirnatu fafa qaba dhaloota kan hin hedne;
Kaanf kichuu cira sirni egree hin qabne.
Qabsoon bilisumma ibbida tasa hin dhaamne
Otoo dhugaa qabnuu maaf birmana dhabnee?

Lubbuun yoo jiiraatan yaadu waan dirqama,
Haaqa jiruu-jireenya waan dhalootaf dhimaa;
Seenaa diroon fufu bilisa seera uumaamaa,
Mirga uumaa cabsee kan ajjeesu nama,
Farra saba yakku sirni kiyyoo gabrummaa,
Dhokaate hin hafu dhugaan fininsu galma.
"Gafa dalatan du'n" dhaaddano ijoollee ayyaa,
"Gamachuu fi Gadda" seenaaf obsu hiriiyaa,
"Seenaaf obsun gorsa" abdii halkan fi guyyaa,
"Tafkii waasasa baattu" jecha birmana qomoo,
"Iyyaa - iyya dabarsaa" - hoga gootoota Oromoo.

Gootoota Oromoo kichuu xobbeewwan kufan,
Haaqa ilma namummaaf warra waareegaman;
Dirqama dhaalootaaf warra dukaana ibsan,
Qabsoo Bilisummaa warra nuuf fininsan;
Waan haaqaa fi dirqama seenaaf mirkaneessan,
"Iyyaa-iyya dabarsaa" - haa hoodatu diroon!

Seenaan bilisummaa haaqaa fi dirqama diroo,
Jaatanii dhuma hinqabne kan balaaleffatu roorroo;
Roorroon sirna gabrummaa dhukkuba xannachaa,
Haaqaatu dirqama uuma qabsootu qoorichaa;
"Iyyaa-Iyya dabarsaa" dhiroo humna iitiichaa;
Tokkummaa muree koobu, dhulaa iitoo xannachaa!

Sirna aadaa gabrummaa muxattu akka bofaa,
Angoon taliga isaate summi hujummoon bifaa,
Kichuu Oromoo hiddee, dhiiga xuuxee tufa.
Hirmii bafachuuf miti afaan gube akka saafaa,
Dhigaa ijoollee Oromoo boree hin hafne gumaa,
"Iyyaa- Iyya dabarsaa" dirqama seenaaf dhimaa;
Qabsoo hadhoftun kufa; sirni aadaa gabrummaa!

Haaqa saba dhiitee, sirna qixxummaa cabse,
Eenyummaaf nu ajjesee dhiiga nu boosise,
Aadaa dilbii jigse, hiiyuummaa nu badhase,
Madda Oromummaa haa du'uuf ukkaamsee,
Odaa Oromoo ciree haa goguuf quncisee,
Garuu hin milkoofneef; dide isa salphise.

Seera uumaama hedu haaqaa fi dirqama,
Bililsa saba Oromoon dhuunfana walqixxumma’
Dhigus kan hin badne hiddi sooru eenyummaa’
Aadaan eenyumma hedu farra miti hiiyuumma’
Madda dhugaa hin duune qorxiin Oromummaa’
Odaa yoomu hin gogne utubu tokkummaa’
Dhiiga ijoollee Oromoo booree, dhaalootaf dhimma.

Haaqaa fi dirqama dhalootaa kan gabbisu,
Haaqa Bilisummaa seenaaf nuu dhaadhessu;
Gootota ajjeesaman biyyoo itti haa salphisu,
Lammii warra gaddan Waaqni haa jabeessu;
Gootni kudhan kufan kumaatama hiriirsuu,
Faacha saanii haa kaafnu guca egeree fininsu;
Dirqama qabsoo bilisa dhaloota-diroon tumsu.
Iyyi-hoga-Baaqee, mirga nama hin badhaasu,
Qomoo qalbeeffadhaa, haawwii waan dhugoomsu;
Tokkuummaatu humna diina ittiin mancasuu
Tokkuummaatu humna ittiin gumaa baasisu!

G. Roobaatiin.

2 Comments:

At 11:57 PM, Anonymous Anonymous said...

Hadhaa gabroomfattuun kan hiddaman meeqa?
Summ'ii isheen facaasteen kan dhibaman leeqaa?
Waan gaafatan qofaaf gaaffi wanna haqaa,
Lammii meeqatu dhume kaanis jira baqa?
Meeqatu mana hidhaatti reebichaan gidira?
Jireenyi saba keenya mee maal irra jira?
Lammii wal qabadhaa qaanii keessaa ha baanuu,
Yartuu diinaa kana ilkee ishee haa buqisnuu;
Kichuu keenya dhuman, du'a haa baraarruu,
Mee tumaa waliin tumsaa wal cina ha hiriirruu!
Nuyi waliif iyyinee waliif haa dirmannuu,
Soba dha kan biraa nuti fira hin qabnuu.

Oromoo wal gorsaa, Oromoo wal tumsaa,
Sum'ii gabroomfattuu hundeedhaan buqisaa.

Lammii

 
At 8:37 AM, Anonymous Anonymous said...

Galata qabsoo guddaa qabadaa jabaadhu.
Itti fufi. Ayyaanni Oromoo si fi Oromoota akka kee walii haa ta'u siin jechuun fedha.

Oromticha irra.

 

Post a Comment

<< Home

|