Saturday, February 17, 2007

Foon malee dhugaan hin du’u

G.Roobaatiin

Dhugaan seera uumama yoomu hin darbu
Kan eenyummaaf darbe yoomu hin gaabbu
Foontu du’a malee seenaan du’ee hin beeku
Lubbuutu darbe malee dhiigni hidda akaakuu
Gumaan ijoollee Oromoo warra jirruuf kakuu
Boree dhimma diroo kaaku kallachaa fi bokkuu
Dhaamsa ekker-dubistu qomoon kana haa beeku!


Sirni dhugaa male walqixxumaa farsu
Walqixxumaa sabaa seeraan hin gabbisu
Seeri sirna gadhee kan qaroma doomsu
Kichu Oromo cirus dhugaa hin ajjeesu
Qabsoon diroon fufa yaa qomoo dhagessuu?


Yakka sirna gabrummaan odaa damee ciru
Ni googa see’ani eenyummaa waan jijiiru
Odaan saba Oromoo hidda dheera qaba
Damee hin coolagne eenyummaa nu kaaba
Qabsoon bilisummaaf kan du’e yoom gabbaa?
Lafeen gootota Oromoo tuggee fi utubaa
Ribuun gootota Oromoo suphitu tujubaa
Diroon hin dagatu seenaaf muraa kobaa!
Bilisni hin ooltu dhugaan Odaa Roobaa!

G. Roobaatiin

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|