Wednesday, January 24, 2007

Dache yoo dubbattu akka namaa taatee

By Abera Oluma

Dache yoo dubbattu akka namaa taatee,
Aduu ifuuf baate, bidda gubaa gootee;
Balleessaa uumamaa, himuudhaaf gubatte,
Hedduu nu komattee, nu jalaa calliste.

Biqilaa fi daraaraa dheedhii liqimsitee,
Aannan laphee isheetii unuu nudhorkite;
Namaa fi horii hunda addaan ongeessite,
Rifuu fi rifaatii dhaan akka malee uste.

Mootii sagaltamaa gooftaa abbaa iyyeessaa,
Isa qixxee hin qabne guddicha abbaa obsaa;
Gooftaa garaa garbaa Waaqa isa keleessaa,
Nabeektuuree jette dhache imimmaan buusaa.

Lammiin wal wallaalee gantummaan baayyatee,
Wal qooduu kan cimse halagaatti irkatee,
Kennaan Oromoof kenne gantichi ormaaf laatee,
Kanatu na ukkaamse. Jettee dubbatatte.

Dhugaan haqaa badee sobni heddoommatee,
Wal fakiin sobdootaa lammiirratti sirbitee;
Weerarri hawaannisaa biqiltuu koo nyaate,
Qaroo fi sammuun keessan yoom kana hubate?

Hawaannis habashaa biqlituu koo fixXee,
Gantuu fi galtuun gooban shira hedduu xaXxee
Yakki heddoomatee salphaan tarree lixee
Kana egaa dheekkams kan isin lamaxe.

Dafqee kanan kenneef eeggachuu dagatee,
Namuma akka isaa gooftaa godhee baatee;
Moofaa ormaa uffachuun kan ofii isaa gatee,
Kanatu badiidha jettee ragaa baate.

Safuu waliif dhabee cabse seera uumama,
Biyyaa ofii gatee abjoochuun kan ormaa;
Wal abdachuun badee mallattoo tokkummaa,
Maal na gaafattureeeeee? jette dache homaa.

Yartuuf galtuun goobdee narratti sirbite,
Seerri dhugaa badee sobni heddoommatee;
Abbaan mana taa’ee hattuun diinqa seentee,
Maaltu bade jettuu? kana maaltu hubate???

Maal falli isaa laata? dache yoo dubbatte,
Namuu yoo dhaga’eef tarii yoo hubatee;
Waa-irraa yoo baree hooda itti gaafate,
Kan kaleessaa gaabbee boriif safeeffate.

Jedhanii gaafannaan hayyoonni warri beekaa,
Ani hobbaafadhe egaa kunoo waan na harkaa;
Yoo na-dhaggeeffattan wal qabadha harka!
Diina harkaa nabaasaa hidhaarraa nahiika.

Dhaamsa koo kan argee namuu faana bu’eef,
Kan lafarra jirru fi kan lubbuudhaan darbeef,
Sababa kan ta’ee ittiin waxalamuuf,
Dalaguma isaatii akka ittiin sirri’auuf.

Dheekkamsis ni hafa yoo namuu hubate,
Kan darbetti gaabbee boriif yoo falate;
Maal na dhibee dhiisee haqaaf yoo dhaabbate,
Dache gara baldheessa yoo ofiif falmate.

Jettee dhaamte dache kan afaan beekutti,
Kan haqa hindabsine fi qulqulluu dhugaatti;
Yaadi jettee himte akka hundaa galutti,
Kanaachi gubaadhaaaaaa waxalamaa jettii.

Jedhanii dubbaatu warri ayyaantotaa,
Afaan dachee fi samii beektonni hayyootaa;
Araara buufadhaa; waliis cimsaa gamtaa,
Yoo wal dhaggeeffatan nageenyi dhihaata.

Kan yoo baruu feetan tooraa fi tooba isaa,
Biyya keessan jaaraa bakkatti deebisaa;
Hin dunuunfatinaa ija keessan ibsaa,
Waliigaltee uumaa tokkummaa jabeessa.

Keessan kan tuffattan sammuu of-sirreessaa,
Waaqa isin uumes toobatti deebisaa;
Walis dhaggeeffadhaa aadaa keessan cimsaa,
Jettee dhaamsa himti dubbii akka gorsaa.

Akka aayyoo fi aabbootti seera isa kaleessa,
Quufaa fi badhaadhinaa jireenya sooressaa;
Mee deebi’aa ilaalaa maal ture maddi isaa?
Hardha maaltu ta’e? maaf bade hambaansaa?

Dache yoo dubbattu kan turte kaleessa,
Ragaa yeroo baatu tolaa fi badii isaa;
Kan dabe yoo himtu kan gahe dheekkamsa,
Qaamatu ishee ho’ee bulluqni karisa.

Ramaciin faca’e; dache abidda tufte,
Biiftuun ifa dhiistee; waxala gad buuste;
Qiilleessi illee aaree waa sagal rukute,
Dache dheekkamsa ishee akkanaan ibsite.

Jette dubbatatte yaada ishee dheekkamsaan,
Gammoojjis waxaltee baddaa guggubuudhaan;
Biqiltuu dhorkattee uumama soomsuudhaan,
Kana kunoo jette dalansuu ibsuudhaan.

Sirna ittiin jireenyaa namni of-harkaa gatee,
Ergisa huccuu ormaa fuulatti xaxatee;
Lafa arguu dhabee dhagaasaa gufatee,
Kanatu badii fide jette dache aartee.

Fala isaa gaafannaan beekaa warra durii,
Raagoo maanguddootaa hambaa raabaa doorii;
Walga’aa araarfadhaa tolaa namaa horii,
Kanadha falli isaa wanni ta’u gaarii.

Dura walii galaa walii araaramaa,
Hirree waliif ta’aa akkuma ganamaa;
Seeraaf heera baraa bultoo Oromummaa,
Yoo akkana gootan jireenyi dhugooma.

Dhiigni wal hin miidhin,lammiin wal hin cabsin!
Cubbuun dalagamee seera uumamaa hindabsin!
Lammiin kan isaa gatee hin rafin hin ciisin!
Kana jetti dache biyya kee gadhiisi!!!

Yoo na irratti kuftan natu ol isin qaba,
Isin biran dhaaba humna rabbii jabaa;
Biyya ofii deeffadhaa!! aadaa keessan kabaa!
Orma hin abdatnaa qabduu waaqa jabaa.

Safuu seera uumamaa iddootti deebisaa!
Weerartuu hawaannisaa saamtuu ofiirraa kaasaa!
Ormaaf hin laatinaa biyya keessan taksa!
Yoggus walii gallee jireenyi lalisaa.

Kanan isiniif dhaama dache haadha margaa,
Dubbii fi gochaa koo hubataatu argaa;
Kankoo hin usinaa dubbadhaa labsaa egaa,
Biqilaa fi daraaraan yoggas sirriif margaa.

Kanan isiniif dhaama dache haadha margaa
Tokkuumaa cimsadhaa wal wajjin dagaagaa
Kan kana dubbistan yoo dhageessan egaa
Ofirraas faccisaa narraa kaasaa halagaa

Jetti kunoo egaa dache haadh margaa
Oromoo jabaadhaa taanaa abbaa mirgaa
Iddootti deebisanna seera isa miidhagaa
Debisnee ijaarraa Oromiyaa dhugaa.

Oromiyaan ni bilisoomti!!!

4 Comments:

At 2:53 AM, Anonymous Anonymous said...

Dacheen Oromia guddaa dha dhaamsi ishee,
Nama gurra qabuuf kan Waaq isa gorsee;
Seera isa ganamaa iddootti deebisee,
Nama ittiin buleef isheen haadha isa deesse.

Barreessaan kunillee kan qaroon kee qaraa,
Bultii rabbii beektu akka jaarsa araaraa;
Fayyaa keetiin jiraadhu hari baraa bara,
Gorsa guddaa himtee kan qabu daraaraa.

Guutuu irra.

 
At 11:17 PM, Anonymous Anonymous said...

Harka fuune obbo Abera,
Fuula barreffama kee kana yeroo hedduun dubbiseera. Ergaan ati saba keenyaaf dabarsaa jirtu kun seenaa guddaadha. Keessumattuu walaloon kee kun ergaa guddaa qaba. Kanaaf kadubbisee qalbeeffatuuf dhaamsa gaarii ta'uu isaa siif ibsaa, fuuladurattis jabinaan akka itti fuftuus abdiin qaba. Oromiyaan ka Oromoot! Galatoomi.

 
At 2:44 PM, Anonymous Anonymous said...

Ergaa seenaa fi aadaa amantee fi tokkummaa barsiisani fi cimsan hedduu walaloo of keessaa qabdu akkasii kana barreeffama akkasiin argee dubbisuu kootiif hedduun itti gammade. jabaadhu. Gammachiisaa barsiisu. Kan darbee fi kan itti jirru nama hubachiisa. Jabaadhu jabaadhu siin jedha.

Mootii Biyya

 
At 1:22 PM, Anonymous Anonymous said...

Afaan Oromootiin barreeffama barreessuun bifa adda addaatiin dhiheessuun guddina afaan keenya diinnonni keenya owwaalle jedhanii dhaadachaa turanii guddisuuf qooda guddaa qaba. Namuu seenaa fi barumsa adda addaallee afaan ofiitiin baruu fi dubbisuu irra fedha. Kanaaf tattaaffiin akkasii kun bifa fedheenuu daran babal'achuu fi jabaachuu qaba. Walaloonillee bifa barreeffama mi'aawaa dhaan dubbiftoota hawwatee ergaa dabarsuu barreeffama danda'u waan ta'eef haalli akkasiillee babal'achuu qaban jedha.

Ergaan dache dabarsite kun nama caqaseef gorsaatii galatoomi.

 

Post a Comment

<< Home

|