Monday, January 08, 2007

Ibsa idda bu’oota THBOn kenname irratti ejjennoo ABO

ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT

Guyyaa: 5/1/2007
Lakk: 01/ABO/07

Ibsa idda bu’oota THBOn kenname irratti ejjennoo ABO

Walgahiin Gumii Idda Bu’oota THBO kan sadaffaa murtii dabrse karaa sab-qunnama gara garaa
faca’e arginee jirra. ABOn qabsoo Oromoo kallachumman tokkomsee gaggeessutti, akkasumas humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hiriiran walitti fiduuf ifaajee tolfame keessatti hedduu gumaachuun saa beekamaa dha. Yeroo ammas danqammi tokko tokko haa jiraatu malee dirqama saa bahachuu irraa of hin qusanne.

Ibsa olitti dhahame keessatti garuu maqaa ABO THBO keessaa haquuf kan yaalamaa jiru fakkaata. Miseensoti Shanee Gumii ABO turan yaroon kaayyoo ganamaa irraa cehanii bu’uura Itiyoophessaa jala hiriiruun hin haalamu. Garuu hoogganootii fi miseensoti hafan osoo fagoo hin deemin akka of sirreessuu dandahaniif yeroof shaneen hundarraa babahe tokko dhaabbatee akka walitt fidu yaalamee ture. Shanee yeroof dhaabbate kana kan qaama cehumsa (QC ABO) jedhame malee dhaabi malbulchaa maqaa kanaan dhaabbate hin turre.

Bilisummaa Oromoof ABO jala hiriiranii kumkumootatu lubbuu saanii dabarsan. Dhaabi keenya
ABOn ammallee kaayyoo kana gad hin lakkisne. Kanas irra deddeebfinee hundaaf mirkaneessinee jirra.Murni tokko karaa irraa cehus maqaan ABOn hanga Oromiyaan bilisomtutt kudhaama Oromoo hundaa tahee jirata. Kanaaf maqaan humnoota bilisummaa Oromoo yoo dhahamu inni keessa hin jiru taanaan tokkummaan yaadame hanquu taha. Dhaaba keenya qaama cehumsaa jedhanii waamunis gaddisiisaa waan taheef maqaa abbaan ittiin of waamuu fudhachuun seera.

THBOn ABO malee dhaaba tokkummaa osoo hin tahin dhaabota jiran keessaa kan biraa tokko
taha. Kanaaf akeeka saaf amanama tahuun yoo ni fedhama tahe tarkaanfiin ABO ofirraa fageessuuf fudhatame dacha’uu qaba. Kan qabsoo keenya gabaabsuu dandahu tokkummaa keenya tahu itt amannee ture THBO kan bu’uursine. Bakka geenyee kaanee kan irratti xiyyeeffachuu qabnu akkamitti gurmuu keenya akaakuun misomsinaa malee kan harka ballisee nutti dhufu ofirraa darbuu tahuu hin qabu ture. Kanaaf hunda dura gara qulqulluun waan ijaaramneef hojiirra oolchuu durfannoo godhannu malee maqaamatti hafuu dandeenya.

Dhuma irratti waanti irra deebinee hubachiisuu barbaadnu tokko koree malee dhaabi QC jedhamu akka hin turre fi akka hin jirre taha. Shanichis ergama saa fixatee jira. Lammaffaa hariiroon har’a nu gidduu jabaachuu qabu yoo laafee kan fayyadu diinota keenya qofaa tahuu saati. Har’a umatni keenya hojii irratti nu argee nu madaalu fedha. Hireen dhaaba amma maqaa THBOn socho’aa jiruus ta’e kan jaarmayaa hunda keenya kana irratti irkata. Waanta’eefis, ABOn THBO keessa jiraate jiraatu baatee gurmuun qabsaawota Oromoo dhugaan dagaagee hojiitti akka hiikamu ni warraaqa. Falamaa bilisummaa Oromiyaa mirkaneessuuf godhamu kamu irrattis saboontota Oromoo ejjennaa fakkaataa qabatan cinaa hiriiree tarree falmaa duraa irratti argamuuf har’as akka kaleessa qophii ta’uu isaa irra deebinee mirkaneessina.

Qromiyan ni bilisoomti!
Qabsoon ittifufa, Injifatnoon ni dhufa!

Koree Hojii Geggesituu Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 5, 2007

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|