Sunday, December 24, 2006

Badii Shanee gumii dalagaa jirtu, Jaal Dhugaasaa Bakakkoo bar 2004 ibsaniijiru.

By Abera Oluma

Yeroo ammaa kana qabsoon ilmaan Oromoo balaa hamaa irra akka jiru, sabni Oromoo hundi akka beekuf, hatattamaan ejjennoo jabaa fudhachuun dirqama belbeltuu yeroon nu gaafatudha. Kanaafuu, bakka jirrutti,waan dandeenyu hundaan kana wal hubachiisuunii fi irratti hojjechuuf Oromoon Oromummaan keenya nutti dhagahamu hundi waadaa galuun daran murteessaa dha.

Keessattu ilmaan Oromoo biyya hambaa jirru, meeshaa teknoology jabanaatti fayyadamuun waan ta’aa jiru, yeroodhaa yerootti faana bu’udhaan hubachuuf carraan nuti qabnnu waan baldhaa ta’eef; waan yeroo yerootti deeman xiinxaluun; uummata keenya biyya keessatti ukkaamfamee jiruuf, karaa mija’u hundaan waan jiru hubachiisuun; sabni keenya akka farreen qabsoo bilisummaa Oromootiin hindogoggorre gochuun, dirqama Oromumman nu gaafatu ta’uu hubachuu qabna.

Diinni hamtuun, diina fira fakkaattee nama hubuuf dhamaatu, ta’uu ishee hamma ta’e hundumtuu nihubata jedheen yaada. Kaleessa maqaa Oromootiin Oromoo keessa of dhoksanii dhaabota Oromoo bilisummaa Oromiyaatiif qabsaawan diigaa warri turan; har’a dirqama diinni itti kenne waan xumuran itti fakaatee; ifatti bahuudhaan diinatti siquun; qaama isaanii itti gatanii, uummata Oromoo diina jala tursuuf yeroo carraaqan argamu.

Jarreen kun harri’a fuulduratti dhihaatanii akka waan Oromoon harka kenneetti fakkeessanii seenaa Oromoo xureessuuf yaaluun isaanii, uummata oromoo tuffachuu isaaniit; kaayyoo uummata Oromoo ulfina dhorkuu isaaniiti. Waldhaansoon ilmaan Oromoo sabboontonni gochaa jiran kun kan yoo danda’amee diina of irraa buqisuu dhaan abbaa biyyuummaa keenya dhugoomfachuu; yoo dadhabame dhaloota dhufutti qabsicha dabarsuu yoo ta’a; murni yeroo ammaa diinatti hidhatan kun kana dabamsiisuun qabsichi akkuma as irratti dhumatuu fi qabsichi dhaloota itti aanutti akka hinceeneef shira qabsicha dhibamsiisuu dalaguu dha. Waan amma gochaa jiraniin of saaxiluun isaanii gaarii ta’u illee; garuu ilmaan Oromoo qulqulluun maqaa Adda Bilisummaa Oromootiif kabajaa fi jaalala guddaa qaban hedduun, hanga ta’e murna bitamtoota diinaa kanaan afaan faaja’aa jiraachuun isaanii waan hin oolle. Kanaaf irra dibaadhaan ykn “yeroon haa calalu” jechuu-dhaan usuu fi maal na dhibdeedhaan, fuula galagalshachuu osoo hin-taane; nuffaa fi sodaa tokko malee, wal dammaqsuu fi shira diinaa kana saaxiluun, wal barsiisuun, akeeka gantoota kana fashalsiisuun, gaaffii belbeltuu fi barbaachisaa yeroot. Kanaaf deebisnee, deddeebisnee saba keenya karaa qajeelaa agarsiisuu fi barsiisuun murteessaa dha. Yoo kana goonee dogoggoraa fi badii deddeebi’anii muldhatan hambisuu irra caalaa, kaayyoo keenya galmaan ga’uuf hanga ta’e qooda murteessaa ta’a.

Kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ganuudhaan diinatti kan maxane murni Shanee Gumii kaleessa utuu inni Amaaratti hingalin, hayyoonni keenya shira xaxamaa jiru, waan ta’uuf deemu, dursanii saba Oromoo hubachiisaa akka turan fi waldhaansoo guddaa gochaa akka turan ragaan hamma ta’e dhiheessuun ni danda’ama. Garuu yeroo sanatti sabni keenya dammaqinsa ga’aa ta’e dhabuun; murtee barbaachisaa yerootti fudhachuu hin dandeenye. Kun kan nu-agarsiisu ammallee uummanni keenya deemsaa fi ejjennoo dhaabonni godhan, haala jiru waliin yeroon hubachuu dhabuu dha.

Egaa utuu ilmaan Oromootaa biyya hambaa jirru carraa qabnutti fayyadamuun adeemsaa dhaabota keenyaa yeroo yerootti itti dhimmuun kan hordofnu ta’ee, warra fira fakkaatanii akeeka diinaaf dalagan; bara dheeraaf diina jala nu tursuuf deeman kana, yeroon ofirraa dhorkinee jiraatee; har’a maqaa “tumsaatiin” uummata Oromootti hin qoosamu ture. Kan diinni akka eebootti sodaattu maqaa Adda Bilisummaa Oromoo, mooraa diinaa keessatti waamuun, diina hamlee cimsuuf tattaafachuun, walirratti nyaaphaa uumuun waan eegamu hinturre. Haata’uyyuu malee har’a akka gantoonni Shanee gumii hawwan utuu hin taane; hayyoonnii hoggantoota Adda bilisummaa Oromoo qabsoo guddaa godhaniin, dhaaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo akka harka diinaatti hin kufne gochuun gantoota bar soddoma ol ofdhoksanii, Oromoo fakkaatanii, Ethiopiyummaaf carraaqaa turan ciminaan dura dhaabbachuun saaxiluudhaan, shira diinaa fashalsiisaanii jiru.

Hayyoonni keenya hoggantoonni Adda Bilisummaa Oromoo badii fi deemsa farraa Shanee gumii xiinxaluuf yeroo itti hin fudhanne. Garuu hamma har’a qabatamaan Shanee gumii Amaaratti maxxantetti namni hedduun hin amanne ture.

Waan nutti labsamaa ture keessaa akka ragaa tokkootti kan ilaalamuu danda’u, waggaa sadii fuuldura hogganaan Qaama Ce’umsa Adda Bilisummaa Oromoo kan turan Jaal Dhugaasaa Bakakkoo eegala waggaa haaraa bar 2004 irratti dhaamsa uummata Ormoof dabarsan, Raadiyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti labsame xumura barreeffama kana irratti akka dhaggeeffattan kabajaanan gaafatamtu.

Eeyyee yeroo sanatti Oromoota hedduudhaaf dhugaa hin fakkaatu ture. Hiriyootaa fi maatii heddutu irratti wal falmaa ture. Hunduu ifa baasee diinummaa fi gantummaa Shanee kana dubbachuuf ni leeyya’a ture. Egaa yeroo hoggantoonni Adda Bilisummaa Oromoo haqa jiru irratti hunda’anii dhaamsaa fi waamicha nuuf godhan, yeroodhaan maaltu akka ta’aa jiru sirriitti utuu hubanneerra ta’ee; farreen qabsoo keenyaa of keessaa yeroon baasnee, qabsoon keeny hanga tokko gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu nidandeenya ture.

“Ganna darbeef mana hin ijaaran” jedha Oromoon. Haa-ta’u malee isa itti aanuuf yeroodhaan kan itti hin qophoofne yoota’e; ammas, ganni kan biraa dhufuun isaa hinhafu. Kanaafuu, har’as yeroon maal akka deemaa jiru hubannee wal hubachiisuun, wal damaqsuun, Oromtichi harka wal qabachuun, mana keenya Shanee gumii diiguuf tattaafattu kana deebsinee suphachuuf; hatattamaan ilmaan Oromoo biyya keessaas ta'e kan alaa marri waltumsuu qaba. Haalaa fi falammii deemaa jiru kana irraa warra hubannoo ga’eessa hin qabne dammaqsuun; akkasumas shira diinaa kana saaxiluun; Wallaalaan keenya akka farreen qabsoo keenyaatiin afaan hin faajjofne dalaguun dirqama Oromummaan nutti kennu ta’uu qaba.

Har’a yoo kana irratti jabinaan hojjechuu baannee; gidiraa guddaa fi badii ulfaataatu ilmaan oromoo bara dheeraaf mudachuu danda. Kana hubachuun wal hubachiisuun dirqama oromummaa keenyaa akka ta’a hubachuun barbaachisaa dha.

Galatooma.

Mee Raadiyoo Qabsoo bilisummaa Oromoo Irratti dhaamsaa Jaal Dhugaasaa bakakkoo xumura bara 2003 irratti sabaaf labsan ragaadhaaf haa dhaggeeffannu. Dhaggeeffachuudhaaf kana tuqaa = http://www.oromia.org/rsqbo/040101.ram)

Tokkumman ilmaan Oromoo haa jabaatu!!!
Oromiyaan nibilisoomti!!!
I.U.O.!!!

Abera Oluma

3 Comments:

At 9:39 PM, Anonymous Anonymous said...

Jaale Dhugasaa bakakkoo miseensa shane gumii turan kun seenaa dha.
Qabsoon Oromoo gandummaan hoganuun habisuun obbo Dhugasaa,Galasaa,Abiyyuu faa yoo dalnsiisee qabsoo irratti shira yoo yaachise.
Farri qabsoo bilisummaa gandummaan ijaramuu dha.

Olatummaa gandaa Oromoon eeguuf sammuu ittiin iyyamu hin qabu.

Qabsoo bilisummaaf yaaduuf yoo ta'e waggaa ja'a guutuu oduu intrneetii ala waan tokko hin agarre.
Qabsoon oromoo warra abbaa gandaa irraa bilisa ba'uun qabsoo oromoof waan tokko otoo hin dabaliin tarkafii tokko.

Dhimmo Oromoo dhimma Gaafa Aafirkaa ta'ee dhimma Gaafa afirkatti kan hidhame qabsoo warri abbaa gandaa gegessaa jiraniin miti.
Dhimma Sumalee fi Wayanee keesatti ABOn sababa
Dhimma keenyaa fi Wayanee ABOn sababa
Dhimma Ertiraa fi Wayanee keesatti ABOn sababa kanaaf maddi waruma tufachuu yaadu sanatu hojachaa jira.
arabaa fi hojiin tokko miti.
Afaniin Gooti eenyu akka ta'e Oromoon hunduu ni beekan.Afaan keesan nurraa cufadhaa!
Oliiqaa Dingil

 
At 1:59 AM, Anonymous Anonymous said...

Dhugaan ragaan qabatamee yoo dubbatamu caala ifa. Dubbiin dhugaa of keessaa hin qabne garuu taajjaba dabala malee homaa hin fidhu. Ni fokkisa.

Ilaalcha Obbo Oliiqaa Dingil armaan olitti dubbatan tokkotu na ajaa'ibsiise. “Gandummaa“ kan jedhu tokko kaasuun isaanii na kofalchiise. Dhugaa dha gandummaan murna kam keessatti calaqisa yoo jenne kan sabni Ormomoo beekudhaatii ani kanaaf isaan hin komadhu. Garuu haqni jiru faalla isaan dubbataniitti. Oromoo keessatti kana dhubbachuu isaanii bakka isaanii na qaanesse.

Ka biraan “rakkoo Sumaalee, rakkoo Ertiria, rakkoo Kaanyaa keessaatiif maal maal…“ kan jedhaniifis kan itti of of waamuu barbaadu warruma Shanee gumii akka ta'e namuu ni beeka. Mee ragaa tokkon isiniif kaawa. Utuu namuu waayee rakkoo Sumaalee fi Habashaa hin haasa'in Obbo Leencoo Baatii maal akka jedha. "Sumaaleen bakka Owwaalcha loltuu Humna waraanaa Mallas Taati!!!" jechuun Raadiyoo Ameerikaa irratti akka bakka bu’aa itti gaafatama waraana Somaalee of godhuun; Somaalotallee dura dhaadannoo akkasii kana addunyaa dhageessisaa turuun isaanii Oromoota hedduu kan ajaa'ibsiisee fi kan arse sagaleen isaanii ragaan jirudha. Dhimma Oromoo sirnaan dubbachuu kan hindada’in Obbo Leencoon waayee sumaaleetiif somaaleen dura ibsa akkanaa kennuun isaanii, Oromoof maal bu’aa buusa laata? Egaa mee waaqaaf jedhaatii eenyutu qabsoo keenya kana kan halagaatiin walitti qabsiisuuf dhama'aa jira laata?

Lammafaan rakkoo Ertiria jettaniifis Ilmaan Oromoo qabsoo Oromootiif mana baatee daangaa Ertria eeguuf achitti akka dhumtu kan gochaa jiru eenyu dha? Shanee gumii mitii laata?

Har'a ammoo ammas Ilmaan habashaatiif wabii dhaabbachuudhaan hidhamtoota Amaaraatiif iyyuun shanee gumii Oromoo qaanessaa jira. Rakkoon Oromoo irraanfatamee; rakkoon Ethiopia shanee gumiitiin lallabamaa jiraachuun isaa egaa qabsoo yoo ta'e; lakkii kun nu hinbaassuu isinii jenna.

Rakkoo Shanee gumii ofumaan uumee itti Oromoo cubbisuuf dhama’u kunis kan yoo jiraateellee, akkas nuun jechuu danda’uu dhaan qofa sodaa; diinatti harka kennuunii fi kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ganuun fala miti. Falli saba ofiin mar’achuu saba ofii dhaga’uun deemuu qofa.

Hundaafuu ija uummata Oromoo jalaa dhokachuun soba. Mee maal dhibdii dhiisaatii ija haa saaqqannu. Karaa dhugaatti deebinee Oromoof haa dhaabbannu. Bu’aa shanee gumii Oromoof buuse jettanis fuuluma kana irratti ni argattuutii yoo ija qulqulluu qabaattan dubbisaan isiniin jedha.

Tokkummaan humna. Dhugaan haa mo’u!!!

 
At 7:40 AM, Anonymous Anonymous said...

Yeroo ammaa kana haalli mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti deemaa jiru kun waldadhabsiisuun diinaaf karaa banuu yoo tahe malee faayidaa hin qabu. Inni guddaan qabsoo Oromoo ganda lama sadiitti hiruun jireenya ABO gaaffii keessa galchee jira. Kanaaf Oromoon kan beekuu qabu ofumaa haala addaan gurmaahee biyya keessatti socho'uu qaba malee jarreen gandaan walhirtee haasaftu kun bilisummaa naaf fiddi jedhee eeguu hin qabu. Nama biraa bilisoomsuuf dura gandummaa irraa of bilisoomsuun baay'ee barbaachisaa dha.

 

Post a Comment

<< Home

|