Ibsa Gumii Adda Bilisummaa Oromoo.
Waajiraa Qunnamtii GABUO
Sadaasa 19, 2006
Walgahiileen Ummata Oromoo tan birkiilee dhaaba, Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromootiin (GABUO) yaamamte magaaloota gurguddoo addunyaa keeysatti haala oowa’aa, injifannoofii milkiidhaan gaggeeyfamte.
Dhuma torbaan dabree, guyyaa Sabtii / Sanbata Xiqqaa fii Alhada / Sanbata Guddaa, Afraasa (December)16 fii 17, 2006, yaaminsa ummataa kan birkeeleen GABUO magaaloota Washington DC, San Diego, fii Berlin jiran godhaniif ummata Oromoo kan owwaatee lakkooysa guddaan arkameef hogganoonni dhaabaa ibsa bal’aa fii quubsaa kannanii jiran.
Akka kanaan bakka bua’aan Waajiraa Barreeysaa GABUO tii fii miseensoonni gameeyyiin dhaabaa walgahii ummataa kan birkiin GABUO magaalaa Washington DC yaamterratti argamanii sagantaa, kaayoofii karooraa dhaabichaa bala’inaan ibsanii jiru. Gabaasaan magaalaa Washington DC irraa bahe akka mullisutti, ummata Oromoo kan walgahii tanarraa qooda fudhatan keeysaa hedduun, ibsa qabsoo bilisummaa Ummata Oromiyaa kan GABUOdhaan hogganamu erga dhaggeeyfatan booda, gariin isaanii dhaaba kanatti miseensoomanii wareega qabsoon barbaaddu baadhachuuf waada galuun isaanii beekkame. Walgayii tanarratti, yeroo dheeraaf kannen sochiirra jiran sabboontoonni Oromoo, jaarmayni lama tokkoomee, dhaaba tokkichaan - dinqa tokkorraa waliin qabsotti babbohauun hedduu akka nama hamilchiisu damboobanii ibsuun beekkameeti jira. Hamileen ummata Oromoo keeysatti sababa tokkummaa tanaatiin mul'tte deebitee hogganootaafii miseensoota dhaabichaatiis olkaasuu oduun bakka walgahiirra baatu ibsitee jirti. Oromoota walgahii tanarratti arkaman keeysaa hedduun tarkaanfii qaceeltuu dhaabni kuni fudhatees qaamaafii qalbiidhaan kan deeggaran tahuu mata-mataadhaadhaan haasawa godhaniin ibsanii jiran. Akka gabaasaa Washington DC kanarraa ibsametti, hogganoonni walgahii ummataarratti argamaniis, amanamummaa Oromoon irra kaayee fii irbuu Korri Jiloota dhaabichaa isaaniin muude bakkaan gayuuf murannootaan ka'uu mirkaneeysanii jiran. Hunda caalaa, walgahiin kuni hamilee hirmaattoota walgahichaa yoomirraahuu caalaa kan olkaaseefii Oromoon ilmaan imimmaan irraa haquuf jiraatu qabaachuu isaatiin fuula duraaf kan boonu tahuu hirmaattoonni walgahichaa mirkaneeysanii jiran.
Dhumarrattiis, qabsoon nu eeggattuu cimtuu fii hadhooytuu tahuu yaadachiisanii, diinnan bilisummaatirraa akka ija hinlibsanne dhaamuudhaan, martinuu karaa jaarameen harka walqabattanii qabsotti akka hiriirtan jechuudhaan hogganmoonni eega yaaminsa dabarsaniin booda, haala jaallumma fii obbolummaatiin walgahichi milkii, hamileefii injifannoo ol-aanaadhaan xumuramee jira.
Haaluma walfakkaatuun yaaminsa birkiin GABUO ummata Oromoo kan magaalaa San Diego, California qubatuuf godhe kabajuudhaan Oromon lakkooysaan hedduu guddaa tahe bakka argamanitti hogganoota dhaabichaarraa ibsi bal’aan kennamee jira. Walgahii guyyaa Afraasa, 17, 2006 San Diegotti godhame kanarrtti wajiraa Jaarmayaatiifii waajiraa Siyaasaa GABUO tiirraa jilli nama lama if keeysaa qabu bakkatti argamee ibsa bal’aa yo kennuu, miseensoonni GABUO sadarkaa ol-aanoo tahan kan biraatiis achitti argamanii walgahicha miidhagsanii jiran. Gabaasaan magaalaa San Diego tuni akka tilmaamtutti seenaa walgayiilee Oromoo kan amma dura magaalaa tanatti godhaman hunda caalaa ummanni Oromoo kan lakkooysaan heddu-hedduu guddaa tahe arkamuu daran, haala oow’aa fii gammachuudhaan sochiin GABUO kana simatanii jiran.
Walgahii tanarratti bakka bu’aan Koree Jaarmaayaa qaamaan mul’atee ummataafii dhaabichi, akkasumattiis, dhaaboonni Oromiyaa kan siyaasaafii hawaasaatiis dabalatee, hundi harka walqabatanii akkaataa bilisummaa Oromiyaa fiduu itti dandayan bal'inaan agrsiisee jira. Daaw'atoonniniis ibsaafii barnoota kenname kanarraa gammachuu qaban ibsuu daran, taraa tana dhaabichi karaarra jiraachuufii ful-duraas hamilee ummataaf kennudhaaf deddeebitanii dhuftanii akka nu jaartan jechuudhaan gaafatanii jirani. Bakka bu’oonni dhaabichaatiis, yaaminsa ummataa kana fudhatanii birkii dhaabaa achitti cimsuufii, yeroo dandayametti bakka bu’oonnii Koree Jaarmayaa barnoota barbaachisu ummataaf kennuuf akka dhufan abdachiisanii jiran.
Gara Biraatiin, walgahiin ummataa kan birkii GABUO, kutaa biyya Jarmaniitiin yaamame magaalaa guddittii Jarmaniitti Barliin keeysatti gaggeeyfamee jira.
Walgahii tanarratti arkamanii qooda fudhachuudhaaf sabboontoonni Oromoo kanneen magaaloota biyyaa Jarmanii gara-garaa keeysa qubatan bal’inaan arkamuu daran, sochiin amma GABUOn itti jiru bal’inaafii karaa caasaatiiniis irraa qooda fudhachuuf waada seenanii jiran.
Walgahii tanarratti ibsa bal’aa kan kennaniis, jila nama lama if keeysaa qabu yo tahu, isaan kuniis waajiraa Duraa Taa’aa GABUO tii fii waajiraa Diinaggeey dhaaabaatirra kan tahan walfaraqaa dhaabichaa fii ummata Oromoo walbarsiisanii jiran.
Ibsa ummataaf kenname keeysatti dhaaboonni lamaan maliif akka tokkoomanii walitti baqan, sagantaa dhaabaa, Karoora jaarmayichaa, haala qabatamaa Gaafa Afrikaa keeysa jiru, haala qabatamaa yeroo ammaa Oromiyaa keeysa jiruufii fuula dura tokkummaa jaarmayoota Oromoo kan ULFO gabbisuurraa bal’inaan marihatamee jira.
Sabboontoonni Oromoo kanneen achitti argamaniis tokkoomuu dhaaboota Oromootirraa gammachuu qaban ibsanii, gariin isaaniitiis kallattiidhaan miseensummaa fudhatanii caasaa dhaabichaatiin qooda isaanii gumaachuuf waada seenanii jiran.
Akka gabaasaan Beliin addeeysutti, keeysattuu jaallan qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif jireenya isaanii gumaachuu daran, qabsoon bilisummaa Oromiyaa walaawwalii xurreefii kaayoo isii ganama lafa kaayan keeysaa gariin ammallee qabsoo tana karaa caasaatiin itti dabalamanii ummata ofiitiif hojjachuuf murteeysuun isaanii hubatamee jira.
Walumaagalattuu, jilli gara-garaa Sagantaa fii karoora dhaaba GABUO ummata Oromoo kan sochii dhaaba kanaa hubachuudhaaf bakka adda addaatti walgayaniif waaee dhaaba ibsuuf bobbaan duraa milkii gurguddoofii goobaan galtee jirti. Baha United States, Washington DC rraa, dhiha USA San Diegoo irraa, Awrophaa keeysa Barliin biyya jarmanirraa dhaabni keeysan, GABUO injifannoo galmeeysee jira. Bakka sadeenittuu hogganoonni dhaabaa, sochii GABUOn yeroo ammaa itti jiru, qindoomina qabsoo kan jaarmayoota Oromoo jidduu jiruufii carraqqii GABUOn jabeenya ULFOtiif hojiirra oolchaa jiru bal’inaan ibsanii jiran. Ummata dhaggeeyfachuuf dhufanirraahiis qooda fudhannaan guddaan galmaawee jira.
Bobbaan tuni jalqaba. Bobbaaleen tana fakkaattu aduunyaa mara keeysatti tahuuf jiraatti. Ibsa biratti tarkaanfiileen gurguddoon asirratti hinibsaminiis jirti. Tarkaanfiileen akkasii ofumaaf gaafni if mul'isan fagoo miti.
Oromiyaan nibilisoomti
2 Comments:
GABUOn uummata Oromotiif abdii boru akka ta'ee caalqabumaan agarsiisee jira. Ijaarsonni Oromoo walbummaan Bilisaa Saba Oromiyaatif falmani, Kan Tigree jala ta'aani Dimokraasi Oromoyaa jeedhanif Kan Abashotaa fana tadhaani haqaa ummaata Oromiyaa (Itoophaa) jeedhaani hundaa BIlisummaa, Walabummaa,... kan jeedhu irratti ULFO jalatti warana tokkof Hagganaa tokkoo jalatti gurmayaani yeroo gababdu keessatti Oromiyaan Ilmaan Oromootiin akka bilisomsitaan hawwii ilmaan Oromoti. Ijaarsonni Oromoos tataan oromotii dhunfaan maraa dinaa keessa jirtaani bekkumsaa, muxxanoo fi qabeenyaa keessan dinaaf olchaa jirtaan kana lammii keessanif olchu irratti akka ojjeettan ijooleen Oromiyaa sin gafachaa jirti. Yeroo yaartu keessatti kana gochu yo dhiftaani isiinis dinaa Oromoo ta'u keessan bektaani shimalaa uummata Oromoo irra sinitti urrumsu akkata of irra qolattan irratti yaada. Shimmali uummata Oromoo irra urrumsu sammu iddo lamatti akka baqaqsu hin irranfatina.
Waaqni Oromoo humee galtu Oromoo sammu ishee gara Oromotti haa deebisu!
Yo isheen diddee Oromoo irratti Ojjeette bakkakkaa Oromoo irratti harobsu!
Galatomaa
Birraa
Yaa ilmaan Oromoo Tokkuumman humna.
Oromoon dhiiga tokko, Oromoon qaama tokko, Oromoon biyyaa tokko qaba, Oromoon aadaa tokko qaba, Oromoon uumamaan afaan tokko dubbata, Oromoon biyya tokko halagaan dhabe tokko qaba, Oromoon diina tokko qaba, sunis Habashaa biyya isaa dhaaluun isa gabroomfattee daraa jirtu dha.
Egaa kana waan ta'eef yeroo hammaatti qabsoo godhamu irratti ilmaan Oromoo kutaa, amantee, ilaalcha siyaasaan utuu addaan hin baane kaayyoo haqaa tokko Oromiyaa walaba taate deebisanii gadi dhaabuu jalatti harka tokko ta'uun ULFO diinonni keenya diigne jedhan deebisnee gadi dhaabuun galma ga'uutu nu irraa eegama.
Yaada ijaarsa akkasii fi Oduu barsiisoo akkasii waliin dabarsachuuf Oromoonni carraaqxan marti galata qabda.
Kan Oromoo ta'ee Oromoo ganu; kan dantaa dhuunfaa fi taayitaa harcaatuu diinaaf saba isaa dabrsee diinatti kennuuf carraaqanii fi caarraaqaa jiran haa doomsu.
Oromiyaan ni bilisoomti!!! Tokko taanee haa qabsoofnu.
Dhugaasaa.
Post a Comment
<< Home