Sunday, December 31, 2006

Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo

Guyyaa: 31/12, 2006
Lakk: 13/ABO/06

Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree Adda Bilisummaa OromooUmmata Oromoo, fi miseensota ABO, akkasumas qabsaawota bilisummaa Oromoo,Maqaa koree Hojii Geggeesituu ABOti, fi maqaa kiyyaan, baga bara haaraa 2007 geessan jedha. Barri moofaan dabree haaraan yeroo seenu, caalaa wayyaan akka waliin dhufu hawwuunii fi akka dhufus carraquun ilmoo namaa irraa kan eegamu. Waan ta’eefis barri dhufu kan dagaagina qabsoo itti arginu,kan aagaa, nagaa fi injifannoo akka isiniif ta’u hawwii koo ibsa.

Sochiin bilisummaa Oromoo gufuun itti heddomatu illee bara dabres akkuma baroota taraniiqabsaawota ijoo kaayyichatti cichaniin tikfamee bara haaraa kana dhaqabeera. Gurmuun qabsawota bilisummaas guddataa qabsoon isaanis caalaa misaa of dura tarkaanfachuu danda’e. Akkanaanis, balaa kaayyoo dhaabba keenyaa ABO irratti agamame facisuudhaan, ittifufa kaayyoo ganamaa mirkaneessuu danda’ameera.

Gama dhaaba keenya ABOn rakkina keessatti dhalatee tureen dhaabichi bakka lamatti qoodamuun beekama dha. Rakkina kanas karaa nagaa furmaata itti gochuuf murna kaayyoo ganama irraa ceheef carraa of qoree of sirreessuu kennuuf jecha koreen Qaama Cehumsaa jedhama ture dhaabbatee akka hojii dhaabichaa geggessaa ture ni yaadatama. Korichi yeroof kan utubame waan tureef dirqama yeroo isaa erga fixate booda jaatamee jira.

Korri ABO kan Amajjii bara 2006 taa’e koreen Qaama Cehumsaa kun akka gadaa hojii isaa raawate murteesse ABOn hoggana dhaabbataa filatee maqaa isaatiin akka socho’ii ittifufu tasiseera. Gaaffii Oromoo waan ilaalunis, motummaa gabroofataa irratti qabsoon tolfamu toora hallen akka ittifufu ajajee jira. Dabalees, hariiroo dhaabota gara garaa waliin godhamu irrattis masaka kennuun xumurameera. Tarkaanfin kun injifatnoo bara dabrsine keessaa tokko ture. Murtii kora kanaan masakamuunis caasaan dhaabichaa sirna haaryaa haala waliin deemu dirirfachuun sochiin mirqansaan mul’achu dandaera. Hunda caalaa kaayyoo ganamaa lakkisuun, bilisummaa Oromoo mirkanessuu dhiifnaan mirga hanga ammaa sabni Oromoo qabsoon argatehuu of duuba deebisuuf akka ta’e ummatni keenya kan biyya keessaa fi alaas akka hubatu tattaaffiin godhames firi qabeessa ture.Karaa kaaniin harirron humnoota Oromoo bilisummaa Oromoof dhaabbatan gidduutti mul’ates akkan jajjabeessa ture. Humnootni bilisummaa Oromoo, afanfaajjii dhaabni AFD ofiin jedhu, kan murni ABO keessa bahe itti miseensoome mooraa Oromoo keessatti uume qulqullessuuf ejjennaa tokko qabaatanii dura dhabbannon godhan afanfaajjii ture ittisuu irratti gumacheera. Haalli kun ittifufee, akeeka ifaa jalatti qabsoo waliin qindeeffatnii gurmuu tokkoon akka waliin socho’an bu’uura buseera.Haala sochii ummata keenya yoo fudhanes raoorroo fi midaan diinaan irratti raawwatamu haa dabalu malee waldhaansoon mootummaa gita-bulchiinsa Tigray irratti deemsisu caalatti jabaatee fi bal’atee mul’ateera. Keessumaa bartootnii fi dargagotni hidhaa fi ajjechaa diinaanf osoo hin jilbeenfatin goleelee Oromiyaa hunda keessatti sochiin godhan boonsa ture. Sochiileen ittifufaa fi mul’atan kun qabsoon Oromoo sadarkaa ummatatti jabaachaa fi humnaawaa deemuu kan mirkaneessu ture jechu dandeenya.

Akkuma qabsoon ummata keenya jabaachaa dhufuun, mootummaan Wayyanee yeroo kamuucaalaa ummatan lagatamaa fi kophxawaa dhufun yeroo calatti mul’atera. Waanta’eefis, sirnaabbaa irrummaa isaa caalatti jabeessuun hidhaa fi ajjechaan ummata keenya irraan gahu daranol kaase. Umatoota walitti busunis walgidduutti akka dhiingi dhagalau godhe. Golii keessaakanaan qabsoo ummataa ittisuuf tattaafatu irra dabrees didda keessaa ukkamsuuf imaamatabiyyoota ollaatti goolii busuu ittifufe. Akkanaanis kuno biyya walaba taate Somaliya werareeobolwan Somaliya rakkina isaani walii isaani giddutti akka hin fixanne gufuu ta’ee nannichajeeqa jira.

Cuunfatti barri dabrsine qabsawota Oromoo fi ummata Oromoofis yeroo falamaa jabaa fimilkiilee nama jajjabeessu ture jechuu dandeenya. Kun akka jirutti ta’ee dhugan irra taramu hin qabne tokko haala kana gahatti dhimma itti baanee yeroo injifatnoo dhiheessuuf sochiin gama jaarmayaatiin mata mataatti ta’e gamtaan humnootni bilisummaa Oromoo godhaan gahaa ta’e hin argamne. Humna dandeetti qabsoon Oromoo qabu walitti qindeessanii qabsawanii qabsosisuu irratti hir’ina ni ture. Kanuma waliin dadaqinsi kaayyoo irratti murna garii biratti mul’ates afanfaajii umuun qabsoon bilisummaa Oromoo dadhabatti akka hergamu gochuu irratti gumachun ni jira.

Hi’inoota kanneen injifatnee bara haaraa dhufu kana mirga caalu gonfachuudhaaf qabsawotniOromoo dirqamni nu eggatu guddaa dha. Dhaaba keenya ABO, har’a illee kaayyoo kaleessaqabatee ka’eef amanamaa ta’ee qabsicha kan ittfufu ta’uu caalaatti hojiin of mirkaneessuu,ummatni keenya caalatti jaarmyaan hammatamee qabsoo ittifufaa ta’e akka godhu hojjetuunfardii.

Humnootni bilisummaa Oromiyaaf dhaabbatanis dirqamni isaan eggatu guddaa dha. Akkajaarmayaa fi gamtaanis dadhabbii qaban gamagamanii, haala itti gurmuun qabsawotabilisummaa jabaate hojiin itti of mul’suu fi ummata keenya sochosuu danda’u itti mirkan’uargamsiisuuf socho’u irra eegama.

Ummatni keenya alaa fi keessas olola ofuun sobamuun mirga haaraa dhiifnaan isuma qabsoo fiwareegama hanga ammaan argamehuu kan of duuba deebisuu fi hamilee dhaloota dhufuu kan hubu ta’uu hubatee qabsoo bilisummaaf godhu jabinaan baranas ittifufuun qaba.

Mayyii irratti, haalli keessa jirru xaxaa ta’uu ni hubatna. Haalli xaxaa fi rakkisaa dha jenneehaalaaf jilbeenfatu osoo hin taanee haala jiru jabinaa fi qabsoon jijjiruuf qabsawu feesisa.Qabsoon keenyas dheeraa fi ba’a bu’ii akka qabu beeknee karaa salphaa fi qaxamura hinargamne eegu irra gurmuu keenya jabeesinee muratnotan warraquu dha. Cimina jaarmaya,qabsoo qindawaa fi ittifufaa, of irratti fi ummata Oromoo irratti abdi qabachuu bu’uura taasifate magarsuun bara 2007 kan milkii fi injifatnoo taasisuuf haa kaanu.

Oromiyaan ni bilisomti

Qabsoon ittifufa! Injifatnoon ni dhufa!

Dhugaasa Bakakkoo
H/D ABO

2 Comments:

At 11:15 AM, Anonymous Anonymous said...

Where can i read the original version of this message? Or is this Blog the place where we can read messages from HD ABO?

 
At 8:15 AM, Blogger Rutubet İnfo said...


anal porno

 

Post a Comment

<< Home

|