Saturday, January 06, 2007

Tokkummaa Oromoof kaayyoo isa ganamaa!!!

By Abera Oluma

Nuyi ilmaan Oromoo dhiiga tokko taanee,
Shira diinni uumteen gargar tatamsaanee,
Ilmaan abbaa tokkoo wal dura dhaabbannee,

Warra daba dalaguuf nutu meeshaa taanee;
Roorroo dhaaf gidiraa wal irratti feene,
Kan ofii wallaallee halagaaf gowwoomne.

Dhiigni dhiigaan cophee lafeen lafeen cabee,
Diinni nu-bobeessee qaama keenya gubee,
Wal nu wallaalchiisee jireenyaan nuhube.

Qaamuma tokkicha adda adda nu dhaabee,
Kaan kutadhaan,kaan danta kaan amanteen sobee,
Wal nu shakkisiisee waa hedduusaa nu-dhibe.

Seeraaf heeraa ture aadaa keenya diigee,
Safuun hundeen ulfinaa shira diinaan jigee,
Hangaftiif quxisuun haadhoon wal wallalle.

Kara karaa fiiguun halagaan gorsamnee,
Gurmuu tokko dhabnee Oromoon hiyyoomnee;
Ilmaan abbaa tokkoo ta’uu irraanfanne.

Wal faallaa dhaabbanne diinaaf karaa laanne,
Ijoolleen Oromoo ormaaf humna taane,
Kaayyoo isa ganamaa qaata irraanfanne.

Nutuu wal kuffisnee diinaaf wal saaxillee,
Kanatu ta’aa ture yoo deebisnee laalle
Adda adda dhaabbanee obbolaan wal lolle.

Wanna boriif tolu seenaa yoo xiinxalle,
Shirrii diinaa kuni fufee jira ammalle,
Hiixuu nundeemsisu yoo cabsine malee.

Maaloo ijoollee Oromoo biyya Oromiyaa,
Nutoo wal ajjeesnee eenyutu nuuf iyyaa?
Xiinxallee haalaallu bilissummaa biyyaa.

Kutaa dhaaf amantiin gargar nu qoqqoodee,
Kaan dantaa harca’aaf taayitaa sobaan muudee,
Waliin jirra jedhee maqaa itti saadee.

“Warri kun beekoo-dha isaan sun wallaalaa”,
“Kutaa isa kanarra, warra sanatu caala”;
Jechuun addan qoodee wal nu dhaabe faallaa.

Hardhas nubiraanafnee faana keenya deemti,
Gandummaa fi "amanteen" nu qoqqooduu yaalti,
Warraa garaaf bulan kunoo dantaan bitti.

Hooda isaa nuuf himaa lammii of wallalee,
Beekaan keenya jirtan mala dha’aa malee,
Gochi gabroomfattuu hinhafnee hardhallee.

Akkuma kaleessaa har’as itti jiruu,
Toftaa isaanii durii cimsuuf bitintiruu,
Karaa adda addaatiin Oromoo hiraaru;

Dabaa dantaan bituun nurratti bobbaasuun
Amanteedhaa fi kutaan jaarmolee ijaaruun;
"Wal dadhaban" jedhu maxxannee faarsuudhaann.

Kaleessa kan nu cabse tooftaan diina kuni,
Waan salphate mitii ammallee taanaani,
Wal haa hubachiisnu nuu iyyaa beektonni.

Gandummaan jaamanii of kan dagatani;
Rakkoon Oromummaa kana kan se’ani,
Karaa dogoggoraa jiru kan deemani.

Diinaan jaaramanii gandummaa fi "amanteen",
Aadaa keenyaan ala dantaadhaaf kan fiigan,
Summ'ii diinni owwaale jiru lammiin dhugan.

Daawwaa isaa itti himaa yoos keessaa diddiga,
Yoo kudhaammataniif Oromummaan dhiiga,
Hayyootni itti himaa yoo dhaga'an egaa.

Bakka jirtan maraan tokkummaan dhaabadhaa,
Samm'uu diinni tamsaasu maseensuuf jabaadhaa,
Xiqqaa guddifachuuf dammaqaa hubadhaa.

Sabboonummaa dhugaatu summ'ii diinaa diigaa,
Jedhaatii barsiisaa Oromummaan dhiigaa,
Yoo kana hubatan jireenyi dagaagaa.

Maaloo ilmaan Oromoo hayyoonni Oromiyaa,
Lakki hin callisinaa yeroodhaan nuuf iyaa,
Kan dabe sirreessuuf jabaadhaa waan biyyaa.

Tokkummaa Oromoof kaayyoo isa ganamaa,
Kanaan wal nuuf tumsaa kanaan nu Tokkoomsaa,
Shira diinaa kana gandummaa maseensaa.

Lubbuutu darbaa jira dhiigatu dhangala’a,
Diina dhaggeeffannee nutu wal gaaga’a,
Bira hin tarinaa hayyoottan dhaga’aa.

Maaloo hayyoonni jirtan beekaan waa nuu himtan,
Kan kaleessaa hin ga’uu, har’a maaf callistan?
Oggummaan kan dha mee kan ittiin boontan?

Mee wallaalaa gorsaa; kan dabes sirreessa,
Rakkoon keenya maali? mee addaan nuu baasa,
Seenaa irraa nuuf himaa haqaa nubarsiisaa.

Kutaa moo Oromoo eenyu irra dhalannee?
Amantee moo dhiiga kam irraa maddinee?
Ganduummaaf "amantee" attammiin qoodamne?

Amantees yoo ilaalle mee eessa irraa dhuftee?
Kutaa gariin faarsus waan nafxanyaan uumte,
Oromiyaa baldhoodha kan nuun biqichite.

Harar, Shawaa, Wallaggaa Arsiidha moo Baalee,
Walloo, Jimmaa jennee kutaan yoo waamnelee,
Inni qomoo miti!!! dache keenya malee.

Mee kana nuuf himaa hayyoonni jaarsolii,
Kutaan wal qoqqooduun egaa hikni maalii?
Deebii isaa itti kennaa haa baranii walii.

"Amanteen" hidhamnee Oromummaa gatuun,
Kan keenya dagannee kan hinbeekne faarsuun;
Fala nuuf hin ta’u!!! sammuu wal hadoochuun.

Hangafti bubbultan hayyoonni kan jirtan,
Kan kaleessaa hin ga’uu har’a maaf callistan?
Yoo dache iyyitu itti cimee rorroon.

Jaarsota Oromoo Maanguddoota biyyaa,
Maaloo hayyuun jirtan hin usinaa iyyaa,
Waa itti nuuf falaa rakkoo Oromiyaa.

Kutaan nu hin dhalchine Oromticha malee,
Irra deddebinee kana himnuuf malee,
Callisuun numbaasu haa gorsinu ammallee.

Daawwaan of beekuu dha dhibee gandummaatiif,
Summi’i diinni owwaale of keessaa baasuudhaaf,
Daandii bilsummaa riqicha ijaaruudhaaf.

Ganduummaa fi gantummaa hundeesaa owwaallee,
Summi’i nyaaphaa kana hobbaafannu malee,
Shira diinaa kabuun mantummaa nuuhintolle.

Dhiigni dhangala’u roorroon nu irra ga’u,
Gandummaa fi wal qooddan dhaabachuu hin danda’u,
Hawwiin birmadummaa salphaatti bakka hinga’u.

Kutaan nu qoodeeti kan diinni nu qale,
Fayyuu hindandeenyu kana beeknu malee,
Jabaannee haadalgnu kan beeknu itti fallee.

"Amantee" dha jedhee nu jilbeenfachiisee,
Ija qaphaa jedhee nu dunuunfachiisee,
Mormarra nu-ejjetee diinni nu ajjeese.

Kana dhugaan jiru kan diinni taasise,
Utuu biyya qabnuu biyyaa nutamsaase,
Utuu humna qabnuu yartuu nu dhaalchise.

Har’allee egaa hin dhiisne diinni hamaa yaaduu,
Kutaaf amantee dhaan Oromoo qoqqooduu,
Tooftaa itti fakkateen Oromticha gaaduu.

Kutaan qoqqoodanii wal dura nu dhaabuuf,
"Amantee" sobaatti Oromoo harkisuuf,
Maqaa diimokraasiin Ethiophiyummaa cimsuuf.

"Dhaaba ijaarra” jedhu kan hundeen gandummaa,
Kan of keessaa hin qabne waayee Oromummaa,
Shira hedduu xaxuu habashoonni ammaa.

Waa nu dhiisuu didu ilmaan Habashoota,
Har'as nutti bitu warra abbaa garoota,
Amanteen fi siyaassan gochuun dabbaloota.

Nu dhiisaa yeroodhaan bookkistoota gandaa,
Oromoon sin tufa bor maqqan sin badaa,
Gochaan keessan farraa yeroon of barbaadaa!!!

Galma Oromoo diiguuf bakka buusuuf godoo,
Maqaa Oromootiin barbaaddachuu sadoo,
Gandummaa kan feetan cimsuudhaaf gadadoo.

Lakkii isin hin baasuu barbaaddadhaa iddoo,
Abjuu kaalee darbee dhiiga hin ta’u gandoo,
Har'a kofla feetan duuba imimman yandoo.

Seenaa kalee darbe hin ta’u lammaffuu,
Qaanii ta’ee jiraa isinitti haa hafuu,
Oromoon lammaffaa shira diinaa hin rafu.

Harka sassaabbadhaa diigdonni galama guddaa,
Gurgura hawwitan kallacha abbaa gadaa,
Bitamtoonni diinaa bittinaawaa badaa!!!

Miidhaa gandaa miti rorroon nu irra jirtu,
Amanteefis miti kan diinni rooraatu,
Taayitaafis mitii kan Oromoon loltu.

Rakkoon nurra jirtu kan waayee gabrummaa,
Dirqama eenyummaati gaaffii abbaa biyyummaa!!!
Kana dura hubadhaa dhiisaatii gandummaa.

Fedhii amntee miti ykn rakkoo gandaa,
Saba Oromoo hundatu dhiitamee badada,
Qomoo nu balleessuuf diinni nutti aada.

Dhiiga Oromummaatiif kan diinni nu qalte,
Gaaffiin keenyas biyya kan diinni nu dhaalte,
Kana hubadhaattii dhiisaa waayee "Amantee".

Amantii nus qabnaa kan uumaan nuuf laate,
Amantee kan dhugaa Sabni ittiin jiraate
"Maaf diina aggattun" eessa irraa dhalate?

Oromummaa malee dhiigoma ganamaa,
Biyya ofii deeffachuu waayee walabummaa,
Kan biraaf hin duune Oromoon gonkumaa.

Egaa mee of baraa lallabdoota gandummaa,
Akka dhibamsiifnuuf hundeedhaa gabrumma ,
Bu’ura godhadhaa waayee Oromummaa.

Dhaabota walaba jaarmiyaa bilisummaa.
Cina hiriiraatii cimsaa waan dhiigomaa,
Sammuu baldhifadhaa gataa waan gabrumma.

Cina hiriiraatii cimsaa waan dhiigomaa,
Of baraa wal jaaraa cimsaa Oromummaa,
Kana qofaan fayyu dhibeewwan ganddumma.

Ganduummaaf gantummaa hundeedhaan owwaallee,
Summi’i nyaaphaa kana hobbaafannu malee,
Afaaniin hin dhuftu bilisummaan jenne.

Dhala keenya boriif waan ta'u yoo feene,
Badii dalagamu laallee akka hin callisne,
Kan irratti haa duullu kan ija saaqqanne.

Walii wal dhaga’uun wal cina dhaabbachuu,
Gorsa halagaa dhiisnee kan walii fudhachuu,
Humna keenya maraan haqaan wal cimsachuu.

Agoobara tokkotti mana ijaarrachuu,
Humna jabeeffannee diina ofirraa aggachuu,
Kana falli jiru kan walii nu galchu.

Kana gochuu qabna wal bira dhaabbanne,
Ilmaan Oromootaa harka wal qabanne,
Oromiyaa walaba kaayyoo ofii godhanne.

Kanaan of beekuu dha dhibee dhibamsiisuuf
Summ'ii diinni owwaalle shira diinaa doomsuuf
Tokkuumma kaayyootiin biyya bilisoomsuuf.

Murannoo fi kutannoon qabsoo finiinsuudha,
Of irratti irkachuun Of jajjabeessu dha,
Kana falli jiru daawwaan gandummaa dha.

Biyya humnaan dhabne deebisnee ijaarrachuu,
Hirree tookko taanee kaayyoo ofii qabaachuu,
Gurmuu keenya cimsuu halagaa tuffachuu.

Tumsa Oromoon qofa daandiin bilisummaa,
Karaan biraa hin jiruu kana walitti himaa;
Tokkummaa tokkummaa tokkummaa Oromummaa.

Kaayyoo ganamaa irratti kaayyoo walabmmaa,
Cicha fi ciminaan utubnee Oromummaa,
Hundeen dhabamsiifna gantummaa fi gandummaa.

Oromoon dagaagee biyyii bilisooma,
Burkutaa'ee bada hawwiin diinaa hin dooma,
Oromiyaa ijaaruun qabsoodhaan dhugooma

Wal tumsaa ilmaan aayyaa,
Ilmaan Oromiyaa,
Aduun nuuf bariitii gantuutti itti dhiyaa.

Oromiyaa walabni deebitee jaaramtii!!!
Lammii oromoo mitii diinnuu kana beektii,
Tokkummaa jabeessa bakka jirtanitti!!!


Qabsoon itti fufa!!
Bilisumman ni dhufa!!!
Shirri diina ni kufa!!!

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|