Tuesday, February 13, 2007

walaloo gabaabduu Oromoota Oromummaa isaaniitiif wareegaman yaadattu.

Walaloo kana dhaggeeffachuuf as tuqaa >>> YouTube - Hin duune isin jirtu

1 Comments:

At 12:13 AM, Anonymous Anonymous said...

Foon male dhuugan hin du'uu

Dhugaan seera uumama yoomu hin darbu
Kan eenyummaaf darbe yoomu hin gaabu
Foontu du’a male seenaan du’e hin beeku
Lubutu darbe male dhigni hidda akkaakuu
Guman ijoollee Oromoo warra jiruuf kaakuu
Boree dhimma diroo kaaku kalachaa fi bokkuu
Dhaamsa ekkerdubistu qomoon kana haa beeku!


Sirni dhugaa male walqixxumaa farsu
Walqixxumaa saba seeraan hin gabbisu
Seeri sirna gadhee kan qaroma doomsu
Kichu Oromo ciirus dhugaa hin ajjeesu
Qabsoon diroon fufa yaa qomoo dhagessuu!

Yakka sirna gabrummaan odaa damee ciru
Ni googa see’ani eenyummaa waan jijiiru
Odaan saba Oromoo hidda dheera qaba
Damee hin coolagne eenyummaa nu kaaba
Qabsoon bilisummaaf kan du’e yoom gabaa?
Lafeen gootota Oromoo tuggee fi utubaa
Ribuun gootota Oromoo suphitu tujubaa
Diroon hin dagatu seenaaf muraa kobaa!
Bilisni hin ooltu dhugaan Odaa Roobaa!

G. Roobaa

 

Post a Comment

<< Home

|