Ibsa Ejjeennoo Walgahii Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo
ADDA BILISUMNIAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Ibsa Ejjeennoo Walgahii Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromo
Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (GS-ABO) walgahii isaa dhaabbataa Guraandhala 17 -24, 2008 deemsisise rnilkiin xumuratee jira. Walgahiin GS-ABO kun haala qabsoon hilisummaa Oromoo keessa jiru, roorroo mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti geessisaa jiru, haala jeequmsa adda addaa naannawa Gaanfa Afriikaa keessatti yeroo ammaan kanaa irrattii fi haala idila-adunyaa gadi fageenyaan erga xiinxalee booda qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuuf murtiilee jajjaboo dabarsee jira.
ABO Ilaalchisee
Dhaabni keenya ABOn akka dhaaba bilisummaa ummata isaatiif falma irra jiruu tokkootti haallan yeroon isa gaafatu deebisuufis ta’ee qabsicha galmaan ga'uuf bifaa qindaawaa ta’een of gurmeessee sucho'utu Irraa eegama. Kanaaf jecha, dhaabicha dagaagsuun haala irratti xiyyeeffachuu qabau kessaa olaantulmaa qaba jenna.
Qabsoon tokkao kan dagaaguu danda'u fi akeekni isaa kan galma ga'uu danda'u kaayyoo, tarsiimoo fi tooftaan hordofamu xaliiluun murteessaa akka fa'e beekama. ABOn waggoota 35 duraan yeroo utubamuu eegalee kayyoon isaa tokkichi hiree murteeffannaa ummata Oromoo dhugoomsuudhaan mootummaa walaba Oromiyaa ijaaree iggitti itti godhuu akka ta’e beekama.
Qabsoo boqonnaa kana keessatti demsifameen:
(1) Oromiyaa biyya jedhan, mootummaa Itophiyaa jalattis ta'u, akka qaama 'political' tokkotti daangaan isaa beekamee mul’atee jira
(2) Oromoon adda addatti of ilaaluu fi wal ilaaluu irrataree, akka saba tokkootti, hiree tokko fi biyya tokko akka qabu hubatee daangaa ha mma daangaatti waliin socho'uu dhaqqabee jira;
(3) Gaaffiin uummactichaas, bilisummaa Sabichaa walabummaa biyya isaa ta'uu hubachuu irra dabree, dhiigaa fi lafee isaatiin falmaa jira.
Seenaa gabrummaa,kan hawaasni keenya keessa dabre ammaas keessa jiruu waliin yoo ilaalle bakki amma gahe kun madaala kamiin iyyuu injiffannuo xiqqaa miti. injfannoo kana jabeessanii kan caalu gonfachuuf boqonnaan amma seennee jirru murteessaa dha.
Haa ta' u malee waggoota dhiyoo as maqaa dbaaba kanaa kanneen himatan adda addaa kaayyoo kana haguuguuf tattaaffin isaan godhan hin miilkaawin malee hojii dhaabichaa irratti danqaraa ta'u danda'ee jira. Kanaaf jecha walgahiin GS kun kaayyoon ABO kan dhugaa addeeffamee akka mul’atu irratti akka hojjetamu murteessee jira.
Dhaabni bilisummaaf warraaqu tokkoo dursee kan mirkaneeffachuu qabu walabummaa mataa isaa akka ta'e walgahichi irra deebi'ee yaadatuun walabummaa ABO tiksuu fi miidhaa alagaan harka lafa jalaan dhaabichaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irran ga' uuf carraaquu iggituu irratti hajjetamuu akka qabu murteesse.
Sabboontota Oromoo Ilaalchisee
Jeequmsa ABO keessatti dhalate irraa kan ka'e miseensotnii fi deggertoonni dhaabichaa kan qabsoo irraa of qusatan martinuu egereen ummata Orumoo mirkanaawuu kan danda'u dhaaba jabaa fi kaayyoo ititaa jalattii gurmaawuun qofa akka ta'e hubatuun ABO deebisanii dagaagsuu irratti akka hirmaatan waamicha jaallummaa goonaaf. Uummanni Oromoo kan isin irraa eeggatus yeroo murteessaa ta'ee jiru kanatti beekumsa, qabeenyaa fi ogummaa keessan gumaachuun akka qabsoo isaa jabeessitanii bilisummaa isaa dhugoomsitan ta’uu GSABO irra deebi'ee isin yaadachiisa.
Ummata Oronmo Ilaalchisee
Qabsoo ummatiii keenya bilisummaa isaa gonfachuuf geggeessaa jiru kan abdii namatti bulchu akka ta'e mirkanaawuun wal nama hin gaafachiisu. Walgahi GS-ABO wareegama ummatni keenya baasaa ture ammaas itti jiru, bilchinaa fi dammaqiinsa ummatni keenya argisiseef kabajaa guddaa akka qabu ibsa.
Ummata Oromoo biyya ambaa jiraatan irra kan eegamu ogummaa, qabeenyaa fi hamileen qabsoo ummatni bal’aanOromoo deemsisaa jiru bira dhaabachuu akka ta'e irra deebii waamichaa goonaaf.
Humnoonni siyaasaa tokkummaa Itoophiyaa tiksuu irraa dhimma qaban harka sadaffaatti gargaaramuudhaan ummata Oromoo biyya amba keessa bakka adda addaa jiraatu gidduu seenuun tokkuummaa isaa akka jeeqamu tattaaffii wal irraa hin cinnee oofaa jiraachuu walgahichi hubatee jira.
Shira kana doomsuuf jecha manguddooliin,ogeeyyiin, abbootiin-amanttii fi sabboontonni Oromoo damaqiinsaan tokkuumma ummata keenyaa akka raggaasiftan waamicha lammummaa isiniif goona.
THBO Ilaalchisee
Dhaabin keenya ABOn dhaabota THBO bu’ursan keessaa tokko b'uun heekama. Haa ta'u malee adda bahiinsa ABO keessatti dhalate irraa ka'un miseensummaan ABO furmaata hin argatin jira. Haala kana gadi fageenyaan hubatuun GS-ABO dhaaboti Oromoo bilisummaaf qabsaa•an hundinuu walitti dhufanii THBO bifaa haaraan qindeessanii agoobara ittigaafatama isaa bakkaan ga'uu akka taasisan waamicha qabsoo dhiheessaaf.
THBO akka humna tokkummaatti yoo fudhanne, jaarmayaa qabsoon Oromoo haala amma irra gahe irraa fuudhee, gurmuu tokkummaa Oromootaa caalaatti magarsee, galii isaan kan gahu jechuu keenya. Humna bilsummaa Oromoo itichuudhaan, dammaqiisa ummatichaa, humna jaarmayaa, kan siyaasaa fi hidhannoo taasisee,jijjiirama dhugaa kanfidu, jaarmayaa tokkummaa homnoota bilisummaa Oromiyaa jabeessee gamtaan kan hiriirsu jechuu keenya. Jaarmiyaa injifannoolee keenya kan dabran utubee, dadhabbiilee keenya kan darban haqee, dogoggora keenya foyyessee, itti fufa qabsichaa mirkaneessu jechuu keenya. Mooraan bilisummaa Oromiyaa, humna ta'ee, dadhabbilee fi gufuulee qabsoo bilisummaa dura jiran buqqisee, qabsoo saba keenyaa kan bakkaan ga’uu danda'u, tokkuummaan dhugaa you jabaatte ta'uu hundinuu hubachuu qaba jennaa.
Mootummaa Wayyaanee Ilaalchisee
Mootummaan Wayyaanee kun ummata Oromoo lafa irraa duguuguu imaammata dhaabbataa godhatee erga itti bobba'e bubbuluu isaa walgahichi hubatee jira. Humna diina hamaa akkanaa of irraa deebisanii of dandamachiisuun kan danda'amu qabsoo hidhannoon of irraa faccisuu qofa. Kanaaf jecha, qabsoo of ittisuuf ummatni keenya gochaa jiru mirkaneessuuf sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) yoom iyyuu caalaa dandeettii fi ayinaan irroomsuu fi dagaagsuu irratti akka xiyyeeffatu walgahiin GS-ABO murteessee jira.
Diinota Oabsoo Bilisummaa Oromoo
Waayee bilisummaa yeroo dubbannu, duraan dursinee diinota Qabsoo Bilisummaa Oromoo beekuun barbaachisaa dha.
Ilamaan Habasha walii isaanii gidduutti aangoo irratti wal-haadhaban malee, ummata Oromoo kiyyoo kolonii isaanii jala tursifachuuf akeeka tokkicha qabu. Ilmaan nafxanyootaa aangoo bar a dheeraa harka isaanii ture,Tigirootaan harkaa fudhatame deebifatanii aangoo irratti deebi'anii sirna Impaayerummaa biyyichaa akka duriitti tursuuf dharra'aa. Murni kun dur irraa kaasee tarkaanfii seenaa of duuba deebisuuf tattaafata.. Mirga hiree murteeffannaa ummatootaa akka biyya diiguutti fudhatee dura dhaabbata. Kanaaf, bum-wohin aangoo harkaa buute deebifachuun sirna impayerummaa biyyichaa tursiifachuuf dharra'anii fi kan mirga hiree murteeffannaa ummatootaa dura dhaabbatan diina qabsoo bilisummaa Oromoo ti.
Seenaa Oromoo keessatti kan deddebi'ee argame, Minilik, Halasillaasee, Mangistuu fi Mallasaanis gargaarsa alaa qabaatan illee kan ummata Oromoo bituu isaan dandeessise hawwaasa Oromoo keessaa namoota garii of cina hiriirsuudhaan akka ta’e waan falmisiisu miti. Harr'as hojiin kun itti fufee argina. Oromoonni gantootni murnaanis ta'e nam-tokkeen Impaayericha tikfamu irraa dantaa qabaachuun bilisummaa ummata Oromoo dura dhaabbatan diina qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Walif galatti, mootummouni Itophiyaa kan sirna Impaayemmmaa biyichaa tiksan hundi diina qabsoo bilisuuunaa ummata Oromoo ti.
Haala Idil-adunyaa Ilaalchisce
Mootummaan malkaa ambaa (United Nations) heera isaani boqonnaa I Iakkoofsa (1) kakuu ykn irbuu isaan Iamaan keessatti waayee mirga ilma namaa yogaa dubbatu iddoo lamatti qoode; akkana jedha "dhalli ilma namaa hundi hiree ofii ofiin murteeffachuuf mirga qabu; mirga ykn birmadummaa qaban kana irratti irkatanii, karaa siyaasaa kan fedhan hordofuu, dinagdee isaanii gaggeeffachuu fi jireenya isaani fi aadaa isaanii karaa fedhanitti guddifachuu danda'u".
Warri yaada kanaan morman akana jedhu: "harr'a addunyaan hundi cichumaa ykn adda addummaa biyyootaa wann balleessaa jiruuf, timjiin ykn daangaa biyyaa biyyummaa wann hiikkaa dhabaa deemuuf kan duraan birmadummaa qabu iyyuu walitti ida'amuu waan barbaaduuf jecha harr'a biyya haaraa uumuun barbaachiaa miti" yaada jedhu falmu.
Haa ta'u maIee, haallii qabatamaan ammaan kana addunyaa kessatti calaqqisu harki caalaan irga dhala namaa fi bilisummaa ummatootaaf hubannoon argamaa jiru olguddataa akka jiru akeekaa. Fakkeenyaaf, dhiheenya kana ummatoota bilisummaa isaaniif falmatan keessaa ummatni Kosuvoo bilisummaa isaanii labsatuun biyya walaba tante haaraa utubatanii jiru. Ummata Oromoo dabalatee lammiiwaan hedduunis baka warri Kosovoo ga'an kana dhaqqabuuf falma isaanii ittifufaa jiraachuunis ni hubatama. Kun ammoo, gartuuleen adda addaa “haallii addunyaa yeroo ammaa bilisummaa .ummatootaa hin ayyammu” kan jedhan falmiin isaanii kun hunde dhabeessa akka ta'e ragaa dha jennee abdanna.
Garuu, dhiitamni mirga dhala namaa ardii Afriikaa keessatti akkuma kanaan duraa wayyoomina tokko malee ittifufuun ni mul’ata. Gama kaaniin ammoo biyyoota naanawaa Oromiyaatti argaman keessatti jeequmssi babal’achaa juru kun ummata Oromoo biyya abbaa isaanii irraa diinaan buqqifaman yeroof gara biyyoota, ollaatti godaanan irratti midhaa fidaa jiraachuunis ni hu batama. Haala kana irraa waldandarnachlisuuf ummatni Oromoo biyyoota ambaa bakka adda addaatti faca'anii jiran wal iyyaaffachuun godaantota Oromoo naannawaa Gaanfaa Afrikaa keessatti argaman kanaaf akka birmatuu waamichaa goona.
Waamicha Qabsoo
Bilisummaan kan argamu qabsoo hadhaawaa bifa barbaachise hundaanuu finiinsuun akka ta'e ummata mirgi isaa sarbame caalaa kan hubatu hin jiru. Ummatni Oromoo xinnaa guddaa, dhiiraa fi dubartii, dargaggoo fi maanguddoo osoo hin jenne akka nama tokkootti harka walqabannee kaayyoo bilisummaa keenya bakkaan gahuu qabaan. Walabummaa biyyaa abbaa keenyaa Oromiyaa akka gonffaannu gufuulee xixiqqaa irraa taruun, gara kutannoo fi haqaan kaanee haa falmannu jennee maqaa dhaaba keenya ABOn waamicha dirqama lammummaa isiniif dhiheesina.
Oromiyaan ni bilisoomti !!!
Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo
0 Comments:
Post a Comment
<< Home