Thursday, May 17, 2007

Walaloo Mi'ooftuu G.Roobaa

Gaaddisa Odaa Roobaa

Amboo bishaan taliilaa
Lammii dhugutu beeka
Sanqalle dakkiin toora
Haftutu dhaqa sookkaa
Biyyoon tatus cirracha
Lalistu ganda ceekaa
Dagaagaa damee Qilxuu
Hin cabsan safuu fi kakaa
Odaa hundeen hin gogne
Holqi Wadeessa booka
Hora laaqiin dhamdamu
Xinnaa fi guddaatu cookaa

Sanqallee nanoo Amboo
Maaltu gogse laata qoboo?
Gumgume nagaa hin jenne
Waaqni hin busee bakakaa
Burqaan akkaamiin gogee?
Hibboo Seenaaf kun yakka!

Hibboo jenna yaa lammii
Gaaffiin buuran waa ibsu
Hibbaka deebbiif raajaa
Seenaa egereef nuu labsu
Billiqeen garbuu hin ta’u
Fura uummaaman gumesu
Hoo robee male hin margu
Caamsan marga hin lalisu
Odaan gaddissuu malee
Muka hiddi dhagaa cabsu

Sanqallee nanoo Amboo
Yaa burqaa warra baaboo
Maalumatu gogse qoboo?

Seenaaf Hibboo sin jenna
Burqaakee maaltu gogsee?
Hiiroof Hibakka jedhii
Horri maaliif maddissee?
Odaa ciraannii laataa?
Saafaan maaf raakkisee?
Dakkii jigsaanii laataa?
Bubbeetu awwara kaasee?
Caamsaatu hammatee laataa?
Faachatu harree caransee?
Ceekaatu gubaatee laataa?
Lolaan biiyyoo baaqqessee?

Sanqallee nanoo Amboo
Dhugaatu gogse qobboo
“Dhugaan qaanqe dukkanaa”
Maaltu hibboo nu geessee?
Sirna aadaa gabrummaatii
Seera uumaa kan falessee
Odaa fi daakki kee ciree
Burqaa bishaan kee gogse!

Sanqallee nannoo Amboo
Maaltu gabbiisa Somboo?
Himii seenaa abba Gadaa
Akkam turee bareengadaa?

Bara Qilxuun dagaguu
Boombiin Laftoo hin gogsu
Waddeessa dameen leensa
Hagamsa seenaaf galasu
Haanqu fi matareen nagaaf
Ceekkaa irreesaaf cabsu
Gumaan Haruu cuqulisaaf
Buwata Weenniin korissu
Dameen Ejjeersa bokkuuf
Hundeen hin murani safuu
Waatoo fi Qadidaan aadaaf
Ittiin qabee qorasuu
Cooqqorsa hundeen lakku
Siida hormaataaf lalisu
Altufaa fi Xosanyiin
Gameettin dhaadhaa baqsuu
Kusaayyee fooliin bookaa
Galma ayyaanaaf rabsu
Sarara Ullumaa siiqqeef
Qondalii seeraa hin fafu
Anfaraa guufta dararuu
Ittiin gumaachuu sufuu
Haa hubatan seera uumaa
Seera Qabso Diroon fufu!
Gumaa goatoota Amboo
Gumaa ilma Badhaasaa
Gumaa ilma Badhaanee
Seenaaf xuuxaanii tufu

Sanqallee nannoo Amboo
Akkas ture kalleessa
Marartoon obboleessaa
Noruu jedhu nagaa Waaqaf
Nibaruun deebii dhamsaa
Kan Burqaan seenaaf gogu
Diinatu biiyyo baaqqeessa
Haa hubaanu jecha seenaa
Xiinxaalaan nama gorsa
“Kan sangaan iyyu malee
qacceetu iyyee rakkissa”
Warra dakkii cirrantu
Warra Odaa cirrantu
Warra Kichuu qalantu
Warra Harmaa kutantu
Warra hidda dhiigsantu
Warra lafee cabsaantu
Warra safuu dabsaantu
Burqaan goge oddessa!

Yaa Gudar nanoo Amboo
Maaltu gogsa borus qobboo?
Mee himi seenaa egeree
Qeeqanno lammiif boree

Hoo Sanqaallen gadii buu’un
Ciirraachaattui gadda roobaa
Colleen hoo loolaan guuttu
Gudar maqsaan danbooba
Waddeessa caabiin finiinee
Qomoo dhowwa hiriiba
Hooda ifu akka qorsaa
Kan yakku sirna eebbaa
Aadaan sirna gabrummaa
Jiruu fi jireenyatu tujuba
Seenaaf safuu hin eegu
Seera fi heera Odaa Roobaa
Dhugaan burqaa hin gogsu
Seenaaf kan gogsu sobaa
Yaa lammii dachaa fi baaqee
Eenyummaatu roorroo jibba
Maaf nu guba akka qaanqee
Garbummaan bara dhibbaa
Nu luqqiisse akka qaaqqee
Nu marsee kaabaa fi Kibbaa
Bahaa fi lixaan kichuu haqe
Eenyuu haa qotuuf tujuba?
Lammii fi Qomoo abdatu
Ormi seenaaf nama huba!

G. Roobaa

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|