Saturday, April 14, 2007

Guyyaa Gootota Oromoo Caamsaa15 ilaalchisee ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa darbe.

ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Guyyaa: 14 Caamsaa 2007 Lakk: 02/ABO/07

Guyyaan gootata Oromoo calaqqisa kaayyoo bilisummaa, tokkummaa fi qabsoo Oromooti.

Caamsaa 15, guyyaa goota Oromoo, barana yeroo 24ffaaf kabajanna. Addi Bilisummaa Oromoo,
guyyaa burqaa mallattoo murannoo saba keenyaa fi hamilee sabboonummaa ta’e kana kabaja
ol’anaan simata. Qabsaawotaa fi ummata bal’aa Oromootiinis baga geessan jedha.

Caamsaan 15, guyyaa gootota Oromiyaa, walabummaa Oromiyaa mirkaneesuuf wareegamaniiti.
Kanaaf guyyaa kayyoo kanas walumaan itti yaadannuu fi itti wal yaadachiifnu, akkasumas, balaa
irraa ittisuuf itti of qopheessinu.

Kana qofaa miti, guyan kun guyyaa calaqqisa sabbonummaa Oromooti. Guyyaa Ilmaan
Oromiyaa daangaa garaagarummaa diinootni dura danqaran caccabsanii akeekaa fi biyya tokkichaaf walii wajjiin xoofoo du’aa itti unatanidha . Kanaaf, guyyaa nutis faana isaanii buunee gurmuu tokkummaa Oromoo tiksuuf qooda nu irra eegamu bahuuf kakuu keenya haaromsinudha.

Tarees, guyyaa hammeenya sirna bittaa alagaa nu yaadachiisuu. Qabsoo malee bilisummaan,
wareegama malee injifatnoon, karaa qaxxaamuraan dhufu matumaa akka hinjirre jabeessee nu
qalbifachiisa. Kanaaf guyaa, biyya abbaa keenyaa qabsoon deeffachuuf falmaa seenne ciminaan
ittifufuuf caalaatti itti wal hamilchinu.

Akkanaan, guyyaa yaadannoo waggaa kanaa kan kabajannu , dhugaalee olitti tuqataman irratti
hundoofnee, akeekni goototni keenyaa arsaa ta’aniif akka bakka gahuuf har’as akkuma kaleessaa, Oromiyaa Walaba !, Qabsoo ! , Tokkummaa ! sagaleellee jedhan ol fuunee dhageessisuun ta’a.

Addi Bilisummaa Oromoos dhadannoolee kana qabatee, har’as Oromiyaa bilisa Mirkaneessuuf,
tokokkumaa Oromoo cimsuuf, qabsoo sirna bittaa kolonummaa ittifufuuf, waadaa seene guyyaa
haromsu dha. Gucci bilisummaa Oromiyaa goototni keenya qabsiisan hanga galma gahutti akka
hin dhaamne arsaa feesisu basuufis qophii ta’uu hubachiisa. Miseensootni isaa fi ummatni bal’aan Oromoos, galatni gootota keenyaa akka hin badne, wareegamni isaanis akka ija godhatu qabsoo itti jiran jabinaan akka ittifufan waamicha dabrsa.

Qabsoon Ittifufa! Injifatnoon Ni Dhufa!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

Adda Bilisummaa Oromoo

1 Comments:

At 7:17 PM, Anonymous Anonymous said...

Harka fuune obbo Abara..
Maxxansa kana wayitiin dubbisetti, gootota Oromoo hedduu qabsoo oromoof wareegaman, qaamaa hiri'atan, ka har'a diina teenya Wayyaannee (TPLF)fiin mana hidhaa keessatti gidirani fi biyyaa abbbaa isaanii keessa jiraachuuf mirga dhabanii biyya ambaatti rakkoo hedduun isaan irra ga'aa jiruu hedduu yaadachuu danda'een jira. Kun hundi akka dhaabbatuuuf qabsoon teenyaa haalaan bakka jirruu hundaatti akka itti fufuuf, Oromoon marti ga'ee isaa gumaachuun barbaachisaa dha. Kanaaf ammoo barreeffamni keysan tun haala rakkoo sabaa fi biyya teenyaa, addunyaaf ibsuutti gumaacha guddaa akka ta'ettan hubadha. Tanaaf fuula durttis hamileen akka barreessuu itti fuftan nan abdadha. Jabaadhaa!
OROMIYAAN NIBILISOOMTI!!

Guutuu irraa.

 

Post a Comment

<< Home

|