Tuesday, March 13, 2007

Hoga Ekeera Gaara Suufii



...Asaboot koran malee
Suufii naannawan malee
Odaa jigaa hin arganii
Yoo lola bu'an malee
Dhiiraan walqaban malee
Garaa gootaa hin arganii

Qilleensa gaara Suufii
Ajeese balaan diinaa
Nagaa dhabne yaa qomoo
Funyaan dhiiga fununa
Yaa Suufii mandhe booree
Gaara nama gubdu garaa
Seenaa hin duune haa beekani
Gumaan qomoo diroof seera!

Abdaarif qalu jeennaan
Kichu Oromoo guyya qalan
Uumaamaaf waan kabajan
Namumaa kotten dhiitan
Gaara Suufii hin korani
Irreesaaf dhaqu malee
Namummaati qoosani
Dhugaa qabnu hin walalle
Digaaluu mureen sofaa
Danbiin qilxuu hin gabbisu
Qabsoon seenaa diroon fufa
Qomoo fi lammiin ittin obsu
Mirga maaliin geeraru
Boree bafaatan malee
Gumaan ijoollee Oromoo
Bulbultus waan hin oolle

Eenyuutan obsa laataa?
Seenaa garaa nama gubu
Gumaa Galamsoo fi Ciroo
Eenyuu muree naaf haa koobu
Abdiin koo gootoota Oromoo
Akka Ormaa bulee hin gaabbu!
Baddeessaan galaa seenaa
Kosooruun Xobbee dhiigsu
Hagamsaa hadhee gumaa
Irre Lammiin ilkee baasu
Eenyutti obsu laataa?
Seenaa Suufii na boosisu

Doobbaa biyya gameessaa
Dhiigan qabsoo nuu sooree
Iyyaa iyyaa dabarsaa
Birmaanaf seenaa egeree
Qomoo Oromoo qalani
Reefa nyachiisan saree
Alaagan hin birmaatu
Lammiitu baafata boree
Boree gootota Oromoo
Fachaa isaaniin geeraree
Irree tokkummaan baasu
Hadhee sirna tortooree!

Yaa Fayyoo mandhee seenaa
Mi'eessoon tuulaan reefaa
Seenaa Culloo fi Habroo
Xinnaa fi guddaatu kufa
Kan marsee Marsaa roobu
Caaffee coommaniin bifaa
Kan dhiigee Dhiiga sooruu
Seenaa Suufiittin ifa!
Dhukkuba bara dhibaa
Diroo guba akka saafaa
Sirna aadaa gabrummaa
Hadhooftu summi bofaa
Hinhaftuu guman qomoo
Dhugaatu xuuxee tufa!

Yaa Oromoo dhagessu
Dheeraas taatu gabaabaa
Ajjeerraa galma qabsoo
Diinni nu hin haamu kabaa
Oromoon fira hin qabnu
Yoo lammii fi qomoo malee
Seenaaf gargar facaanee
Kichu cirsisifne ijoollee

Yaa lammii koo dhagessuu
Seenaan abbaa dhimma guba
Waan iyyinuf iyya baaqee
Kolfaan quba nutti qaba
Hogaa tokkummaan ture
Kan faayyinu dhukuba
Dhibbee sirna gabrummaa
Kan nu gubuu bara dhiba
Roorroo jibbinne lammii
Bilisaaf du'uun eebbaa
Eebba uumaamman hiree
Humna egeree tujuba
Ekeroota gaara Suufii
Sagaalee ilmaa fi abbaa
Alagaan hin birmatuu
Hoga nu dhowu hirriba
Boree lammiin dhukubsatu
Kan faayyisu Walabaa!

Tokkommaa humna Oromoon
Seenaaf dhaabatu alabaa
Ekeroota gaara Suufii
Hoga madda Walabaa
Boree lammiin baafatu
Abdiin Gudayyaa Roobaa!
Gudayyaan lammii itayyaa
Rooban dhiiga akka bokkaa
Odaa Bultum ciranii
Balaatu bu'ee bakakaa
Iyyaa Iyya dabarsaa
Yaa lammii walii labsaa
Maanguddoo fi Xobbee ofii
Dhumiinsa gaaraa suufii

Guumaan bilisaan baatii
Bilisni qabsoon dhuftii
Yaa lammii booree godhaa
Seenaa kana hubadhaa.

G. Roobaatii.

4 Comments:

At 9:19 AM, Anonymous Anonymous said...

Bidda tuttuqaatu aarsaa
Gumaa lammiitu baasaa
Yaa odaa hundeen guddaa
Yaa Waaqa abbaa hundaa
Mee kana quba qabdaa?

Yenaa lammiin qalamu
Wallaalaan dararamu
Garuu namni namumaa
Mee keenya kun maalumaa?

Daa'ima xobbee ijoollee
Mee maal godhan yoo ilaalle.
Yaa waaq ati dubbadhu
Yaadache ati hubadhuu
Yaa lammii seexaa godhu
Kanaa kan waa nuuf godhu.

Dhiigni lammii qulqulluu haa iyyatu!

 
At 1:59 PM, Anonymous Anonymous said...

Yaa ilmaan Oromoo walitti iyyuu duwwaa otoo hin taane, Iyya keenya addunyaa dhageesifachuun akka addunyaan dhugaa nuti qabnuu fi rakkoo uummanni keeya keessa jiru hubachiisuu irratti daran hojjechuu qabna.

Dhugaasaa

 
At 2:00 PM, Anonymous Anonymous said...

Yaa ilmaan Oromoo walitti iyyuu duwwaa otoo hin taane, Iyya keenya addunyaa dhageesifachuun akka addunyaan dhugaa nuti qabnuu fi rakkoo uummanni keeya keessa jiru hubachiisuu irratti daran hojjechuu qabna.

Dhugaasaa

 
At 2:00 PM, Anonymous Anonymous said...

Yaa ilmaan Oromoo walitti iyyuu duwwaa otoo hin taane, Iyya keenya addunyaa dhageesifachuun akka addunyaan dhugaa nuti qabnuu fi rakkoo uummanni keeya keessa jiru hubachiisuu irratti daran hojjechuu qabna.

Dhugaasaa

 

Post a Comment

<< Home

|