Tuesday, July 04, 2006

Ibsa Ejjannoo barattoota Oromoo Yunivarsiti Maqalee Irraa..Waldhabbii Gujii fi Borana Gidduutti Motummaan Uumee Ilaalchisee

Akkuma beekamu Oromoon durii kaasee yoo waldhabe walii araaramuu,yoo walgufatu walii dhiisuun kan ture.Har’a garuu nyaaphi (Wayyaaneen) uummata keenya kan Gujiif Booranaa shira furmaata hin qabne xaxuun uummata takkaa seenaa keessatti walitti bu’iinsa akkanaa uumee hin beeknee fi yoo walitti bu’e illee jaarsoliin dafee walii glu;yeroo rakkoo waliif birmatuufi walii dhiphattu waldhabsiisuun yoo feete Bulee Horaan kan Gujiiti,Loon Gujii Booranatu saame,daangaan kun kan Booranaati fi kkf sabbakuun uummata kana wal-nyaachisaa siyaasa ishii ittiin oofti.

Nagaa fi hawwii billisummaa uummata keenyaaf qabnuu fi tokkummaan Oromoo Gujii fi Booranaa akka durrii akka deebi’ee cimuuf nuti barattoonni Oromoo yunivarsiitii Maqalee kan Gujiif Booranaa shira Wayyaaneen Ilmaan abbaa tokkoo(Gujiif Boorana) waldhabsiisuun walajjeesisaa jirtu balaalleffannee ibsa ejjennoo kana baafannee jirra.

1.Nuti barattoonni Oromoo Gujii fi Booranaa waraana yookaan balaa Wayyaaneen fayidaa ofiif jecha uummata keenya irratti kakaaftee uruchaa uumaa jirtu ni balaaleffanna.

2.Wayyaaneen nagaa uummata lamaanii fi kan Oromoo maraa booressuuf shira xaxaa jirtu akka dhaabdu cimsinee gaafanna.

3. Mootummaan Wayyaanee, nagaa hundee dimokiraasiiti jedhee of yaadu,nagaa uummata lamaan booressuun rakkoo fi gidiraan adda addaa uummatatti baay’isaa jiru hatattamaan akka dhaabu cimsinee gaafanna.

4.Uummanni lamaan tooftaa Wayyaaneen uumurii ishii dheereffachuuf, siyaasa ishiif itti fayyadamaa jirtu kana hubatee ,wal hubachiisee jaarsummaa Wayyaaneen jettuun ala akka walitti araaramu gaafanna.

5.Uummanni Oromoo golee Oromiyaa biroo keessa jirtan beekamummaa Wayyaaneen ala jaarsolii keessan gara jaarsolii Oromoota Gujiif Booranaa nuuf ergitanii araara uummata keenyaa akka nuuf atattamaan buuftanii fi gochaa akkanaa kana Wayyaaneen ammallee Oromoota irratti dabaltee hojjachuu akka maltu hubattanii akka irraa wal-eegdan isin gaafanna.

Barattoota Oromoo Booranaa fi Gujii Yunivarsiitii Maqalee

Injifannoon uummata Oromoof!!

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|