Thursday, July 22, 2010

Murni Shanee Gummii dhiiga qabsaa’otaa dhangalaasuu dhaabuu qaba!!! Ibsa ABO irraa kenname.



Source:- http://www.oromoliberationfront.info/

Yaa Ummata Oromoo!

Dhaamsa kana gara kee dabarsa ka jirru dirqama qabsoo qofaa osoo hin taanee gaafatama lammummaa keenyas bahachuuf.

Nuti Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) ilmaan Oromoo gidduutti dhiiga walii dhangalaasuun, diinnii lafatti hafee wali irratti boba’un, gonkumaa ta’u hin qabu jennee amanna.

Haa ta’u male, murni Shanee Gumii Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) Zoonii Kibbaa irrtti, Waxabajjii 24, 2010 eegalee, weerara qawwee geggeessaa jiraachuu gadda guddaadhaan si beeksifna.

Haala kanaan Jaal Saara Baattoo fi Jaal Halakee Duubaa Waxabajjii 24, 2010 rasaasa qawwee ergamtoota Shaneen hooganamuun galaafataman. Jaal Saaraan nama umriin isaa waggaa 24rii yommuu ta’u Jaal Halake umirin waggaa 22 ture. Jaallan lamaanuu mooyxannoo waggootii dheeraa kanneen qaban yogga ta’u Jaal Saaraan WBO keessatti Abbaa Saglii ture. Jaallan kun rasaasaa ergamtoota Shaneen tumamanii gara jabina hiriyaa hin qabneen ajjeefaman.

Lolaa Adoolessa 7 fi 8, 2010 ergamtootonni Shanee geggeessan irratti Jaal Mohammed Bubbee akkasuma rasaasan ajjeefame. Jaal Mohammed Bubbee nama umirin waggaa 30 ture. Akkasumas miseensotni WBO shan (5) madawani jiru.
Gama keenyaan rakkoo akkasii hambisuuf jecha nagaan garaagarummaa keenya fixachuuf tattaaffii wal irraa hin citin yeroo dheeraaf gochaa turre. Waamichi nagaa Muddee 2008 muurnoota maqaa ABOn sosso’an hundaaf dabarsine fudhatamee nagaan rakkoo ilaalcha sisyaasaa nu gidduutti dhalate furannnee ABO deebisnnee dhinsuuf tattaaffii irra jirra.

Murni Shanee Gumii garuu sochii kana gufachiisuuf maallaaqa ummata Oromoo irraa maqaa QBOn waliitti qabatetti fayyadamuun qabsaa’ota dhabamsiisuuf bobba’e. Balaan murna Shanee Gumiin qabsaa’ota kee irratti aggaammatame kun haasaa nagaa itti jirruuf gufuu guddaa ta’ee argina. Karaa tokko nagaa haasawa karaa kaan ammo dhiiga lolaasuu fi lubbuu qabsawotaa balleessuun gochaa diinni duuba jiru yoo ta’e malee ilmaan Oromootiin ni godhama jedhani amanuun ni rakkisa.

Nuti gama keenyaan murna Shanee wajjin kaayyoo adda addaa yoo qabanne illee diinaa kallatti ti jennee waan hin amanneef akka ilmaan Oromootti wal ajjeesuu fi wal balleesuun salphina jenna.

P.O.Box 21762, Washington DC, 20009, USA Tel: (202)-521-5653
E-mail: waajjira@oromoliberationfront.info

Shaneen garuu QBO erga gufachiisu jalqabee waggoota bayye ta’un isaa si jalaa dhokataa miti. Bara 2001 murni Shanee Gumii tattaaffii dhaabicha keessatti rakkoo mareen furachuu fashalchiisee qabsa’ota fi dhaabicha bakka lamatti baqaqse. Yaaliin Shanacha Jaarsummaas diddaa Shaneen gufate. Maallaqa maqaa qabsotiin uummata Oromoo irraa funaanetti fayyadamuun, bara 2002 keessa Shaneen WBO Zoonii Kibbaa irratti waraana banee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaase. Kaayyoo QBO busheessuun, ilmaan Habashootaa waliin tumsa ijaarrachuun, qabsicha of duuba sigigaachise. Bara 2007 “maqaan ABO anaaf ta’a” jechuun mana seeraa ambaatti ilmaan Oromoo yakkuun qabeenyaa ummata Oromoo hedduu qisaasee dhuma irratti mo’ame jira. Ammaan kana ammo waraana qawwee qaabsaa’ota Oromoo irratti banee ilmaan Oromoo dhiiga wal dhangalaasisaa jira.

Waggoota kurnnan dabran kana keessa doolara kumaatamaan lakkawwamu ilmaan Oromoon gumaatamaa ture diina keenya Wayaanee irratti qabsoo akka geggeessu ture. Haata’u malee, guyya tokko ille osoo Wayaanee irratti hin boba’in, lafa taakkuu tokko illee osoo hin bilisomsiin maaltu ilmaan Oromoo bilisummaa Oromiyaaf jecha beelaa fi dheebuu, daaraa fi dhukkuba obsanii dirree falmaa irra jiran irratti duulchise?
Dhaamsi murna Shanee Gumiif qabnu, qabsa’oota gufachiisuuf marxifattani kan itti jiran kana irraa kan bu’a argatu diina ummata Oromoo qofaa ta’u akka hubatan. Kanaaf, qawwee saanii ilmaan Oromoo irraa gara Wayaanee isa biyya keenya booji’ee ummata keenya lafee qorqaa jiruutti akka naanneessan isaan gaafanna.
Yaa Ummata Oromoo!

Haalli amma dhalate kun waan ati eggaa jirtu akka hin taanee ni hubanna. Hubannaa kana irraa ka’uun erga Shaneen lola kaasee illee obsaan akka ilmmaan Oromoo garmalee dhiiga dhangalaasuun dhaabbatuuf yaaliin nuti goone Shaneen Gumii yakka raawwatame haaluu fi haguuguun gufachiifame.

Abba qabsichaa kan taate ummata Oromoo, murni Shanee yakka fokkataa kana irraa akka dhaabbatu dhiibba akka gootu irra deebiin waamichaa siif dabarsina. Deggertoonni fi miseensotni murna Shanee Gumii hundinu, akka warrii dhiiga qabsawotaa dhangalasan kun gochaa diinummaa batalaan irraa dhaabbatan dhiibbaa akka gootan isin gaafatna.
Murna Shaneef gumaatuun, qabsoo fi tokkummaa Oromoo irratti duulu ta’uu akka hubattan isin yaadachiifna.

Balaa hanga ammaa bu’e fi kan fulduratti qabsoo Oromoo gaaga’uf dhufu hundaafu gaafatamni kan murna Shanee Gumii qofa ta’uu hubachiifna.

Oromiyaan ni bilisoomti!

Adda Bilisummaa Oromoo

P.O.Box 21762, Washington DC, 20009, USA Tel: (202)-521-5653
E-mail: waajjira@oromoliberationfront.info

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|