Thursday, April 15, 2010

Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo 2010 ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo.




ADDA BILISUMMAA OROMOO

Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo
Guyyaan: 15 Caamsaa 2010

Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummata Oromoo maraaf nagaa qabsoo dhiheessina.

Guyyaan gootota Oromoo itti yaadannu, Caamsaan 15, seenaa ummata keenyaa keessatti bakka olaanaa qaba. Guyyaan kun kan nu yaadachiisu jaallan dirree falamaa irratti wareegaman qofa osoo hin taane kanneen guyyaa har’aa illee mootummaan garboonfataa ifaa fi dhoksaan murtii du’aa irratti dabarsaa jirtu hundaa seenaa fi gochaa gootuummaa isaan raawwatan mara.
Seenaa gootota keenya kufan yaadachuu hunda caalaa kan ifa godhu bilisummaa ofii gonfachuuf wareegamni kafalamu kamu qal’ii akka hin taane dha. Harr’a ammo cunqursaan nyaaphaa hammaataa dhufe qabsoo bilisummaa irra taree Oromoon adunyaa kana irra jiraachuuf wareegama lubbuu kafalaa akka jiran dhokataa miti. Kana irraa kan ka’e kanneen dogoggoraan yoo gaaffii bilisummaa Oromoo lagatan ajjeechaan kun ni dhaabata jedhanii yaadan dabranii dabranii mul’ataa jiru. Kun ammo dogoggora yaadaa akka ta’e hubatamuu qaba. Qabsoon bilisummaa Oromoo qabsoo badhaadhumma irraa dhufe osoo hin taane qabsoo mirga dhalootaaf jireenyaa ofii mirkaneeffatu ti.

Mootummaan alagaa kan biyya keenya qawween qabatee ummata keenya lafa irraa duguugaa jiru, qabeenya keenya saamaa jiru fi gaaffii Oromoo akka qabsoo faallaa nageenya biyyaattii godhee adunyaatti dhiheessuu fedhu kun nagaan biyya keenya irraa buqqa’a jedhanii yaaduun gowwummaa dha. Diinaa qawween biyya qabate qawween of irraa kaassan. Kanaaf jecha jaallan irbuu seenanii kaleessaa fi har’a Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummata Oromoo maraaf nagaa qabsoo dhiheessina.

Guyyaan gootota Oromoo itti yaadannu, Caamsaan 15, seenaa ummata keenyaa keessatti bakka olaanaa qaba. Guyyaan kun kan nu yaadachiisu jaallan dirree falamaa irratti wareegaman qofa osoo hin taane kanneen guyyaa har’aa illee mootummaan garboonfataa ifaa fi dhoksaan murtii du’aa irratti dabarsaa jirtu hundaa seenaa fi gochaa gootuummaa isaan raawwatan mara.
Seenaa gootota keenya kufan yaadachuu hunda caalaa kan ifa godhu bilisummaa ofii gonfachuuf wareegamni kafalamu kamu qal’ii akka hin taane dha. Harr’a ammo cunqursaan nyaaphaa hammaataa dhufe qabsoo bilisummaa irra taree Oromoon adunyaa kana irra jiraachuuf wareegama lubbuu kafalaa akka jiran dhokataa miti. Kana irraa kan ka’e kanneen dogoggoraan yoo gaaffii bilisummaa Oromoo lagatan ajjeechaan kun ni dhaabata jedhanii yaadan dabranii dabranii mul’ataa jiru. Kun ammo dogoggora yaadaa akka ta’e hubatamuu qaba. Qabsoon bilisummaa Oromoo qabsoo badhaadhumma irraa dhufe osoo hin taane qabsoo mirga dhalootaaf jireenyaa ofii mirkaneeffatu ti.

Mootummaan alagaa kan biyya keenya qawween qabatee ummata keenya lafa irraa duguugaa jiru, qabeenya keenya saamaa jiru fi gaaffii Oromoo akka qabsoo faallaa nageenya biyyaattii godhee adunyaatti dhiheessuu fedhu kun nagaan biyya keenya irraa buqqa’a jedhanii yaaduun gowwummaa dha. Diinaa qawween biyya qabate qawween of irraa kaassan. Kanaaf jecha jaallan irbuu seenanii kaleessaa fi har’a bilisummaa Oromiyaa deebisuuf wareegamaniif nuti warri lubbuun jirru ammoo daandii kana irraa osoo hin maqin dhaaba keenya ABO jabeessuun hanga walabummaa biyya keenyaa ragaasifinutti fuul dura haa tarkaanfannu.

Dhiigni jaallan dirree qabsoo bahaa fi dhiha, kaabaa fi kibba irratti dhangala’e tokkuummaa ilmaan Oromoo qaban ititaa ta’uu mirkaneessee jira. Harr’a nyaaphi bifa adda addaan ummata keenya gandaa fi amanttiin adda qooduuf olii fi gadi fiigaa jira. Shirri diinaa kun akka hin milkoofne ittisuun dirqama ilmaan Oromoo hundaa ti.

Hanga ammaatti walgahii gurguddaan, murna xixiqqaa fi nam-tokkeen akkuma dirqama keenya raawwachaa jirrutti guyyaa yaadannoo kanas kabajaa dhufneerra. Baranas bakka jirtaniitti, akkuma haalli isiniif hayyametti, gootota keenya akka yaadattanii ooltan isin yaadachiifna. Gumaan gootota keenyaa bilisummaa saba keenyaa ti waan ta’eef yaadannoo qofaa osoo hin taane wareegamnni isaaniis akka ija godhatu waan dandeessan maraan qabsoo finiinsuuf gargaarsa yaadaa, hamilee jabeessuu, dinagdee fi of kenninsa isin irraa eegamu gumaachuuf akka irbuu haareffattan gaafatna.

Oromiyaan ni bilisomti!

Adda Bilisummaa Oromoo
P.O.Box 21762, Washington DC, 20009, USA Tel: (202)-521-5653
E-mail: waajjira@oromoliberationfront.info

1 Comments:

At 10:01 AM, Blogger Feyissa WAKO said...

Gantuun duraanuu inuma gantii isaan ilaaltanii qabsoo keessan irraa of duubatti hin jedhinaa. "qabsaa'aan ni kufa qabsoon itti fuufa"akkuma hayyoonni jedhan haata'uu jedha anis.please!please!try the best.

 

Post a Comment

<< Home

|