Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree ABO Irraa
ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Guyyaa: 31 Mudde 2009 Lakk:0280/ABO/09
Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree ABO Irraa
Jaallan, sabboontonni, deggertoonni qabsoo fi lammiin Oromoo martinu,
Dursee maqaa dhaaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi hooggana dhaaba keenyaan baga nagaan waggaa haaraa geessanin isiniin jedha.
Barri tokko xumuramee gara isaa haaraatti yeroo qaxxaamuru akka abbatokkeettis ta’e akka dhaabaatti xiqqoo dhabbannee haala keessa jirru xiinxaluun bara dhufaa jiruuf of qopheessuutu nu irraa eegama.
Waggaa xumuraa jirru kana keessa qabsoo bilisummaa Oromoo dagaagsuuf qabsaawoti bilisummaa Oromoo wareegama ulfaataa kafalaniin bifa adda addaan milkiilee hedduun kan keessatti galmaa’an ture. Haa ta’u malee rakkooleen turanii fi gufuuleen haaraan qabsoo keenya qormaata hamaa keessa galchan nu hin qunnamne jechu miti.
Mootummaa garboonftaan Habashaa kan ilmaan Tigreen durfamaa jiru hacucaa ummata keenyaa fi qabeenyaa Oromoo saamuu qofa osoo hin taane jireenyuma saba keenyaa iyyuu dhabamsiisuuf qarree gubbaan ga’ee jira jechuun ni danda’ama. Kessumaa haala kanaan dura argamee hin beekneen warra abbaa qabeenyaa baar-gamaa waliin maamilumaa tolfatee lafa Oromoo gurguraa jiraachuun hedduu kan nu yaaddeesu dha.
Lafti gurguramaa jiru kun kan magaalaa fi lafa albuuda qabu irra taree lafa qonnaa fi bosonaa hunda dabalatee jira. Gochaan kun ummatni Oromoo beela, deega, dhukkuba golfaa fi rorroon saaxilamee yeroo jirutti alagaan lafa keenya irra midhaan qotate biyya isaatti akka fe’atu taasisee jira. Albudaan akka warqee fi kaanis tujaarota qondaalota wayyaaneetti shariika ta’aniin gartuu fi nam-tokkeen saamamaa jira.
Misooma baadiyyaa babal’isuuf qonnaa industreessuu haguuggii jedhuun gurgurtaan lafaa bal’inaan geggeeffamaa jiru Oromoota qe’ee isaani fi mana isaanii irraa godaansisaa jira. Qonna baranee babal’isuun kun Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu fi maqaa hojjetaatiin dhufanii badiyyaa Oromiyaa keessatti qubsuma dhaabbataaf kan karaa anjjessu taha. Kunis yoo itti dhiifame sabboonummaa Oromoo kan itti lamsheessanii fi Oromiyaa biyyi jedhamus akka hin jiraanne itti gufachisanii fi qabeenyaa nama hundaa taasisuuf tattaafataa jiran jechuu dha. Bakka mirgi siyaasaa abbaa biyyummaa ummata tokkoo hin mirkaawinitti sochiin akkasii kun dantaa koloneeffataa tiksuu irra dabree ummata kan fayyadu hin ta’u.
Bara dabre duula cunqursa dinagdee irratti dabalee saba Oromoo shororkeessanii bulchuuf dulli deemsisfamu daran hammaate malee hin laaffanne. Ummatni Oromoo xiqqaa fi guddaan, jaarsaa fi ijoolleen, dhiiraa fi dubartiin kumaan lakkaa’aman mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararama arganii fi arga jiran lakkoofsi isaanii dabalee jira.
Kanneen hidhaa kana irraa oolanis biyya irraa baqatanii biyyoota ollaa keessatti balaa suukaneessaa garaagaraaf kan saaxilaman xiqqaa miti. Fakkeenyyaaf, lammiiwwan keenya, Bosaasoo Somaliyaa fi Yemenitti mirgi baqattummaa isaanii dhowwatamee dararamni kana hin jedhamne irra gahee fi gahaa jiru gadda guddaan yaadanna.
Saamichi fi cunqursi akkasumas dararamni ummata keenya irra gahaa jiru hanga sirni boojuu Itoophiyaa jirutti kan ittifufu ta’uun beekkamaa dha. Haala kana jijjiruun kan danda’amus qabsaawotni bilisummaa Oromoo tokkummaa galii ummatanii dhaaba ABO gurmuu isaa deebisanii jabeessuun gamtaan qabsoo finiinsuu yoo dandanda’an qofa jenne amanna.
Ummatni Oromoo biyya ambaa jiraatus walitti dhihaatee rakkoolee QBO irraa calaqisan furuuf walmarii bifa adda addaa geggeessuun ni feesisa jennee amana. Tokkummaa fi hawaasummaan Oromoo tokkumaa siyaasaatiin olaanaa ta’uun hubatamee waldhabdee gartuulee siyaasaa garaagaraatiin hawaasummaan Oromoo jeeqamuu hin qabu. Tokkumaan ummata keenyaa gaaffii fardii ta’uun dagatamuunis irra hin jiru. Kanaaf, gartuulee siyaasaa dhageeffachuun garaagarummaa siyaasaa sadarkaa jibba ummatumaatti jijjiruun midhaa hamaa egeree ummatichaa irratti qabaatu hubatamee lootee galtuun alagaan mindaan bitee ummata Oromoo keessa facaasee nagaa keenya jeequuf yaalaa jiru akka hin milkoofne taasisuun hunda keenya irraa eegama.
Gama kaaniin alagaan fira fakaatee kaayyoo QBO kan bilisummaa irra kachisuuf tattaaffii karaa adda addaa godhuun isaa ifatti kan mul’ataa ture ammas mul’atuuf jiru dha. Gartuun kun akkuma yakkii mootummaa Tigree addunyaatti saaxil baha deemuun duula isaanii ol kaasuun waan hin hafne. Duula kana ittisuuf murteessaan kaayyoo ganamaatti cichanii ciminaan qabsaawuu tahu wal yadachisuun barbaachisaa dha. Kayyoon walabummaa biyya keenyaa iggitii sabboonummaa Oromoo, gaachanaa fi ittisa gurmuu sabaa fi biyya Oromiyaa ti. Kaayyoo kana dabarsanii kennuun mirga haaraa dhiifnaan mirga hanga armmaa argame iyyuu balaaf akka saaxilu dagatuun hin feesisu.
Kanaaf, waggaa haaraan 2010 waggaa gurmuun ABO fi kan qabsaawota bilisummaa Oromoof dhaabbatanii itti jabaatu, daba diinnii mooraa qabsoo keenya keessatti raawatu itti fashalu, rorroo diinaaf osoo hin jilbeenfatin injifatnoo itti galmesinu akka ta’u hawwii kiyyan ibsa.
Oromiyaan ni bilisomti!
Dhugasaa Bakakkoo
Hayyu Duree ABO
Source: oromoliberation.info
0 Comments:
Post a Comment
<< Home