Saturday, October 17, 2009

Obbo Lichoo Bukhuraa Qaama "Jijjiiraa" keessaa ba'e jedhu

Gartuu “jijjiirama” ofiin jedhu waggaan dura shanee Asmaraa irraa adda ba’uun ni yaadatama. Murna kana keessatti itti aanaa dura taa’ee shanee jijjiiramaa kana kan turan ammaan kana murna kana keessa of baasuu isaanii addeessan. Guutummaa addeessa isaanii akka armaan gadiitti dubisaa.

Saturday, 10.17.2009, 09:24am (GMT)
Subject: Hoggansa KY ABO keessaa of baasuu fi tarkaanfi WBO ZK deegaru ibsatu taha.
Gara: KHR-KY ABO

Dhimma: Hoggansa KY-ABO keessaa of kaasuu fi deegarsa tarkaanfi WBO ZK beeksisu ta’a.

Nagaan haa dusruu!

Dhihoo tana humni waraanaa WBO-ZK hiriiraa, ajajaa fi hoggansa KY-ABO jalaa of baasuu isaa barruuleen gaafa 13/10/2009 facaate beeksise jira.

Sababaan murtii fi tarkaanfiin hedduu keenna rifachiise kun, haalotaa fi rakkoolee ulfaatoo yeroo waggaa tokkoo oliif gara hujiilee qabsootti cehu hanqisan, akkaataa deemsarraatti hogganaa hedduu keennaaf fudhatamu hanqatee fi hir’na hoggansaa fali isaa falamsiisaa tahuufaa walumaan beenna. Itti-bahan haalota akka rakkinaatti galmaa’ani hedduun dabre ammoo galii fi akeekni tarkaanfi jijjiiramaa dhaaba ABO keessatti KY-ABO eegalumarraa fudhate ka’een dhugomuun ijibaatamu tahe argame.

Rakkinoota yeroo tana hundaaf furmaata dhaban, kan deemee amma murtii WBO zoonichaa kana dirqisiise kanneen, osoo sadarkaaa akkanaa hin gahin akka falamuuuf yaaliin sirnaa fi seeraa gariin keenna akka qaama/qaamota sadarkaa turre, hoggana waliigalaa, koree fuula turreetti fi akka nama tokkootti illee hin carraaqin hin hafe akka hin jirre miseensotni, hogganoota fi ummatni asiitti ragaa dha.

Jajjabeessa, wal abdachiisu fi dambooba dhaabbataatti ittiin hunda obsisiifne keessatti qooda laanneef malee, fuula kanaatti silaa kanaan duraatti kan addaan deemuun akkanaa kun fagoo iyyuu dhalate jaallewwan jiran kamuu ni beekan jechuu ni danda’a.

Sadarkaa nama tokkeetti miseensotni hooggana kanaa kanumarraa yeroo hin guunne keessatti kanumarraa deemu filatanis hagami fi eennufaa akka tahan walumaanu beekna.

Waadaan waraana, miseensotaa fi ummataaf seenne turre hanqatu mudate akkana kanaan of/hoggana/jaarmayaa dhaarreffate yeroo humni qabnu kan akkanaa, guyyaa adiin nu- hooggana KY-ABO biraa yaa’aaniitti, nuti kanneen akka qaamota hoggana fi dabre ammoo namaatti illee durii isaan kana as naannessuutti gaafatamaa fi itti-gaafatma qabaatuutti laalamnu akkamiitti akka gad hafne ofi/wali akkasumas jaarmayaas gaaffii jala galche jira.

Rakkinoota furmaata dhabuun WBO zoonichaa murtii fi tarkaanfi akkanaatti cehu dirqisiise kannneen akka qaama hogganaa fi matayyatti akkuma taheettu, obsaan osoo jiru, danqaa tarkaanfiin waraanaa kun jaarmayicha keessatti dhalchu malu garii hanqisuuf fuula jirruutti kanneen maqaa ‘hoggana’ jedhamu waliin qabnu gamanaatti argamnu haga guyyaa kaleessaatti yaada waliin maddisiisuun, yaada falaa akeekurratti argamna turre.

Haa tahu malee, yeruma tana hogganni qabnu kan gama bakka waltajjii walii galaa jennuun jiran irraa kan dhaamamuun bira gahamee fi qajeelchaa jiraatuun hafarfamaa jiru hedduu qaanfachiisaa namaatti tahu mudata jira.

Kunis murtii fi tarkaanfi waraanni haala keessa-keessaan jaarmaya waliigalaa naafisu hundi beeku irraa abdii kutatuun fudhate kana danda’mu bifa wal marii fi sirnaan akkuma nu warri gamanaatti carraaqaa jirruutti hikkaa soquun irraa eegamu osoo hin taane haala biraa dhidhiibaa jiraatun natti hin tolle.

Karaa qunnamti dhunfaa (ta duraattu dadhabiinsa hogganaa fi diigamu jaarmayichaa gumaachuun deddeebi’e himatamaa as gahe), gamanaan bakka bakkaatti diriirsuun bifa dhaamsotaa fi qajeelfamaan namoota maqaa waliin qaama hoggana KY-ABO taane gariirraan balaa geessisuu akeekatuun, dabre egeree hogganaa fi jaarmaya KY irraa abdii na kutachiise jira.

Amalaa fi sochiin akka akka malee ta namootuma hoggana tahan, kan ilma namaa haga yoonaatti obsisiisuu fi waliitti qabuu irratti dadhabaa as gahan, kanneenuma guyyaa jabaa dadabre illee waan gaafas dhugaa jedhamerratis waliin dhaabatuun beekkaman kanneen irratti akka aggaammataman taasisuun guddoo na dhibe.

Dadhabbiilee, hanqinoota jaarmayaa hoggana laalufaa of bira dabarsuu aada tute itti fufisiisuun tarkaanfii waraanni of jibaata irra fudhatuu waakkatuun hin danda’mne tana namootuma miseensota hogganaa tahan kan haga yoonaa deemsa hujiilee laalan irratti gara garumama waliin qabaniitti fe’uu yaaluu naaf hin fudhatamu dide jira.

Akkasuma dhugaa hundi argu/beeku tokko fudhatani ofi/haalas sirreessu aadaa tolfachu mannaa, amanu diduun aadaa of waakkatuu itti fufuu qofaaf jecha-fafaa, tan haala tahe/jiru dhossani, bifaa biraatiin maqaa dhibii namaatti moggasuun, ilma namaa wal nyaachifamuu-aadalee hin malle akka jijjiiramuuf waliin dhaabbanne garuma fedhiitti fayidamu akkanaa kana addeessee morma.

Tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa waraanni labsate dhaaressuuf, fashalsuu yaaluuf qofaaf gochaalee tokkummaa miseensotaa fi ummataa booressu dhidhiibuun dhagahaa jiru guddaa na gaddisiise. Kun itti-fufa amaloota dhunfaa kan madda rakkina KY-ABO socho’u nu hanqise ture keessaa isa bu’uraati.

Haalota akka malee kanneen hin hawane kana caalaa obsuu fi ni furra jedhani waliin taa’uun ofii fi kanneen of duraatti nama laalani illee sobuu tahe argama. Akka qaama hoogganaa fi akka nama tokkoottis amalootni addaa kukun obsa na dhowwe jira. Haalota akkanaa keessatti hujiilee jaarmayaa waliin hojjachuu ykn waa jijjiirra jechuun na quubsuu diduutti dabalee-gaafatama bifaa fi sadarkaa kamiitu baadhatuu itti fufuu ijibaatarraan na gahe jira.

Kanumaaf, gaafatamaa fi hiriira qaama, jarmayaa akkasuma hoggana KY-ABO keessatti yaamamaani ture amma irraa kaasee ofirraa fuudhuun, keessaa of-baasuu kiyyaa hunda beeksisa.

Kanuma waliin ergaa haalota keessa dabarree fi jirru roga hundarraa gamaggameen duubaatti, falli QBOf-kanaan achiitti hafe takkichi yo jiraate tarkaanfi nagaa, araara fi tokkummaa WBOn ZK ABO 13.10.2009 dhiheesse fudhatu, tumsuu fi milkeessuuf hojjatu tahu murteeffadhe jirra.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Lichoo Bukhuraa
17/10/2009.

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|