Thursday, October 29, 2009

Ejjennoo WBO Zoonii Kibba Oromiyaa Ilaalchisee Ibsa ABO


ADDA BILISUMMAA OROMOO
Lakko. (No.): 111/ABO/09
Guyyaa (Date): Onkoloolessa 26, 2009
OROMO LIBERATION FRONT

Ejjennoo WBO Zoonii Kibba Oromiyaa Ilaalchisee Ibsa ABO

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Zoonii Kibba Oromiyaa Onkoloolessa 19, 2009 labsa baase gadi fageesinee ilaallee jirra. Jeequmsa fi walfachaasina ABO keessatti bara dheeraaf deemaa dhufee as gahe xiinxaluun ejjeennoo warraaqaa humnichi fudhate waligalattii akka deggerru addeesina. ABO deebisanii tokkoomsuuf, akkuma walumaanuu yaadannutti, bara 2001 jalqabnee gurmuu qabsawota dhugaa argaamsiisuuf wareegama hedduu kafala dhufnee as ga’u keenya WBO Zoonii Kibbaa caalaa kan hubatu hin jiru.

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti WBO Zoonii Kibbaa humna damaqaa fi warraaqaa ta’u isaa marraa hedduu hojiin kan mul’ise dha. Ejjennoon ammaan kana ABO deebisanii dhinsuu irratti fudhattan kan nama jajjabeessu jenna. WBO Zooniilee addaaddaa fi qabsawoti haalaa dhaaba kana jeeqaa jiruu qaroominaan ilaalanii dhaabbi warraaqaa fakkenya WBO Zoonii Kibbaa hordofuu akka fudhatan waamicha goonaf.

ABO keessatti nagaan akka argamu tattaaffiin gochaa turre ammas ittifufe jira. Dhimma waliigalaa irratti akka ABOn deebi’e kaayyoo ganamaa irratti tokkoomuuf waamicha Mudde 11, 2008 labsuun keenya ni yaadatama. Gartuuleen murna Shanee Gumii fi murna Jijjiramaa waamicha keenya fudhatanii mariin jalqabame jirra. Hanga ammaatti haasaatu jalqabe malee murtiin irra gahame hin jiru. Waliigatleen akka argamu osoo of hin qusatin akka carraaqinnu uummata Oromoo hubachiisuu feena. Itti bahiinsa mare kanaa akka murtii maayyii irra geenyeen ummata Oromoof ifatti beeksisuuf jirra.

Tarkaanfiin WBO Zonii Kibbaa fudhates tattaaffi itti jirruu kan shafisiiu fi bu’a qabeessa taasisu jennee abdanna. Yaadaa tarkaanfataa isin dhiheesitan kana kanneen tokkuummaa Oromoo hin feene akka karaa irraa hin gufachiifnne qaroominaan tikfamuu qaba jenna.

Nuti gama keenyaan caarraqsi isin gootan galama akka gahu gumaachuuf bakka isin jirtanitti isin gidduutti argamnee wal haasa’uuf qophii ta’u keenya isiniif mirkaneesina.

Oromiyaan ni bilisomti!

Koree Hojii Geggeesituu ABO
Source:- http/www.oromoliberationfront.info/

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|