Saturday, February 07, 2009

Lallaba ‘Waadaa Tokkummaa Qabsaawota Walabummaa Oromiyaa’

Gumii Idda Bu’oota THBO
Guyyaa: Ammajjii 31, bara 2009

Walgayiin Gumii Idda Bu’oota THBO bultii lamaaf teessoo godhate irratti bu’ura marii gurguddoo ta’an gad-fageenyaan xiinxalee jira. Qabxiileen marriin irratti godhame:

A) Dararaa humni diinaa waggaa dhibbaa ol ummata Oromoo irra geessaa turee fi kan har’aan tana irra geessaa jiru,


B) Haala mooraa diinaa keessa jiru fi tooftaalee humni diinaa ummata Oromoo lafarraa dhabamsiisuuf baafatee fi baafachaa jiru,


C) Haala mooraa qabsoo Walabummaa Oromiyaa keessa jiru fi kan mooraa diinaa keessa jiru wal-afoo qabanii hoo madaalan maal akka fakkaachaa jiru,


D) Fedhii fi dhaamsa ummanni Oromoo baroota dheeraa qabsawoota Oromoo hundaaf dabarsaa turee fi hardhas dabrasaa jiru turan.

Marii adeemsisame irraa wal-hubannoon argame, ir’innoota gurguddoo mooraa qabsoo walabummaa Oromiyaa keessatti mul’atan keessaa inni tokko humni qabsaawota Oromoo faffaca’uu irraa kan madde hooggana jabaa, jaarmaya ititaa fi warraaqaa dhabuu, sababa kanaanis sabni Oromoo yaadaan faca'ee diinni milkaahutti akka jiru argisiisa. Ir’inna kana furuudhaan gabrummaa saba Oromoo irratti fe’ame dhabamsiisun dirqama qabsaawota walabummaa Oromiyaa hunda tahuun sirrtii jala sararamee, murtiilee jajjabboo fi hatattamaa kan tokkummaa qabsaawota walabummaa Oromiyaa itichuuf barbaachisu irratti sagalee tokkoon akka armaan gaditti walii galamee jira.


1. Kaayoon Qabsoo saba Oromoo, Oromiyaa walabaa keessatti ummata bilisaan mootummaa birmaduu dimokraatawaa republika Oromiyaa ijaaruudha. Mirgi kun mirga ummanni Oromoo akka sabaatti qabu, mirga kaayoo hundee kana irratti waalta’u. Kana jechuunis: Kaayoo hin shasharafamne kan walabummaa Oromiyaa, bilisummaa ummata Oromootii fi birmadummaa mootummaa Oromiyaa irratti hundaawuu ‘Ummanni Oromoo, Oromiyaa Walabaa akka deebifatu, Oromiyaa walabaa keessatti mirga guutuu sabummaa fi dhala-namoomaa akka gonfatuu, Oromiyaa walabaa keessatti mootummaa birmaduu dimokraatawaa republika Oromiyaa akka ijaaratu’ gurmuu tokkoon qabsoo godhuuf waadaa galle.

2. Kaayoo walabummaa Oromiyaa daandii warraaqsa diddaa gabrummaa, tarsimoo qabsoo hidhannootii fi dhawaa-mala siyaasaa waraanummaa, sirnaa fi kaayoo jaarmayaa fi hoggana warraaqaa, walabaa, dimokiraatawaa fi waaltayaa utubaa tokkummaa kaayoo/galii siyaasaa, tokkummaa jaarmayaa tarkaanfii duraa taasifannee wolitti dhangala’uun jaarmaya ititaa, hoggana warraaqaa fi waraana walabummaa Oromiyaa tokko ijaarachuuf sagalee tokkoon yaadaan (in principle) waliigalle. Haa tahu malee;


2.1 Jaarmayoota miseensa THBO tahan keessaa jaarmayoonni afur; ATBUO, FIDO, GABUO fi AWOn adeemsa (process) walitti baqiinsaa ammumma irraa jalaqabanii irratti hojjachuudhaan yeroo murtaawe keessatti xumuruuf walii galanii tartiibaa hujii kanaaf barbaachisu illee lafa kaayatanii jiru.

2.2 Jaarmayni tokko (ABOn - jaal Dhugaasaa Bakakkootiin hoogganamu) ammoo, karoora yeroo gabaabaa fi kan yeroo dheeraa lafa kaayuun irratti waliin hojjachuudhaan sochii fi adeemsa fuulduraa irratti hundaayee murtii maayyii kennachuuf qophii tahuu ibsatee jira. Gaabaatti kan ABOn lafa kaaye, tarkaanfii mul’ataa tahe irraa, waliigaltee fi ejjennoo dhaabboleen dhawataan garsiisan tu murteessa. Jaarmoti miseensota THBO ta'an wal wajjin hojjechuu dhawaataan wal amantaa fi "capabilities" addaddaa horachaa deemu. Yeroo kana keessa

(a) jaarmonni walitti baquu fedhanis walitti baqaa deemu;

(b) ULFOn hojii qabsoo adda-ddaa hojjechuun bu'aa tokkummaa argisiisaa deema.



3. Adeemsa seena qabeessa jaarmayootaa fi qabsaawota walabummaa Oromiyaatiif qabsaawan hunda tokkomsuu kana irratti hirmaatanii qooda isaanii akka gumaachan jaarmayootaa fi qabsaawota THBOn ala jiran kanneen kaayoo walabummaa Oromiyaa, bilisummaa ummata Oromoo fi birmadummaa mootummaa Oromiyaa’ deebisanii ijaaruuf qabsoo godhan hunda waliin qabsaawuuf balbala keenna banaa akka goonu waliif galle.

4. Amna seena qabeessaa fi adeemsa eebbifamaa tokkummaa qabsaawota walabummaa Oromiyaa kana hujii irra oolchuu fi fiixa baasuu akka nu dandeessisu tarsimoo fi riqicha (strategy and mechanism) laafa kaayanne.

5. Walhubannootaa fi waadaa asii olitti ibsame kana ummata keennaa fi jaarmayoota keennaaf dhiyeessinee, ir’innoota irreen tokkummaa qabsaawota walabummaa Oromiyaa itituu dhabuu irraa madde deeggersa ummata keennaatiin furmaataa fi murtii maayyii argamsisuuf waliigalle.


Waamicha:


1. Miseensonni jaarmayoota woliigaltee kanarra gayanii hundi akeekni eebbifamaan gurmuu qabsaawota walabummaa Oromiyaa deebisanii ijaaruun gabrummaa dhabamsiisuun akka fiixa ba’u woliigaltee kana duuba hiriiruun wareegama ol’aanaa irraa eeggamu hunda akka baasan/kafalan;


2. Jaarmayoonni Oromoo kan walgayii Gumii Idda Bu’oota THBO kanarratti hin argamin, garuu, kan kaayoo ‘Walabummaa Oromiyaa, bilisummaa Ummata Oromoo fi birmadummaa mootummaa Oromiyaa’ ijaaruuf qabsaawan marti waliigaltee eebbifamaa kana fudhachuun qooda isaanii akka gumaachan;


3. Ummanni Oromoo kan biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraatu, jaarmayootaa fi qabsaawonni Oromoo marti gaaddisa tokkummaa kana jalatti gurmaawanii irree qabsoo walabummaa Oromiyaa humnessuun sirna kiyyoo gabrummaa dhabamsiisanii guyyaa ummanni Oromoo Oromiyaa walaba keessatti mootummaa birmaduu bilisummaan filatee nagayaa fi badhaadhinnaan akka jiraatu gochuu irratti qooda gahaa akka kennan waamicha goona.

Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Walaboomti!


1. Adda Tokkichummaa Bilisummaa Ummmata Oromoo (ATBUO)

2. Adda Walabummaa fi Dimokraatummaa Oromiyaa AWDO (FIDO)

3. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

4. Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (GABUO)

5. Adda Walabummaa Oromiyaa (AWO)

1 Comments:

At 7:40 PM, Anonymous Anonymous said...

Garbage in and garbage out

 

Post a Comment

<< Home

|