Friday, December 12, 2008

ADDI BILIDUMMAA OROMOO murnootaa maqaa ABO-n sosso'aa jiran maraaf waamicha godhe.

Maddi oduu kanaa: http://www.oromoliberationfront.info/

Waamicha Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jabeessuu

Abba tokkootaa Miseensota ABO Turan fi Murnootaa Maqaa ABOn Sosso’an Hundaaf
Oromiyaan erga qabamtee ka’ee yeroo ummati see diina ofirraa hin facisin darbe hin jiru. Haatahu malee qabsoon saa kan wal hin hammanne waan tureef milkaawuu hin dandeenye.
ABOn erga dhabatee kurnanoota afur lakaawataa jira. Baroota lakkaawwate kana keessa rakkinaa fi ballina hedduu keessa darbee. Haa tahu malee hanga 1991 qabsoo hadhaawaan maqicha fi tokkummaa qabsaawota wayyabaa tursuun dandahameera. Injifannoon hin tuffatamnes galmeefamee ture.

Haalli 1991 dhalate tolaas hamas akka fide ni beekama. Tolaan saa yero itt ummata keenya hundaan walbarru fi bobbaa keenya ballifannu argachuu dha. Hamaan dhufe tokko diinaan dagamuu yagguu ta’u inni lammaffaan keessa deebinee of qoruu irratt xiyyeeffacchu dandhabuu dha. Shira diinaa osoo xiinxallee dhugaa fi soba walii maqfannee irratt wal hin qeeqin hafuun keenya tokkummaa qabsaa’otaa balaa ammaa inni keessa jiruuf saaxile. Sun yeroo amma hammaatee fi bal’atee waan jiruf yoo hatattamaan furmaati itt hin tolfamne kan ijaaraa turre hunda diigee biyya keenya gadadoo jalatt hambisuu dandaha. Kaayyoon keenya bilisummaa fi ofiinbulmata Oromiyaati jennee kaane. Haatahu malee, akkaataa tokkoo tokkoon keenya hojii itti gaggeeffannu fi dhimma keenya fira fi alagaatti himannu waliin jiraachuu keenya shakkii jala buusee hanga gargar bahuutti nu geessee jira.

Yeroo dhihoo as Shaneen Gumii Asmara buufate gargar bahuun kan kahe karaa lachanuu ololli gaggeeffamaa jira. Akka waan walitti darbatan irra dhageenyutti, murni lachanuu waa’ee bilisummaa Oromoo gad jabeessanii dubbachuutti ka’anii jiru. Nuyi kaayyoo ganamaa hin jijjiirre jedhaa jiru.

Waamicha

Dantaan ummata keenyaa hunda keenyaa oli. Waldhabdeen keenya dantaa kana kan dagachiisu tahu hin qabu. Tokkummaa dhaabaa fi ummata keenyaa kan nutt caalu hin jiru. Maqaa dhaaba keenya ABOn ummati keenya badaa, hidhamaa, ajjeefamaa, guraaramaa fi biyya saa irra buqqa’aa jira.


Maqaa ABOn balaan Oromiyaatt bu’aa jira. Lammiwwan keenya wareegamaa jiraniif waraanaa fi gaachana ta’uun hafnaan, waliin illee isaan yaadachuu dadhabne. Kanaaf, seerris seenaanis dhiifama nuu hin godhan.

Murnootin maqaa ABOn sosso’an hundi ammallee bilisummaa fi walabummaa Oromootti ni amanu yoo ta’e waan dhaaba keenya ABO gargar cabsu hin jiru. Jarri kun hundi dantaa fi tokkummaa ummata keenyaaf jedhanii kaayyoo walabummaa Oromiyaa jalatti yoo hiriiruun mirga saba keenyaaf waliin qabsaa’uun ni danda’ama jennee amanna.

Hundi keenya akeeka ABOn ijaarameefitti amanna yoo ta’e, jaallewwan maqaa sanaa fi kaayyoo sanaaf kufanis ni yaadanna yoo ta’e waanti gargar nu qoodu hin jiru. Kan afaaniin lallabnuu fi kan hojiin mul’isuu yaadnu kan kaayyoo bakkaan gahuuf walii-galle calaqisu yoo tahe wal hin dhabnu. Dhaabichas deebifnee dhinsuu kan nu dhorgu akka hin jirre amannaa. Walitti dhufnee kaayyoo walabummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf walii ha gallu. Kaayyoo kanaaf sosso’uu keenyas uumatta Oromoo haa beekssisnu; addunyaattis haa labsinu.

Itti gaafatama seenaan nutt kenne bahachuuf amma kaafnee dura dhaaba keenya tokkomsuu, isa boodaa akkaataa tokkummaa humnootaa Oromoo itti jabeessinu irratt bobbahuu qabnna jennee amanna. Nuti gama keenyaan, kaayyoo dhaabichi ganama qabatee ka'e, kan har'a illee haala gadadoo ummatni keenya keessa jiruun mirkanawa jiru, irratti hundoofnee gurmuu tokkummaa dhaaba keenyaa bakkatti deebisuuf qooda nu irraa eeggamu kennuuf qophawoo ta'uu keenya mirkaneesina.

Kanaaf, murnoota qaama ABO turan fi ammallee maqa ABO himatan fi aba-tokkoota dhimma addaddaan ABO keessa bahanii turan hundaaf akka wallitt dhufnee dhimma kana irratti mar’annee waliin fedhii ummata keenyaa bakkaan gahuuf hojjennu waamicha dabarsina. Kanneen yaada fi ilaalcha fakkaataa qabddan fedhii keessan hamma Amajjii 20, 2009 tti teessoo kana gadiitti nu beeksisaa.

Tel: 202-521-5653
E-mail: waajjira@oromoliberationfront.info
Poostaa: P.O.Box 21762 Washington, DC 20009


Ummatin Oromoos akeekin kun akka bakka ga’uuf, qaamota dhimmi kun ilaalu hinda irratti dhiibbaa barbaachisu akka godhu gaafanna.
Oromiyaan ni bilisoomti!

Koree Hojii Geggeestuu ABO (KHG-ABO)
Muddee 2008

Source: http://www.oromoliberationfront.info/

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|