Saturday, November 15, 2008

Shanee Asmaraa heera motummaa Wayyaanee fudhattee jalatti buluun hojjechuuf mallatteessuun mirkanaaye.

Akka Voice of Amerika sagantaan Afaan Oromoo Sadaasa 14 bar 2008 namoota gartuu Wayyaanee fi Shanee Asmaraa walitti fiduun mallaattoo raawwachiisan dhiheessuun ifa godhetti; gartuun lameenuu waliigaltee irra ga’uun mirkanaa’ee jira.

Baatiiwwan kudha Jahaan dura maanguddootaan akka filaman kan of ibsan “Gartuu jaarummaa” kan ofiin jedhan namoonni sadii Shanee Asmaraa ti fi Mallas gidduu marmaaruun kan dalagaa jiran, namoonni sadii maqaan isaanii VOAn eerame, Luba Ittafaa Goobanaa, Ambaasadder Birhaanuu Dinqaa fi Obbo Abarraa Tolaa yoo ta’an, hojii gartuulee lameen kana walitti fiduu kan eegalan jaarsooliin edda filatamanii ta’uu eeranii jiru.

Garutuun jaarsummaa ofiin jedhu kun Qaama lameen biratti, jechuun Shanee Asmaraa fi Mootummaa wayyaanee biratti eehama haata’uu fi amanamummaa argachuu isaanii mirkaneessanii jiru.

Durataa’aa maanguddoolii kanaa ta’uu kan of bisan Luba Ittafaa Goobanaa akka VOAf ibsanitti dhimma kana tuta oduutiif ibsuun waa lamaaf ta’uu dubbatan jedha VOAn.

Tokkooffaan dhiheenya kana Finfinnee keessatti maanguddoota Oromoo walga’ii edda geggeessanii booda, biyya keessattis ta’ee biyya alaa keessatti “jette jetteen dhugaa jiru faallessu waan faca’eef dhugaa jiru ibsuuf yoo ta’u;”
sababiin lammafaan immoo kanatti aansee kan dhufuu jiruu fi haala qabatamaa tokko irra kan hinga’in garuu, dhimmi isaa deemsa irra kan jiru ta’uu ibsan jedha VOAn.

Haala amma jiru akkas jechuun dubbatanii jiru Luba Ittafaa goobanaa, "Shaneen akka gara mareetti dhufuu fi adda addummaan jiru yeroo ammaa mariin furuu danda’u jennee waan amanneef maanguddootiin nu waliin jiran illee jabeessanii waan itti amananiif kana tolchuuf yaalaa jirra." “Hanga kun ta’utti immoo sochii keenya itti fufna.”

Karaa nagaan gam lameen walitti fiduuf karaan jalqabame kun rakkisaa akka ta’e kan hin dhokisin maanguddooti kun jedha VOAn gam lameenuu haasofsiisuudhaan baatii amajjii bar 2008 magaalaa Amsterdam keessatti hoggana Shanee Qinijjiti Obbo Daawud Ibsaan waliigaltee mallatteessuu isaanii ibsan.

Akka waliigaltee kanaatti Shaneen akka Heera mootummaa wayyaanee fudhatee, mootummaa Ethiopiya waliin mar’achuuf fedhii kan qabu ta’uu; maanguddoota kanaaf ibsee jira. Jedhuun mirkaneessa VOAn.

Akka maanguddoonni kun dubbatanitti jedha VOAn Walga’ii Amsterdam kana irratti Obbo Daaud Ibsaa fi Obbo Tamaam Yasuuftu argame.

Kana malees waliigaltee kana gara koree isa guddaatti geessuudhaan kan irratti mar’atan ta’uu nuuf ibsanii jiruu jedhu maanguddootiin kun. Jedha VOAn.

Gareen maanguddootii kun gara biyyaatti edda deebi’ee booda, sadarkaa irra ga’e Mallas Zeenaawiif ibsuudhaan deebii Mallas turban lamaaf eegaa akka ture dubtan jedha VOAn.

Dhuma irrattis yaada maanguddootaa Mallas akka sitmatee fi marii geggeessuufis qophaawoo ta’uu isaa dubbatanii jiru.

Hogganni ABO yeroo ammaa addaan qoodamee utuu jiruu gam tokko qofaan nagaa buusuuf mariin mootummaan godhu hirdhuu hin ta’uu? Jechuun gaaffii gaazexessitoota biraa kan dhihaate yoo ta’u; jedha VOAn Maanguddoonnis deebii kennaniin; "gareen Obbo Daawud Ibsaatiin hogganamu hawaasa addunyaa biratti beekkannoo akka qabuu ibsanii; qaamni hogganaa inni kaanis deemsa jalqabame kana waan deeggaruuf gufuun uummu hin jiraatu" jedhanii jiru dha VOAn.

Akkuma beekamu murni shanee Qinijjit yeroo adda addaatti Mallasiitti jaarusummaa biyyoota adda addaa ergachuun harka kennatee biyyatti galuuf kadhachaa turuun isaan waan yaadatamu dha. Gochaa isaa kan Oromoo dhuksuuf tattaafatu murni obbo Daawud hawwiin isaanii maqaa ABOn harka kennachuun utuu bakka hin ga'iif oduun akkasii dhaga'uutti waan gammadan hin fakkaatu.
Guutuu isaa dhaggeeffachuun Kunoo:- http://www.voanews.com/real/voa/africa/orom/orom1730a.ram

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|