Tuesday, October 23, 2007

Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa

G. Roobaa tiin

Akka waan dhugaan humnaan baduu, humna waan abdataniif sadii ta’anii ilma tokkicha dhugaa qabu rakkisan. Jarren tokkicha abbaa dhugaa rakkisan kun Mulugeetaa Sirnaa, Salphaa Turee fi Waangaraa Hordofaa jedhamu. Tokkichii abbaa dhugaa sun Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa jedhama.

"Seenaa Qoraa ati qabeenya kana dafqitee, dhamaatee miti kan horte. Kan horoo kun kan hundaati" jedhee Mulugeetaan Seenaa Qora Abbaa Gadaatti dhaadate. Seenaans, "lakki issin beeaa jedhamtu mitii; akkamiin seenaa wallaltani na qortu? An nama kan ofiin bulu. Kan ormaa hawwee hin beeku" jedhee mormate.

Salphaa Turee, nama qaamaan guddaa, barruun harka isaa qofaan afarsaa fakkaatu; jedhu warri isa beekan. Harka isaa afarsaa sanaan Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa kabalee gurra duchee jaanjessee; "maaf goofta jala duubta?" jedhe eekkame.

Waangaraa Hordofaas itti dabaluun, “ati qobaa eessaa fiddee? Qabeenyii kan nu hundaati! Dhugaa baasii Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa!” Jedhee eekkame.

Seenaaf dubbiin qaata galteef. Dubbiin rakko eenyummaa akka taatee fi qabsoo malee dhugaan jiruuf fi jireenyaa isa akka hingargaarre hubatee jira. Erga dhugaa jalliisaa ree Seenaa Qoraa Abba Gadaa! “Kan koof na jibbitanii; furmaanni yaaddan maali mee hima!” jedhee ammas mormate.

Mulugeetaa Sirna “waan qabdu hundi isaa keenya!” jedheen.

Salphaa Turee “waan Mulugeetaa Sirna jedhe fudhu!” jedhe.

Waangaraa Hordofaa “waan dhugaaf Salphaa Turee hubaatee?” jedhe.

Seenaa Qoraa Abbaa Gadaas “an waan hunda jedhame kana, dhugaa hubattan malee hin fudhu!” jedhe deebii kenne.

Muluggeetaa Sirnaa heddu aaree; Salphaa Tureen “salphiisin!” jedhe.

Salphaa Tureen otoo gooftaan isaa ilmi Sirnaa dubbatee hin fixin, Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa kaballan haleelee; “goofta jala hindubbatin siin hin jennee?” jedheen.

“Lakki afaan akkan ittin duubbadhuuf naa uumee. Dhugaan otoo ifa jiruu; dharaan gurra na hin duuchiin!” jedhe.

Waangaraa Hordofa tasuma qolate, “dhugaa jettee Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa? Waan salpha turee siin hin jenne. Isa Waangaraa maaf dubbatta? Dhugaa baasi!” jedhee; garaa dhiite dhiiga hooqqisiise.

Yeero garaa irra dhiitamu Shamqaqqoon teepha mudhii ittiin hidhate qamxal jettee jalaa citte. Yoona Surreen irra bu’ee qullaa hafe. Seenaa Qoraa Abba Gadaa dinnii fi qomoon dhugaa malee isa yaakkani qulla isa buusisuu isaaniitiin nahee, gaggabee kufe.

Seenaa Qoraa Abba Gadaa yeroo afuurri itti deebitee eddoo kufee ol jedhu, dhaamsa dubbate.

“Waan gaaraa hordoofun dhuguma salphaa turee. Garuu an seenaaf jechan dhiiga tufa. Waan gootan kana hin irranfatinaa!” Jedhe.

Waangaraa Hordofaan waan Salphaa Turee jedhe malee; waan Seenaan jedhe hin hubanne.

Salphaa Turee fi Waangaraa Hordofaa akkasitti otoo Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa iyyatuu; waan qabu isa saamanii; qullaa isa hambisanii Mulugeetaa Sirna waliin nyaatan.

Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa haa saamamu malee; dhugaaf obsaa, mudhii isaa xibxaabbi doobbiin hidhatee, qabsoo jiruu fi jireenyaa itti fufe.

Mulugeetaa Sirna, Salphaa Turee fi Waangaraa Hordofaa akkuma Seenaa hiyyomsan; ofiis hiyyoomaa deeman.

Gama kaaniin otuma jedhanii, dhugaa seenaaf kan qabsahan heddatan.

Obbo Mulugeetaa Sirna kana hubachuun “lakkii keessumma galmatu bareecha. Jettu isinuu” jedhee “nagaatti” jedhee, galuuf ka’e. Garuu waan barfatee ka’ef; otoo malka hin ce’in Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa isa toobbate.

Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa hurufa boonbiitti Salphaa Turee wajjin kiiphe walitti dhufan.

“Yaa Salphaa Turee duruu salphatee; seenaaf hoo dutee wayya. Garuu, qomoof gumaa kadhachuun fuggisoo dha. Of ajjeessi!” jedhee gumaa qoboo afaan buusee; funyoo doobbii itti kennee bira darbe.

Galma hoo gahu; Waangaraa Hordofa “baga nagaan dhuftan! Obboo ol seenaa!” Jedhe akkuma baretti.

Yaa Waangaraa Hordofaa “Waan garaa garaan haa baatu! Dhugaa seenaaf dhiiga tufan. Xibxaabbi doobbiin hidhatan malee; akka hin jiraane beekuuf irreessa baatani galma dhaquun gahaa miti. Hora deemii; seenaa horoof jilbeeffadhu” Jedhe kutee bira darbe.

Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa qabsoon Mirga bokkuu dhuunfatee, faachaa qabatee, geeraarutti gadi taa’e.

Limmii fi Qomoo waamee, seenaa ibsuu Itti fufe. Akaakkayyuu Abbaa Gadaatiin dhaadate.

Qomoo fi Lammiin waan Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa jedhe geerare kana egaa mee hubadhaa.

Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa
Waan taanne bar-dheengaddaa,
Na kabale Salphaa turee,
Waangaraa hordoofan saree.
Dhiigan tufe hin goroorree.
Qullaa dhaapheen dhugaa soore.
Mulugeetaa Sirna tortore
Seenaaf obseen qaxxamure.

Yaa Qoraa nan qoramee
Seenaaf ilma Abbaa Gadaa,
Geerarsaan maal ibsatu
Kaan gammachuu kan gaddaa.

Gammachuun Seenaa boonsaa,
Kansaa hin du’u dhugaan isaa.
Gaddi qomoo waan salphinaa
Hin laalu Waan garaa isaa.
Yaa Qomoo baaqqee fi dachaa
Qabsoon of baasu bilisaa!
"Xiibxaabbin doobbii wayya,
hoo citee baduu baateef;
Iilmi doobbicha wayya,
hoo du'ee baduu baateef."

Barittii bara sanaa,
Mulugeetaan natti eekkame;
Na kabale Salphaa Turee,
Qomoo annisni doome.

Waangaraa Hordofan fafa,
Hamba gooftaa isaan coomee;
Seenaa dharaan na yakkan,
Mirga waaqayyoo naa uume.
Garbummaan na hidhanii,
Yeroo maaleen dulomee;
Seenaa dhugaan geeraru,
Abjuun gaafa dhugoome.
Yaa lammi baaqqee fi dachaa
Qabsoof mirga nu uume!

Halagaa gaafa golfaa
Tobbaadhe argitu fachaa
Kan nyaatee galuu fedhe
Hiddii-hoolatu qoricha.

Salphaa Turee yaa Qomoo
Yeroon hin darbu seetee
Na kabalte gorsa halagan
Seenaa dhugaaf of ajjeefte.

Waangaraa ilma Hordofaa
Qomoo bifan gaararraa
Kaleessa waan Salphinaa
Har’a seenaa dhugaaf joora.

Qoraa ilma Abbaa Gadaa
Seenaa hin duune yoomiyyuu
Kan qomoo jiruu miti
Hogga ekeraan iyyuu!

Qoraa ilma Abbaa Gadaa
Seenaa gasharee gootaa
Dhugaa malee nu hiitee
Sirna ilmi Mulugeetaa

Qoraa ilma Abbaa Gadaa
Seenaa odaa dagaagaa
Dhugaa dhaadatan raagu
Abdiin hegeree dhiiga.

Qoraa ilma Abbaa Gadaa
Seenaa siiqqeen daraartu
Mirga haadhaaf safuu uumaa
Gumaan harmee hin haftu!!!
Qoraa ilma abbaa Gadaa
Irreessaan dakkii muuda
Galata maarree jennee
Waan hegereef nuu hoodu!

Qoraa ilma abba Gadaa
Seenaa salgan Booranaa
Caffeen comman hin goguu
Qabsoof dirootu humna!!!

Qoraa ilma Abba Gadaa
Seenaa kan Baarentummaa
Bullee bultanii yaa qomoo
Gurmu hundeen tokkummaa.
Seenaa Qoraa yaa lammii
Hundee sirna gabrummaa
Kan ofiif nama jibba.
Akka sanyoo gursummaa
Kan ofiin nama ajjessa.
Akka hin kadhene gumaa
Kan ofiin seenaa dabsa
Akka hin daganee jamaa!

Qoraa ilma abbaa Gadaa
Seenaan hin du’u tasa
Tooba halga hin dhiisu
Fachaa hundeen bilisaa
Salphaa qomoo hin farsuu
Kan hordofu garaa isaa.

Qomoo dhugaa dhaadatu
Seenaaf dilbii nu kuusa.
Qondaallii qocaa nyaatu
Mirga uumaaf of dhiigsa.
Hafte hin haftu booreedha
Hawwiin qabnu bilisa!
Bilisa seera uumammaa
Qabsoo dhiigaan dhuunfama!

Qoraa ilma abba Gadaa
Seenaa ilma gashiree
Daba sirna Mulugeetaa
Dhugaa cabsee dhara soore
Kan Seenaaf safuu hin beekne
Addaggee Salphaa Turee
Waangaraa Hordofaaf safuu
Kan gooftan bulu saree.
Seenaa Qoraa Abbaa Gadaa
Qabsoo dhaan qaxxaamure.
Yaa qomoo oromoo guddaa
Tokkummaan salphaa turee
Yaa lammii hubadhuu hadaraa
Dhiigatu wal gurguree.

Diina hordofaan farra
Garaaf dutuun akka saree
Odaan Oromoo haa raagu
Kan gootni dhiigaan soore
Sirni Gadaa haa lalisu
Oromummaan nu sooree
Irreechaan wal eebbisu
Booqni birraa hoo dararee
Seenaa Qoraa Abba Gadaa
Hawwii qabun geerare.

G. Roobaa

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|