Monday, September 24, 2007

Maqaa qabsoo bilisummaa Oromootiin bu’aa dhuunfaa isaaniitiif kadhaan hin ta'u!


Maqaa qabsoo bilisummaa Oromootiin bu’aa dhuunfaa isaaniitiif oliif gadi kan jedhan, ayyaan lallattoonni murni shaee Qinijit guyyaa kaleessaa Fulbaana 23 2007 Swiss magaala Bern keessatti ilmaan Oromoo afaan faajjessuuf yaaliin godhan ijoo jalaa dhabee jedha maddi gaabaasa keenya.

“Walaga’ii ilmaan Oromoo” jedhamuun baatii tokkoo oliif xayaa, bilbilaa fi E-mailaan ilmaan Oromoo biyya Swiss jeran maratti caasaa Murna Shanee-Qinijitiin lallabamaa kan ture yaamichi murna shanee Qinijit kana irratti nami 23 qofa akka irratti argame hubatame jira.

Dabbaallee Olaanaa Shanee-Qinijit “itti gaafatamaa damee dantaa alaa Abo” ofiin kan jedheen kan geggeessan irratti; Oromoota dhibbaantamaan Swiss keessa jiraatan keessaa nami 23 qofaan irratti argamuufiin hangam yaamicha afaan faajjessa Muna kanaa Oromoon akka hubatee fi hangam Oromoon akka isaan mufate kan agarsiisuu fi yoo sammuu Oromummaa qabaatan kan barumsa kennuufii danda’u ta’ee jira.

Muraasuma Oromoota argaman kan irratti illee lallabni dabballee kanaa kan xiyyeeffate gumaacha horii kadhachuu irratti yoo ta’u; haala qaanesaan xumuramuu isaa gabaasinni Bern irraaa argame addeesse.

Ijoon yaamicha isaanii kadhaa horii qofa ta'uu kan hubatan Oromoonni achitti argaman 23 keessaayyuu; Sabboontonni Oromoo kadhaa murna kanaa “qoosaa“ jechuun taajjaba qaban itti himuun gaaffii wal fakkaataa dhaan deebii kennaanii jiru.

"Nugargaaraa jechuun achi as ba'uu keessaniin dura; Hoggantoota qabsoo bilsummaa Oromootiif gurra kennaatii, tokkummaa dhaabota Oromootti amanaatii as nutti kootta."

"Eenyummaa keessanuu isin hin beeknu! " kan jedhuu fi kan kana fafakkaatan gaaffii ciccimoon kan haqa jiru ergamoo murna kanaatti kan himan sabboontonni Oromoo.

“Deeggarsa nuuf hin gootan yoo ta’e bor biyyatti galuu akka hin dendeenye beekuu qabdu!!!” jechuun Oromoota muraasuma yaamicha isaanii kana irratti argaman illee doorsisuu ykn sodaachisuuf kan yaalan Obbo Gaashuu Lammeessaa gaaffii Oromoonni gaafatan adda addaaf doorsisa akkasii deebii gochuuf yaalaa akka turani dha. Gaaffii gaafatamaniif aarii fi dallansuun usuu kan filatan akka ture dha qooda fudhatoota irraa gabaasni dhiyaate.

“Uummata Oromoo irraa horii kadhaan argatan qabsoo Oromoo dura ittiin dhaabbachuuf himata “Mana Seeraa“ jettanii, halagaatti sabboontota Oromoo fi ABO yakkuuf kan oolchitu. Gargaarsa horii Oromoo irraa gaafachuun qaanessaa isinitti hin ta’uu?” Jechuun sabboontonni Oromoo gaaffii dhiheessaniif; murna shanee Qinijit kana bakka bu’uun kadhaaf kan dhufan Obbo Gashuu Lammeessaa deebii laachuu hin dandeenye.

Walaga’ii ilmaan Oromoo jedhamuun baatii tokkoo oliif xayaa, bilbilaa fi E-mailaan ilmaan Oromoo biyya Swiss jeran maratti lallabamaa kan ture yaamichi murna shanee Qinijit kun nami 23 qofa irratti argamuun; shanee Qinijjita ilmaan Oromoo afaan faajjessuuf dhama’a godhu hangam akka hubatanii fi bakka dhorkatan kan hubachiisu dha.

Guyyuma kana Magaala Swiss gurguddoo keessaa tokko kan taate Magaala Zürich keessatti wal ga’iin sabboontota ilmaan Oromoo kan deemisifame yoo ta’u; halaa fi deemsa, rakkoo fi gufuulee qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalchisan irratti yaada wal jijjiiruun, diinaa fi fira ilmaan Oromoo hundee hanga ammaatti eenyuu fi maal akka ta’e gadi fageenyaan irratti ibsa walii kennuun maree guddaa guyyaa itti godhatan ture.

Maqaa "yaamicha wal ga’ii ilmaan Oromoo " jechuun gantoonnii qabsoo ergamtoonni Amaaraa haaraan, Oromoo of fakkeessuun afaan nu fajjessuuf yaalan oromoon dursee beekee jira jechuun, maree kana kan eegalan sabboontonni Oromo swiss, yaamicha akkasiif yeroos ta'ee gurra hin qabnu. jechuun ture haasaan kan eegalan.

Akka Auropaatti sa’a 3:00-6:00 kan ture Wal ga’iin Sabboontota Oromoo kun ergamtoota diinaa ta’uun; mooraa qabsoo ilmaan Oromoo diiguuf oliif gadi kan jedhan muni shanee-Qinijjit gochaa isaanii farrummaa irraa deebi’anii; lammii isaanii cina akka dhaabbatan yaamicha gochuun barbaachisaa dha! kan jedhan ilmaan Oromoota kun; maree wal fakkaatu yeroo gabaabaa keessatti gochuun; gadi fageenyaan haalaa fi deemsa, adda addummaa fi tokkoommaa dhaabota ilmaan Oromoo fi cimina Qabsoo Oromoof qooda gumaacha jennee amannu irratti ibsaa fi ejjennoo baldhaa hatattamaan akka godhamu irratti walii galuun gammachuun xumuramee jira.

41 Comments:

At 12:47 AM, Anonymous Anonymous said...

It seems that SQ is demanding money from the Oromo public to pay the lawyers fee, with regards to their court case against the OLF. A true Oromo should support genuine OLF, the one led by Dhugaasaa Bakakoo. The SQ is parasite on Oromo society. Look this chap called Gashu is spending money on air ticket. You would not employ this moron called Gashu to tend 'hoolaa' let alone 'danta alaa' He is an illitrate bully and a relative of the sellout Daud Ibsaa. Do not give him any money. If you give him any, he will eat it anyway.

The time that this scams collect money using the name of Oromo has alas gone.

 
At 2:37 PM, Anonymous Anonymous said...

Obboo Olumaa Abarraa akka itti gaafatamaa QC, you worth nothing than a penny. You are simply bitamtuu and ergamtuu Woyaanee. Just to make clear for you: the proud and dedicated members and supporters of the Oromo Liberation Front are telling garbages like you and your gandummaa colleagues "GET OUT OF THE ROAD TO BILISUMMAA!" because you are just like a stone on a high way.

 
At 2:43 PM, Anonymous Anonymous said...

By the way:
We don't bark like you, but we show our duty in action! Swallow it!

 
At 3:05 PM, Anonymous Anonymous said...

Bitamtoonnii garaa seenaa Goobanaa lammaffaa irra deebi'uuf deeman kun, Amaara jala galuun OPDO ka biraa ta'uun isaanii Saba Oromoo biratti tuffatamuu fi jibbamuu malee ka biraa hin fiduuf.

Gabroomfattoonni Ilmaan Amaaraas ta'e ilmaan Tigree diinota Oromoo malee fira qabsoo Oromoo akka hin taane; Oromoo qofa osoo hin taane halagaan illee tolchee ni beeka.

Shanee Qinijjit hardha egaa gabroomfattoota ilmaan Amaaraan fira jechaa waayee bilisummaa afaaniif yoo bajoote, ofii isaanii malee Oromoo goyyoomsuu hin danda'ani.

Gantummaan akkasii salpina isaaniif qaba. Kadhaa ilmaan amaaraa jalatti waan baraniif, horiif asiif achi deemuun yoo iyyan nu ajaa'ibsiisuu hin qabu.

Gantoonni qabsoo achi ba'aniif qabsoon hin dhaabbatu.

Qabsoon itti fufa bilisummaan ni dhufa!!!

 
At 3:31 PM, Anonymous Anonymous said...

Abbaa mana kanaa

WEnyurratti qabsaawaa jirtaa?

 
At 4:56 PM, Anonymous Anonymous said...

One of QC's resolution says:
"WBO ilaalchisee:

WBOn abdii bilisummaa ti; abdii Oromoo ti; irree saba Oromoo ti. Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu fi Oromoo bilisummaa gonfachiisuuf murteessaan WBO ta’uun isaa amanamee, isa jabeessuuf murteeffanne."


It would be much more helpful to know how you QC people are (not)fulfilling the pledges you made above. And do you have any army, save the cyber comandos?

 
At 5:39 PM, Anonymous Anonymous said...

Ollummaan Abaaraa aka Oluma

Ati taa'ii komputararratti xeebi. Dhiirri kan qabsaawu akka keetti ulee alagaa ta'eetii miti. Yoo nama QBOf bu'aa fiduu dandayu taate qabsaawaa irratti afaan banuu dhiisii gara QBO tti deebi'ii falmadhu. ABOn xeebduu akka keetiif kan ta'u miti. Yartuun kan akka kee gandaa fi amantiin oromoo cicciruu deemttutti uummatnni oromoo qaata dammaqe. Kana beekuu qabdda.

 
At 5:45 PM, Anonymous Anonymous said...

QC has never had its own program. Look what this QC from Wallaggaa wrote:

"Guyyuma kana Magaala Swiss gurguddoo keessaa tokko kan taate Magaala Zürich keessatti wal ga’iin sabboontota ilmaan Oromoo kan deemisifame yoo ta’u; ...."

QC Boy, did you plan your meeting before or after ABO Switzerland? No wonder that you QC guys are online guerrilla fighters.

 
At 7:34 PM, Anonymous Anonymous said...

To those who attack the blogger,

Do not shoot the messenger. Typical of intolerant people. He just reported what has happened and please focuses on the issues raised in the report. Calling each other all the names under the sky does not take us anywhere. Calling each other SQ and QC will not solve the problem.

Freedom of information is so important. There are no many Oromo bloggers and please do not discourage the few we have. People are wise enough to reach their own conclusion. And, stop being nasty to your fellow Oromo.

Above all, let truth be told.

 
At 12:13 AM, Anonymous Anonymous said...

Barreessaa Mana Oromoo Swiss galta qabsoo qabdan siin jechuu fedha.

"Kan beekaa rafe raasan hin dammaqu" jedha Oromoon mitiiree.

Murni hardha qabsoo uummatichaa Qabsoo ABO ganuun diina jala galuuf miixatan kun Shanee Qinijjit, dhugaa jiru wallaallanii osoo hin taane; dantaa dhuunfaatu isaan mo'ee.

Namoonni jala deemtuu jara kanaa ta'uun wacan muraasni garuu, dhugaa jiru yeroon arguu dhabuu isaanii irraa, ABO maqaa jedhu qofa jaaldhachuu qofaan.

ABOn garuu kan Qinijjitii fi Arbanyoochiin "fira! humna!" jechuun diinatti harka laadhachuun diina jala galu miti.

ABO-n Oromiyaa walaba deebisanii gadi dhaabuu, amantaa fi kaayyoo jedhutti cicha kan qabu dhaaba amantee fi irkannoon isaa of irraatti hundaawe dha.

Egaa kanneen kun hin galiniif dabballoota Shanee-Qinijjitiif iyyitan hunduu, mee utuu arraba keessan safuu oromummaa hin qabneen wallaalina sammuu keessanii of hin madaalchisin dhaabbadhaatii dhugaa hubadhaa. Jechuuniin fedha.

Arrabni mallattoo wallaalinaa malee beekumsaa fi qaroomaa moti.

Kabaja Oromummaa fi safuu Oromoo baruun of baruu dha.

Egaa yoo gara ilaalcha namoota hin beekamneen armaan olitti barreeffaman keessaa tokko tokkoo waa jechuu fedhe;

1- Gandummaa yaada jedhu namoota kaasantu ni jiru. Tari gandummaan kuni yoon dogoggoruu baadheef, kan ittiin xaxamaa jiru munuma Shanee-Qinijjit kana natti fakkaata. Ragaa yoo feesise; sadarkaa Hoggana qaama olaanaa jarreen kanaa martuu ijollee ganda tokkoo qofa mitii laata? garuu ani sana irraa rakkoo waan hin qabneef maqaa yaamee ragaa lakkaayuu hin fedhu. Dhugaan jiru garuu kana dha.

2- ABO-n Qinijjitiin fira jedhu, Arbanyoochiin humna jedhu; maxxanee Amaaraa maale ABO miti. Afaaniin Bilisummaa waan jedhan qofaa dhaaf ABO ta'uu danda'u yoo ta'e; OPDO-n bitamtuun Tigreetuu afaaniin Bilisummaa jechaatuma Oromoo ajjeesaa jirti miti ree?

Egaa walii galatti ABO-n kaayyoo jaallan Oromoo hedduun itti wareegamanii fi itti wareegamaa jiran qabachuun bilisummaa Oromiyaatiif kan qabsaawu malee, kan diinatti harka kennate miti.

ABO-n dhugaa isa kana. Ilmaan Oromoo kan deeggaruu qabnu ABO isa diina sodaachisu, isa diinaan waan maraan mormu ta'uu qabaatii of haa barru.

Galataa wajjin
Oromiyaan ni bilisoomti!

Deeggaraa ABO irraa.

 
At 3:28 AM, Anonymous Anonymous said...

Cyber Space guerrillas like the owner of this website have nothing else to do than discrediting OLF. Forget this useless guy and do your contribution to the Oromo Liberation Movement. Mr Blogger, i have one message for you.


Three things cannot long be hidden the sun, the moon, and the truth.
Confucius

Kan taa'ee odeessuuf kan garaa bultee ta'ee uummata ficisiisu, kan ABO irratti olola adeemsisu hin dhabnne. Yoo ati nama dhugaaf deemttu ta'e balaaleffannoo kee irraa of adabii bu'aa QBOf fiduu irratti dalagi. Lakki yoo jettemmoo diinummaan olola kee itti fufta malee QBO duubatti deebisuu hindandeessu. Kana bari.

Injifannoo Uummata Oromoof!

 
At 4:56 AM, Blogger Huluqa said...

Namni Oluma Abarra jedhamtan,ergaa keessaniif Gltma.
Mee nama dhugaa yoo taate walgahiin oromoo kana dhaaba keessanii gaggeessamu magaalaa zurichti godhameera yoo ta'e maaliif oromootaaf gochuu dhiifte? Kana gochuu irra maaliif walga'ii bernti godhame irra dhuftee namoota balaaleffattu kana gochaa isaanii ummata walgahii sana dhufetti saaxiluu dhiifte?
Kan nama dhibe garuu olola ati deemsisaa jirtu hundumt isa kijiba dha. Mana taa'ani kijiba akkasii facaasuun ummata oromoof bu'aa qaba sitti fakkaataa? Otoon walga'ii sana irra ani mtaan koo hin jiruu ta'e nan shakka ture garuu waanan achi tureef nama akkami akka taate si bareera. Oboleessa koo maqaakee yoon dhagahuu nama dhugaa natti fakkaatta ture, garuu maal goona egaa baraaf safuu jennee haa dhiifnu. Waa tokkon siin jechuu barbaada, mee gaaftokko walgahii nu waamiiti kaayoo kee (akkum Gaashuun nutti hime)nutti himi ykn maaltu beeka ABO jibbinee si deggerra ta'a.Kana yoo ta'uu baate garuu golga internetii keessattiodeessuun fayidaa hin qabu.
Nagaan

 
At 5:15 AM, Anonymous Anonymous said...

harka fuune Obboo Olumaa Abarraa
durani dursee wantii sigafachuu barbaadu Oromo swiss jetee maqanii mana ketif mogaafatee saboontoonii oromoo swiss kessa jiraatanii jirachumaa ketuu kanii bekanii jiranii natii hinfakaatuu.gara biraatin imoo dhugaa sabaa oromotif wajataa taananii sirnii wayanee wantaa in biyya kessatii sabaa Oromoo irratii gessa jiruu mafii hinbalaalefanee,hangaa oduu sobaa walitii gurtee qabsoo Sabaa Oromoo fashalsuff yeroo kee gubdu.sareen bakka nytee dutii kanii jetee oromon mamaksitee jalee kanii akka ketii garaadhaf bultuuf.wanta wajatuf wanta jechu qabdu walaliitee taananii ustee ufiraa usoo tessee bekumsaa gudda dha,kanafuu walaalumanii halayatii nama gatii adabatee jirenaa kanii kee usoo jiratee sif gardhaa jedhee akka obboleyummatii si gorsa.

 
At 8:15 AM, Anonymous Anonymous said...

Obbo Abarraa Gaafan jalqaba mana ati maqaa Oromoo Swissin banatte kana arge heddu na aja'ibe nu swiss jiraachuu keeyyuu hin beeknu turre atis ''kanaan na baraa'' waan jettu fakkaatta.Oromoonni swiss jiraatan waliin haa hojjetanis haa dhiisanis malee wal beeku anis isaan keessaa tokko kan akka kee pc isaa jala taa'ee maqaa keenyaan qabsaahu ni qabna jechaa dha hmmmmm .Ani miseensa ABO miti garuu wal ga'ii ati jettu kana irratti argameen ture akkan argetti waanti ati barreesitee fi waanti ture fallaa dha!wal ga'iin ture sun seera-qabeessaa fi kan namoonni achi turan heddu itti gammadan ta'uu isaa hubadheera anis gaaffii koo hedduuf deebii quubsaa kanan itti argadhe dha!ati garuu guyyaadhuma sana magaalaa Zürich tti walga'ii QC akka ture yeroo dubbattu karaa biraatiin hojii masaanummaa akka hojjetaa jirtu waan namni si irratti hubatu waan hubatte hin fakkaattu tarii nama 2 taatanii Zürich tti waa'ee ABO haasftan yoo ta'es baga milkooftan kana jechuun koo yoo maatii kee bira darbe jechuu kooti .Sagaleen kee kan dhaga'amu gaafuma ABO waa hojjete duwwaa maaliif ta'e?waa'ee diina Oromoo hoo yoomi dubbataa? mee yeroo kee hin gubiniitii diina oromoo irratti hojechuu yaali !

 
At 8:23 AM, Anonymous Anonymous said...

Obbo Oluma hori buli jiraadhu. Jabaadhus.

Halagaatti hudduu gatachuu dhaan al takka mana seeraa Americatti, al takka Isaayyas Afawarqitti, al takka wayyaaneetii al takka ilmaan Amaaraatti kan iyyatan dabballoon Shanee-Qinijit qullaan isaanii akka muldhatu hin fedhan.

kanaafuu yoo namoonni akka keessanii dhugaa jiru itti himan arrrabsaa afaan salphinaan caraanuu malee ka biraa hin qaban.

Garuu kun isaan hin baasu. Yoo gaariin yaamamuu fedhan Saba Oromoo kaleessa tuffatan dhiifama gaafachuun karaatti deebi'uu qabu.

Diina ilman Amaaraa abaaraa; Halaabaa gabroomfattu jala wal ga'ii taa'aa; Oromummaan hin jiru.

Warra bitamtoota diinaa akkasii saaxiluun dirqama Oromummaan nutti kennu dhaa jabaadhu.

Oromiyaan ni bilisoomti.

Abdii sabaa irraa.

 
At 8:32 AM, Anonymous Anonymous said...

Safuu Oromoo

Halabaa maali jaran kun? Jarreen ni maraataniituma moofaa gatani moo?

Yoon kana dura dhaga'u dugaa hin seene. Yaa Waaq salphina akkanaa nu baraari.

Oromoo moofaa habashaa yeroo ammaa uffatan taajjab.

 
At 1:24 PM, Anonymous Anonymous said...

Obbo Oluma dursa nagaan Oromummaa bakka jirtanitti isin haa qaqqabu jechuun fedha.

Kanatti aansuudhaan waan ani jechuu barbaadu Jabaadhaa jabaadhaa.

Dhugaa dha dabballoonni diinaa beektota akka keessanii; wangee hoolaa keessaa saxilbaasan hin dhaga'uu hin fedhan. Dhugaan waan owwaalamee dhibamu isaanitti fakkaata.

Gantoonni kaayyoo ABO ganan kun dhugaa ijaan muldhatu ilmaan Oromoo waan dhoksuu danda'an isaanitti fakkaata. Garuu hojiin isaanii fi afaan isaanii adda.

Kunoo yoo Alaabaa Amaaraa jala diriirfatanii taa'uun Alaabaa ABO dhoksan yoo ragaan argaman soba jechuu fedhu moo maal jennu?

Kaayyoo ABO ganuu isaanii haaluu fedhu moo maal jedhu?

" Man ke maan Netsa yiwetal" ykn eeynutu eenyu irraa bilisa ba'a jechuun yoo qaanii malee Obbo Leencoo baatii isaanii yoo lallaban dhara jedhu moo?

Egaa dhugaa kanaa fi akkanaa Oromoon arguu fi dhaga'uun isaaniif naasuu dha. Kanaaf dabballooni diinaa yoo arraba isaanii isin irratti dheereffachuuf yaalan isin dinquu hin qabuutii jabaa dha.

Qabsoon itti fufa bilisummaan ni dhufa.

Galataaa wajjin

G.Roobaa irra

 
At 1:27 PM, Anonymous Anonymous said...

Jaal Abarraa

jabaadhu dhugaa diina saaxiluu irraa of duubatti hin jedhin jabaadhu. Waa hedduu jechuu fedhullee yaada wal qabsiifachuun dadhabee jiradhu.

Jiran Keenya irra

 
At 2:44 PM, Blogger Kashlabbee said...

Obbo olumaa,

Maali yaa! Hanga yoonaa kana beekaa ture oromoo dhugaa dubbata jechuu malee ni soba jechuu hin dhageenye. Ni sobda moo wayitu sirraa sobaa jira?Safuu?
Yeroo ammaa kana duraan dursitee enyuun akka balaaleffattu beektaa laata? Yeroo alaaba oromoo suuraa keetti maxxansitee jirtu waan dhimma oromoof kuftee kaatu natti fakkaatta ture. Enyummaan kee garuu amma sirriitti mul'achaa jira.

Waa'ee ati walgahii ABO Swiss-Bernti godhame irratti olola goote kijiba goddaadha. Ani miseensa ABO miti garuu akka oromummaakootti walga'ii sana irratti argamee hedduun gammade. Ati garuu waamicha sii godhame otoo hin dhufiin PC kee jala ciiftee waan ijji kee hin agarre kijiba ololuun kee nama gaddisiisa.

Karaa J/Gaashuu Lammeessa gaaffiin gaafatamee deebbiin kennames ta'e yaadne mana keessaa kenname hedduu gammachiisaa ture. Yeroo kee ABO swissii balaaleffachuuf hanga balleesitu maaliif dina oromoo balaaleffachuuf hin oolchiftu.

Gabaasa walga'ii ABO swiss hanga barreessitu, maaliif gabaasa walga'ii keessan kan bernitti gootan maaliif nu hin beeksifne. Garuu nama kaayyoo hin qabne kan sifakkeessu tokko, gaafa walga'ii ABOn Bernitti godhate ati immoo Zurich itti godhuukeeti. Akka abaluun sirbaan boquu nama jallisa jedha oromoon, maa nama akkeessita garuu, sagantaa mataa kee hin qabdu jechaadha. Garuu ulee dina hin ta'iin. Koottu oboloottan keetti dabalamiitti atis qabsoo finiinsi. Kophaakee akka adurree mana teessee PC kee wajjin wal hin loliin. Kophaan nama maraacha beeki.
bye

 
At 2:53 PM, Anonymous Anonymous said...

This is (Oluma Abarra) a man who claims on his website called "Mana Oromoo Swiss" (Waaqa Oromo knows whom that website represent): "This web page is created and maintained by an ordinary Oromo who had to run away from his homeland for a simple reason of upholding and exercising his basic human rights and the right of the Oromo people who have been subjugated by successive Ethiopian regimes for over hundred years."

Is that basic human right campaigning against the Oromo Liberation Front? Is that basic right mis-informing the oromo public? I am observing the site for quite a long time and what i see is mostly his destructive message to divide the oromo diaspora. Not even pro- TPLF sites are campaigning against the OLF the way he does.

I am not advertising his website, but i would like to ask you to check his posts and comment on his mission: http://oromooswiss.blogspot.com/2007/09/maqaa-qabsoo-bilisummaa-oromootiin-buaa.html

Gaafii Obboo Oluma Aberaf:
1. Akkuma suuraa keerratti agarru qabsaawaa fakkaatta. Alaabaa of duuba qabddu kanarratti sabboontoni oromoo meeqa akka dhiiganiif quba qabdaa?

2. Qabsaawonni "Jireenya koo, qabeenya koo, maatii koo, jiruu koo ..." otoo hinjedhiin sirnna gabrummaa uummata oromoo irraa kuffisuuf jedhanii kan wareegaman otoo barreeffannoo kee kana arguu dandayanii maal jedhu sitti fakkaata?

3. Barreeffannoo kee keessatti "“Walaga’ii ilmaan Oromoo” jedhamuun baatii tokkoo oliif xayaa, bilbilaa fi E-mailaan ilmaan Oromoo biyya Swiss jeran maratti ..." jettee jirtta. "Walaga'ii" jedhee kan barreeffate sita'uu mala. Mee maalttu sigaddisiise? Walgahii waamuun rakkoon isaa siif maali dha? ABO Switzerland waamicha oromoota hundaaf godheera. Garuu namootiin maqaa QBO xureessuf tattaaffii godhan oliif gadi kaatanii akka namnni walgahii kanarratti hin argamnne tattaafataniiru ta'a. Waamichi walgahii ABO Switzerland gaafa fulbaana 23, 2007 ta'uu otoo beektuu qophiin ati Zürich keessatti adeemsifameera jettu qopheessuun maaf barbaachise? Guyyaa biraa gochuutu sitti ulfaatee?

4. Obboo Oluma, oromoon safuu beeka. Ati uummata oromo irraa dhalattee qabsaawota oromoo maqaa xureessuu fi sabboontota gadi xiqqeessuu kana eessaa baratte?

5. "Oromoota dhibbaantamaan Swiss keessa jiraatan keessaa nami 23 qofaan irratti argamuufiin ..." jetta. Namnni meeqa argamee waliin rakkina hinqabnnu. Mee walgahii ati qopheeffatte sanarratti meeqatu argame? Waayee QBO irratti haasoftani moo akkuma ati website keerratti bartte ABO balaaleffattani? Yoo dhugaa walgeessanii jiraattan jechuu kooti.

6. Yaa nama safuu hinbeeknne (obboo Oluma), barreeffannoon kee kan "Muraasuma Oromoota argaman kan irratti illee lallabni dabballee kanaa kan xiyyeeffate gumaacha horii kadhachuu irratti yoo ta’u; haala qaanesaan xumuramuu isaa gabaasinni Bern irraaa argame addeesse." jedhu mee haa laallu. Hidhaa, ajjeechaa, saamicha, fi daba addaa addaa kan mootummaan bicuu wayyaanee uummata oromoo irratti gochaa jirttu kanarraa ka'anii haala amma biyya keessa jiru fi haala addunyaa, haala QBO ... irratti mari'achuun siif lallabuu ta'a. Kan dhiiga jiru kanaaf dubbachuun yoo "lallabuu" ta'e kan ati barreessitu kunoo maal haa jedhamu?
"Gumaacha horii kadhachuu" kan ati jetturratti waan tokko siin jedha. Namnni "horii nuuf gumaachaa" jedhee kadhate hinjiru. Qabsoon Bilisummaa Oromoo kadhaa bira darbee jira. Guumaacha yoo ta'emmoo gootonni oromoo maallaqa dhiisii lubbuuyyuu gumaachaa jiru. Kashalabbeewwan Internet irra taa'anii QBO balaaleffataniif kun ifa ta'uu baatullee!
"Haala qaansiinni" kan jette siifu maal jechaa akka ta'e hingalle ta'a. Maalinni kan nama qaanessu? Miseensonni fi deeggartoonni ABO walitti dhufuu dhaa?

7. Obboo Oluma, jecha keerratti walii deddeebisnna otoo jennee kun dhuma hinqabu. Garuu waan tokko akka hubachiisaatti siif himuu barbaanna: QBO irratti bobba'uu kanarraa of qusadhu. Ati dhugaa ilmma oromoo yoo taa'te diinni kee eenyu akka ta'e addaan baafadhu. Arraba fi barreeffannoo oromoota jeequuf jettee facaafttu kana dhiisii bu'aa waan fidu irratti hojjedhu. Nuti miseensonni fi deeggartoonni ABO waamicha siif goona: Hojii kashalabbee ta'erratti yeroo kee gubuu dhiisii yoo dhugaa oromummaaf kan qabsoofttu ta'e gara QBO deebi'ii dirqama oromoo tokkorra jiru itti bayi. Oromoo kan abbaa biyyummaa fi abbaa mirgummaaf falmatu sanarratti duuluu dhiisii diinota uummata oromoo irratti bobba'i. Ulee diinaa hin ta'iini.

8. Obboo Oluma, walgahiin ati adeemsifatte ibsa akkamii akka baafate quba hinqabnnu. Kan sabboononni oromoo (miseensotnni fi deeggartoonni ABO) biyya Switzerland baafatan as tuqxee dubbisuu dandeeyssa:
http://oromiatimes.multiply.com/journal/item/722
Ibsi ejjennoo kun eenyuun akka balaaleffatu dubbisii bari. Oromummaaf malee Oromoorratti kan hojjetu miti. Kanammoo hojiin agarsiisaa turre, jirra, gara fuunduraallee itti fufnna.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

 
At 12:55 AM, Anonymous Anonymous said...

Dear Oluma,

Please ignore these people called SQ and continue your superb journalistic work. I am proud of you and Oromia needs some more honest sons and daughters, following your good example. These guys called SQ are the trash of our society. They will never learn from their mistakes, the SQ suffer from collective learning disability. They hate learned Oromos more than anything. The SQ are a cancer of Oromia, they need pulverization.

God bless those who uphold truth.

Yours,

Ejerssa

 
At 3:39 AM, Anonymous Anonymous said...

Nami Abarra jedhamu kun sammuun isaa dhukubsataa hin tahá.Maali waan iir dubbatu kun? Wayyanee fi OPDON walgahii meeqa Oromia keechatti deemsifataa jirau maaliif waan san hin balaleffatu?ABO moo wayyaneetu irra diina itti tahee?"Harreen gaafa halaaktu malee yommuu dhudhuuftu hin beektu "jedha Oromoon."hamma namaa hin geettu cabsa mnamaa hin teettu"
Tufafmtuu hawaasaa fi kosii gatamtuu akkanaatu Oromoof xannacha tahee rakkisa."waslaattaa lafa gabaa!
Risoo

 
At 5:52 AM, Anonymous Anonymous said...

Risoo,

ABOn miila Amaaraa dhiqu eessatti dhageette ati ofi? ABO baandiraa Amaaraa uffatu eessatti dhageettee ofi? ABO diina dhiisee Oromoo mana seeraa dhaabuu eessaatti dhageette ofi? -Qinijit (SQ), hubadhu dursi. Warra yakka kana dalaguu irra nyaapha akka TPLF fi OPDO wayya.

Namni ABO balaallefate hin jirre, kan balaalleffatme Shanee

'Kan dhiqantu na dhiqa jette waciitiin'. Ati ofiifuu hooma hin beektu, arabaan namaatti hin kaatiin.

Roobsan

 
At 6:25 AM, Anonymous Anonymous said...

Oluma

Maqaa namoota manakee hindhufiin, garuu kan iddoo biraatti beekaman ofii baafattee yaada namnni siif barreessaa jiru kana nama biraa of fakkeessitee ofumaaf deebisuun gowwummaakee agarsiisa. Akkumatti katabattu namnni hubatu sitti kolfa. Gowwaa of gowwoomssu simalee hin argine. Gorssa feetaa? Yoo ka feetu tahe ololli kan diinni oromoo ABOrratti adeemsisuu nigaya. Ati sanarratti waan milkoofttu seetee yerookee hingubiin. Sabnni oromoo dhugaan iddoo jirttu sirriitti kan beekudha. Of hindadhabsiisiini.

 
At 7:28 AM, Anonymous Anonymous said...

Vision of Jaleewwan Amaaraa is making democratic Ethiopia. That means they are fighting to preserve Ethiopia. To achieve this mischief they should have to eliminate the true OLF. That is the mission the enemy assigned them.

Shame on Shaneqinijjit

Bulti from......

 
At 7:35 AM, Anonymous Anonymous said...

They are begging money from the Oromo Diaspora to pay the lawyers fee, with regards to their court case against the OLF. That is why Maxxanee Amaraa shanee Qinijit is bothering here and there.

From The Real OLF

 
At 8:05 AM, Anonymous Anonymous said...

Abera Oluma is a mentally sick and retarded guy who waste his time fighting against himself. He is not a man who takes responsibility for the hate propaganda he distributes. He is an innocent brain washed guy. Leave him alone.

 
At 11:13 AM, Anonymous Anonymous said...

Safuu maaloo mee namni fira Olumaa Abarraa taatan yoo jiraattan nama kana hidhadhaa! ykn mana yaala sammuu geeffadha! naminni kun nama sammuun nagaa qabu hin fakkaatu ! Aja'iba yeroo diinni muddee toftaa jijjiirratee nu irratti qabsaahaa jiru kanatti namni Oromoo ta'e tokko dalagaa akka kanaatiin (kijibaa adii) uffatee warra QBO tiif waa buuse jedhee waa hojjetaa jiru dura dhaabbataa? Oromoo akka kanaa irra Wayyaanee hin wayyuu ? kan diinummaan ishee ifatti
beekame? Obbo Olumaa osoo akka kanatti kijiba kee arguu namni Oromoo ta'e tokko yoo dhaaba wayii qabda ta'e waan dhaaba kee sana siif deeggaru sitti fakkaataa? moo Tigreetu si bitate ? kana jechuun koo qobsoon kee akkuma wayyaanee ABO irratti waan xiyyeeffateefan.
Dhugaa dubbachuuf ani warra walga'ii sana irratti argame keessaa tokko kanumaafan kijibuu kee hubadhe !yaa obboleesso wal haa gorfannu yeroo kee hin gubiin martuu ni dabraa yoo garaaf bulta ta'es hundee hin qabuu dhiisii dhugaa dhbbadhu!!

 
At 11:31 AM, Anonymous Anonymous said...

Do you realize that many countries need the real hero?biyyiti namaa jagnoota ishii qabattee sabatti baatee mooti malee akka kee kana dhaaba siyaasaa fi qabsaawota isaa balaallefataa kan biyya ijaare hin jiru.Jagnoota of kennanii qabsoo godhanii fi abo si dhiisi biyti lafaa ni dadhabde.what really happened was that you failed to recognize the real heroes of Oromo!! by just doing such rubbish internet bulling. In truth Oromo and ABO needs many more of these guys like Obbo Gashu and others !!! They are greatly in need of our moral support as qabaswota Oromo.Walumaa gala Oromoo arrabsuu fi kaaniin Shanee jettee kaaniin QC jettee walitti nama buusuu dhiisii karaa itti nagaan dhufee tokkummaan diina ofii irratti qabsa\an barbaadutu mala.Kanaaf jedhee QCn galata siif hin kennu! Kanaafis Mallasaan si hin dinqisiifatu.Ofii hin dhama”iin. Haguma ati ABO fi hogana isaa balaalleffattu kaanis hamma san 100 hamma 1000 warra ati jala deemtuun maqaa dhahee arrabsuu fi xiqqeessuu maqaa xureessuu kan isa dhibu hin jiru,garuu kun nu baasaa?? Garaagarummaa qabsaawota Oromoo jidduutti dhufe karaatti dhiphisaa deeman barbaaduutu malaa fi gamnummaadha malee akka kee arraba kashlabummaan qaratanii dubbii laaquu fi Oromo walitti dallaniisuun nama hin baasu.Yaada tortoraa fi wallallummaa akkanaa saba keenya keessaa baasi.Gamnummaa fi abshaallummaa oromo fakkaattee saba keenya keessatti garagarummaa baayyisuun ergama diinaa nu keessatti facaasuun si haa gahu,Oromoon kana irra taree jira. Qabsoon Oromoo kashlabbee ganda labdu akka kee dursi hin qabu fuula duras horachuu waan hin feeneef calliftee teessee daa’imman kee guddifatte irra ogummaadha! Walumaa gala kanan siin jedhu you better turn your telescope around the other way and start to look through the right end you’ll get better views. Alaabaa keenya dhuffattee ka nu borcitu irra qiyyafannaa kee gara farreeen saba Oromo godhi!
Qullubbii

 
At 11:32 AM, Anonymous Anonymous said...

Ato Abarra,
Do you realize that many countries need the real hero?biyyiti namaa jagnoota ishii qabattee sabatti baatee mooti malee akka kee kana dhaaba siyaasaa fi qabsaawota isaa balaallefataa kan biyya ijaare hin jiru.Jagnoota of kennanii qabsoo godhanii fi abo si dhiisi biyti lafaa ni dadhabde.what really happened was that you failed to recognize the real heroes of Oromo!! by just doing such rubbish internet bulling. In truth Oromo and ABO needs many more of these guys like Obbo Gashu and others !!! They are greatly in need of our moral support as qabaswota Oromo.Walumaa gala Oromoo arrabsuu fi kaaniin Shanee jettee kaaniin QC jettee walitti nama buusuu dhiisii karaa itti nagaan dhufee tokkummaan diina ofii irratti qabsa\an barbaadutu mala.Kanaaf jedhee QCn galata siif hin kennu! Kanaafis Mallasaan si hin dinqisiifatu.Ofii hin dhama”iin. Haguma ati ABO fi hogana isaa balaalleffattu kaanis hamma san 100 hamma 1000 warra ati jala deemtuun maqaa dhahee arrabsuu fi xiqqeessuu maqaa xureessuu kan isa dhibu hin jiru,garuu kun nu baasaa?? Garaagarummaa qabsaawota Oromoo jidduutti dhufe karaatti dhiphisaa deeman barbaaduutu malaa fi gamnummaadha malee akka kee arraba kashlabummaan qaratanii dubbii laaquu fi Oromo walitti dallaniisuun nama hin baasu.Yaada tortoraa fi wallallummaa akkanaa saba keenya keessaa baasi.Gamnummaa fi abshaallummaa oromo fakkaattee saba keenya keessatti garagarummaa baayyisuun ergama diinaa nu keessatti facaasuun si haa gahu,Oromoon kana irra taree jira. Qabsoon Oromoo kashlabbee ganda labdu akka kee dursi hin qabu fuula duras horachuu waan hin feeneef calliftee teessee daa’imman kee guddifatte irra ogummaadha! Walumaa gala kanan siin jedhu you better turn your telescope around the other way and start to look through the right end you’ll get better views. Alaabaa keenya dhuffattee ka nu borcitu irra qiyyafannaa kee gara farreeen saba Oromo godhi!
Qullubbii

 
At 12:24 PM, Anonymous Anonymous said...

Well done Oluma!

You see when truth is told the liers panic. That is great.

I have never seen anything like this. The mentally retarded SQ are all alike. It is shame to be called Oromo with them. They shamelessly refer themselves "qabsawota". What a joke?

 
At 2:22 PM, Anonymous Anonymous said...

Oluma Abarra

Gaaffii sigaafadheef deebii eegaan jira. Hin'argine jettee akka namormuu hinyaalle. Gaaffii 8 sigaafadheera, garuu tokkoofillee naaf hindeebifnne. Akkanatti wal hingallakifnnu beeki. Yookiin nideebiftta, yookiin dhiifama gaafatta.

 
At 2:38 PM, Anonymous Anonymous said...

Abarra
You are useless person, do you remember what you said to me? Warri shanee biyyatti galuuf walgahii magaalaa Bernitti yaamaa jiru hin dhaqiinaa naan jetteetoo telefoona natti hin bilbilchinee? Amma deebteetoo maallaqa kadhachuuf jetee katabdaa? Reefu galgala kana nami bilbilchee akkana jedhee katabe Abarraan jennan amanuu dadhabeen waan katabame bane dubbisee si taajjabe,Amman si bare ani.Nama kijiba akkanaa tate.kaan boodana akka lamuu natti hin bilbichine.Sammuu dhoqee akkanaan saba afaan wali galagalchita.

 
At 9:21 PM, Blogger olgam said...

Qabsaa'aa(kkk) Abarra,
Akkami xiqqoo sitti wayyaa'ee,
Dalagaa waaqaa fi lafti hi jaalannee akka hojjechaa jirtu hubachaa jirta moo akkami?Filannoo lama qabda:
1ffa: dogoggora hojjette kana irraa ofqusachuudhaan ummatta oromoo swissi jiraatu dhiifama gaafadhu,
2ffaa. lakki yoo jette waan ati ummata oromoo irratti dalagaa abaaramaa hojjettukuni hanga dhumaatti seenaa fokkisaa ta'eetu si wajjin jiraata, ni qaanofta, yoo kaanii beekta ta'ee,kana barii.

Abba fedhe mormuun mirga keeti garuu maa hojii diinni hin hojjenne hojjetta. Yoo nama dhugaa taate gola dhokattee jirtu keessa gadi bahiitti nutti dudadhu mee.Takka walga'ii hin dhaqiinaa, ABO biyyatti galuufii,jettee namoota afaan faajjessaa turte, ammoo kijibni kee sirratti baramnaan waan biraa odeessita.Otoo hin beekin ibidda hin seeniin. Waa'ee gandummaa ati mana kee kottonfattee teessee summii facaasaa jirtu kuni mataakeef gaarii miti. ABOn dhaaba dimokrata dha kottu rakkoo kee ifatti dubbadhu.

Bye

 
At 8:18 AM, Anonymous Anonymous said...

Wallaaloon ergamtoota shanee Qinijit daandiin irra jirtanii fi dhama'iin keessan dogoggora isinii jechuun fedha.

Dogoggora ta'uu isaatiif qabxiiwwan xiqoo osoon hin kaasin dura waan ijaan argamu ijji keessan yoo hubate of baruu dandeessu jedheen yaada.

Mee hoggantoonni Shanee kun suuraa armaan Olitti keeyyame kan irratti maal gochaa jiru laataa? Mee ofii keessanii deebii isaa

Hogganaa mitii sabboonaan ilma Oromoo tokko kan Oromummaa ofii beeku moofaa Milik kana jala taa'ee waa haasa'aa? Hin godhu!!!

Egaa Murni shanee Kana gochaa jira. Kanneen Dhiiga Oromoo dhuganiin fira jechaa jira. Tokkummaa Ethiopiyaaf, rakkoo Ethiopiyaaf falmaa fi fala eegalaa jira. Dhugaa dhaa egaa mee kanneen murna kana deggarra jettan kan feetuu? Natti hin fakkaatu!!!

"Tooftaa dha" yoo jedhan isinillee maaf gaaffii tokko of gaafachuu hin feenee? Tooftaan Saboontota hoggantoota, Beektota bu'ureessitoota ABO-tiif hin galle attamiin tooftaa ta'uu danda'aa? Kan yoo hawaasa isaatiif hin galleewoo maaf biraa hafamuun didamee?

Deebiin isaa waa takka. Gochaan kun kan diinaan qophaawee Murn shateetti kenname dha. Kanaafuu murni kun dirqama isaa raawwachuu malee geddaruu fi diiguu hin danda'u!

Kanaaf sabboontota Oromoo yaada kana dura dhaabbatan hunda of irraa facisuu fi dhuunfaa ofiif jiraachuuf saboontoka yakkuu; uummaticha afaan faajjessuu ittu fufuu dha.

Kanneen shira kana uumanii murna kana ofana halagaa Amaaraatii fi Ertraatti hudduu gatachuun hayyootaa fi hoggantoota OLF qabsoo irraa daangessuuf heeraa fi seera Oromoon ala "Mana Seeraa" jechuun biyy abmbaatti halagaa irratti seera halagaatti iyyachuu dha. Sanaa fu horii ilmaan Oromoo afaan faajjessuun walitti qabee dantaa dhuunfaa isaatiif olchatee, irraa hafeen Abokaattoo halagaa bitachuun. Egaa kana dhaa Oromummaan Shanee Qinijjit?

"Amaaraa ijaarree AFD uumne" jechuun akka nama waa guddaa hojjete tokkootti ittiin baannatu. Haqni jiru garuu ilmaan gabroomfattu jala galuun harka kennachuudhaa. Kaayyoo ABO gananii diinatti galuu isaaniiti. Kuni dhugaa ifa jiru dha.

Jareen kun sichi OLF ta'uus hin danda'ni. Oromoofis miidhaa malee bu'aa hin fidani. Wanti isaan fidan yoo jiraate sabboontota Oromoo hamlee cabsuuf dhama'uu dha. wanti isaan buusan yoo jiraate addunyaa seenaa Oromoo dharaa quba qabaachisuu dha. Tokkummaa Ethiopia hubachiisuu fi deebisuuf dhama'uu dha. Amaara oromoo irratti deebisuu dha.

Gabroomfattuun Tigrees taate Amaarri ilmaan Oromootiif diina.

Oromoon lamaan isaanii irraayyu kan filatu hin qabu. Diina cina dhaabbachaa ABO dhugaa yakkaa Oromummaan hin jiru.

Kanaaf kanneen utuu hin beekin ergamtoota diinaa kana jala deemaa jirtan karaatti deebi'uun murteessaa dha. Murni Shanee dhugaa jiru utuu arguu waan jaameef hima isa barbaachisa natti hin fakkaatu. Yoo dhaga'eef, yoo saba Oromoo biratti abaaramuu hin feeneef karaatti deebi'uutu fala jechuunniin karaa dha.

Ijjifannoon kan Uummata Oromooti!!!

 
At 3:05 PM, Anonymous Anonymous said...

Olumaa Abaaramaa,

Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka jedha oromoon yoo makmaaku. Ati PCi kee jala ciisii achumaa akka karkarroo ilkaan irraa dhumee harqi, garuu qabsoon ummata oromoo fulduratti ariitii dhaan gulufaa jira.
Atii fi namoonni si fakkaatan (diina qabsoo oromoo)badiin keessan dhiyaateera. Kana booda carraan keessan PC fi Paltookii keessaa alaakuu qofaadha. Abadan, homaa carraa hin qabdani. Qabsaa'ota maqaa tureessuudhaan, qabsoo ummata oromoo dhabamsiisuun gonkumaa hin danda'amu. Galata rabbii haata'u qabsoon keenya finiinaa jira. Yoo feete koottu baaburri si gatee deeme dafii qaqqabi.
DS

 
At 2:58 PM, Anonymous Anonymous said...

DS
Mammaakaa SHANEE-QINIJJIT. mammaaksa kan attam beekta aabbee!
Hugguma gantuu mammaakutu! "bulbuluma bulbuli..." warri akka keessanii dhugaa dha bulbulanii nyaatu ta'a. Garuu bulbulli waan dhugan malee waan nyaatam miti, bitamtuu ilma abbaa garaa.

Dura yoo Oromoo dhaggeeffatan jecha Oromoo baruutii; dhaabadhuu dura of bari. Sanaan booda waa jettaa.

Maqa baddeen dur baddee waan shanee kana caalaa jechuu hin barbaachisuu mee nagaatti.

 
At 5:45 AM, Anonymous Anonymous said...

Aboo namittii abaaramtuu kana (maqaa ishee qeesiin abashaa haa dhayuutii) aka Ooluma Abaaraama tuffadhaa dhiisaa. Kuni yartuu gorsanillee hingalleefidha. Hinqaanofttummoo innaa Alaabaa ABO of duubatti fannifattu. Fakkeessitu!

 
At 3:45 PM, Anonymous Anonymous said...

Yaale maali akka warra Ayyaan laallattootaa halaabaa Milik uffachuu dide jettee komachaa jirta moo?

Dhugaa dha akka warra SQ moofaa habashaa uffachuu qaba ture.

Garuu sichi abadan. Sabboontonni Oromoo halaabaa Oromiyaa malee moofaa Minilik hin uffatan.

Shanee qinijjit jalee Nafxanya!

ABO OLF ABO OLF

 
At 2:38 PM, Anonymous Anonymous said...

Oluma

Aammas lubuun sijirtii? Sammuu xaxamaa kana waaqnni maal jedhee siif uume laata? Qiddus Garbeeliin guyyaa sitti haa dukkaneessu. Jallataa namaa.

 
At 5:24 PM, Anonymous Anonymous said...

Hooluman mee kana dubbifadhu.

Sagadduu jalee Qeesii
Salphadhuu boquu buusi
yaa yartuu laphee kosii
Raatoftuu Orotodooksii

Jala deemtuu ilma amaaraa
ka waa marti kee farraa
Jaldhoo dhala abaaraa
Gubadhuu ta'i daaraa!

Maal waammatta Goorgisii
Dhaqii Amaara harkisi
Garaa keef cori kosii
Dubbii keessantu akkasii.
Hawwituu du'a firaa
Nyaachuuf jecha "Taskaara"

Yartuu garaa jaaldhattu
Egaa sichuu gubattu
Sitti dhiite yaa gantuu
Qabsoon keenya hin dhaabbatuu!!!

Hin baasu karaan sobaa
Gantoota lapheen sonbaa.
Achi goraa karaa iraa
Qabsaawaan dhufaa jira.

 

Post a Comment

<< Home

|