Thursday, September 06, 2007

Murtiilee fi Kutanoolee Kora Adda Bilissummaa Oromoo

Hoogganootni fi miseensotni ABO, bikka addaa addaatii dhufan Adoolessa 25, 26 fi 27, 2007, magaalaa Minneapolis MN keessatti Kora waggaa godhatanii injifatnoo guddaa fi milkii bareedaan xumuran. Kora kana seenaa Oromoo gara fuuladuraatti barreeffamu keessatti adda godhee kan jiraachisutu jira. Kunis, murni Shanee Gumii dhaaba keenya fi miseensota keenya kaayyoo ganamaa qabatanii sosso’an mana seeraatti geessuu isaaniiti. Iyyata isaanii keessatti maqaa ABOn sosso’uun keenya miseensota fi galii isaanii jalaa akka xiqqeesse tuquudhaan abukaattootti fayadamanii galmeessan. Yeroo itti abukaattoo bitannuuf illee akka nuti yeroo
hin arganneef jecha xalayaan hammeessaa isaanii Jimaata fi Sambataduraa nu gahee mana seeraatti immo Hojjaduree 8:30 WD akka dhi’aannuuf godhame.

Manni seeraas iyyata isaanii fudhatee maqaa ABOn walgahii hawaasaa gafaa Adoolessa 27, 2007 yaamaa turree akka nuti hin godhanneef yeroodhaaf nu dhaabee ture. Haata’u iyyuu malee, tarkaanfii bareedduu miseensotni dhaaba keenyaa yeroodhaan fudhatan irraa kan ka’e deebiin
gargaarsa abukaattootti fayyadamnee dh’eeffanne fudhatama argatee dhowwi nu irra kaa’ame nu irraa ka’ee walgahii hawaasaa fi kan miseensotaa akka saganteeffanneetti milkiin godhachuu fi xumurachuu dandeenyee jirra.

Deggersi miseensota fi lammiwwan Oromoo bilissummaa Oromiyaaf qabsaa’an dhaamsi deggersaa isaan dhaaba keenya fi miseensota maqaa dha’amanii hammeeffamaniif ergan hamilee kan nama kakaasu turan. Isaan hundumaanis galata qabsoo argadhaa ittiin jechuu jaallanna.

Haala akkanaa keessatti walgahiin fi korri tahe ejjenoolee fi kutannoolee armaan gadii baasuun raawwatame.

Mootummaa Wayyaanee ilaalchisee:

1. Koloneeffataan Mootummaan Wayyanee maqaa diimookraasiin ijaaramee harka lafa jalaan garuu sirna fokkataa faashistummaatti fayyadamee ummata Oromoo mirga dhabamsiisaa, qabeenyaa saamaa fi lubbuu isaanii galaafataa jiraatuun isaa har’a firaafii fi diinaafiis ifaa ta’ee jira. Gochaa faashistummaa isaa kana guddifnee balaalleeffanna. Gocha kana akka ammuma ariitiin dhaabu ni gaafanna.

2. Ummata keenya kan sarbamee bittaa habashaa dhufee-darbaa jalatti hacuucamaa jiru, bilisa bahee akka kaayyoo dhaaba keenyaa ABOtti Republikii Dimookraatoftuu Oromiyaa dhaabbatuuf qabsoo jalqabne hama dhumaatti ittuma fufna.

3. Mootummootni fi dhaabboleen biyyotaa ollaa fi fagoo kan hacuucaa fi sirna gabroomfataa ummata keenya irratti akka lubbuun dheeratuuf karaa garaa garaan mootummaa Wayyaanee utubaa jirtan hundumtuu, tarkaanfii fudhachaa jirtan akka dhaabdan maqaa ummata keenyaa Miliyoona afurtamaatti heregamaniin isin gaafanna.

4. Lammiiwwan keenya waggoota dheeraadhaa jalqabee bittaa habashaa jalaa miliquuf qee’eesaa fi dachii isaa dhiisee, biyyoota ollaatti baqatee jiraachaa jiru, mootummaan Wayyaanee isaan faana bu’ee adamsee ajjeessaa akka jiru argina. Hojjii fokkataa kana osoo ilaalanii mirga baqataa eeguu hanqachuun, loltuun Wayyaanee akka saree maraatuu asi fi
achi lixxee baqataa Oromoo cicciniinaa jiraachuu ishee akka dhaabduufi dhaabboleen akka UNHCR dhiibbaa akka irratti godhanii fi hawaasa baqataa Oromoo iddoo kamittu akka golgan ni gaafanna.

5. Ilamaan Oromoo kan biyya ambaa jiraattan, maqaa lafa arganna jedhuun diinaaf irree taatanii Oromoo lafa isaa irraa buqqisiiftanii lafa fudhataa jirtan hammeenna kana saba keessan irratti hojachuu akka dhaabdan isin hubachiifna. Seenaa hamtuu dhimma mataa keessaniif jettanii,
ofii keessan jaalachuudhaan saba keessan irratti yakka seenaa kan keessaa hin hojataa jirtu. Gocha kana irra akka deebitan isin gaafanna.

Murna Shanee Ilaalchisee:

1) Oromiyyaa irraa biyya hiixuu tahe keessatti of ijaaree tarkaanfii uummata keenyaaf bilissummaa isa dhugaa fidu osoo hin tahin hawwii jaraa guutuudhaaf uummata Oromoo afaanfajjeessuu irraa akka dhaabatu gaafanna.

2) Ummata keenya uummata Oromoof daandiin siyaasaa kam akka bu’aa fiduuf isaan fuuldura dhaabbannee wal falmuu osoo hin tahin, maallaqa hawaasni Oromoo qabsoo bilissummaaf gummaache gaaga’uu kan danda’u mana seeraa biyya ambaa filachuu murna shanee jabeessinee balaaleffanna. Kun tahee osoo jiruu daandii dhugaa fi haqaa kan uummata keenya bilissummaa isaatiin gahu qabannee adeemaa akka jirru waan amannuuf shira nu irratti xaxamu mara ciccirree gatuuf boodatti akka hin deebine irbuu seennee ni haaressina.

3) Qabsaa’onni dhuga murna kana jalatti akka miseensaatti galmaa’anii kan fi deggertoota Shanee Gumii, osoo gad fageessanii hin hubatiin umirii jara kanaa dheeressa jiraniin, qabsoon keenya isin irratti osoo hin tahin bilissummaa Oromoo dura kan dhaabatu irratti tahuu isaa isin yaadachiifna.

4) “Tooftaaf”, maqaa jedhuun uummatni keenya haga har’aatti Qabsoo isaatiin mirga tokko tokko inni galmeeffate illee dachaasuuf qophaa’uu isaanii kan hin dhoksine oftuultota habashaaf daandii isaan ittiin deebi’anii aangootti ol bahanii hawwii isaanii ittiin guuttatan tahaa jiraachuu isaa, murni shanee akka hin daganne yaadachiifna.

Tumsa Kaayoo Qabsoo Oromoo (TKO) Ilaalchisee:

Tumsi Kaayoo Qabsoo Oromoo gaafa utubame irraa jalqabee waldhaansi inni kaayoo bilisummaa saba Oromoo akka karaa irraa hin maqne godhe guddifnee dinqisiifanna. Tumsa kana hundaanuu bira dhaabachuu murteefanne.Tumsi kun akka seminaara naannoo akka
Washington, DC, Minneapolis, MN, fi Torontoo, Kanada fa’atti godhu ni gaafanna.

WBO ilaalchisee:

WBOn abdii bilisummaa ti; abdii Oromoo ti; irree saba Oromoo ti. Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu fi Oromoo bilisummaa gonfachiisuuf murteessaan WBO ta’uun isaa amanamee, isa jabeessuuf murteeffanne.

Kora ABO Adoleessa 2007.

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|