Tuesday, September 11, 2007

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo irraa kenname "Miliyeenemii Abashaa" ilaalsisee

ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Guyyaa: 3 Fulbana 2007
No. 12/ABO/07

Miliyeenemiin Abashaa Oromiyaaf mallattoo waanjoo koloneeffataati

Mootummaa koloneeffataan Itoophiyaa maqaa ‘miliyeenem’ ykn barkumlamee Itoophiyaa jedhamuun Fulbaana 12, bara 2007 ayyaana kabajachuuf dibbee rukutaa jira. Addunyaan ayyaana kana kan kabajate waggaa 8 dura yommuu ta’u Abashootni ammoo barana kabajachuu dhan biyyaa addaa tokko godhanii of ilaaluu barbaadu.

Barkumlamee ykn ‘miliyeenem’ Abashaan ayyaaneffachuuf qophii irra jiru kan ittiin koloneeffataan kun Oromiyaa golgoleessuuf dachee isaa ‘investerootatu’ barbaada maqaa jedhuun ummata Oromoo giddu galeessa Oromiyaa jiraatu duguugaa jiru dha. Wanti dinqisiisaa ta’ee jiru garuu, dhugumaan ‘investeroonni’(dureessotni) kun qondaalota ABT(Adda Bilisummaa Tigraay), miseensota isaa fi wakkiilota isaa kan qabeenyaa Oromoo saamanii ittiin bokokanii jirani dha. Gabaabaatti badiin giddu galeessa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru dinagdee Oromiyaa bolquu fi ummata keessa jiraatu lafa irraa duguuguuf bara dhibba 21ffaa kana keessa illee mootummichi hammeenyahaan kun dureessota biyyoota addunyaa irraa gargaarsa argatuuni dha.

Akkuma mootummota isa dursanii mootummichi Itoophiyaa yeroo ammaa kunis Impaayera dulloomee fi mana hidhaa ummatoota koloneeffataman ta’e kana addunyaa irraa adda baasee tikfachuu ittifufuuf dhamahaa jira. Mootummichi ‘miliyeenem’ ayyaaneffachuuf buburaaqaa jiru kun badii ilmaan namootaa irratti ofiif dalagaa jiru ummatoota dagachisuuf eegumsa nagaa biyyaa maqaa jedhuun badii fi shororka ummata nagaa irratti geggeessuu itti fufuuf. Hayla Sillaaseen bara 1974 akkasumas Mangistuunis bara1984; lachuu ummatni otoo beelaan dhumaa jiruu isaan ammoo yommuu itti aangoorra bahan ayyaaneffataa turan waan ta’eef inni kunis jaraan kan walfakkaatu dha.

’Miliyeenemiin’ Itoophiyaa addaan Oromoo irratti akkasumas ummatoota Abashaan koloneeffate irrattis godaannisa gadadoo itti bal’isuu irra dabree homaa waan fayyaduuf hinqabu. Barlakkooftuun Abashaa Oromoof bu’aa ka hinqabne; biyyummaan Oromiyaas ka itti mulqamee fi biyyoota addunyaarraa ka itti irraa citte dha.

Bara dhibba 19 dhumarratti Impaayerichi erga umamee asi Oromiyaa keessatti jijjiiramni tolaa ta’ee dhufe tokko illee hinjiru. Fakkeenyaaf, Minilikii fi shiftoonni isaa dachee Oromoo irra qubachuu dhan Oromoo gabrummaa jala galchani. Hayila Sillaaseenis kanuma itti fufuu dhan dachee Oromoo maatii isaa fi murnoota isa deggeraniif deebisee hire. Oromoon warraqsa bara 1974 godheen dachee isaa yommuu deebifatu Dargiin ammoo bara 1984 labsa baafateen deebisee qabeenya mootummaa Itoophiyaa godheera.

Yeroo ammaas Mallas Zeenaawwii Oromoo dachee akaakilee isaa iraa buqqisuu hojii isa godhatee yommuu itti jiru, ka isatti maxxananii fi ‘investeroota’ jedhamanitti gurguree jireenya ummata Oromoo mancaasaa jira. Akkasuma seerri dachee biyya Abashaas; kan Amaaraa fi Tigireen keessa jiraatani hin jijjiiramne; kanneen biraa irraas adda dha. Kaaba Itoophiyaatti seerri qabeenya dachee jabana Minilikii jalqabee otoo hinjijjiiramin abbaa irra jiraatuuf mirga ta’ee kabajamee jiraataa ture ammas akkasuma. Qabeenyi dachee kaaba Itoophiya(Biyya Amaaraa fi Tigiree) dhaalaan abbaa fi haadha irraa yommuu ijoollee isaanitti dabru dacheen Oromoo fi ka ummatoota kibba Itoophiyaa ammoo qabeenya koloneeffataan irra qubatee fi ka mootummaa ta’ee haga ammaatti jira.

Koloneeffatootni Abashaa karaa siyaasaas Oromoo fi ummatoota kibbaa moggaatti baasuu dhan biyyoota addunyaa irraa addaan kutaniiru. Seerri mootummota Abashaa kan itti jige akka irraa ka’uuf ummatoota sagalee isaanii ol kaasanii iyyataa turanii fi ammas itti jiran irra adaba hamaatu gahaa ture, ammas gahaa jira. Har’a maqaa ABOtiin Oromootni umuriin isaanii kudhanii haga sagaltamaatti jiran kumaatamatti lakkaawwaman mana hidhaatti darbamaa jiru.

Jarreen kun mirga ilmaan namootaf ka falman, hooggantootaa fi miseensota dhaabolii hawaasaa, akkasumas siyaasa keessatti qooda ka qabani dha. Kanneen biraa ammoo itti gaafatama kan hinqabne humna mootummichaa kanaan ka ajjeefamani ykn bakka gahani hinbeekamne dha.

Dhaaboliin adda addaa mirga ilmaan namootaatiif falman ajjeechaan, reebichaan, akkasumas waa’ee cabiinsa mirga ummataa mootummaan Itoophiyaa Oromiyaa keessatti bakka adda addaatti ummata Oromoo irraan gahaa jiru akka isaan dhiphise deddeebisanii himaa turaniiru. Garuu motummaa Itoophiyaas ta’e hawaasni addunyaa iyyannoo ummata Oromoo kanaaf mil’uu tokko illee hin kennine. Karaa biraa ammoo, mootummotni lixaa tokko tokko mirga ilmaan namootaa fi dimokraasiif dhaabbanna kan jedhani mootummaan Itoophiyaa mirga ilmaan namootaa cabsee daangaa qaxxaamuree shororka mootummaa akka geggeessuuf gargaarsa godhaafii jiru. Kana irraa ka madde, yeroo ammaa ummatni Somaalee akkasumas Oromootni ajjeechaa mootummichi Itoophiyaa irraan gahu baqatanii Somaaliyaa keessa jiraatan garmalee ajjeefamaa jiru.

Mootummaan Ameerikaa Itoophiyaa jajjabeessuu dhan gaanfaa Afiriikaa keessatti shororkeessitoota akka waraanuufiif yommuu shariika godhatu, mootummaan Mallas Zeenaawwii kana gaaddisa godhachuu dhan ummatoota Itoophiyaa irratis ta’e ummata Oromoo irratti irreeqabeessa ta’uu isaa argisiisaa jira.

Ummatni Oromoo fi ka biraa Impaayericha keessa jiraatan yommuu hiyyummaan, dhukkubaan, akkasumas beela, dhiphuu fi rakkoon adda addaa irra gahaa jirutti ‘miliyeenem’ ayyaaneffachuuf qophiin godhamaa jiru bu’aa waan qabuuf miti. Ayyaanicha kana akka kabajaniif dirqamaa kan jiran ummatootuma mootummaan ABT mirga ilmaan namummaa isaanii sarbaa jiru dha.

Mootummoota Abashaa garaagaraa jalatti waggaa dhibba tokkoo ol dinagdee ummatoota Oromiyaa fi kibba Itoophiyaa saamuu dhan kan bu’aa argatan murnootni tokko tokko injifannoo argatanitti gammaduu dhan yoo ayyaana kana kabajatan waan nama dinqisiisu miti. Haata’u malee jalqaba kann isaan yaadachiisuu feenu, ayyaani kun dhugumaan ‘miliyeenem’ kabajuu otoo hintaane qabannoo mootummaan ABT ittiin aangoo isaa cimsatu dha. Ittaansee, beekamuu ka qabu ayyaana kana kabajuuf horiin bahu jireenya ummata Impaayerichaa irratti, keessumaa qotee bulaa irratti mii’dhaa kan fidu dha.

Horiin kun sanduuqa qondaalota ABT ykn kittillaayyota isaa biraa ka argamus miti.
Mootummootni lixaa tokko tokko horii muraasa biyyattiin qabdu fi fedhii ummatichaa guutuu illee kann hindandeenye gargaarsi biyya alaarraa argamu ‘miliyeenem’ kabajuuf akka oolu yoo deggeran kunis waan nama dinqisiisuu miti. Garuu wanti nuti isaan yaadachiisuu feenu diplomaatotni isaan ayyaanichaaf Finfinneetti ergatanii milkooma siyaasaa fi humna waraanaa isaaf Mallasaa waliin geeba (waancaa) waliin kaasan keessa dhugaatiin jiru dhiiga Oromoo fi ummatoota biraa kumaatamatti lakkaawwamani kabaja mirga ilmaan namootaatiif, walabummaf, dimokiraasiif, walqixxummaaf, akkasumas seerri jallate akka qajeeluuf falmiirratti mootummicha kanaan ajjeefamaniin kan walmake dha. Barcumni qondaalotni kun irra taa’uuf deemanis kan irra dhaabbatu bakka foonii fi lafeen namoota ajjeefaman jiru, waa’een isaanii arman olitti ibsameeti.

Kanaafuu, ‘miliyeenemiin’ Itoophiyaa jedhamu kun guyyaa sobaa fi bakka itti ilmaan namootaa rakkoo cimaa keessa jiraatanitti kabajamuuf deema waan ta’eef caalaatti Oromoof bu’aa kan hinqabne; gadadoo, saamicha dinagdee fi dhiibbaan siyaasaa waggaa dhibba tokkoo ol irra turuu isaa kan ittiin yaadatu malee mirga koloneeffataan irratti argate deggeree waan waliin gammadu hinqabu.

Dhuma irratti, lakkofsi baraa Abashaa, Oromoo fi ummatoota biraa irratti yeroo koloneeffatamanii jalqabee humnaan waan fe’ameef ‘miliyeenem’ kabajuun isaan hin ilaalu. Oromoon aadaa isaa keessa ka jiru lakkoofsa baraa ka mataa isaa Gadaan walqabate waan qabuuf isa kabajachuu akka danda’uuf qabsoo bilisummaa isaa amma itti jiru finiinsuu qaba.

Oromiyaan ni bilisomti!
Adda Bilisummaa Oromoo

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|