Friday, September 28, 2007

Gantuun murna shaee-Qinijjit kana hojiin isaanii.


Olumaa Abarraa irraa

Maxxantoonni diinaa kann garaaf bitaman
Goontootti kaaleessaa nafxanyaaf fe’aman
Galtuun OPDO hiyyuu Tigree baatan
Gantuun qabsoo sabaa Qinijjit abdatan
Seenaa Oromoo irraa tasa hin baratan
Harree diinaa ta’uun fe’amuu hin mufatan.

Hambaa diinaa nyaachuuf hirmii hin lagatan
Dhiiga haadhoo isaanii foon isaa yoo nyaatan
Biyya abbaa gurguruuf safuu hin hedatan.
Mana abbaa ofii jigsu waan diinaan jedhaman.
Ayyoo ofii saamsisu Kan borii hin ilaalan
Harmee ofii boossisu kan irraa dhalatan.

Kana hojiin gantuu seenaa hin hubatan
Fiigi diinni jennaan takkaa hin dhaabbatan.
Ofi irra ilaaluun seenaa hin mildhatan
Akka wangoo baddee waa mara ciniinan
Odaa damee qoru waan Oromoof hoodaa
Gadaa afaaniin faarsaa dalagu waan badaa.

Halagaa faarsatu Qaanii Oromoof safuu
Diinaan fira jedhu kan bor biraa hafu.
Seera halagaan buluuf murtee ormaatti iyyu
Seraa fi heera gadaa hin beekan takkaayyuu.
Afaaanii ni waamuu gadaa bilisummaa
Faalla isaa dhaabbatu waayee Oromummaa.

Heeraa fi Seera gadaa hojiin hin bekanii
Gorsaa maanguddootaa tasa hin fudhatanii
“Mana Seeraa” jedhu Amerikaa dhaqanii
Abbaa isaanii yakkuu dantaan bitamanii.
Maqaa dhaaf iyyaatu maqaa dur gatanii
Oromootti as ba’uuf diina baadhatani.

Halaabaa Abbaa gadaa Halaabaa ABO
Kan goonni sarare Leenjistichi WBO
Gandatti gatanii moofaa Ormaa ufaatanii
Halaabaa Minilik mataatti xaxatanii
Sabatti muldhatu gola hin dhokatanii
Qabsaawonni dantaa diinaan firoomani.

Caayaa Odaa jalaa gananii bahanii
Halaabaa Minilik jala baqotanii
Waayee gadaa odeessu afaaniin taa’anii
Bilisummaa jedhu faallaa dhaabbatanii.
Ilmaan gabroomfattun lapheetta haammatani.
Gantuun murna shanee kana hojiin isaanii.

Bar soddomaa oliif qabsoo qucarsanii
Dabbaalluummaa diinaa utuu raawwatanii
Hardha as muldhatan xumurre se’anii
ABO diiguudhaaf dirqama isaanii
Garuu hin milkoofne akka abjuun hawwani
Jalaa fashalee jiraa abdii haa kutatani!!!!


Gantuun qabsoo sabaa Goobantoonni haaraan
Shanee-Qinijit faan egaa achi haa goran.
Itti qorree jiraa halabaa Minilik sammuutti haa xaxatan,
Iyyaa eegalanii jiruu amma ilee haa iyyan.
Garuu Oromoo biraa dirmata hin qaban
Kun seera Gadaatii kana haa hubatan.

Wabiin Oromiyaa Addi bilisummaa
Haqaan ijaarame kaanaafuu ni mo’a!!!
Abdiin isaa Oromoo dha kan irraa uumame
Keenyan dagaleen isaa ittiin utubame.

Itti fufa....

8 Comments:

At 3:35 AM, Anonymous Anonymous said...

Nami kun maraataa dha moo raatahaadhaa? Maali waan Shanee jedhu kana irratti sheexanatu kabalee?
Akkan argaa jirutti kun raatuu raaree lixe.
Goolee

 
At 4:49 AM, Anonymous Anonymous said...

Obbo Goolee,

Sheexanni SQ caalee eessa jira jetteetu? Raatuun SQ caalee eessa jira? SQ kanaaf nagaa hin kenniin malee Waaqii Lafti. Siif illee nagaa siif hin kenniin Waaqi Lafti. Akka an argutti warrii SQ kunii fi isin deggeertoonnii isaanii warra maraatee qullaa buuse. Kanaaf, quba namaatti hin qabin.

Waa'een jecha kee kun makmaaksa tokko na yaadachiisse. "Huqattuu raaree lixxe namni argee keessaa hin baasuu, ofi ishee keessaa hin baatuu, jafaa jette waan dhoqee". Kun akkuma jirutti gidiraa SQ keessa jirtu siif hima.

 
At 5:59 AM, Anonymous Anonymous said...

Jogool

Biyya maraatuun bayyatte keessatti, isa fayyaatu maraatuudha jedhani.

Dhugaa qabu warri SQ kun ofii isaanii maraatani hunduu waan maraate itti fakkaate, muuuuuuuuu

Sareen bakkuma nyaatuu dutti jedhan.

 
At 6:19 AM, Anonymous Anonymous said...

"Sareen warra guddise diistee warra raqa kenneef warra seeti" jedha mitii ree Oromoon.

Dhugaa dha Shaneen Qinijjit halagaa dantaan isaan goyyoomsu fira se'uun; sabboontota Oromoo isaan guddisanitti dutaa jiru mitiiree?

Yaa dubbii waaq. Galgala baduu akkanaa nama haa baraaru. Waaqni qalbii itti horee qaanii fi jibbama Oromoo kana keessaa isaan haa baasu. Jedhaa martuu maaloo.

Kanaachi jarreen namoomaa bahaa jiruuti.

Abbaa dhugaa.

 
At 10:22 AM, Anonymous Anonymous said...

Goolee waaq si haa goolu. Gooltuun duruu nama biratti jibbamtuu dha. Akkuma maqaa kee hojiin keetillee akkanuma. Mee amma nama ofiin goolee jedhu moo nama waayee biyya isaa irraa haasa'utu raatuu fakkaata? Kan oromoo goolu waaq haa hoolu. siif kanuman jedha.

Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru jedha Oromoon.

Obbo Abarraa jarreen kun warraa ofii isaaniin qullaa isaanii of buusani dha. Salphoo soqolatte dha. Edda isaan qullaa isaanii of muldhisuu fedhanii akkas eenyummaa isaanii agarsiisuun karaa dha. Wangee hoo laa keessaati SQ.

Of baruu warra fedhu miti. Oromoon kana baruu qaba.

Boonsaa dha. Nagaatti.

 
At 12:33 PM, Anonymous Anonymous said...

Waslaattaa! lafa gabaa!
Duurriyyee fi kashlabbee ganda labdu akka ke waliin maaltu yeroo keenya gube jetteeti yaa Abarraa warra EPRP durii?
Ibbet! ati faltii ibbetiidha! waam itti jirtu hin beektu.
Maqaa diddirtee yeroo meeqa ofii barreesita kun illee si hin qaanessuu? amma egaan mana keetti nami narratti hin beeku jetteetii? maqaa adda aaddan deebii kan barreesitu.kkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkkk tufamtuu hawaasaa,diqqii!!!!!

 
At 3:54 PM, Anonymous Anonymous said...

Abbaa kofla

"Waslaattaa" yaa ilma Qeesichaa maal taatee? Bishaan sitti facaasanii si habashoomsaniitu afaanillee si wallaalchisanii? Maali " Waslaattaan?"

Qeesiin atti sagadduuf suni egaa maqaa namaa waamnaan namni du'e! jechuudha egaa motii mana keeti¨

Wallaalaa sodaattu habashaa. Sammuu wallaallaa akkasiin waayee Oromoo yaada kennuuf qaanii malee yaalta.

Dura jecha Oromoo fi Amantee Oromoo, Waan Oromoon jibbuu fi waan Oromoon fedhu bari.

 
At 7:17 PM, Anonymous Anonymous said...

Kan yaada habashaatiin sammuun hadoode waliin haasawuun yeroo gubuu malee nama waa hinfayyadu. Warra akkasii kan fooyyessu yeroo qofa. Sammuu Goolee gooliif uumame keessaa kan maddu jeequmsa akka ta'e kan hubatu heedduudha. Deebii kennuufiin barbaachisa mit.

 

Post a Comment

<< Home

|