Adda bilisummaa Oromoo jechuun uummata Oromoo jechuu dha. Dhibamsiisuunis ta'e adda baasuun hin danda’amu!!!
By Abara Oluma
Uummanni Oromoo biyyi isaa Oromiyaan harka gabroomfattuu Habashootaa edda galtee kaasee guyyaa inni itti diinota isaatiif jilgeenfatee, gabruummaa tole jedhee use akka hin jirre seenaa irraa hubachuun ni danda’ama. Gabrooffattuun Habashootaa kun garuu duulli isaan Uummata keenya irratti taasisan kan inni qindaawee fi deggarame, qondaaltota lolaa biyyoota alaa fi meeshaawwan duulaa hammayyaa biyyoonni ambaa hedduun isaanii gumaachaniif; akkasumas tooftaa fi gorsa biyyoota ambaa kana irraa argataniin kan deggaraman waan ta’eef; uummanni Oromoo duula jaarraa tokkoo oliif godhamaa jiru kana irra annuu hang ammaa hindandeenye.
Sodaa guddaa dhaa fi diinummaa ummata Oromoo irraa kan qaban ilmaan Habashootaa kun, uummata Oromoo guutummaatti dhibamsiisanii biyyaa isaa humnaan qabatan kana dhuunfachuun gaaffii malee jiraachuudhaaf yakkii isaan hin raawwanne hinjiru. Minilik irraa kan eegale yakki isaanii sanyii duguuggaa Hayilasillaasee, Mangistuu hanga gartuuwwan Tigrootaa har’a jiraanii Mallasitti, haaluma wal fakkaatuu fi meeshaa hammayyan deggaramee caalaa tooftaan haguugamee itti fufee jira.
Akkuma kaleessaa har’a illee diinni Oromootaa kun kan isaan hirree isaanii ittiin cimsatanii uummata Oromoo dhura ittiin dhaabbatan gargaarsaa fi gorsa biyyoota alaa fedhii ofii isaanii Empiratti irra qaban biyyoota hanbaatiini.
Fakkeenya yoo fudhanne Minlikiin meeshaa fi yaadaan kan deggaran biyyoota Awuroophaa keessattuu kan akka Inglisfaa turani. Yeroo sanattii fedhii fi hawwii biiyyoota Afriikaa qooddachuuf qaban irraa kan maddeen dorgommii waloo isaaniin tasisaniin, tokko tokkoon isaanii dadhabsiisuun fedha isaanii guuttachuuf; Habashoota firoomfachuu tooftaa waan godhatanii turaniif; Habashoonnis caarraa kanatti fayyadamuun uummata Oromoo ittiin cabsuuf itti mayii bahanii itti milkaawanii jiru.
Tooftaa abbootii isaa irraa argate kana faana kan bu’e gartuun hoggantuu Habashootaa Hailasillaaseenis maqaa Kiristaanummaan biyyoota ambaa kana, caalaatti gowwoomsuun gargaassa karaa hundaa irraa argachuun aangoo gabroomfattummaa issaa fi empirattii ittiin eeggachuuf itti fayyadamee darbee jira.
Mootummaa Dargiitis yoo hubannee maqaa Socialismiitiin sagantaa polotikaa isaa kaasee hanga seena bulchiisa isaa fi humna loltuu isaatti fuulleetti ajajaa fi deggarsa warra Raashaatiin harkisamee empirattii abbootii isaa irraa fuudhe humnaan tursuuf itti fayyadama turuun isaa ragaa dha.
Gartuun ilmaan Tigrootaa har’a jiraaniis humnoota ambaa empirattiitti fayyaddamuu fedhaniin deggaramanii; qawween aangoo abbootii isaanii kaleessaa irraa haa fuudhan malee; edda taayitaa irraatti deggarsumma biyyoo ambaa kanaan muudamanii kaasee, hamma ammaattii kan isaan deggaraamaa fii ajajamaa jiran, humna alaatiini yoo jenne ragaan waan mul’atu ifa dha.
Egaa kaleessa edda ilmaan Habashootaa Oromiyaatti duulanii kaasee, hanga ammaatti Oromoo empirattii keessatti gabrummaa jalatti eeguuf motummaa qabanne jechuun mul’atan hundii isaanii; oftultummaan haa ololan malee Oromoo irratti kan duulanii fi duulaa jira irra keessatti, meeshaa waraanaan hammayyaatiin, qondaala humna waraanaatiin, tooftaa siyaasaa tii fi gorsa hogganummaatiin kan qooda irratti qabaachaa turee fi jiran, dureeyyota biyya ambaa bu’aa fi dantaa empiratti irraa argatanii fi argachuuf fedhani dha.
Oftuultonni ilmaan Habashootaa kun Afriikaa keessatti ’’biyyii hingbroomin jiru nu qofa’’ jechuun waan hinjirreen haa baannatan malee; seenaan biyyaattii hundi kan iinni nu agarsiisu garuu, Empayrattiin edda Minilikiin humnaan ejaaramtee kaastee, hanga ammaatti harka lafa jalaa fii ifatti gartuuwwan dureenyii biyyoota ambaatiin akka bitamaa jiraatee fi jirtu nu hubachiisa.
Qabeenya Oromiyaa xuuxuu duwwaa irratti hundaawanii kan nutti duulan ilmaan Habashootaa kun, Oromoo gutuudhaa gutuutti dhabamsiisuun abjuu isaanii sana dhugoomfachuuf yakki isaan ilmaan Oromoo irratti hin raawwatin hin turre. Ilmaan Oromootaa irraa garajabinaan harka muranii, aayyolii fi shamarran Oromoo irraa harmma muranii, daa’imman Oromoo irraa nafa muruun; qomoo balleessuuf sanyi duguuggaan isaan kaleessa raawwatan utuu hin irraanfatamin; ha’a illee haaluma sanaa gadi hintaaneen tooftaan kan haguugame yakka hiriyaa hin qabne raawwachaa jiraachuu isaanii Oromoo hunduu kan beekuu fi adduunyaan illee kan hubataa jiru dha.
Diddaa gabruummaa fi gaaffii abbaa biyyummaa isaaf Oromoon yeroon inni itti usee, diina kanaaf nagaa kenne hin jiru. Edda biyyi isaa ilmaan Habashootaan qabatamtee kaasee Oromiyaa mara keessatti bakka adda addaa fi yeroo adda addaatti falammiin lubbuu hedduu gaafate Oromoon taasisaa turuu isaanii seenaan ni mul’isa.
Qabsoo diddaa gabrummaa yeroo dheeraaf addaan hincitin Oromiyaa mara keessatti haala faffaca’ee fi hingurma’inni deemsifamaa ture kan walitti fuduun haala gurmaa’ee qindaawee fi tooftaa wayyuun walqabsiisuun murteessaa akka ta’e kan hubabatan gootowwan ilmaan Oromootaa yeroo addaa addaatti dhama’uun isaanii hin oolle.
Haala akkasii kana keessatti kan bu’ureeffame Addi Bilisummaa Oromoo bara 1973 bu’ureeffamuun sagantaa fi kaayyoo tokko lafa keewwachuun haalaa Oromota hundaa kutaa Oromiyaa hundaa irra walitti dhufan bilisummaa Oromootiif of kennan waltumsuun haala qindaaween sochii eegaluun isaa ni beekama.
Qabsoo ilmaan Oromootaa bara dheeraaf utuu addaan hincitin dhufe kana bifa haaraa fi tooftaa haaraan qindeessuun of ijaaree uummata of cina hiriirsee qabsoo diina irratti kan eegale Addi Bilisummaa Oromoo, Falammii fi wal’aansoon inni godhaa turee fi itti jiru gartuu ilmaan Habashootaa qofa waliin osoo hintaane; akkuma kaleessaa humoota alaa ilmaan Habashootaa kana hoggananii fi deggaraniin waliins waan tureef; salphaa ta’uu hin dandeenye.
Haata’u malee falammii abbaa biyyuumaa deebifachuuf godhamee fi godhamaa jiru keessatti injifannoo gurguddoo hedduu kan galmeesse Addi Bilisummaa Oromoo, ilmaan Oromootaa Ormomiyaa keessa jiran mara kaayyoo tokko jalatii hiriirsuu fii Sabboonummaa Oromootaa dagaagsuun qabsoon inni godhee fi godhaa jiru diina abdii kutachiisuu irra taree, galma ga’uu kaayyoo isaatiif bu’uraa fi wabii guddaa waan uumee jiruu injifannoowwan galeesse keessaa isa guddeessa.
Addi bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannoo diina irratti deemsisu cina aadaa fi seenaa uummata Oromoo addunyaatti beeksisuun, Afaan Oromoo arfii ykn Qubee mijawaa dhaan katabamee akka inni afaan barreeffamaa ta’u irranti qorannoo guddaa gochuun miijessee, hojii irra oolchuun; kitaabawwan seenaatiif adda addaa ittiin barreessuun afaan Oromoo afaan hojii gochuun dalagni dhaabni kun dalage meeshaa waraanaa guddaa ta’ee, har’a diinota Oromoo fi Oromummaa balleessuuf dhama’aa jiran akka ibidda cidii keessaa itti ta’ee isaan gubaa jira..
Kana malees ijifannoowwan gurguddoo hedduu kan galmeesse Addi Bilisummaa Oromoo biyyi Oromiyaa jedhamtu jiraachuu ishee addunyaa irratti barsiisuu irra darbee daangaan ishee akka beekamu gochuu galmee seenaa fi sarara adduunyaa keessatti akka kaawwamtu injifannoon galmeessee jira.
Kaayyoon isaa fi dalagni isaa kabjamaan kun ilmaan Oromoo mara biratti jaalalaa fi kabaja kan isaaf uume Addi Bilisummaa Oromoo kun Oromoota hunda dhaaba kana cina hiriisuun qabsoo ilmaan Oromoo adda addaan deemaa ture sana fuula tokkotti deebisuuf dhaaba milkaawedha.
Har’a ABO jechuun uummata Oromoo Oromiyaa keessa jiru mara ta’uu isaa fira qofa osoo hintaane; diinnii keenya utuu hin hafin dhugaan isaan dirqee ragaa ba’anii jiru.
Egaa haala kana sirriitti kan beektu eegduun Empayerattii ilmaan Tigroota har’aa, diraqama abbootii isaanii irraa fuudhanii fi ajaja gooftoliin isaanii warri ambaa itti kennan ba’achuuf, duula abbootii isaaniin Oromoo irratti labsiin eegalame, har’as labsaatuma jiru.
Dhiiga ilmaan Oromoota qulqulluu kumaatamaa dhangalaasuun, kumaatamaan kan lakkaawan ukkamsanii gara dhabarsuun, kumaatamaan kan lakkaawwaman hidhaan dararuunii, ta’e jechuun miliyoonaan kana lakkaawwaman beelessuun fixuun gara jabinaan uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Yakka isaanii kana adduunyaa guutuun yennaa argaa jiru kanatti; diinummaa uummata Oromoo irraa qabanii fi tuffii seera mirga dhala namaaf qaban agarsiisuuf yeroo hammaa ifatti uummatta Oromoo irratti duula haaraa labsaa jiru.
Presedaantii Empirattii kan ofiin jedhu Mallas Zeenawii torban lamaan kana mana maree isaanii keessatti yakka kanaan dura uummaata Oromoo irratti raawwatan caalaatti, amma kan irra hammaatu raawwachuuf saba Oromoo hidhaan, ajjeechaan, dararuuf qophii irra akka jiran dhoksaa fi qaanii malee addunyaaf ifa baasee jira.
Sodaa isaanii guddaa kan isaanitti ta’e Addii Bilisummaa Oromoo guutuu ilmaan Oromoo kan haammatee fi uummata Oromoo ta’uu kan beekan gartuun ilmaan Tigrootaa TPLF kun haqa kana hubatanis; gochaanii fi kaayyoon isaanii, uummata kana dhibamsiisuu waan ta’eef; maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin uummata Oromoo dhibamsiisuuf dalagan illee milkaayuu hin daandeenye. Har’as dubbiin Mallas kun ifatti arrabaan dubbachuu isaa irraa kan hafe, ilmaan Oromoo hidhuu; ajjeessuu fi duraanuu yakka inni hojjechaa turee fi hojjechaa jiru ta’uu uummanni Oromootis ta’ee adduunyaan waan beeku dha.
Yeroo hammaa kanatti qabsoon bilisummaa ilmaan Oromoo sadarkaa dhaamuu fi duubatti deebi’uu hindandeenye irra ga’ee jira. Kun sodaa fi wareera abjuu kan itti ta’ee jiru gartuuwwan gabroomfattuu Tigrootaa TPLF kun har’a utuu kumaatamaan Oromoo fixanii; kumaatamaan hidhanii; qabsoo ilmaan Oromootaa godhan kana duubatti deebisuu fi ABO dhabamsiisuu waan hin danda’iniif abdii kutachuun duula afaaniinis sodaachisuu mana maree isaanii keessatti utuu hin hafin, har’a akka haaraatti labsachuudhaaf dhama’aa jiru.
Gochaaniif dubbiin Mallas Zeenawii kun mana maree issaaniitiif yokaan yoo ilmaan Tigrootaatiif haaraa ta’ee malee uummaata Oromootiif haaraa ta’uu hindanda’u. Ajjeechaan, hidhaan, ukkaamsuun, dararuunii fi tooftaa adda addaan uummata Oromoo fixuun Malla kun addunyaa guutuu irratti yeroo adda addaatti qaamota dhimmi isaa ilaaluun galmeeffamee dubbiifamee ifa ba’ee jira.
Uummanni Oromoo doorsisa afaan diinaa mitii qawwee diinaatuu hin sodaanne; hin sodaatus. Adda bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo addaan baasuunis ta’ee dhabamsiisuun hindada’amnes hindanda’amus.
Injifannoo Uummata Oromoof!!!
Oromoota Swiss.
1 Comments:
Seenaa jiru afaan isaatiin uummatni akka hubatu gochuun cimina waldhaansoo uummata keenyaaf bu'aa guddaa fidaatii, jedhenn amanna tii jabaadhu.
Post a Comment
<< Home