Tuesday, November 07, 2006

Oromoo Har’a yeroon kan nu irraa gaafatu

Abara Oluma irraa

Mootummaan Wayyaanee Tigrootaa, yeroodhaa yerootti tooftaa adda addaa baasuudhaan umrii jireenya ishee dheereffachuudhaaf halkanii guyyaa yaaduun ishee eenyu jalaa dhokataa hinta’u. Haaluma kanaan waggaa darbe kana keessa caalaattuu mootummoota adduunyaa dureeyyii maallaqaa fi meeshaa waraan-hammayyaa isheef gumaachan sobaan gammachiisuuf ’’filannoo adda ta’e’’ qopheessine jechuun namoota hedduu dogoggorsuun ishee hin haalamu.

’’Filanoo’’ Wayyaaneen tooftaaf qopheeffatte kun maqaa mormitoota hirmaachisuutiin jaarmota hundee hin qabnee, hedduu sadarkaa gaditti tilmaamte, gartuu Leellistoota Minilikii fi jaarmaawwan haaraa muraasa akka irraa qooda fudhatan afeeruun maamiloota ishee fi gooftowwan ishee keessayyuu warra dhihaa kan ishee muudanii fi ishee jiraachisan sobaan gammachiisuuf kan wiixaname ture.

Haalli tooftaa Wayyaanee kun egaa dhuugaa dubbachuuf yoo jenne kan inni gowwoomse jaarmotaa fi namoota beekaa fakkaatan hedduu ture jechuun ni danda’am.

Har’a illee taanaan yeroo sobni Wayyaanee kun addunyaa guutuutti saaxilamee, daafii filannoo ishee sobaa kanan namoonnii dhibbaawwaniin lakkaawaman rasaasa Wayyaaneetiin guyyaa waareen dhumanii; warrii filannoo ishee sobaa kana irraa qooda fudhatan gartuun bu’aa irraa argachuuf kaachaa turanii, mana hidhaatti nam’anii jiran kanatti; ilmaan Oromootaa hedduun kaan hidhaan, kaan lubnuun darbuun itti gaaga’amanitti; ’’filannoo fakkeessaa kana irraa qooda fudhachuu dhabne’’ jechuun gartuun maqaa dhaaba Oromootiin iddoo qabachuun qabsoo Oromoo hadoochan gartuun tokko tokko kan quba nyaatan ykn gaabban jiraachuun isaanii waan nama ajaa’ibudha.

Saba keenya durattii akka beekaatti fi iddo bu’aatti kan of dhiiheessan gartuuwwan tokko tokko mootummaa wayyaanee caalaatti, waan Wayyaanee bakka bu’an kan isaan fakkeessu jecha dogoggorsaa midiyaa adda addaa irratti maqaa jarmaa Oromootiin yoo dabarsan dhaga’uun, jarreen kun sammuun isaanii eessa akka jiruu fi eenyu akka isaan ta’an nama hubachiisa.

Muuxannoo waggaa 15 irraa argateen Filannoo fi Demokraasiin wayyaanee maal akka ta’ee fi maal akka ta’uu danda’u; Qoteebulaan Oromootii fi barataan kutaa gajjallaa Oromoo hundi haalaan yeroo beeku kanatti; hoggana jaarmiyaa Oromoo guddaa tokkooti kan ofiin jedhan hubannoo dhabuun ykn dantaa dhuunfaan dhugaa dhoksuun har’a illee keessa deebi’uun dogoggoora guddaa yoo dalaguuf yaalan mul’achaa jiru.

Diinni saba Oromoo kan taate; mootummaan wayyaanee nagaa fi demokraasii afaaniin malee hojiidhaan akka hin beekne dhiiga ilmaan Oromoota qulqulluuwwan hedduu dhangalaasuun, kumaatama ukkaamsuun; kumaatamaan mana hidhaatti naquun darartee; barattoota Ormoo guddinaaf tattaafatan qulqulluu mana barumsaa keessatti ajjeestee kan hafans barumsa irraa hariitee, nutti agarsiiftee jirti.

Egaa kana hundumaa utuu agarruu fi utuu beeknuu filannoo Wayyaaneen deemsiftu maal akka ta’eef ta’uu danda’u fagootti hubachuu dhabuun; diina akkasii kanaa wajjin dhiiga ilmaan Oromoo irraatti dhaabbannee maqaa filanootiin sirba ishii kana irraa qooda fudhachuun nu darbe; ’’utuu qooda irraa fudhannee ta’ee bu’aa qaba ture;’’ jechuudhaan akeekaa fi kaayyoo ka’aniif wallaaluun gartuun sagal gaggaban jiraachuun isaanii maal akka fedhanii fi maal akka ta’an ifa isaan baasaa jira.

Deemsi jarreen kan kun bor illee maal akka ta’uu fi maal akka ga’uuf jiru har’a nu agarsiisa.

Waggaa darbe kana keessattii utuu dhiigni ilmaan Oromoo qulqulluu qe’ee isaanii irratti rasaasa diinaatiin dhangala’u al-tokkoof illee addaan hincitin lola’aa jirutti; Qotee bulaa fi barataan Oromoo mana hidhaatti guuramee dararamaa jiru kanatti, ’’Addunyaan geddaramtee jirti.’’ ’’Ethiopia keessatti duubatti deebi’uu kan hin dandeenye boqonnaa haaraatu saaqamee jira.’’ Jechuudhaan gartuun jaarmaa Oromoo diiguug diinatti tooftaan harka laadhachuuf hawwan; namoonni nu qofaatu beekaa bayi’san tokko tokko qaanii malee olola diina anannachiisu oofaa jiraachuu isaanii deddeebisnee argaa turre. Har’a illee qaanii malee itti fufanii jiru.

Keessattuu ABO keessaatti sadarkaa hogganuummaatiin umrii dheeraa kan dabarsan Obbo Leenco lataa uummata keenya biratti kabajaaf jaala guddaa maqaa dhaaba kanaa qofaan kan argatnii turan ta’uu isaa dagachuu, waan diinni itti ololu qofa dhugaa se’uun dogoggora raawwachuu isaanii kaleessa irra, har’as gochaa faallaa fi diiggaa guddaa hojjechaa jiraachuun isaanii saba biratti mataa duree oduu guddaa ta’ee jiraa.

Obbo Leencoo akka Oromoo tokkootti dalagni isaan kaana dura gaariis haa ta’u gadhee; dogoggoras haa raawwataniis haa dhiisanis; kan darbeef kabjaan utuu taa’uu malanii; yeroo hammaatti kaayyoo dhaaba keeleessa isaan keessatti sadarkaa hogganummaa murteessaa ta’en qabaachuun irratti qoodha fudhachaa turniin faallaa olola ta’e adeemsisaa fi diiggaa guddaa hojjechaa jiraachuu isaanii gadda guddaa ta’ee jira.

Deemsiif yaadni isaanii har’aa kun kaleessa jaarmiyaa kana keessatti badii attamii fi shira hammamii raawwaachaa akka isaan turan kan isaan saaxilaa jurus ta’a. Faallaa kaayyoo kaleessa hordofaa turanii dalaguu fi saba afaan fajjessuuf har’a diiggaa isaan har’a dalagaa jiran dogoggora isaanii kaleessaa irra; inni ammaa saba Oromoo biratti gartuu diinaatti kan isaan ramachiisuu ta’aatti jira.

Gaaffiif deebii Obbo Leencoo Lataa waayee filannoo baradarbbe Raadiyoo Amerika sagalee afaan Oromoo waliin geggeessan keessatti, filaannoon wayyaanee sobaaf duwwaa ta’uun isaa utuu beekamuu; ’’Ethiopiyaa keessatti boqonnaa haaraatu saaqamee jira.’’ jechuudhaan falaasama abjuu mataa isaanii keessatti uummatan ololuun diinaaf ragaa ta’uudhaaf yoo dubbaatan nama kana irraa dhaga’uun qaanessa ture.

Boqonnaa haaraan isaan sammuu isaanii keessatti uuman kun maali irratti akka hundaa’e qabatamaan waan lafa keewwatan garuu tokko illee hin turre. Filanoon sobaa Wayyaanee bardheengaddaa kun kan jalqabaatis hin turre. Garuu maaltu har’a Obbo Leecoon abjoochisaa akka jiruu fi boqonnaa haaraa isaaniif taasisaa akka jiru tari Wayyaanota utuu hin hafin ajaa’ibsiisuun isaa hin hafne.

Akka Oromoo tokkootti qoodi isaan kanaan dura saba isaaniif dalagan, dogoggoras haa qabaatus haa dhiisuu uummata Oromoo biratti maqaa dhaaba kanaan qofaan ulfina ykn kabaja kan isaanii kennisiisu ture.

Haa ta’u mee yeroo ammaatti sagantaaniif kaayyoo dhaaba isaan keessa turanii dogoggora akka ture afaan guutanii yoo dubbatan isaan irraa dhaga’uu Obbo Leenco dhaaba kana keessa hanga yoonaatti qoodi isaanii diiggaa moo ijaarsa ture? Gaaffii jedhu uuma.

Raadio Australia irraa Afaan Oromotiin darbu tokko irratti gaafiif deebii taasisan irratti, akkas jechuun of ibsaa turan. ’’Oromoon Ethipia waliin tokkummaa uummachuun jiraachuun ni danda’ama amantee jedhun qaba.’’ ’’Kana durumaa kaaseen itti amanan ture; garuu dirqama dhaabni koo natti kenne utuman kana qabuun ba’achaa ture’’ jechuun dubbatanii jiru.

Gochaan isaanii hammam kan wal-dhahuu fi wal-falleessu ta’uu isaa nama sammuu qulqulluu qabu jalaa hin dhokatu. Obbo Leenco egaa kaleessa yeroo ABO keessatti hogganuummaan turanitti kaayyoo ofii isaaniitii itti hin amanin Uummata Oromoo barsiisuuf ittin hogganuuf yaalaa turuun isaanii maal akka hojjechaa turanii fi yaada wal-dhahaa akkamii keessa akka turan agarsiisa.

Qabsoo keessatti amantee guutuudhaan kutanoo dhugaa sammuu ofii irra madde hin qabaanne taanaan kaayyoo galiin ga’uuf milkiin jiru maal akka ta’uu danda’u dubbiftoota mana kaanaatiifan dhiisa.

Kaleessa haala wal-dhahaa fi diiggaa akkasii keessa kan turan Obbo Leencoon har’as ammoo akka gorsituu Shanee gumii ta’uudhaan dogoggora lammaffaa dalagaa jiraachuun isaanii badii qaba isaaniin jechaa jira sabni Oromoo. Obbo Leencoonis ta’an sabnii Oromoo kana har’a yeroon hubachuun waan yeroon nu gaafatu ta’ee jira.

Yaada Obbo Leencoo kana kan hordofan kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo kan kaleessaa kan ganamaa sana ganuun faana Obbo Leencoo Lataa kana cina kan hiriiranii fi Adda bilisummaa Oromoo kan ganan fottoqni Shanee Gumii har’a ifatti of baasuun qaanii malee faallaa kaleessaa ololaa fi dalagaatti jiru.

Gartuun Shanee gumii gochaa Obbo Leencoo kaleessaa irraa har’a waan adda isa godhu tokko qaba. Innis gartuun shanee gumii kaayyoo isaanii Ethiopiummaa Oromoo fudhachiisuu ifatti qabatanii socho’uu yoo ta’u; Obbo Leenco garuu akka basastuu tokkootti keessatti dhokachuudhaan dhaaba itti-aanaa hogganummaan keessa turan diigaa turuu issaniitu adda isaan godha.

Murni Shanee Gumii har’a ULFO diiguudhaan kaayyoo bilisummaa Oromoo gadi lakkisuudhaan gartuuwwan faallaa qabsoo ilmaan Oromoo dalaganii waliin wal ta’uun tumsa Ethiopiummaa uumuun Adda bilisummaa Oromoo irraa maquu isaa mirkaseessatee jira.

Daandiitti kaleessaatti akka deebi’anii fi kaayyoo Oromtichaa isa ganamaa, kan bilisummaa fi lubbuun hedduun itti kafalamee sana, sabboontota Oromoo waliin haasa’uun iddootti deebisaatii; addaddummaa ilmaan Ormoomoo gidduutti daafii kanaan dhalate dhiphisaa. Jechuun Oromoota hedduu biraa yaada isaaniif dhihaatu tuffiin deddeebisanii irra taraa jiru.

Oromoon Oromoodhan araara barbaachuuniifi kan dogoggore wal hubachiisuun karaa haqaatti ykn sirriitti wal-deebisuun qabsoo Ormootaa shafisiifuuf qooda hammam akka qabu, sammuu qulqulluun kan yaadu lammii Oromoo kam jalaa dhokachuu hindanda’u.

Haatau malee Murni Shanee Gumii yaada kana akka waan wallaaletti, maal dhibdii filachuun uummata Ormoof deebii kabaja hin qabne deebisaatti jira.

Kaayyoo ganuu isaaniitiin addaddummaa Ormoota gidduutti dhalatee jiru kana akkuma diinonnii keenya kaleessas ta’an har’aa, eessa geessiidhaan gadi xiqqeessanii ilaaluun eenyummaa isanii fi akkuma issan dubbatan kan isaan irra jiran dhimma Oromootiif utuu hin ta’in dantaa dhuunfaa isaanii fi aangoof dhama’uu isaanii agarsiisa.

Yeroo ammaa kanatti yeroo aangoon diina harka jiru kanatti itti gaafatammumman sabaa aangoo kan isaanitti fakkaachaa jiru hoggantoonni murn Shanee Gumii, itti gaafatamummaa amma iddoo itti qabatanii jiran kana eessaa attamiin akka fudhatan waa galagalanii yaaduu illee homaa hin yaalan. Kan nama qaanessu garuu itti gaafatamummaa kana akka aangootti ilaaluun natti hinbu’inaa jechuuf yaaluu isaaniiti. Kun immoo boruu utuu aangoon dhugaa argamee hoggantoonni Shanee Gumii maal akka ta’uu hawwan isaan saaxila.

Egaa kaayyoo kaleessa haquunii fi ganuun diina cina hiriiraa kan jiran murni Shanee gumii kun, karaa ka biraan ammoo kaayyoon ABO akka hin tuqaminii fi tooftaaf jecha qofa diina saba Oromoo kana jala akka hiriiran, qaanii malee ololuuf uummata afaan fajjessuun yaalaa jiru.

Kaayyoo hinganne edda taatanii faallaa qabsoo ilmaan Ormoon kan dhaabbatan diinota Oromoo waliin attamiin walta’uu dandeessan yoo jedhaman ‘tooftaaf’ jechuun qullaa isaanii dhoksachuuf lallabu.


Haqa jiru dhoksuun tooftaadhaaf maal maal kana goone jechuun uumata sobuuf hayaalanuu malee, uummata Oromoo maqaa ABOn gowwoomsuuf milkaayuu hin dandeessan isaaniin jechaaniitti jira sabni Oromoo.

Egaa jaallannes jibbines dhugaan jiru uummanni Oromoo kan inni deggaree fi duukaa hiriire bakka kaayyoon ABO kan haqa irratti hundaa’eef kaayoo inni qabbatteef fudhatamina argateef ta’uun beekamaa dha. Kun immoo uummani Oromoo kaayyoo ABO sirriitti hubatee waan beeku ta’uu nu agarsiisa.

Ummanni Oromoo har’a fakkeessaan hinsobamu. Utuu irraa dibaa fi fakkeessaa olola sobaatiin kan goowwoomu ta’ee jiraatee, diin hagana hinrakkatu ture. Wayyaaneen jaarmaa hedduu dhaabuuf yaaltee ummata Oromoo gommoosuuf garuu takkan illee hin milkoofne.

Egaa murni ShaneeGgumii maqaa malee kaayyoo ABOn ala ABO of fakkeessee diina baatee yoo saba Oromoo bira ga’uuf yaale tufamuuf tuffatamuu irra kan hafee bu’aa hinqabaatuuf.

Filannoon wayyaanee duwwaan sun isaan jala darbuutti hedduu aaruuf gaabbuun dubbachaa kan turan Obbo Leencoo baatii deebisanii deddeebisanii ‚’’Galuunis baddee; maqaan galuutis baddee.’’ Jechuutiin Sabboontota yakka gantummaa isaanii kana morman balaaleffatu turni.

Egaa diina ilmaan Oromoo nyaatu kanaan walta’insa uummachuun qabsoo irraa galanii taayitaa harcaatuu fi fakkeessaa sana wayyaanee waliin qooddachuuf uummata ofii sobuun bor qaanii fi itti gaafatatmummaa isaaniif qaba jedhu Sabboontonnii Oromoo kaayyoo kaleessa manaa ittiin ba’anii qabtanii har’a illee wal’ansoo irra jiran.

Kennataa ilmaan Oromoo lagatti gatanii galuuf karaa danda’amu hundaa tattaafachaa kan jiran murni Shanee Gumii kun jaarmiyaa isaanitti fakkaate uummatanii bakka fedhan galuun mirga isaanii yoo ta’u illee garuu maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin daldala hin daandeessan jechuun Addi Bilisummaa Oromoo fi dhaabbonnii bilisummaa Oromootti amanan hundi akkeekkachiisaa jiru.


Wayyaaneen araaraaf Shanee gumii jalaa kan qabuu diddee tuffatteef munri Shanee Gumii kun galu illee kaayyoo haqaa ABO qabachuun ABO kan jiraachisan hogganni ABO dhugaa sabboontonni Oromoo waan isaan waliin hin galleef qabsoon ABO dhaamuu kan hin dandeenye ta’uu waan hubatteef; Shanee tuffachuun iyyaa isaanii galuuf sagal iyyatan gurra dhorkatte.

Haata’u malee Shanee gumii amma illee utuu abdii hin kutin humna qabeessa kan itti fakkaatte; ofii isheefuu hundee kan hin qabne gartuu gabrooffattuu, guboo Nafxanyootaa reeffa Todiroosiif Minilik kaassuu abjootan jalatti galuun Ethioiatti deebi’anii galuuf daandii waan issanii saaqu itti fakkaatee, gorsitummaa warra kaabaatiin wal-ta’iinsa uummanne jechuun dibbee rukutachuun isaanii ilmaan Oromoo biratti isaan tufsiise.

Diina Oromoo kan akka CDU Arbenyooch jedhamanii kaayyoon isaanii inni guddaan gaaffii sabaaf sablammootaa ukkaamsuu; Afaan hojii biyyaattii walii galaa afaan Amaaraa qofa akka ta’uu taasisuu; biyyaatiin akka duriitti ’’Kifilhaagarii’’ kan isaan jedhaniin qofa akka cicciramtee jiraattuu fi Lafa qotee bulaa dureessonni isaanii qofaan maahlaqaan akka fedhan itti ta’an irratti kan kaayyeffatan kanaan wal-ta’iinsa uumuun; diinni ilmaan Ormoo eenyu akka ta’e wallaaluu isaaniis isaan fakkeessa.

Kan darbe irranfachuu qabna kan jedhan dabballoonni Shanee gumii eessaa dhaabbannee kana akka dubbachuu mallu waan hubatan hinfakkaatu.

Dhugaadha yeroo injifannoon wal’aansoo keenya xumurru kan darbee deebi’uu sadarkaa hingeenye irra yoo geenyu irraanfachuun ni mala. Garuu har’a diina nu balleessuuf of ijaaruuf mannaaggachuuf dhama’u kana irranfadhaa!!! saba ofiin jechuuniif deebisanii humneessuuf yaaluun gartuu Shanee gumii, waan jedhaniif waan hojjetan beekaa waan jiran hinfakkaatu.

Egaa kana haalaan hubatanii kan hin xiinxalin gartuun Obbo Leencoo Lataa fi Obbo Leencoo Baatii gartuun Shanee gumii Ummata Oromoo kanati gowwoomsuuf dogoggoosuuf oliif gadi jedhu. Garuu gochaan isaanii kun isaaniin qaanessuuf jibba saba biratti itti uumuu irraa darbee bu’aa isaaniif agarsiisu hin qabaatu. Kanaaf har’a yeroon karaattii deebi’uu fi of sirreessuun kaayyoo ganamaa jala hiriiruun uummata keessaa maddan cina hiriiruun qabsoo bilisummaa Oromootaa saffisiisuun irra bu’aa fi kabaja isaaniif qaba jedha ummanni Oromo. Har’a yeroon kan nu irraa gaafatu Amaara hundeen ishee qabsoo ilmaan Oromootiin buqa’e deebisanii gadi dhaabuudhaaf dhama’uu utuu hintaane; bilisummaa ilmaan Oromoof kan sosso’aa jiran dhaabota Oromoo haqaa ijaaruun, humna Oromoo cimsuu, ULFO dhugaan deggaruun karaa haqaatti deebi’uu qabsoo bilisummaa Oromoo shaffisiisuu dha.

IJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!!!

Abera Oluma.

3 Comments:

At 2:45 PM, Anonymous Anonymous said...

Obbo Abera Olumaa Yadaakeessaniif galatoomaa.
Utuun yaadaa kootti hin seenne makmmaassa oromoo tokkoonan jalqaba.
Innis;Isa tahee ilaaluuf daakuun boqqoloo dinbilaala jedha oromoon.

Hogganoota amma dhaaba ABO irraa adda of baasanii dhaaba QCA jedhamu dhaabbatan kana si caalaa wal itti dhuheenya qabaachaa turre. waliinis kufnee kahaa turre.Kabjaas guddaa qabaachaafii tue.Harra garuu, yeroo isaan kaayyoo irraa cehanii faallaa qabsoo oromoo dhaabbatani,kabajaniiqabuuf guddoo xiqqa dha.
Siin ammoo akkan si hubadhutti waan qabsoon oromoo fakkattu biyya awurophaa keessa teessee oduu dhageessu irratti hundooftee waan odeesstu natti fakkaata.Yoo baayyate waa`ee qabsoo oromoo bara 1991 as waan dhageesseef, sobboonummaan kee asheetee(corqaa)natti fakkaata.Kanneen ati maqaa dhooftee harraba kee itti haqattu hayyoti qabsoo oromoo kanneen warra waan kana si barssisan yoon jedhe dogore natti hin fakkaatu.Kana atuu mataa kee gaafadhuu mee keessa deebi`ii.
Hayyoti qabsoo oromoo kanaan dura qindeessaan asiin gahan borsi garuma gaariitti si qajeelchuu irraa hain shakkin.Diinaa waliin hojjetu kan jettuuf ammoo,bara 1990 yeroo tigreen OPDO ijaartee, hoggannoota ABOf gaaffiin dhihaatee ture.waan kun balaa akka qabu waan beekaniif,yeroo sana itti hin seenne.Kana kan dide hogganootuma harra ati maqaa laatteef kana.Utuu aangoo fedhu tahee maaf yeroo sana itti hin seene?
Kabiraan waan yeroo ammaa kana lolaan bilsummaa keenya gonffanna jettuuf,obbo ABBIYYU yookaan obbo IBSAA utuu hin taane obbo Galaasa fi obbo Dhugaasaa gaafadhu,gufuu keessa darbameef harra ille mudachaa jiru.
Bara 1992 hanga harraatti duddubee tokko malee murannoon jallewwan qabsoo gochaa jiranii fi kannee qabsoo kana irratti kufan.

Kanaaf,yoo kun nu baasuu baate mala biraa dhoofna moo akkuma kanatti dukkanatti adeemana?

Yaada koo makmaaksanan siif xumura.

Haraka nama biraatiin ibida yoo qabatan homaa namatti hin fakaatu.

OJ.

 
At 10:46 AM, Anonymous Anonymous said...

Obbo Anonium
Ilaalcha keessaniif yaada dennuufan dirqame. Jecha guddaa Oromoo tokko akka itti seensaatti kan isin keessan dhugaa dha galatooma.

Yaada dhugaa qaban hedduus barreessitanii jirtu. Kanneniifs Galatooma.

Garuu yaada keessan keessatti ’’sabboonaa asheeta ykn corqaa’’ kan jedhu tokko akka nama Oromoo hinbeekne tokkootti yoo arrabaaf itti fayyadamuu yaaltanan argee qaana’e.

Oromoon dursa biqilaatti gammada. Kan yoo biqila tolee ni gammada. Booda ammo corqaa isaatti dhaaba ykn naqa isaa ilaaluun abdachiisaa ta’uu hubachuun gammada. Gabaabsuuf corqaatu asheetee gomoree firii ta’uu dhanda’ati.

Oromoo kan jibbu garuu waa tokko inis Rincicaa dha. Yokaan bishaatee dhangaa ta’uu ; ykn saynii ta’uu waan hindandeenyeef. Egaa sadarkaan sabboonumma keessanii tari isa Oromoon jibbu isaa RINCICAA akka ta’en hubadhee jira yaada isin barreesitan irra. Kana egaa asuma irrattan isinii dhiisaatii na hinkomatina.

Ka biraan dhugaan isin lafa keessan qabsoon hagam hadhaawaa fi wareegama kan gaafatuu; jaallewwan keenya heddun itti wareegaman ta’uu haqa jiru ibsitanii jirtu. Akka ragaattis jaallewwan qabsoo hadhaawaa godhanii firii hari’aa argaa jirtan kana nuuf gumaachanii akka jiranidha. Irra deebi’ee maqaa waamuu na hinbarbaachisuutii galatooma.

Garuu waa isin dogoggortanii fi hubachuu dadhabdan tokkotu jira. Jallewwan isin ragaaf maqaa dhahuun waamtan hudi har’a qabsoo dadhabnee jirraatii qabsoo kana dhaamsinee dhabamsiisnee haa gallu jech hin jiran.

Qabsoon wareegama akka gaafatuu fi hadhaawaa akka inni ta’e utuu itti hin seenin waan beekaniif kutannoon qooda keessatti fudhaachaa turanii; har’a illee itti jiru.
Kaayoo mana itti bahaniif bakkaan ga’uu qabna jechuun kutanoo fi murannoo isaanii kaleessaa qabatanii dhaaloota isin asheeta jettan kana itti guddisaas qabsaawaas jiru.

Diina yoo dandeenye of irraa buqisna! Yoo dadhabne ilmaan itti guddisna!!! jedhan malee.
Qabsoon hadhaawaadhaatii dhiisnee galla jechaa hinjirani.

Jechi keessan ammo qabsoo dadhabnee jirra; kanaafuu kaayyoo gannee of jijjiirree irraa dhiisnee gala! Jechaa jirtu.

Sanyiin gootowwan jaallewwan keenya haqaa facaasanii nuuf guddisaa jiran garuu kana hin eyyamuutii; deebisaatii of ilaalaa.

Akka Oromoo tokkoottis bal’isaatii yaadaa. Wareegama malee eenyutu bilisummaa argatee jira??? Mee umrii dheerina keessaniin duwwaa utuu of hin madaalin; sammuu bal’ifadhaatii yaadaa.

Asheetaa malee hin rincicinaa.

 
At 1:07 PM, Anonymous Anonymous said...

Yaada kee galatoom!
Haa tahu garuu ati amma iyyuu bakkuma sana jirta.Kana kanan siinjedheef,addunyaa fi haal qabsoo oromoo harraa hubachaa hin jirtu atis siin kan fakkatanis.
Ni lollaa jettu; Loluuf, eessatti,yoom attamitti,maaliin. eenyuu waliin kan jedhu gaaffii kanaaf deebii tokko iyyuu waan qabdan hin jiru.
Kabiraan fedhii ummmata oromoo fi ummati oromoo harra maal irra akka inni jiru utuu qabua qabaattan akka kanati sagantaa yeroo dheeraa hundee hin qabnetti hin abjoottan.
Ummatichi harra kan isa cina dhaabbatee isaa waliin qabsoo kallattii godhu fedha malee kan haala tahee remot controll dhaan alaala irraa hojjetu hin fedhu.Galaasaan London tahee, Abbiyyuu fi Guutamaan akkasuma kanneen biraan DC tahnii Dhugaassaan Nairoobii tahee waraana isa kamiif sagantaa nuuf baasan waggoota shanan darbanitti.Jijjiramnni isaan godhan, jireenya mataa isaanii irratti jijjirama argachaa jiraachuu isaniiti.
Kanaaf,ofumaa wal gowoomsuu fi hawwiin qara ilaalaa hafuu irra mee yeroon waan wayyu duukaa yaada keessan deeffadhaa.Siin illee qaamaan si beekuu baadhu illee,namoota yaada keen wal fakkatu qaban kabiraa waliin akka gaariitti wal beekna.Maal gochuu akka isaan danda`anis bareecheen beeka.
Yaada biraan hanga walitti deebinutti nagaatti

 

Post a Comment

<< Home

|