Thursday, February 28, 2013

Baratoota Oromoo Yuuniiversiitii Finfinnee irraa hari'aman; Gabaasa Qeerroo Finifnnee Gurraandhala 28,2013

 
Gaaffii mirga sabaa karaa nagaa gaafachuun yakka taee biyya jiru Itiyoophiyaa keessatti barattooti Oromoo kumaatamaan hidhamanii kumaatamaan biyyaa ariamanii kumaatamaan ammo manneen barnootaa fi hojii irraa arihamaa jiraachuun isaanii baroota 21 kana keessa beekamaa dha.
Bara kana keessa gaaffii mirga sabaa gaafattan ijaarsa siyaasaa mirga Oromoo gaafatu isin boodaan jira sababa jedhuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Kiiloo 4 jiru keessaa barattooti 10 waggaa lamaaf 23 ammoo wagga 1f arihamuun 3 ammoo guutummaatti akka Yuuniversitii itti deebiuu hin daneenyetti mootummaa Wayyaaneen arihamanii jiru.
Kanneen guutuutti barnoota isaanii irraa arihaman
1. Barataa Araarsoo Waaktolaa
2. Barataa Malkamu Mulugeta
3. Barataa Baqalu Siyum
Kanneen jedhaman yeroo tau kanneen kaan 33 taan ammo guutummaa list isaanii caasaa Qeerroon qabuun kan argame kanatti maxxansinee jirra.
Oromoon haqa ummata isaa fi rakkoo barattooti Oromoo argaa jiran kanaaf tokkummaan bakka maratti iyyachuu akka dandayutti qeerroon dhaamsa dabarsa
 


0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|