Saturday, January 01, 2011

Dhaamsa Waggaa Haaraa ABO 2011

OROMO LIBERATION FRONT
Guyyaa: 1 Amajjii 2011 Lakko. 001/ABO/2011

Dhaamsa Waggaa Haaraa – 2011

Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo Irraa

Jaallatamoota ilmaan Oromoo martinuu!

Maqaa dhaaba keenya Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) tiin dursee baga nagaan waggaa haaraa 2011 geessan jedha.

Barri 2010 seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bara qabsoon ummatni keenya bilisummaa isaaf geggeessuu gulantaa tokkoo irraa gara gulantaa ol aanaatti tarkaanfate ta’u kan mirkaneessuu fi injifatnooleen jajjaboon kan keessatti galmaawan ture.

Qabsoo bifa adda addaan geggeeffamaa jiru dabalatee waggaa dabre kana keessa Waranni Bilisummaa Oromoo (WBOn) tarkaanfilee cululuqaa nyaapha Oromiyaa saamaa jiru irratti fudhataa jiru ragaa qabatamaa dha.

WBOn shira keessaa fi alaan diinonni qabsichaa xaxan hunda injifatnoon keessa hulluuqee milkiilee jajjaboo galmeessuu danda’un jabina qabsoo haqaa ummatni Oromoo geggeessaa jiruu ti. Injifatnoon WBOn diina irratti galmeessaa jiru kun wareegama lubbuu qabsa’ota qaqqaaliin argame.

Dhaabni keenya qabsoo hidhannootiin of haaromsee mootummaa garboonfataa Wayyaanee irratti tarkaanfilee WBOn fudhataa jiru kan diina rifaasisee fi kanneen qabsoon hidhannoo hin danda’amu jedhanis dhara isaanii saaxila baase dha.

Jaallan hedduun diina waliin falama gochaa jiran bilisummaa ummata Oromoo fi biyya isaanii kabajamtu Oromiyaa argamsiissuuf wareegama lubbuu fi hir’ina qaamaa kafalan hunda kabajaa jaalluummaan yaadanna. Wareegamni isaaniis akkasumaan akka hin taane kaayyoon isaan kufaniif akka galma isaa gahu of qusannoo tokko malee akka qabsoo finiinsinee Oromiyaa bilisoomsinu irbuu keenya haaromsina.

Wareegamni ummatni keenya WBO cina dhaabbatuun baasaa jiru kan ragaasisu qabsoon kun kan haqaa fi qabsoo mirgaa ta’u isaa qofa osoo hin taane mootummaan Wayyaanee qabeenyaa biyya keenyaa saamuun waraana mataa isaa hidhachiisee akkasuma mootummaa biiyya olla illee daboo kadhatee dhaaba keenya irratti duula walirraa hin citne oofaa jiraatus ABOn dagaagaa jiraachuu isin dhageesisuu danda’uf gammachuun koo dacha dha.

Ummatni keenya dhuunfaa alagaa jala jirus ta’e kan biyya ambaattii argamu daddaaqinsa malee qabsoo bilisummaa biyya keenyaaf deggeersi hamilee, yaadaa, meeshaa fi maallaqaa dhaaba keenyaaf kennaa jiru heedduu kan itti boonnuu fi jajjabeessaa dha.

Mootummaan Wayyaanee ummata keenya lafa isaa irraa buqqisee lafa Oromoo fi bosona Oromiyaa gatii rakashaan gurgurataa jira. Haallii kun kan addeessu ummata keenyaa lafa irraa duguuguuf mootummaan alagaa sagantaa yeroo dheeraa qabaataa ture galmaan gahachuuf hidhatee boba’u isaa ti.

Kanaaf, ani Oromoo dha kan ofiin jedhu hundi dhaaba keenya ABO cina dhaabbatuun diina kana yeroo gabaabaa keessatti of irraa fonqolchuuf wareegama barbaachisu akka godhu waamicha lammuummaa goonaaf.

Dhaabota maqaa ABO himatan hunda kaayyoo ganamaa kan mootummaa walaba Oromiyaa dhaabanii iggitii ittigochuu jalatti gurmaawanii akka qabsoo fuuldura tarkaanfachiisan taasisuuf Mudde 2008 waamicha gochuun keenya ni yadatama. Gartuuleen ABO ofiin jedhan hundi gaafatama kana bakkaan gahuuf ABO deebifne dhinsuu fi humneessuu walakkeessa godhannee haasaa fi marii jalqabnee yoo jiraanne illee shafisaan akka hawwamutti hin xumuratin jirra. Waggaa haaraa kana keessa maree jalqabamee jirru bifa tokkoon ni xumurra jennee abdanna. Kayyoo ganamaa dhaaba keenyaa ABO bu’uura taasifachuun tokkummaa argamuuf qabsoo gonuus wagga kanas akka itti fufnu mirkaneessina.

Garaagarummaa xixiqqaa fi kanneen diinni tahe jedhee amantii fi kutaan ummata keenya adda ciruuf yaalaa jiru diduun ummatni keenya tokkuummaa isaa yoom illee caalaa tikfatuu akka qabu yaadachiifna. Haqa jiru dhoksuuf kanneen maqaa Oromoo himataa rakkoo hin jirre ummuuf ummata keenya keessa walshakkii facaasuuf carraaqan hundas dalagaa fokkataa akkana irraa dhaabbatuu akka qaban hubachiifna. Garaagarummaa ilaalcha siyaasaa bifuma siyaasaatiin fixachuuf qophii ta’un bilchina horachuu akka qabnu kabajaan yaadachiisuu feena. Karaan bilisummaa qabsoo finiinsuu qofa akka ta’es irra deebiin hubachiifna.

Maquma dhaaba keenyaa himachuun diina biyya nu sarbee waanjoo garbummaa nu irratti fe ’ee jiru lafatti dhiisanii kanneen dhiiga qabsa’ota Oromoo dhangalaasaa jiran hundi qawwee isaanii gara lammii keenyaatti otoo hintaane gara diinaatti akka galagalchan yaadachiifna.

Gama kaaniin dhaabotni siyaasaa Oromoo kanneen walabummaa Oromiyaaf qabsaawan hundinuu walitti dhufeenya qabnu gara tumsa hojii waliin tolfatuuf dandeettii keenya walitti qindeessuun ayyinaa fi dandeettii qabsichaa dagaagsuun bilisummaa as dhiheessuun dirqama.

Yeroo dinnii alaa fi keessaan dandii walabummaa Oromoo waltajjii qabsoo irraa haquuf shira ol aanaa geggeessaa jiru kana keessatti humnootni dhugumaan walabummaa biyyaaf dhaabbanne jedhan akka duraaniitti itti fufuun bu’aa isaa irra balaa isaatu madaala jenna. Kanaaf, gama keenyaan akkuma kanaan duraa waan nu irraa eegamu gumaachuuf qophii dha. Carraa kanatti gargaaramuun maree fi hariiroo gidduu keenya jiru akka jabeessinuuf waamicha isiniif dhiheessina.
Waggaa haaraan 2011 kun kan nagaa, milkii fi injifatnoon qabsoo bilisummaa Oromoo itti mirkana’u akka ta’u hawwii koo ti.
Oromiyaan ni bilisoomti!

Dhugaasaa Bakakkoo

Dhugaasaa Bakakkoo Hayyu Duree ABO
Madda:- Oromoliberationfront.info

0 Comments:

Post a Comment

<< Home

|