Friday, August 03, 2007

Haqaan waan hin qabne Iyyaan hin argatan!!!

Abaraa Olumaatin


Yoo sabatti qoosan kaleessa akka laayyoo,
"Maal dhibdi" jechuudhaan yennaa ganan kaayyoo;
Imaanaa jallanii yennaa achi buusan,
Kaleessa yogguu sana yoom maqaa barbaadan?

Halagaan gorsamuun asiif achi utaaluun,
Tasa wanta hin taane kijibaan caraanuun;
Faallaa sabaa deemaa maqaa gaarii hawwuun,
Mulqiitii naaf kennii” halagaatti iyyachuun;
Abjuu kaleessaati; dhadhaa abidda buute!!!
Maqaa har’a hawwan isaantu of harkaa gate.



“Himata” dhaqanii waan hin taane abjoochuun,
Tasa bajuu baddee; maaf dhama’uu jarreen?

Dalagaatu muldhisa maqaa fi eenyummaa abbaa,
Nuti kan nyi beeknu seerri keenya saba;
„Mana seeraa“ isaanii eenyutu quba qaba?
Jarreen maaf maraatuu? Maaf dalagu daba?

Aadaa fi seenaan ala Safuuf saalfii gatan;
Lammii tuffatanii halagaa abdatan.
Dhugaa haguuganii kijibaan booqqatan;
Amantee gatanii gantummaa filatan.

Maqaa abbaa gatanii "AFD" jedhan;
Mee maal barbaacha egaa har’a kan dhama’an?
Oromiyaaf falmuu irra "Toopiyuummaa" filatan;
“Addunyaan luucofte” jechuun qabsoo dabsan;
“Diimokaraasii” jechuun bilsummaa dhiisan;
Maqaa isa kamiree kan jarreen barbaadan?

Kaleessa gananoo har’a eessa hafidan?
Doolaara kuma shantam ofumaa kan gatan.
Sabini isaan tufeeraa kana haa beekkatan;
Murtee jiru kanaa adaba haa godhatan.


Kaleessa utuu hin dhihin; namni utuu hin dhaga’in,
Xurii fi qullaan isaanii utuu bakkee hin ba’in;
Jaarsaaf hayyuun meeqa yoo isaanitti himu,
Gurra duuchatanii yennaa dhaban sammuu;
Jalee diinaaf ta’uuf tumsa waliin tuman,
Maqaa yennas gatanii har’a eessaa haafidan?



Eessa geessi jechuun lammii tuffatanii,
Maqaa ofii gatanii dantaa jaaldhatani;
“Qinjit, Arbaynooch” jechuun tarreessanii,
Tokkuumma Ethiopiyaaf tarree tataa’anii;
“AFD” jechuun of moggaasatanii,
Kabaja Oromummaa of irra mulqani.
Saphina isa gadhee yennaas unatanii,
Har’a maqaaf iyyuu kaleessa of gatanii?

Egaa maal hawwuree Shaneen Toophiyootaa?
Qinjit, Arbanyooch kan ta’aniif “tooftaa”
Ilmaan habashootaa kan godhatan gooftaa,
Mana seeraa hin jirre kan dhaqan himata.

Duruu qaanii beekuu? duroo gumaa nyaatan;
Ilmaan gabroomfattuu maddii kan dhungatan.
Halaaba Habashaa jala yennaa boqotan;
Safuu wallaalanii dantaadhaaf of gatan.
Lammii ofii gananii diinaan fira jedhan;
Nu hin ajaa’ibsiisu guyyaan yoo abjootan.

Dur gumaa nyaattanii maqaa abbaa gatnoo;
Eenyu isaaniif naha yoo dhaqan iyyanoo?
Dirmata hin qabani tasa dhaggeeffanoo!!!
Yaa raajii gantootaa hooda kan keessanoo!

Maqaa bilsumman dalaguudhaa daba,
Bitamtanii diinaaf gowwoomsuudhaaf saba;
Of hin gowwoomsinaa sabni ija qabaa!
Shirri isin xaxxan burkutaayee cabaa!!!

Kan sin dura turan gantoonni kaleessaas,
Warrii abbaa garaa Tigroota keessaas;
Kan Amaaratti galtan isin warri hardhaas,
Oromoon isin beekaa hin fiiginaa hangas.

Maqaan isin qabdan kan isiniif malu,
AFD irratti yoo feetan dabaluu;
GANTUU isiniin jenna!!! kan isiif tolu;
Egaa maal barbaaddu maqaa kan caaluu?

Dhugaatu isin tufe; Sabatu isin jibbe;
Waan gumaa nyaattaniif cubbuun isin gube.
Ekeraatu iyyee boqota isin dhowwa,
Imaanaa nyaattanii sichuu buutu bowwaa.
Maqaa abbaa gattanii; iyyaa ammallee booyaa!
Dhugaa irraa maqxanii gubadhaa bobayaa!

Qabsoon ummatichaa jallan hedduu qabaa,
Kanneen isa tiksan ta’aniif utubaa;
Kan kaayyoo isaa tiksan gallii isaa xumuraa,
Maqaa isaantu qabaa gantoota achi goraa.

Dadhabdanii jirtuu dhaqaatii boqodhaa!

Ilmaan habashootaa maddii dhudhungadhaa.
Warra Habashaa waliin dhaqaa ta’aa tarree,
Qaamatti xaxadhaa halaabaa minilik coraatu isin qorree.

Kan Oromiyaaf falmu Addi bilisummaa,
Kaayyoo kan godhate galii walabummaa;
Karaa irraa hin maqu dhaabbiisaa kanuma,
Maqaa fi injifannoon kan isaati gonkumaa!!!
Maqaa fi injifannoon kan isaati gonkumaa!!!

5 Comments:

At 3:54 PM, Anonymous Anonymous said...

Galatoomi, gaanii kee blisumaaaa haa ta'u. Bulii dagaagi ammallee. Gurri kee ammoo aaga haa dhaga'u, qooqaa kee bareedaa kanaaf.

Oromiyaan ni bilisomti!

Gumaa Guddaa

 
At 10:19 AM, Anonymous Anonymous said...

Bravo bro,
dragging oromo struggle to such level is unforgiable and histroy will remember as a traitors of the century.Obbo Dawud you sold oromia and with everything in it.Obbo Dawud you dragged our just a cause in which millions of oromian pershid for it.you are the most traitor i ever seen.you are million times worse than Gobana Dacee.You are one stubborn man and you are clearly a dictator.you shown us you are power monger not librator.Here I'm asking you to resign from your duty for the sake oromoos.If not you are totally. responsible

 
At 9:06 AM, Anonymous Anonymous said...

Yaa jarana, isin taa'aa wal faarssaa. Mee waa tokko sin haagaafadhu obboo Olumaa. ABO qabeenya Wallaggaa taasise? Moo yoo ABOn kan namoota Wallaggaan hingeggeeffamnne ta'e ABO biraa ijaarrachuuf iyyuu qabddu? Mee yaa dhiiroo, ABO halkanii guyyaa balaaleffachuu dhiisaa diinarratti bobba'uu yaalaa. Kan akka keessan hujii hiiketu taa'ee "QC, Shanee Gumii, ..." jechaa xeebaa oola malee amantanis amanuu baattanis yeroo ammaa uummanni oromoo ABO tokko duwwaa beeka. ABO isa qabsaawaa jiru, ABO isa bilisummaa uummataaf falmataa jiru, ABO isa WBO ijaarratee falmataa jiru! Maal jettu laata?

 
At 10:37 AM, Anonymous Anonymous said...

ABOn Jaarmaa uummata Oromooti malee kan murna Amaara farduun Amaara jala deemanii ta'uu hin danda'u. ABOn kaayyoo isaatu ABO isa godha malee maqaa isaan of yaamuun ABO murna takko hin gochisiisu. Egaa munrni shanee-Qinjit hardha Ethiopiyaa demokratessuuf iyyaa maqaa kanaan of yaamuu tasa hin qabu. Kanaaf ABOn jaarmaa bilsummaa Oromiyaatiif loluu qofa. Murni shanee-Qinijit gantuu jedhamuu malee ABO jedhamuu hin dandeessu.

Oromiyaan ni bilisoomti!

Morkataa.

 
At 3:06 AM, Anonymous Anonymous said...

Namoonnii yakkamoon nama yakkuuf yoo yaalan arguun Ajaa'iba. Nama seeraati kan ofiin jedhanii guddaa of fakkeessan hoggantoonni shanee gumii tokko tokko, dhuunfaa isaaniittillee waayee seeraa wallaaluun yoo isaan jireenya dhuunfaa isaaniitillee seeraan qajeelchachuu dadhabanii nyakka keessa seenan ragaan muldhisuun ni danda'ama. Egaa namoonni jireenya dhuunfaa isaaniillee hogganachuu hin dandeenye waayee sabaa irratti Seera beekna jechuun yoo xibaaruuf yaalan duubni isaanii qaanii akka ta'u namuu hubachuu qaba.

Injifanoon ka uummata Oromooti!

Mootii.

 

Post a Comment

<< Home

|